05/13/2026
SARBAMA MIRGA NAMOOMAA FI ITTI GAAFATAMUMMAAN DHABAMUU OROMIYAA KEESSATTI: GABAASA WAGGAA (2025)
Dhaabbanni Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association (OLLAA) gabaasa isaa kan waggaa mata-duree "Violence and Impunity: Civilian Suffering in Oromia, Ethiopia (2025)" jedhamu ifatti maxxansuun baasee jira.
Gabaasni kun miidhaa suukanneessaa lammiilee nagaa (civilians) irratti bara 2025 oromiyaa keessatti raawwatame ragaalee qabatamaa, af-gaaffii miidhamtootaa fi ragaalee Amanamoo biro waabeffachuun kan qindaa'e dha.
Gabaasa kanaan Sarbama Mirga Namoomaa Lammiilee nagayaa 361 ta'an irratti Gochaale akka ajjeechaa Suukanneessaa, hidhaa seeraan alaa (arbitrary detention), Humnaan butanii dhabamsiisuu (enforced disappearances), fi gochoota Dararaa hamaa (torture) galmeessee jiraachuu ibsamee jira. Ragaan OLLAA'n funaane kun akka agarsiisutti gochoonni kunneen Naannoo Oromiyaa kutaa hunda keessatti baayyinaan raawwatamaa akka turan ni agarsiisa.
OLLAA’n akka ibsetti, gochoonni kun qaamolee nageenyaa kan mootummaa fi gareewwan hidhatanii beekkamtii mootummaan ala socha'aniin kan raawwataman tahuu ni mul’isa. Gama biraan, qaamolee sarbama mirga namoomaa raawwatan irratti Itti- gaafatamummaan fudhatamuu Dhabuun lammiileen nagayaa murtii haqaa, eegumsa, fi beekamtii malee kiyyoo waraanaa keessatti gochaaleen hammeenyaa kun haala suukanneessaan akka babal’atanii raawwataman taasiseera.
OLLAA'n Gabaasa isaa keessatti akka ibsetti sababa rakkoo Nageenyaa hammaataa, uggura sosochii geejjibaa fi sababoota birootiin iddoo sarbama mirga namoomaa raawwatame hunda dhaqqabuu dadhabuun lakkoofsi namoota gochaan kuni irratti raawwatame hin galmooyne.
Kanaaf Namoonni miidhaan irra dhaqqabe kan gabaafame kana caalaa guddaa ta’uu akka danda’u gabaasichi ni akeeka.
Haaluma kanaan, Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association (OLLAA) dhimma kanaaf xiyyeeffannoo hatattamaa kennuudhaan lammiilee nagaatiif eegumsi akka godhamu, sarbama mirga namoomaa raawwatame irratti qorannoon walabaa fi gadi fageenyaan akka gaggeeffamu, akkasumas kallaattii furmaataa itti-gaafatamummaa mirkaneessuu irratti hirmaannaan Qaamolee biyya keessaa fi idil-addunyaa akka cimu waamicha dhiyeessa.
📖 Gabaasa guutuu dubbisuuf linkii gadii fayyadamaa: https://ollaa.org/violence-and-impunity-civilian-suffering-inoromia-ethiopia-2025/
📧 Quunnamtii Miidiyaaf: [email protected]
Executive Summary Since 2018, the Oromia region of Ethiopia has been affected by open warfare and protracted armed conflict involving Ethiopian federal and regional government…