International Oromo Cultural Institute -IOCI

International Oromo Cultural Institute -IOCI The IOCI It was established, first at the NGO level, in with few members from some of professional

https://www.facebook.com/share/p/1BAWiSzceY/
05/28/2026

https://www.facebook.com/share/p/1BAWiSzceY/

At the International Oromo Cultural Institute (IORCI), we are passionate about safeguarding and celebrating the rich traditions, language, and culture of the Oromo people through extensive research and community initiatives.

Ergaa Baga Geessanii Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ‎Kabajamoo Aadde Jamiilaa Simbiruu.*****//******‎  |  ...
01/04/2026

Ergaa Baga Geessanii Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ‎Kabajamoo Aadde Jamiilaa Simbiruu.
*****//******

| ‎Sirna Buttaa Qalaa Oromoo Kaarrayyuu Muddee 26 fi 27 haala duudhaafi seera Sirna Gadaa guutummaatti eeggateen gaggeeffamaa jiru kanaan, uummata Oromoo Kaarrayyuu, tuuta Gadaa Michillee, akkasumas uummata Oromoo hunda baga gammaddan jechuun barbaada.

‎Sirni Buttaa Qalaa sirna aadaafi seenaa qabeessa eenyummaa Oromoo, tokkummaa uummataafi sirna Gadaa dhaloota irraa dhalootatti itti fufsiisuudha. Oromoon Kaarrayyuu sirna Gadaa isaa tikfatee, yeroo dheeraa booda har’as akkuma kaleessaa, sirna kana bifa miidhagaafi hawwataadhaan gaggeessaa jiraachuun isaa kan dinqisiifamuudha.

‎Akka seera Sirna Gadaatti, tuutni Gadaa Baallii harkaa qabu waggoota darbaniif itti gaafatamummaa isaa bahaa ture, sirna Buttaa Qalaa kanaan tuuta itti aanu qopheessuufi goobsuu irratti argamuun, itti fufiinsa sirna dimokraatawaa dhalootaa Oromoo kan agarsiisuudha.

‎Sirni kun yeroo mootummaa jijjiiramaa aadaa, duudhaafi eenyummaa uummataa haaromsuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jirutti gaggeeffamaa jiraachuun isaa, bu’aa guddaafi hiika addaa qaba. Kunis hojii haaromsa aadaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjachaa jiruuf galtee guddaadha.

‎Walumaa galatti jilli amma deemaa jiru kan Jaalalaa, nagayaa, kan tokkummaafi guddummaa biyya teenyaa mirkaneessu akka ta'u hawwaa uummanni Oromoo, miidiyaalee akkasumas qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu, sirna kana akka bifa miidhagaafi hawwataadhaan goolabamu gahee nurraa eeggamu bahachuufi Sirni miidhagaa Oromoo Kun addunyaatti akka beekkamu yaa taasisnuun dhaamsa koon dabarsa.

‎Aadde Jamiilaa Simbiruu, Hooggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa .

Tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.*****...
01/04/2026

Tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.
********//*******
| Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo buttaa qalee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf ardaa jilaa Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.

Ilmaan Baarentuu keessaa tokko kan ta'e Karrayyuun, uummata aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaa akkasumas uffannaa, sirba, tolfannaa rifeensaafi haala jiruufi jireenya mataasaa qabudha.

Karrayyuun aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaasaa dabalatee beekumsa xabboo ganamaa hunda osoo gadi hin dhiisiin tiksee kunuunsuun har'aan gaheera.

Karrayyuun akkuma Oromoo kanneen biroo sirna Gadaatiin bulee kan walbulchu yoo ta'u, sirni Gadaasaa kunis osoo hin sharafamin akkaatuma duudhaa ganamaatti dhimmoota siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaasaa gaggeeffachaa tureera; har'as jira.

Akka sirna Gadaa Karrayyuutti Gadaan tokko Baallii gadoomaa fuudhee erga waggaa jaha hawaasa tajaajile booda walannaasaa sirna bulchiinsa Gadaa shaakalchiisuuf buttaa qalee aangoo qoodaafi.

Sirni kunis Gooba/Irreessa kennuu jedhama. Goobaa kennuu jechuun goobsuu, dhiiromsuu, moosisuu ykn barsiisuu jechuudha. Kunis tuutni Gadaa itti aanu hojiiwwan bulchiinsaa gama maraan jiran, warra duraarraa beekumsaafi muuxannoo akka qooddatu, waraabbatuufi yeroo itti aanuuf akka of qopheessu gochuufi.

Tuutni Gadaa fudhachuuf qophaa'u 'Goobaa fudhate' yoo jedhamu, kan irreecha oofkaltii kennummoo 'Buttaa qale' jedhama.

Haaluma kanaan Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Gadaa Halchiisaaf buttaa qalee aangoo qooduuf ardaa jilaa tarree Leediitti sirnicha raawwachaa jira. Sirnoota aadaa barbaachisan hunda walduraa duuban erga raawwatee boodas buttaa qaluun walannaasaaf Gooba/Irreessa kenna. Tuutni aangoo qooddatu Halchiisaanis waggoota lamaan dhufan sirna bulchiinsa Gadaa shaakaluun waggaa lama booda aangoo Gadoomaa guutummaan Michillee irraa fudhachuun hawaasa kan tajaajilu ta'a.

Haroo Haramaayaa giddugala tuurizimii taasisuuf hojiin misoomsuufi beeksisuu xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Komishi...
12/18/2025

Haroo Haramaayaa giddugala tuurizimii taasisuuf hojiin misoomsuufi beeksisuu xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Maayaa ibse.
*******//*********

| Itti gaafatamtuun Komishinii Tuurizimii Magaalaa Maayaa Aadde Kuullee Mahaammad, “Haramaayaan haroo seenaa guddaa qabuufi akka Baha Oromiyaatti ijaafi soora qalbii ta’eedha” jechuun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatti himaniiru.

Haroon Haramaayaa ganna 17'f badee akka ture yaadachiisanii, “yeroo ammaa deebi’uun magaalittiif hawwata tuurizimii ta’uun cinaatti dargaggoota baay'eefis carraa hojii uumuun fayyadamaa taasisaa jira” jedhan.

Mootummaan yeroo ammaa kana damee tuurizimiitiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojii hojjatamaa jiruun bara dabre qarqara seenaa harichaa kanatti iddoo magariisaafi bashannanaa garaa garaa birrii miliyoona 80 oliin hojjatamuu dubbataniiru.

Bara kanas innisheetivii misooma kooriidariin qarqara harichaa hojiin misoomsuu jalqabamuusaa Aadde Kuulleen ibsanii, namoota misooma harichaaf kaafamaniifis iddoo biraatti haalli mijachuu ibsaniiru.

Bosonni Cillimoo Gaajii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii naannoo magaalaa Giinciitti dhiyaatee kan argamu yammuu ta'u,**...
12/07/2025

Bosonni Cillimoo Gaajii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii naannoo magaalaa Giinciitti dhiyaatee kan argamu yammuu ta'u,
********///*******

| Finfinnee irraa Km 82 fagaatee, magaalaa Godinaa Amboo irraa ammoo Km 41, magaalaa Aanaa Dandii irraa Km 7 fagaatee argama.
Bosonni Cillimoo Gaajii bosona umamaa lafa hektaara 11000 uwwisee argamuudha.

Bosona kana daawwachuuf Daandiin Aspaaltii gara Jalduu geessuufi daandiin cirraachaa magaalaa Giincii irraa eegalee hanga Bosona kanaatti geessu kan jiruudha.

Paarkiin Biyyoolessaa Booranaa lafa diriiraa Godina Booranaa keessatti Bilookii Shaniin qoodamee kan argamufi qabeenya u...
11/29/2025

Paarkiin Biyyoolessaa Booranaa lafa diriiraa Godina Booranaa keessatti Bilookii Shaniin qoodamee kan argamufi qabeenya uumamaa garagaraan kan badhaadhee dha.
*******//*******

| Daawwatootni gara Paarkii kanatti yoo imalan uummata Safuu, Aadaafi duudhaa dansaa qabu akkasumas, Sirna Gadaa, Ardaalee Jilaafi Hayyoota Argaa Dhageettii(Walking Encyclopedia) Booranaa daran beekuuf carraa argatu.

ኢትዮጵያ ተዘንግተው አቧራ የለበሱ የቱሪዝም ሀብቶቿን ወደ አሻራ በመቀየር ጥቅም ላይ ማዋል ችላለች*******///******  | ኢትዮጵያ ተዘንግተው አቧራ የለበሱ የቱሪዝም ሀብቶቿን ወደ አ...
11/29/2025

ኢትዮጵያ ተዘንግተው አቧራ የለበሱ የቱሪዝም ሀብቶቿን ወደ አሻራ በመቀየር ጥቅም ላይ ማዋል ችላለች
*******///******

| ኢትዮጵያ ተዘንግተው አቧራ የለበሱ የቱሪዝም ሀብቶቿን ወደ አሻራ በመቀየር ጥቅም ላይ ማዋል ችላለች ሲል የፌዴራል የቱሪዝም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት ገለጸ።

የፌዴራል የቱሪዝም ማሰልጠኛ ኢንስቲትዩት ምክትል ዋና ዳይሬክተር ገዛኸኝ አባተ ከኢቲቪ ዜና ኢትዮጵያ መሰናዶ ጋር በነበራቸው ቆይታ፥ ኢትዮጵያ በአራቱም አቅጣጫ በቱሪዝም ሀብት የታደለች ሀገር ስለመሆኗ አንስተዋል።

ብዙ ሀገራት ተደምረው የሌላቸውን የተፈጥሮ ሀብት ኢትዮጵያ ብቻዋን የያዘች በመሆኗ ብዙዎች ኢትዮጵያ የታደለች ሀገር ስለመሆኗ ያነሳሉ ሲሉ ገልጸዋል።

ይሁንና ታይተው የማይጠገቡ በርካታ የቱሪዝም ሀብቶቿ ለረጅም ጊዜ ተዘንግተው አቧራ ለብሰው ቆይተው እንደነበር ጠቅሰዋል።

ይህን አበክሮ የተገነዘበው የመደመር መንግሥትም፥ “እነዚን ሀብቶች ለምን አልምቶ መጠቀም አልተቻለም?” በማለት አቧራቸውን ማራገፍ የጀመረው ገና ከለውጡ ማግሥት በ“ገበታ” ፕሮጀክቶች መሆኑን አንስተዋል።

የለውጡ መንግሥት ለዘርፉ በሰጠው ልዩ ትኩረት በገበታ ለሸገር፣ በገበታ ለሀገር እና በገበታ ለትውልድ ፕሮጀክቶች በርካታ አዳዲስ የቱሪስት መዳረሻዎችን መገንባት መቻሉንም ነው የተናገሩት።

መዳረሻዎቹ የየአካባቢውን የተደበቀ ውበት በመግለጥ ገፅታቸውን የለወጡ፣ ሀብቶቻቸውን ወደ ተጨባጭ ጥቅም የቀየሩ፣ ለበርካታ ዜጎች የስራ ዕድልም የፈጠሩ እንደሆኑ ገልጸዋል።

የመሠረተ ልማት እጥረት እና እርጅና ተጭኗቸው የቆዩ ነባር መዳረሻዎችንም መልሶ በማልማት ለነዋሪዎች እና ለጎብኚዎች ምቹ እንዲሆኑ ስለመደረጉም አክለዋል።

ቱሪስቶችን ለማስጎብኘት ይቸገሩ ለነበሩ አስጎብኚዎች አሁን ላይ አማራጩ ስለመስፋቱ እና ዘርፉ ለሀገራዊ ኢኮኖሚው የሚያበረክተው ድርሻም እያደገ ስለመምጣቱ አቶ ገዛኸኝ አብራርተዋል።

Address

9004 Manchester Road #14
Silver Spring, MD
20901

Telephone

+13012327009

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when International Oromo Cultural Institute -IOCI posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Featured

Share