Oromia Islamic Television

Oromia Islamic Television Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Islamic Television, Nonprofit Organization, Minneapolis, MN.
(2)

The mission of Oromia Islamic Television is to educate and inspire our global community by embracing our faith as a guiding principle and delivering diverse knowledge and teachings.

Dorgommiin gulaallii hadiisaa biyyaalessaa marsaa 3ffaan xumuramee injifattoonni ifa ta’anOIT:- Fulbaana 29/ 2019 Finfin...
10/09/2026

Dorgommiin gulaallii hadiisaa biyyaalessaa marsaa 3ffaan xumuramee injifattoonni ifa ta’an

OIT:- Fulbaana 29/ 2019 Finfinnee

Dorgommiin biyyaalessaa marsaa 3ffaan Hadiisa Nabiyyii ﷺ irratti xiyyeeffachuun Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi Dhaabbata Mootii Moorookoo Mahaammad 6ffaa wajjiin ta’uun Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumuramee, injifattoonni isaa ifa ta’aniiru.

Sagantaa xumura dorgommichaa irratti kan argaman miseensi raawwachiiftuu Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi abbaa murtii dorgommichaa Sheek Indiriis Alii, qaamolee dorgommicha qopheessanii fi qindeessan maqaa Mana Maree Olaanaatiin galateeffataniiru.

Itti gaafatamaan itti aanaa Waajjira Koree Ulamaa’ii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa, Doktar Sheek Mahaammad Kamaal gama isaaniin, hariiroon Koree Ulamaa’ii fi Dhaabbata Moorookoo gidduu jiru dorgommii fi leenjii ijaarsa dandeettii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, gara fuulduraattis caalaatti cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Qindeessaan olaanaa dorgommichaa Doktar Abdallaa Khadir injifattoota yeroo beeksisan, dorgommii idil-addunyaa Moorookoo keessatti gaggeeffamu, biyyoonni 48 irratti hirmaatan keessatti, dorgomtoonni dameewwan sadan keessatti sadarkaa tokkoffaa argatan Itoophiyaa bakka bu’anii akka hirmaatan ibsaniiru

Jechoonni Afaan Oromoo Hedduun Ni Hiikamu! | Dogoggora Qubee, Guddina Afaan Oromoo fi Kan BirooDhimma Afaan Oromoo, dogo...
10/08/2026

Jechoonni Afaan Oromoo Hedduun Ni Hiikamu! | Dogoggora Qubee, Guddina Afaan Oromoo fi Kan Biroo

Dhimma Afaan Oromoo, dogoggora qubee Afaan Oromoo, jechoota Afaan Oromoo hiikaman, akkasumas guddina Afaan Oromoo irratti turtii bal’aa Gazexeessaa fi hayyuu afaanii Muhammad Siraj Alii waliin goone.

Afaan Oromoo akkamitti guddataa jira?
Dogoggorri qubee Afaan Oromoo maal irraa maddu?
Jechoonni Afaan Oromoo hedduun maaliif hiikamu?

Gaaffilee kanaa fi kanneen biroo irratti marii gadi-fageenyaa gaggeessine.

👉 Turtii guutuu kana YouTube OIT irratti daawwadhaa Linkiin isaa comment jala kaa’ameera.

Dorgommiin biyyaalessaa hadiisaa marsaa sadaffaa jalqabameOIT:- Fulbaana 28/2019 FinfinneeWalitti dhufeenya amantii fi d...
10/08/2026

Dorgommiin biyyaalessaa hadiisaa marsaa sadaffaa jalqabame

OIT:- Fulbaana 28/2019 Finfinnee

Walitti dhufeenya amantii fi dhaabbilee Islaamaa Itoophiyaa fi Morookoo gidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate, dorgommiin biyyaalessaa hadiisaa marsaa sadaffaa jalqabameera.

Dorgommichi Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, Koree Ulamootaa fi yaa'ii Ulamoota Afrikaa kan Mootii Morookoo Mahaammad 6ffaa waliin qopheessaniiru.

Dursaa Itti-aanaan Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, Sheek Abdulkarim sheek Badraddiin, dorgommiin kun walitti dhufeenya dhaabbilee Islaamaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti akka cimsu ibsaniiru.

Itti-aanaan Hogganaa Koree Ulamootaa Itoophiyaa, Sheek Mahaammad Hasan, dorgommichi beekumsa hadiisaa babal’isuu, Sunnaa Nabiyyii Muhammad (SAW) hordofuu fi barumsa Islaamaa dhaloota dargaggootaaf dabarsuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Dorgommicharratti Ulamoonni, bakka bu’oonni dhaabbilee amantii fi keessummoonni hedduun argamaniiru.

10/06/2026

Jechoonni Afaan Oromoo Hedduun ni Hiikaman || Gazexeessaa Muhammad Siraj Ali || guutuu isaa Kamisa galgala sa’aatii 2:00 nu eega.

Muhaammad Siraaj Alii kessummaa podcast fikraa keenna torban kanaati.Dhimma hanqinoota fi dogongora Afaan Oromotiin wal ...
10/06/2026

Muhaammad Siraaj Alii kessummaa podcast fikraa keenna torban kanaati.

Dhimma hanqinoota fi dogongora Afaan Oromotiin wal qabate irratti marii gooneerra.

Guyyaa kamiisaa galgala sa'aatii 2:00 irratti nu eegaa

Konfiransiin Qur’aanaa  Idil-addunyaa Doohaatti eegalameIOT:- Fulbaana 26/2019 FinfinneeMagaalaa guddoo Qatar, Doohaatti...
10/06/2026

Konfiransiin Qur’aanaa Idil-addunyaa Doohaatti eegalame

IOT:- Fulbaana 26/2019 Finfinnee

Magaalaa guddoo Qatar, Doohaatti, konfiransiin Idil-addunyaa mata-duree “Qur’aanaa fi Beekumsa Ilma Namaa” jedhuun yeroo lammaffaaf gaggeeffamuu jalqabeera.

Konfiransichi ministeera dhimma Islaamaa fi Awqaafaa Qatar, Yunivarsiitii Dohaa waliin ta’uun qophaa’e.

Sagantaan kun qorattootaa fi hayyoota biyyoota sagal irraa dhufan kan hirmaachise yoo ta’u, kaayyoon isaa qajeelfama Qur’aanaa irratti hundaa’uun beekumsa ilma namaa fi qaroomina guddisuudha jedhame.

Daayirektarri Faakaalitii Shari’aa fi Qorannoo Islaamaa Yunivarsiitii Dohaa, Doktor Ibrahim bin Abdullah Al-Ansari, akka jedhanitti, Qur’aanni seenaa keessatti hundee qaroomina Islaamaa fi madda ogummaa hayyootaa ta’ee tajaajilaa tureera jedhan.

Hawaasni Muslimaa damee saayinsii fi qorannoo keessatti sadarkaa olaanaa irra kan ga’e, yeroo Qur’aanaaf gahee hoggansaa kennuun qajeelfama isaa hojii irra oolche ta’uu isaanii himaniiru.

Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti, qajeelfama Qur’aanaa hordofuun beekumsa cimaa horachuun barbaachisaa ta’uu illee dhaamsa isaanii keessatti ibsaniiru.

Gama biraatiin, konfiransicharratti dameewwan falaasamaa, afaanii, seeraa fi siyaasaa irratti qorannoowwan hedduun dhiyaataniiru.

Walumaagalatti, cuunfaawwan qorannoo 2,000 ol sakatta’aman keessaa qorannoowwan 17 filatamoo ta’an filachuun konfiransicharratti dhiyaataniiru.

Qorannoowwan kunneen Qatar, Morookoo, Aljeeriyaa, Masrii, Turkii, Yaman, Omaan, Iraaq fi Sudaan irraa kan dhufaniidha.

Kaayyoon guddaan konfiransichaa, beekumsa saayinsawaa ilma namaa naamusa, duudhaa fi gatiiwwan Qur’aanaa waliin walitti fiduun guddina fi qaroomina ilma namaa cimsuudha jedhameera.

10/06/2026

Dargaggeessa Nabi Muhaammad ﷺ arrabse irratti murtiin du'aa murame.OIT:-Fulbaana 26/2019 FinfinneeWeellisaa fi raapparii...
10/06/2026

Dargaggeessa Nabi Muhaammad ﷺ arrabse irratti murtiin du'aa murame.

OIT:-Fulbaana 26/2019 Finfinnee

Weellisaa fi raapparii beekamaan Iraan, Amir Hossein Maghsoudloo, kan Amir Tataloo jedhamee beekamu, Nabi Muhammad ﷺ arrabsuu isaatiin mana murtii Iraanitti murtiin du’aa itti darbeera.

Tataloon jalqaba hidhaan waggaa shanii itti murtaa’ee kan ture yoo ta’u, erga dhimichi irra deebi’amee ilaalamee booda, mana murtii biraatiin himannaa Nabi Muhaammad ﷺ arrabsuu irratti murtiin du’aa itti murtaa’eera.

Murtiin kunis Mana Murtii Waliigalaa Iraaniin kan mirkanaa’e ta’uun ibsameera.

Tataloon himannaa addaatiin, mootummaa Iraaniin “mancaatii fi safuu cabsuu babal’isuu” jedhamee ibsameen, waggaa kudhan hidhaa biraa keessa jira.

Abukaatonni isaa ammoo Keeyyata biyyattii 477 Seera Adeemsa Yakkaa Iraan irratti hundaa’uun, murtiin du’aa kun irra deebi’amee akka ilaalamuuf iyyata dhiyeessaniiru.

Amir Tataloo dhuma bara 2023 keessa Turkii irraa gara Iraanitti dabarfamee kan kenname yoo ta’u, yeroo dheeraaf hojii sirbaa, dubbiiwwan falmisiisoo fi sochii miidiyaa hawaasaa isaatiin beekamaa ture.

Dhimmi isaa amma adeemsa irra deebiin ilaalamuu keessa kan jiru yoo ta’u, murtiin du’aa kun hanga adeemsi seeraa xumuramutti bu’aa jijjiiramaa qabaachuu danda’a jedhamee eeggama.

Leenjiin dandeettii hoggantootaa fi abbootii murtii manneen murtii Shari’aatiif kennamu jalqabameOIT:- Fulbaana 25/2019 ...
10/05/2026

Leenjiin dandeettii hoggantootaa fi abbootii murtii manneen murtii Shari’aatiif kennamu jalqabame

OIT:- Fulbaana 25/2019 Finfinnee

Manni Murtii Olaanaa Shari’aa Federaalaa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, Kutaa ulamaa waliin ta’uun leenjii dandeettii cimsuu guyyaa 10f qophaa’e magaalaa Finfinneetti kennuu jalqabeera.

Sagantaa baniinsa leenjichaa irratti kan argaman Itti Aanaa Pirezidaantii Kutaa ulamaa, Sheek Junaayid Haamzaa Yuusuf, gaaffii hawaasa Muslimaa kan ture bulchiinsa gaarii fi tajaajila haqaa fooyyessuuf, labsii manneen murtii Shari’aa Federaalaa lakkoofsa 1428/2018 kan labsii lakkoofsa 188/1992 guutummaatti bakka bu’u mana maree bakka bu’oota Ummataatiin ragga’ee hojii irra ooluu ibsaniiru.

Murtiin haqaa hawaasummaa mirkaneessuu fi mirga namootaa kabachiisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf, hirmaattonni leenjichaa barumsa isaaniif kennamu xiyyeeffannoon akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin mana murtii olaanaa Federaalaa Shari’aa, Sheek Makataa Muhee, gama isaaniin tajaajila murtii qulqullina qabu kennuuf humni namaa beekumsa, dandeettii fi ilaalcha barbaachisaa qabu murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Mana murtiichaa keessatti caasaa dhaabbatichaa kan cimsan sirnoota hojii diriirsuu cinatti, dandeettii ogeessotaa guddisuuf hojiiwwan leenjii fi ijaarsa dandeettii cimsan jabeessuun akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Sagantaa guyyaa 10f turu kana irratti pirezidaantonni manneen murtii Shari’aa Federaalaa fi naannolee akkasumas abbootiin murtii mana murtii Federaalaa Shari’aa fi Qaadiwwan, hirmaachaa jiru.

Hujjaajota Itoophiyaa 8,000f tajaajila hajjii kennuuf waliigalteen mallatteeffameOIT:- Fulbaana 25/ 2019 FinfinneeMana m...
10/05/2026

Hujjaajota Itoophiyaa 8,000f tajaajila hajjii kennuuf waliigalteen mallatteeffame

OIT:- Fulbaana 25/ 2019 Finfinnee

Mana maree olaanaa dhimmoota islaamaa Itoophiyaa fi dhaabbata maashaariq al-maasiya gidduutti waliigalteen mallatteeffame

Dameen hajjii fi umraa mana maree olaanaa dhimmoota islaamaa Itoophiyaa, hajjii bara 2019 A.L.I. (1448 A.H.) irratti tajaajila qulqullinaa fi saffisaa hujjaajota Itoophiyaa 8,000f kennuuf, dhaabbata tajaajila hajjii fi umraa Saudi Arabiyaa keessatti argamu, Maashaariq al-maasiya, waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltee kana magaalaa Makkaatti, gaggeeffame kanas mana maree olaanaa dhimmoota islaamaa Itoophiyaa bakka bu’uun itti gaafatamaan kutaa hajjii fi umraa, Doktor Mahaammad Saaliih Jamaal, akkasumas daayirektarri olaanaa Maashaariq al-maasiya, Ba**er bin Abdurrahmaan al-Damhanhuuri, mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun hujjaajota Itoophiyaa 8,000 kanneen hajjii bara 2019 A.L.I. (1448 A.H.) irratti hirmaatanif tajaajiloota kennaman karaa qindaa’aa, qulqullina qabu, nageenya isaanii mirkaneessuufi itti-gaafatamummaa irratti hundaa’een akka kennaman taasisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Sadarkaa itti aanaa pireesdaantii mana marichaatti Itti gaafatamaan Damee hajjii fi umraa, Dr Mahaammad Saaliih, qophii bara hajjii 2019 A.L.I. (1448 A.H.) sirna ammayyaa fayyadamuun qindaa’ee, haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigalteen Maashaariq al-maasiya waliin mallatteeffame hojiiwwan qophii hajjii keessaa tokko ta’uu kan ibsan Dr Mahaammad Saaliih Jamaal, kutaan hajjii fi umraa gara fuulduraattis ministeera hajjii fi umraa Saudi Arabiyaa fi dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin qindoomina qabu cimsuun akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Majliisatu gabaase

Address

Minneapolis, MN
55404

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Islamic Television posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Islamic Television:

Shortcuts

Share