Konyaa ABO Washington DC

Konyaa ABO Washington DC Fuulli kun kan Konyaa ABO Washington DC dha. Kana irratti kan maxxanu wa'ee qabsoo ummata Oromoo ilaa

05/10/2026
https://www.facebook.com/share/p/1B5ZQicH4q/
08/13/2025

https://www.facebook.com/share/p/1B5ZQicH4q/

Sab-boontuu Oromoo Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) Du’aan Boqotan

Haati Warraa Dr.Taaddasaa Fidoo Eebbaa sab-boontuu Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) Hagayya 10, 2025 Washington DC.tti du’a tasaan boqotuu isaanii ABOn beeksise.

Haati Urjii umrii isaanii dargaggummaa irraa qabanii qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan kabajamuu mirga ummataa isaaniif, Bilisummaadhaaf qooda isaan irraa barbaadamu kennaa turuus hubachiiseera.

Haalota ulfaatoo fi rakkisoo keessa murannoodhaan darbuun jabina isaanii mul’isaniiru.

Sirni geggeessaa isaaniis Hagayya 17, 2025tti kan geggeeffamu tahuu sagantaa ba’e irraa beekuun danda’ameera.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, du’aan boqotuu sab-boontuu Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii)tti gaddi itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibseera. Maatii fi firootaafis jajjabina dabarsee jira.

Abbaan Warraa Haadha Urjii, bu’uuressitoota ABO keessaa tokko kan ta’anii fi hayyuun Oromoo Dr.Taaddasaa Fidoo Eebbaa, Caamsaa 01, 2022tti boqotuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Kabajamoo hordoftoota keenya seenaa jireenya Aadde Addisee Gannatii (Haadha Urjii) fuula duratti kan dhiheessinu tahuu isin beeksisna.

https://www.facebook.com/share/15gSLF4MuG/
07/24/2025

https://www.facebook.com/share/15gSLF4MuG/

Nagadi Siyaasaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Maqaa Dhahatee Geggeeffamu Eessayyuu Gahuu Hin Danda’u!

Finciloota garagaraa, kan diddaa gabrummaa, cunqursaa fi saaminsaa ummatni Oromoo baroota duraa bifaa fi karaa adda addaan geggeessaa ture kaayyoon isaa sirna cunqursaa alagaa of irraa darbuuf ture. Sochii Oromoo bifa faffaca’aan deemaa ture kana walitti fidee, ititchee bifa jaarmaa qabsiisee geggeessaa kan turee fi jiru ABOn, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kana iddoon gahuuf deemsa qabsoo hadhaawaa baroota 50 olii deemsise keessatti wareegama ulfaataa fi hadhaawaa himuun ulfaatu baasee saba Oromoo iddoo amma jiru kanaan gahuu danda’e.

Deemsa qabsoo ulfaataa kana keessatti qonnaan bulaan Oromoo, beekaa fi hayyuun, daldalaan, barataan, hawwan, shamarran, xiqqaa fi guddaan, waliigalatti murnootni hawaasa Oromoo cufti kumaa kitilaan wareega lubbuu baasaniiru. Dachaan kanaa qaamaa hir’ataniiru. Qabeenya itti dhabaniiru. Biyyaas itti ari’amaniiru. Qabsoo bilisummaa kanaaf gatii guddaan kafalamee saba Oromoo dhabama irraa hambisuun danda’ame. Ilmaan Oromoo qaqqaalii, gootowwan sabaa, baddaa fi gammoojjiitti, magaalaa fi baadiyaatti, biyya keessaa fi alatti, hidhaa diinaa keessatti Bilisummaa Saba Oromoof, kabajamuu mirga dhala namaaf osoo falmanii wareega lubbuu baasan kana ABOn guyyaa kabajamaa kenneefii Ebla 15 wagga waggaan akka yaadataman taasise. Kabajaa fi ulfinnis isaaniif mala!

Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo kan abbootni keenya wareega lubbuu itti kafalan, kan hanga har’aatti illee falmaan dhalootaan itti fufee jiru Bilisummaa ummata Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuu, Oromoo biyya isaa irratti dhugaan abbaa biyyaa taasisuu dha. Mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomee, sabni Oromoo akkaataa itti buluu qabu irratti sodaa fi bir’annaa tokko malee, dhiibbaa fi sodaachisa qaama kamiinuu alatti sagalee isaatiin fedha isaa akka murteeffatu dandeessisuu dha.

Deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo danquuf, akeekaa fi kaayyoo qabsoo kanaa gufachiisuuf, ykn ammoo dabsanii akkaa fi karaa malee dhiheessuu, dantaa fi fedha dhuunfaa ofiif, siyaasa rakasa kan yeroo ittiin geggeeffatuuf, shirrii, olollii fi duullii qabsoo bilisummaa kanaa fi qabsicha kan hoogganu ABO irratti hin geggeeffamin hafe hin jiru.

Diinotni, farreen, fakkeessitootni, ayyaanlaallattootnii fi sagaagaltootni siyaasaa yeroo yeroon qabsoo bilisummaa Oromoo kan lubbuun ilmaan Oromoo qaqqaaliin Bilisummaa ummata kanaa mirkaneessuu fi Biyya Oromoo Oromiyaa argamsiisuuf itti bahe kana busheessuu fi gatii lubbuu kaayyoo haqaaf kafalame kana gatii dhabsiisuun yeroo nagada siyaasaa ittiin geggeeffatan, fedha ofii ittiin guuttatuuf shiran mul’ataniiru. Shirootnii fi dabi akkanaa qabsoo bilisummaa Oromoo irratti waggootii darban keessa bifa garagaraan, bakkaa fi yeroo adda addaatti mumul’ataa turan. Har’as shirootni fakkaatoon maqaa qabsoo bilisummaa Oromoo dhahatee, garuu faallaa qabsoo bilisummaa saba Oromoo ta’e deemsisamaa jiraachuun ni mumul’ata.

Inni impaayera tiksus, inni karaa ittiin aangoo imaayeraatti dhufuu hawwus maqaa dhahatee kan kakatuu fi dhugaatti dhimma Oromoo fakkaatee kan of himu qabsoo bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo maqaa dhahatuudhaani. Kaayyoon ittiin masakaman garuu faallaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo ti.

Waltajjiilee garagaraa argatanii fi uummatan irratti maqaa qabsoo saba kanaan lallabu; waan Oromoof quuqaman of fakkeessu. Keessa isaanii garuu akeeknii fi kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo tokkollee hin jiru. Fedha Oromoo alatti, tokkummaa humnaa jalatti, sirna impaayerummaa Itoophiyaa keessatti Oromoo ittisuun akeeka isaanii ti. Kanaan waan masakamaniif, qabsoo bilisummaa Oromoo kan dhugumaan Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa argamsiisuuf ABOn geggeeffamu jibbu; ifaa fi dhoksaan dura dhaabbatu; danda’an dhabamsiisuuf, dadhaban ammoo laaffatee akka jiraatu gochuuf karaa hundaan irratti duulu.

Dhagaan gamaa gamanaa darbatamu, olollii fi lallabi kallattii adda addaan waltajjiilee garagaraa irraa dhaga’aman martuu qabsoo haqaa haguuguuf, hurrii maruuf, dantaa fi siyaasa ofii ittiin tarkaanfatuuf abbaluu yo ta’e malee, dhugaatti saba kanaaf yaadamee, dhugumatti Bilisummaa addunyaan beektutti ummata kana ceesisuuf akka hin taane beekamaa dha. Kanneen hin beeknee fi afanfajjawan ammoo dammaquu qaban.

Hunda caalaa qaanfachiisaan kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan ilmaan Oromoo kumaa kitilaan lubbuu itti wareeganii fi ittis jiran akka malee dhimmi yeroo itti ba’amu mul’atuu dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo milkaa’ee masaraa mootummaa Minilik seene hin jiru. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoos Masaraa Minilik dhuunfatuun sirna cunqursaa jiraachisuu miti. Waan hin haalamne garuu warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoon finiinee mootummaa wayyaanee/EPRDF kufaatii jalaan gahe butatuun murni EPRDF keessaa maqaa PP moggaafatee fi “Mootummaa Oromoo of fakkeesse” aangoo Itoophiyaa dhuunfatuun sirna cunqrusaa Itoophiyaa ummata Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota kaan irratti itti fufsiisuu dha.

Waggoota torban bara mootummaa paartii Badhaadhinaa kan amma qabsoon Oromoo miilkaa’ee Kiiloo 4 seenee jira jedhee ololu kana keessa, akka sabaatti gaaga’amni gama hundaan ummata Oromoo mudate sirnoota Itoophiyaa darban kamuu kan caalee argame ta’ee mul’atuu isaa ti.

Bara bittaa PP kana keessa duuti qe’ee Oromootti gale, hidhaan, gidiraan, saamichi, salphinnii fi waraanni Oromoo irratti labsame bakka irraa qabanii dubbatan hin qabu. Kan dur seenaa keessatti dhagahamu bara bulchiinsa PP kana keessa Oromoon mormi irraa muramee mukatti fannifamee dirreetti agarsiisame. Bara badhaadhinaa kana keessa reeffi dhala Oromoo kabajaa dhabee harreetti fe’amee ummatni ba’ee akka daawwatu godhame. Qaanii fi salphinni kana caalu hin jiru. Qabsoon bilisummaa Oromoo milkaa’ee galma Masaraa Minilik Kiiloo 4 seene jedhamee irraa ololamu egaa isa kana. Kun qabsoo Oromoo fi ummata Oromootti qoosuu dha. Kana irra darbee waan ibsuu danda’u hin qabu.

Walumaagala qabsoo bilisummaa Oromoo maqaa dhahatee nagadi siyaasaa geggeeffamu afuura baafannaa yeroo gabaabduu yoo tahe malee, sana irraa darbee bu’aan argamsiisu akka hin jiraanne hubatamuu qaba. Ummatni Oromoos qaamota akkanaa kanneen qabsoo isaa nagada siyaasaa godhatanii dantaa isaanii ittiin guuttatuu fi ittiin eeggatuuf abbalan irratti dammaquu fi kijiba isaanii bakka dhabsiisuu qaba.

Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo kan galma ga’u gaafa ummatni Oromoo Bilisummaa dhugaa gonfatee fi biyya isaa Oromiyaa fi qabeenya isaa harkatti galfatee mirga guutuu irratti qabaatee dha. Isa kana mirkaneeffatuuf ammoo dhaaba isaa ABO jalatti ijaaramee akkuma waggoota 50n darban falmataa ture, ammas karaan bilisummaatti geessu karaa ABO tahuu hubatee jalatti gurmaa’uun kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo milkeessuuf falmaa itti fufuu qabaan dhaamsa keenya.

Waajjirri ABO Gullallee Dhaabichaaf Deebi’eWaxabajjii 09, 2025 guyyaa har’aa ABOn ifatti (officially) Waajjira isaa Wiir...
06/09/2025

Waajjirri ABO Gullallee Dhaabichaaf Deebi’e

Waxabajjii 09, 2025 guyyaa har’aa ABOn ifatti (officially) Waajjira isaa Wiirtuu (Gullallee) bakka Hoogganootni Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhatee jira. Tattaafata yeroo dheeraa godhameen kun xumuramuun kaanitti nu tarkaanfachiisa jennee abdanna.

Kana xumuruuf kanneen nu gargaaran Boordii Filatnoo Biyyoolessa Itoophiyaa, Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee fi miseensotni hifannaa tokko malee itti dadhabaa bahan galata guddaa qabu. Akka waliigalaatti qaamotni kana irratti tumsa (cooperate) gootan galata qabdu.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 09, 2025
Finfinnee

Address

806 Kennedy Street NW
Washington D.C., DC
20011

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Konyaa ABO Washington DC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Featured

Share