Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association - OLLAA

Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association - OLLAA This is the official page for the Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association (OLLAA).

02/13/2026

Rights Watch urges leaders at summit to address crisis

Human Rights Watch ( ) has called on African and international leaders attending the 39th African Union (AU) summit in Addis Abeba to speak out on the deteriorating human rights situation in Ethiopia and the fragile peace in the Tigray region.

In a statement released today, the rights group highlighted renewed fighting in late January between the Ethiopian army and Tigrayan forces in central and southern , which has caused widespread displacement.

HRW also pointed to ongoing hostilities in the region, where Ethiopian authorities have accused neighboring of backing armed groups.

The group said AU leaders should not fear alienating Ethiopia, but instead use the summit as an opportunity to prioritize civilian protection. HRW urged that all actors, including signatories and non-signatories to the November 2022 Pretoria Cessation of Hostilities Agreement, be called upon to safeguard civilians, ensure aid access, and uphold basic services and transitional justice measures.

For more, click on the link in the comment section. Addis Standard

📢 IYYANNOO ARIIFAATAA: Sarba Mirga Dhala Namaa Suukanneessaa (Harargee Lixaa, Aanaa Habroo)“Mirgi jiraachuu lammiilee ka...
12/25/2025

📢 IYYANNOO ARIIFAATAA:
Sarba Mirga Dhala Namaa Suukanneessaa (Harargee Lixaa, Aanaa Habroo)
“Mirgi jiraachuu lammiilee kabaja dhabee, qawweedhaan dhiigni qulqulluun dhangala’aa jira!”
Dhaabbanni OLLAA Godina Harargee Lixaa, Aanaa Habroo, Araddaa Wennee Qalloo keessatti gocha Sarba Mirga Dhala Namaa sukanneessaa ta’e, humnoota milishaa mootummaatiin raawwatame gadda guddaan balaaleffata.

Odeeffannoon naannoo sanaa nu ga’e akka mirkaneessutti, jaarsa biyyaa fi abbaa ilmaan kudhanii kan ta’an Obbo Mohammed Husseen Yuusuf, guyyaa adii osoo nagaayan hojii isaanii hojjechaa jiranii milishaan itti dhukaasuun ajjeesan.

Jiraattonni akka ibsanitti Sababni Ajjeechaa kanaa Milishaan Ganda "Maallaqa nuuf kenni" jedhanii gaafannaan, Obbo Mohammed "Hin qabu" jedhanii diduu isaanii qofaadha jechuun dubbatu.
Gochaan gosa kanaa Aanaa Habroo keessatti milishaan akka fedhetti namoota nagaa irratti raawwatamaa jirachuus dabaluun ibsu.

⚖️ Sarba Mirga Dhala Namaa (Human Rights Violation)
Gochi kun seera biyya keessaa fi sanadoota mirga dhala namaa idil-addunyaa kallattiin kan sarbeedha:
Namni kamiyyuu sababa malee lubbuun isaa darbuu hin qabu. Akkasumaas, Milishaan nageenya eeguu qabu lammiilee irraa maallaqa humnaan sassaabuun yakka guddaadha.
Dhaabbanni OLLAA Dararaa fi ajjeechaa siviilota Oromoo irratti sababa malee raawwatamu kana cimsee balaaleffata.

Godina Boorana bahaa, aanaalee Gumii eldalloo fi Liibanitti humni addaa naannoo Somaalee uummata nagaa irratti haleellaa...
12/22/2025

Godina Boorana bahaa, aanaalee Gumii eldalloo fi Liibanitti humni addaa naannoo Somaalee uummata nagaa irratti haleellaa raawwate jedhame. Dhimma kana mootummaan qorachuudhaan furmaata hatattamaa kennuu qaba.https://web.facebook.com/share/p/1Ct25yGPVz/

Godina Boorana Bahaa aanaalee Gumii Eeldalloo fi Liibanitti humni addaa mootummaa naannoo Somaalee haleellaa uummata nagaa irratti banuu jiraattonni himan.

Jiraattonni OMN'f yaada kennan, haleellaan kaleessa baname har'as jabaatee itti fufuu dubbataniiru.

Aanaa Gumii Eeldalloo ganda Qoraattii jedhamutti akkasumas aanaa Liiban Ganda Simmintoo jedhamutti haleellaa humnoonni mootummaa naannoo Somaalee raawwataniin miidhaa jabaan uummata nagaa irra gahuu himaniiru.

Lafti lafa keenya, qe'ee keenya kan jedhan jiraattonni, sababni haleellaa mootummaa naannoo Somaalee babal'ifannaa fi weerara lafaati jedhan. Lafti amma haleellaan itti baname naannoo Somaalee waliin wal hin daangessuu jedhan.

Haleellaa mootummaa naannoo Somaaleetiin kaleessa nama 5tu nurraa wareegame kan jedhan jiraattonni, namoonni biroon 8 immoo madaa'uu himaniiru.

Namoonni madaa'an gara dhaabbilee fayyaa garaagaraatti ergamuus eeranii, haleellaan kun har'as itti fufee namoonni hedduun miidhamaa akka jiran dubbataniiru.

Uummanni hanga danda'e ofirraa ittisuuf yaalaa akka jirus jiraattonni OMNtti himaniiru.

Mootummaan Oromiyaa humna nageenyaa akka bobbaasee warra daangaa cabsee dhufee uummata haleelaa jiru akka ofduuba deebisu jiraattonni gaafataniiru.

Magaala Sandaafaa bakkeetti hojjattuu baankii Daldala Itiyoophiyaa fi haadha ijoollee lamaa kan taate aadde Adaanach Kum...
12/19/2025

Magaala Sandaafaa bakkeetti hojjattuu baankii Daldala Itiyoophiyaa fi haadha ijoollee lamaa kan taate aadde Adaanach Kumsaa rasaasan ajjeefamte jedhame. Mootummaan nama yakka suukaneessaa kana raawwate hatattamaan seeratti dhiyeessuu qaba. https://web.facebook.com/share/p/14RRubiFfLB/

Aadde Adaanach Kumsaan haadha ijoollee lamaati. Hojjettuu baankii daldalaati, magaalaa Sandaafaas jiraatti.

Jalqaba torban kana garuu Finfinneetti leenjii ooltee osoo ijoollee isheetti deebituu ajjeefamuu maatiin himu.

Qorannoon poolisiin hanga ammaatti taasise akka mul'isutti, miidhamtuun tunii fi shakkamaan hariiroo jaalalaa kan qabu. Obboleessi garuu..

➡️ https://bbc.in/4p7xifh

Oromiyaatti bara 2025 namoonni rakkoo nageenyaatiif qe'ee isaanii irraa buqqa'an 280,000 (kuma dhibba lamaafi kuma sadde...
12/18/2025

Oromiyaatti bara 2025 namoonni rakkoo nageenyaatiif qe'ee isaanii irraa buqqa'an 280,000 (kuma dhibba lamaafi kuma saddeettama) ta'uu dhaabbanni Intarnaashinal Riskii Komitee (IRC) beeksisuun gabaafame. Mootummaa fi dhaabbileen gargaarsa namoomaa hundi rakkoo kanaaf birmatanii furmaata akka godhan OLLAA'n waamicha dhiyeessa. https://web.facebook.com/share/p/1UZgo4Uda1/

Bara 2025 Oromiyaatti namootni kuma 200fi kuma 80 ol sababa rakkoo nagaa buqqa’uu dhaabbati IRC ibse

Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Intarnaashinaal Riskii Koomitee (IRC) bara goolabamaa jiru kana 2025tti Oromiyaa keessatti qofaa namootni kuma 200fi kuma88 sababaa rakkoo nageenyaa buqqa’uu ibse. Dhaabbatichi walitti bu’iinsi naannocha keessatti mudataa ture jiruufi jireenyi jiraattota naannoo kanaa barbadeessuu, hanqina midhaan nyaataa daa’immanii hamaa dhaqqabsiisuufi maatiiwwan qe’ee akka baqatanis taasiseera jedhe.

Guutuun odeessa kanaa saanduqa yaadaa keessa jira
Suura/WFP

Humni waraana Faannoo Wallagga bahaatti uummata nagaa buqqaasuu itti fufuudhaan hanga lafa cinaa magaala Naqamtee gahuun...
12/17/2025

Humni waraana Faannoo Wallagga bahaatti uummata nagaa buqqaasuu itti fufuudhaan hanga lafa cinaa magaala Naqamtee gahuun gabaafame. Mootummaan xiyyeeffannaa kennee rakkoo kana dhaabsisuu qaba. Namoota hamma ammaa buqqa'aniifis gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu gochuu qaba. https://web.facebook.com/share/r/17s9ppEJx3/

Godina Wallagga bahaa, aanaa Guutoo giddaatti humni Faannoo uummata nagaa buqqisaa jiraachuun himame. Mootummaan dirqama...
12/15/2025

Godina Wallagga bahaa, aanaa Guutoo giddaatti humni Faannoo uummata nagaa buqqisaa jiraachuun himame. Mootummaan dirqama lammiilee nagaa eeguuf qabu sirnaan bahachuu qaba. https://web.facebook.com/share/p/14UsHV7WWvg/

Godina Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaatti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummata buqqaasaa jiraachuun ibsame.

Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan magaalaa Luugoo jedhamuu uummanni garmalee buqqaafamee gara magaalaa Ukkee jedhamutti baqataa jiraa jedhan.

Humnoonni finxaaleyyii Faannoo qabiyyee keessa socho'an hanga dhiheenya magaalaa Naqamteetti babal'ifachuu himaniiru.

Duraan dhimma rakkoo aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuutu dubbatamaa jira kan jedhan jiraattonni, amma magaalaa Naqamtee irraa fageenya Kiilomeetira 35 hin caalle irratti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummata buqqaasaa jiraachuu himaniiru.

Aana Guutoo Giddaa magaalaa Luugoo jedhamutti haleellaa raawwatanii uummanni buqqaafamee gara magaalaa Ukkeetti baqatee jedhu.

Raayyaan ittisa biyyaa uummata dhiisee bahuu jiraattonni eeranii, milishootaa fi miseensota humna farra riphee lolaa Oromiyaa muraasa qofaatu achi turee jedhan.

Lakkoofsaan muraasa waan ta'aniif finxaaleyyii naannoo Amaaraatii humna dabalatanii aanaalee naannoo Oromiyaa naannawaa sanaa keessaas walitti sassaabamanii jigiin yaa'an ittisuu akka hin dandeenye jiraattonni OMNtti himaniiru.

Humnoonni kun yeroo haalli itti cime huccuu isaanii jijjiirratanii, meeshaa isaanii dhoksaniitu jiraattota nagaa fakkaatanii jiraatuu jedhu.

Kana caasaan mootummaas inuma beeka tarkaanfii jabaa irratti fudhachuu hin barbaadan jedhu jiraattonni.

"Reporters without borders" dhaabbanni mirga gaazixeessitootaaf mormu walabummaan miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti baroot...
12/12/2025

"Reporters without borders" dhaabbanni mirga gaazixeessitootaaf mormu walabummaan miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti baroota dhiyoo argame duubatti deebi'e jedhe. Mootummaan Itiyoophiyaa dhimma kana ilaalee akka sirreessu waamicha dhiyeessina. https://web.facebook.com/share/p/1D1cLKzdbu/

Itoophiyaatti walabummaan miidiyaa baroota dhiyoo argame, baay’een duubatti deebi’ee jira jedhe gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu 'Reporters Without Borders'.

👉🏾 https://bbc.in/4rQGG9r

Abbaa alangaa aanaa Ejersa lafoo kan ta'e obbo Shibbiruu Guutaa, Shawaa kibba lixaa magaala Tullu boolloo irraa gara Sha...
12/10/2025

Abbaa alangaa aanaa Ejersa lafoo kan ta'e obbo Shibbiruu Guutaa, Shawaa kibba lixaa magaala Tullu boolloo irraa gara Shawaa lixaa aanaa Dandii osoo imalaa jiruu qaama hidhateen butamuu Waldaan abbootii Alangaa Oromiyaa beeksise. Qaamni abbaa alangaa kana bute akka gadi lakkisu waamicha keenya dhiyeessina. https://web.facebook.com/share/p/1C7sNrEeVz/

Godina Wallagga bahaa, aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni Faannoo nama tokko ukkaamsuun maallaqa guddaa erga gaafatan...
12/02/2025

Godina Wallagga bahaa, aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni Faannoo nama tokko ukkaamsuun maallaqa guddaa erga gaafatanii booda, maatin kaffaluu dadhabnaan ajjeesuun dhagahame. Mootummaan lubbuu namoota nagaa dhumaa jiru hambisuuf cimsee hojjachuu qaba. https://web.facebook.com/share/p/1GRu54qHrv/

Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo nama ukkamsanii fudhatanii maallaqa itti gaafataa turan lubbuu dabarsuun ibsame.

Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan, dheengadda ganda Andoodee Dichootii nama nagaa butanii erga fudhatanii booddee maallaqa humnaa olii maatii nama sanaa gaafataa turan jedhan.

Maatiin maallaqa jedhame kafaluu waan hin dandeenyeef gara aanaa Abee Dongoroo geessanii achitti lubbuu baasanii gatanii deemuu himan.

Humnoonni finxaaleyyiin guyyuu nama nagaa ukkaamsanii fudhatanii maallaqa guddaa itti gaafatuu jedhu jiraattonni.

Mootummaan humna guddaa bobbaasee finxaaleyyii asuma naannoo Oromiyaa maadheffatanii uummata dararaa jiran nurraa hin ittifne jedhanii jiraattonni komatan.

Naannoo Benishaangul  Gumuz, Godina Matakkalitti namoonni nagaa afurtamaa ol ta'an hidhattootaan ajjeefamuun dhagahame. ...
12/01/2025

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkalitti namoonni nagaa afurtamaa ol ta'an hidhattootaan ajjeefamuun dhagahame. Mootummaan nagaa lammiilee eeguf jecha hidhattoota biyyattii keessa socho'an waliin waldhabdee siyaasaa karaa nagaatiin xumuruu akka qabu waamicha dhiyeessina. https://web.facebook.com/share/p/1JpmurGCs1/

Haleellaa osoo rafanii raawwateen kaan firrii duraa du'e, kaan manni duraa gubate. Kaan immoo horiin duraa saamamuu himatu.

Badii kanaaf jiraattotiifi bulchaan hidhattoota WBO himatan, hidhattootimmoo waakkatu.

''Gocha gara jabina kan raawwatan isaan ['Shanee'] irratti tarkaanfiin waan fudhatameef,'' jechuun bulchaan BBC'tti himan.

Qondaalli hidhattooti maal gochaa jiru jedhu? Akkamiin 'humna milishaa ol' ta'e? Dubbii Himaan WBO maal jedhan?
⬇️⬇️⬇️
https://bbc.in/4p7zP9Q

Godina Shawaa lixaa, aanaa Jalduutti humnoonni mootummaa ogeessa fayyaa Dr. Iyyoob seeran ala hidhuun dhagahame. Lammiil...
11/28/2025

Godina Shawaa lixaa, aanaa Jalduutti humnoonni mootummaa ogeessa fayyaa Dr. Iyyoob seeran ala hidhuun dhagahame. Lammiilee nagaa ajaja mana murtii malee hidhaan dararuun mirga namoomaa heerri biyyattiifi tumaaleen idil addunyaa kennan sarbuu waan ta'eef hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafanna. https://web.facebook.com/share/p/1C4JSJZx6y/

Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduutti ogeessi fayyaa humnoota mootummaan hidhamee jedhan jiraattonni.

Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan Hospitaala Sadarkaa jalqabaa Jalduutti ogeessi yaala Baqaaqsanii waldhaanuu Dr. Iyyoob jedhamu, isa cinaattis kilinika dhuunfaa banatee hojjataa jiraa jedhan.

Ogeessa yaala fayyaa kana sababa itti barbaaduun sobaan bakka Kilinika keetti ergama WBO fudhattee nama ajjeeste jechuun mana hidhaa aanaa Jalduutti hidhanii turan jedhan.

“Guyyaa shan booda mirga wabii eeguun gadi lakkisanii turan, Haata'u malee qaama gubbaa irraa nuf bilbilamee maf gadi lakkistuu nun jedhan” jechuun ammas mana hidhaatti deebisanii dararaa jiru jechuun jiraattonni himan.

Hidhamuu ogeessa fayyaa kanaan dhukkubsattoota hedduutu rakkoof saaxilamaa jira kan jedhan jiraattonni, doktorri kun Jaalala hawaasa biraa qabuun hidhamuu isaatti hawaasnillee gadduu himaniiru.

Address

6101 16th Street Northwest, Unite #502
Washington D.C., DC
20011

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association - OLLAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association - OLLAA:

Featured

Share