04/02/2020
Yoomii fi Akkamiitti harka keenya haa dhiqannu?
Fayyumma keenya eggachuuf yeroo maraa harka haa dhiqannu.
mata keenya, Maatii, fiirafi Aali,Anbaafi nannoon jirannu fayyaa tahuu namnii jibbu jiraachu batuus kan kana dhugoomsuf hojjatuu garuu waa xiqqoo.
Waa malee kanan kafnee ammaa lammii tiyyaa ergaa bu'aan harka ifii saamunan sirritti dhiqachuu bayyee tahuu beynee yeroo kaami fi akkamitti akka harka dhiqachuu qabnu wal yaadachisuun barbaachisadha.yeroo murteysaa akka ammaa addunyaan dhukkuuban rafaamtu kanatti yoom yoom akka dhiqannu murtessun ulfaata tahullee hangaa tokkoo wal akeekuuf ijiibanna.Akka maxxansaa fi qorannoo bayyee irraa arkiinutti yeroo armaan gadii kana harka dhiqachun dirqamaa tahuu isaati. isaanis
•Nyaata qophessuun duraa, yeroo qophessaa jiruufi fi ergaa qophessinee booda.
=Before, during, and after preparing food
•Yeroo nyaachuf demnuu(Nyaachun duraa)
•Mana fincaani ergaa fayyadamne
• Yeroo maatii keenya kessaa namni dhukkubsatee manatti gargarsaa goonuf(tajaajillu) gargarsaa keenyan duraa fi bodaas harka sirritti dhiqachun dirqamaa. kessahuu dhukkubichii yoo cholera (Garaakaasa) ykn haqisiisa fi dhukkuba daddarbaa biroo tahee.
°Yeroo qamaa muramee ykn baqaqeef gargarsaa goonu.
°Ergaa ijjollee(da'iimman) keenyaf dayparii(diapers) jijjiirree ykn mana fincaani geysinee bodaa.
°Ergaa beeyladoota,hagaa isaani(Animal wastes) kan akka faltii,hurbuu fi fincaani fi qonqoo(okayaa) xuxxuyne bodaa.
• Ergaa balfaa(koosi) ganne bodaa(After touching garbage)
•Kophee ergaa godhanee bodaa
• Ergaa Kompitaraa waliini(public computers),Qarshii ykn mallaqaa fi Bilbilaa ummataa fayyadamee bodaa dhiqachuu.
• Yeroo harki keenya hurkaa fi wantoota hin beekamneen ofumaaf xurawuu dhiqachuniis gaariidha.
Haala ammaa dhukkubaa Korona COVID-19 kana ittisuuf wixxifaacha jiruu kanatti immoo dabalataan yeroo armaan gadii kanneen harka keenya sirritti dhiqachuu keenya mirkanneffachuu qabna:
fuunyan keenya keessa qulqullessine,Haxxiifanne fi quufane bodaa. hin dhiqatiinin fuunyan fi Afaan qaqqabachun dhorkaadha.
•Dirqaama tahee yoo arkamee ergaa walittii qabamaa ummataa kan akka gejjiiba,Magaala(Gabaa) fi iddoo amantaa demnee bodaa sirriitti dhiqachuu fi kannen biroos gaariidha.
•kana hundaa irraa immoo mana ta'uun achumatti ifii fi wal eeguun filatamaadha.
√ Ummataa Rabbiiti irkannoon sababaacha nagayaa bahuu nuhaa godhu. Amiin..!
Galatooma.