06/30/2020
Hawaasni Oromoo Magaalaa Seattle wereegamuu Obboleessa keenya wellisaa, activist qabsaawaa Haacaaluu Hundeessaa irratti marii cimaa erga taasisee booda Ibsa Ijjannoo qabxii 7 kan asii gadii kana baasee jira.
1. Nuti Hawaasni Oromoo Ameerikaa Kaabaa Naannoo Washington Magaalaa Seattle ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatameef Mootummaan sirna Nafxanyaa paartii Bilxiginaa Abiyi Ahmad Durfamu kan itti gaafatamu ta’uu ni ibsina.
2. Nuti Hawaasni Magaalaa Seattle halkanii fi guyyaa hojjachuudhaan gumaa qabsaawaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa baasuudhaaf wa’aada ni seenna.
3. Nuti Hawaasni Magaalaa Seattle Namoota nu keessa taa’anii Mootummaa Nafxanyaa partii Bilxiginaatiin hogganamu yaadaa fi maallaqaan gargaaruun dhiigni ilmaan oromoo akka dhangala’uu taasisaa jiran hawaasa keessaa baasnee saaxiluudhaaf murteesinee jirra.
4. Nuti Hawaasni Magaalaa Seattle Maatii qabsaawaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irraa Wereegame gargaaruudhaaf murteesinee jirra.
5. Nuti Hawaasni Magaalaa Seattle Sirna Nafxanyaa paartii Bilxiginaatiin hoogganamu hiddaan buqisuudhaaf gargaarsa barbaachisaa ta’e hunda taasisuudhaaf murteesinee jirra.
6. Nuti Ummatni Oromoo Magaalaa Seattle loltoota Hoomaa Waraanaa Poolisii Federaalaa Poolisii Oromiyaa Humnna addaa Oromiyaa Hidhattooni Sadarkaa Gandaa fi Aanaa irra jirttan Oromoo ajjeesuu dhaabuudhaan qabsoo Bilisummaa Qeerroo fi Qarreen oromoo taasisaa jirttu cinaa akka dhaabbattan waamicha oromummaa isiniif dabarsina.
7. Nuti Hawaasni Magaalaa Seattle Dhaabbileen Maqaa Oromootiin qabsoo bilisummaa taasisaa jirttan tokko ta’uudhaan gumaa Qabsaawaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa akka baaftan waamicha Oromummaa isiniif goona.
Qabsaawaan Ni Kufaa Qabsoon itti fufa!
Hawaasa Magaalaa Seattle
Waxabajjii 29 bara 2020
Seattle, Paarkii Oteelloo