Oromia Freedom Media

Call Directions Website Contact the organization

Oromia Freedom Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Freedom Media, Nonprofit Organization, 3904 MLK JR Way S, Seattle, WA.
(2)

OFM;ODUU/NEW ONKOLOOLEESSA 13/2026         •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
10/13/2026

OFM;ODUU/NEW ONKOLOOLEESSA 13/2026
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Somaaliyaan muddama Itiyoophiyaafi Ertiraa jidduutti dhalate ilaach...

Poolisoonni immigireeshinii mana Ilhaan Omaar sakatta'an. OFM:Onkoloolessa.13/2026.Ejentoonni/poolisoonni immigireeshini...
10/13/2026

Poolisoonni immigireeshinii mana Ilhaan Omaar sakatta'an.

OFM:Onkoloolessa.13/2026.Ejentoonni/poolisoonni immigireeshinii Ameerikaa qorannoo yakkaa gaggeessaa jiraniif mana bakka buutuu ummataa Mineesotaa kan taate Ilhaan Omaar sakatta'an.

Ejentoonni Qorattoonni Dhimma Nageenya Biyyaa Keessaa (HSI) qabeenya naannoo Waashingitan DC jira jedhamerratti ''ajaja sakatta'insaa abbaa seerummaatiin hayyamame raawwachuu isaanii dubbi-himaan kutaa haqaa Ameerikaa himaniiru.

Sakatta'insi gaggeeffame kunis "qaama qorannoo yakkaa federaalaa gaggeeffamaa jiruuti" kan jedhe dubbi-himaan kun, dhimma kana irratti garuu ibsa bal'aa hin kennine.

Wayita ammaa kanatti Kongiresiin US hojiirra waan hin jirreef Ilhaan wayita sakatta'insi kun gaggeeffametti mana jiraachuufi dhiisuun isii ifa miti.

Miseensa warra Dimokiraatii beektamtuu kan taatee fi Pireezidaant Doonaald Tiraampiin cimsitee qeequun kan beekamtu Ilhaan Omaar, sakatta'ina manasheetti gaggeeffame kana miidiyaa hawaasaarratti akka "yaalii diina siyaasaa irratti xiyyeeffachuu fi seera kabachiistota federaalaa meeshaa waraanaa godhachuu" ta'etti ibsite.

"Waggoota kudhaniif Tiraamp soba bu'uura hin qabnee fi duula maqa-balleessiin anarratti xiyyeeffateera,"jedha ergaan isiin miidiyaa hawaasaarratti maxxansite kun.

"Kun duula doorsisa siyaasaa gaggeessaa jiru keessatti erga dhiyoo as daran hammeessuu isaa agarsiisuudha. Ani hin callisu." jette.

Wiixata rippoortarootatti kan dubbate Tiraamp, "gungumtuu" fi nama badduudha" jechuun isii ibsuun qorannoon qajeelcha haqaa Ilhaan Omaar irratti gaggeeffamu ana "hin ilaallatu" jedhan.

Pireezidaantii warra Rippablikaanii kan ta'e Tiraamp dhalattuu Somaaliyaa miseensa kongiresii kanaan: "Biyya biyya hin taane tokkorraa dhufte,'' jedhe.

"(Achii) as dhufteeti egaa waa'ee Heera mootummaa keenyaa kan komii dhiyeessitu (gungumtu)." jedhan.

Daarektarri komunikeeshinii Ilhaan Omaar, Jaakiliin Roojars sakatta'insa Wiixata ganama gaggeeffamee "aangootti akka hin malletti fayydamuu hamaa" bulchiinsa Tiraampiin godhamaa jiruudha jechuun miseensi Kongirasii kun "badii hojjette tokko hin qabdu" jedheera.

Kaayyoon qorannoo yakkaa jedhamee kun ammallee ifa isoo hin ta'in jira.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Somaaliyaan muddama Itiyoophiyaafi Ertiraa jidduutti dhalate ilaachisee ijjannoo walabaa akka qabdu ibsite. OFM:Onkolool...
10/13/2026

Somaaliyaan muddama Itiyoophiyaafi Ertiraa jidduutti dhalate ilaachisee ijjannoo walabaa akka qabdu ibsite.

OFM:Onkoloolessa.13/2026.Muddama Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan ijjennoo isii ibsiteetti.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, muddama waraanaa Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee mootummaa isaanii ijjennoo walabaa qabaachuu ibsaniiru.

Qondaalichi turtii BBC Afaan Somaalee waliin taasisaniin, ijjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa'e ta'uu dubbatan.

"Ijjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa'edha; gama kamittuu hin hiriiru," jedhan.

Somaaliyaan torban darbe Eertiraa, Suudaanii fi Masir waliin Waliigaltee El Alaamiin jedhamu mallatteessuun ni yaadatama.

Walgahii magaalaa El Alaamiin, Masiritti gaggeeffame irratti Pireezidaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Siisii, Pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Abdul Fattaah al-Burhaan, akkasumas Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Dhimmoonni Galaana Diimaa fi Hidha Guddicha Itiyoophiyaa walgahii biyyoota afran irratti mari'ataman keessaa tokko turan.

Biyyoonni kunneen ibsa waliinii baasaniin, nageenyaa fi nageenna daangaa Galaana Diimaa eeguun, akkasumas itti gaafatamummaa bulchiinsaa fi to'annoo Galaana Diimaa biyyoota qarqara galaanichaa qaban ilaallata jechuun ibsaniiru.

Walgahii El Alaamiin irratti ibsa waliinii baasan keessatti biyyoonni afran tokkummaa, walabummaa fi daangaa biyyoota kabajuu, tasgabbii naannichaa eeguu, akkasumas biyyoonni dhimma biyya biraa keessa seenuu irraa of qusachuu irratti waliigaluu isaanii beeysisaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa, biyyoonni afran ibsa waliinii erga baasanii booda ibsa baaseen, hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabduu fi mirgi bishaan Abbayyaa fayyadamuu seenaa fi seera irratti hundaa'e akka hin jijjiiramne beeysise.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, biyyisaanii Itiyoophiyaa fi Eertiraa waliin dhimmoota garaagaraa irratti hariiroo fi waliigaltee akka qabdu ibsaniiru.

Jijjiirama muddama naannichaa keessatti mul'ataa jiru Somaaliyaan xiyyeeffannoon hordofaa akka jirtus dubbatan.

Dabalataan, Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi kan naannichaa eegsisuuf hojjetaa akka jirtu kan ibsan qondaalichi, biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabaachuu himan.

"Biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Kana irratti wanti jijjiirame hin jiru," jedhan.

"Naannicha yeroo ammaa rakkooleen garaagaraa muudataniiru. Xiyyeeffannoon keenya guddaan rakkooleen dabalataa akka hin uumamne of eeggachuudha.

Rakkoolee diinagdee, nageennaa fi sochii naannichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiran furuuf hojjechuu qabna," jechuun turtii miidiyaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi tokkummaa isii eegsisuuf rakkoolee kana furuurratti gahee isii bahataa akka jirtu kan dubbatan qondaalichi, "Dhimmoota naannichaa irratti gumaacha gochuuf dirqama qabna," jedhan.

Muddama Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan gama tokkoof looguu fi dhiisuu isii gaafatamanii, biyyisaanii ijjennoo walabaa akka qabdu ibsan.

"Ijjennoo walabaa qabna. Biyyoota kana hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Hanga ammaatti, hariiroo isaan waliin qabnu keessatti wanti jijjiirame hin jiru," jedhan.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela balistikii hedduu gara galaanaatti dhukaaste. OFM:Onkoloolessa.13/2026.Kooriyaan Kaabaa misaa...
10/13/2026

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela balistikii hedduu gara galaanaatti dhukaaste.

OFM:Onkoloolessa.13/2026.Kooriyaan Kaabaa misaa'ela balistikii dachaa qarqara baha galaanaasiitti dhukaasuusii waraanni Kooriyaa Kibbaa beeysise.

Hoggantoonni waloo Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti, misaa’eloota Wiixata naannoo Piyoongiyaang irraa dhukaafaman keessaa tokko km 900 ol balali’eera.

Hoggantoonni waloo kunneen misaa'ela meeqa akka argame garuu hin ibsine.

Ministirri Itti Aanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jaappaan Takashi Koyari akka jedhanitti yoo xiqqaate misaa'eloonni lama daqiiqaa 17 addaan fagaatanii dhukaafamanii bishaan naannoo diinagdee addaa isiitiin ala bu'aniiru.

Koyariin akka jedhetti misaa'elli jalqabaa km 220 (maayilii 137) balali'ee kan ture yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo daandii balalii ''irregular'' hordofee, km 910 ol balali'eera, kunis meeshaa waraanaa baay'ee cimaa ta'uu akka danda'u agarsiisa.

Waajjirri pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Piyoongiyaang irra deddeebiin misaa'ela furguggisuun murteewwan Mana Maree Nageennaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsa jechuun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamu gaafateera.

Wiixata furguggifamni kun kan raawwatame yeroo biyyoonni lamaan yaalii meeshaa waraanaa itti fufanii jiranitti.

Dubbi himaan JCS Jang Do-young akka jedhanitti, misaa’ela yeroo dhiyootti furguggifame humna agarsiisu fakkaata, Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraanaa mataa isii haaypersoonikii erga yaaltee guyyoota muraasa booda.

Kamisa darbe pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Jae-myung yaalii misaa’ela haaypersoonikii biyyattii isa jalqabaa kan to’atan yoo ta’u, kunis yaaliin misaa’elaa pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaatiin raawwatame ummataaf kan hin mul’anneedha.

Waajjirri Lii akka jedhetti meeshaan waraanaa haaypersoonikii kun erga guutummaatti hojiirra oolee booda dandeettii Kooriyaan Kibbaa “tiyaatira hojii Peeniinsulaa Kooriyaa” keessatti galmoota ijoo rukutuu akka guddisu ibseera.

Onkoloolessa 3 Kooriyaan Kaabaa misaa’ela fageenna jidduu galeessaa haaypersoonikii kan ittisa misaa’elaa Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan keessa jiru jalaa miliquuf qophaa’e yaaltee turte.

Torban darbe Kooriyaan Kibbaa naannoo waraana irraa bilisa ta’e Kooriyaa Kibbaa fi Kaabaa jidduutti loltoota sadii erga madeessitee booda Seoul dhiifama gaafatteetti.

Qorannoon waloo Kooriyaa Kibbaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeessan waggaa tokko dura fanjii (dhootuu) lama humnoota Kooriyaa Kaabaatiin dhaabamuu isaa mirkaneesse.

Piyoongiyaang himannaa kana haaluun Kooriyaan Kibbaa himannaa kana kakaaste jechuun himatteetti.

Dhohiinsa dhootuu daangaatiin dura Seoul marii Piyoongiyaangi fi Waashingitan jidduutti taasifamuuf haala mijeessuudhaaf ''tattaaffii qindoomina jalqabaa'' taasisaa akka jirtu ibsiteetti.

Liin erga bara 2025 aangoo qabatanii booda haasaa isaanii jalqabaatiin Kooriyaa Kaabaa waliin marii akka jalqaban waadaa galaniiru.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un sagantaa meeshaa niwukilaraa isaanii saaxiluu itti fufanii, waamicha Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa hariiroo dippilomaasii addaan citee ture deebisuuf godhame kuffisaniiru.

Mariin Kiim fi Pireezidaantii U.S. Doonaald Tiraamp jidduutti bara 2019 akka tasaa xummurame.

Mootummaan Kiim Joong Un Waashingitan imaammata “diinummaa” Piyoongiyaangiif qabdu akka dhiiftuu fi Kooriyaan Kaabaa akka haal-duree mariif ta’utti niwukilara akka hir’iftu gaafachuu itti fufeera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

OFM;ODUU/NEWS ONKOLOOLEESSA
10/12/2026

OFM;ODUU/NEWS ONKOLOOLEESSA

Mootummaan Federaalaa hanga filannoon naannoo gaggeeffamutti “Tigra...

10/12/2026

Mootummaan Federaalaa hanga filannoon naannoo gaggeeffamutti “Tigraay guutuu akka bulchu” himame.

OFM:Onkoloolessa.12/2026.Hoggantoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Maqalee dabalatee magaalota Tigraay hedduu keessaa erga bahanii booda naannichi Komaand Postii mootummaa Federaala jala akka turuu fi Tigraay keessatti filannoon akka gaggeeffamu Obbo Getaachoo Raddaa himaniiru.

Pireezidaantii duraanii naannoo Tigraay kan turanii fi yeroo ammaa ammoo Gorsaa Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad kan ta'an Obbo Getaachoon kana kan dubbatan miidiyaa TBS jedhame waliin gaaffii fi deebii Tigirinyaan taasisaniini.

Obbo Getaachoo Raddaa aangoorratti atakaaroo qondaalota TPLF jidduutti dhalateen magaalaa Maqaleetii dirqamanii erga bahanii ji'oota 19 booda naannichatti kan deebi'an yoo ta'u, wayita Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa dhaqqabanitti ummanne bahee miira ho'aan simateera.

Humnoonni TPLF, Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa kan Maqaleetti argamuu fi kan biroo lama naannicha keessaa to'atanii ture.

Hoggantoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Maqalee dabalatee magaalota Tigraay hedduu keessaa erga bahanii booda naannichi Komaand Postii mootummaa Federaala jala akka turuu fi Tigraay keessatti filannoon akka gaggeeffamu Obbo Getaachoo Raddaa himanii jiru.

Obbo Getaachoon humnoonni mootummaa Federaalaa fi Humnoonni Nagaa Tigraay (TPF) Maqalee dabalatee magaalota hedduu naannichaa to'atanii booda balaliin gara Maqaleetti guyyaa jalqabaa taasifameen deeman.

Naannoo Tigraay Waliigaltee Tigraay booda bulchiinsa yeroo ce'umsaatiin bulaa kan turte yoo ta'u, bara darbe ji'a Ebla as garuu aanga'oonni TPLF bulchiinsa yeroo ce'umsaa kaasuudhaan bulchiinsa waraana dura ture gara aangootti deebisuun isaanii ni yaadatama.

Kanarraa ka'uun muddamni mootummaa Federaalaa fi hoggantoota TPLF jidduu ji'oota ja'aaf ture gara waraanaatti ce'ee Raayyaan Ittisa Biyyaa fi michuu isaa kan ta'e humni TPF naannoo Tigraay harka caalu to'ataa jiru.

Obbo Getaachoon Komaand Postii (Wiirtuu Ajajaa) hundaa'ee naannicha bulcha jedhe itti gaafatamni isaa inni guddaan, "Tigraay seeraan akka bultu gochuu, nageenna eegisuuf, akkasumas hojiiwwan naannicha deebisanii cimsuuf gargaaran raawwachuufidha," jedhan.

Nageenna naannichaas Raayyaa Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa fi Humnoota Nagaa Tigraay waliin ta'uun kan hojjetan yoo ta'u, naannoowwan humnoonni kunneen to'atan keessas qarqaarsi namoomaas akka dhiyaatu ibsaniiru.

Jiraattonni Tigraay Lixaa bakkeewwan naannoo Amaaraa waliin irratti wal falmanirraa buqqa'anis gara mana isaaniitti akka deebiyanis beeysisaniiru Obbo Getaachoon itti dabaluun.

Obbo Getaachoon, kanaan booda naannoon Tigraay Komaand Postii mootummaan Federaalaa hundeessuun kan gaggeeffamuu fi ji'a ja'a booda ammoo naannicha keessatti filannoon gaggeeffamee bulchiinsi ummataan filatamu aangoo akka fudhatu eereera.

Biyyattii keessatti dhimma filannoo kan hoogganu Boordii FIlannoo Biyyaalessaatiin filannoowwan biyyaaleessaa fi naannoo lama kan keessatti hin gaggeeffamin hafe naannoo Tigraay keessatti filannoo ji'a ja'a booda gaggeeffamu Boordiin Filannoo kun akka gaggeessu dubbataniiru.

Obbo Getaachoon hoggantoota TPLF warra akka waraanni irra deebiyee Tigraay keessatti akka ka'u godhanii fi gocha yakka raawwataniin itti gaafatamaniin ala miseensonni TPLF Tigraayiin deebisanii ijaaruu keessatti hirmaachuu ni danda'u jedhan.

Hoggantoonni TPLF yeroo ammaa kana bakka Ertiraa waliin wal daangessu Laga Marabitti dhiyoo akka jiran kan eere Obbo Getaachoon, kanaan booda gara naanicha bulchuutti akka hin deebine dubbataniiru.

Torban sadii dura Tigraay gama naannolee Amaaraa fi Affaar waliin wal daangessutti waraanni jalqabamuun isaa ni yaadatama.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Fulbaana 23 Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqaleetti argamu to'achuu booda balalii gara Tigraay ''yeroof adda kutuu'' ture wayita deebiyee jalqabatte Obbo Getaachoo Raddaa dabalatee aanga'oonni mootummaa Federaalaa gara naannichaatti imalaniiru.

Qondaalonni Humna Nagaa Tigraayillee akkuma kana balalii jalqabaa kanaan Maqalee galaniiru.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

10/12/2026

Haleellaa lamaffaa Huutiin buufata xiyyaaraa Riyaad irratti gaggeesseen namni tokko du'ee, 11 madaa'an.

OFM:Onkoloolessa.12/2026.Haleellaa lamaffaa Huutiin guyyaa lama keessatti buufata xiyyaaraa idil-addunyaa magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa, Riyaad irratti gaggeesseen namni tokko ajjeefamee, 11 ammoo madaa'uu isaanii aanga'oonni himan.

Dubbi-himaan waraanaa Sa'udii akka jedhetti, dhukaasni kun Dilabata Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid kan rukute yoo ta'u, galmawwan buufata xiyyaarichaa tokkotti ibiddi akka qabatu godheera.

Abbaan Taayitaa Sivil Aveeshinii Sa'ud Arabiyaa ibsa fuula X irratti baaseen, lammii Paakistaan namni ta'e tokko haleellaa kanaa aajjeefameera jedheera.

Haleellaan kun kan buufatuma xiyyaaraa idil-addunyaa King Kaaliid kanarratti gaggeeffamee yoo xiqqaate namoota 13 galaafatee, 308 madeesseen guyyaa tokkoon booda raawwatame.

Huutiin Yaman keessa jiru haleellaa kana duuba jiraachuun himuun, daandiiwwan qilleensaa fi imaltoonni buufatawwan xiyyaaraa fi qilleensa Sa'ud Arabiyaa akka hin fayyadamne akeekkachiiseera.

Gareen kun buufata xiyyaaraa kanarratti xiyyeeffatanii kan haleelaan meeshaalee waraanaa warra akka balastik misaa'el, Kiruuz misaa'eliifi dirooniiwwan fayyadamuun ta'uu dubbatu.

Hidhattoonni kunneen dhaabbuileen boba'aa fi buufata xiyyaaraa gama baha Sa'ud Arabiyaa jiru, Damaam haleeluu isaanii dubbi-himaan Huutii Birgaader Jeneraal Yahayyaa Saaree dubbateera.

Gareen kun "Sa'ud Arabiyaa keessa gadi fagaatee oppereeshinii darban cimsee" akka itti fufu dhaadachuun warra magaalota qulqulluu ta'an Makkaa fi Madiinaa keessa jiran irraa kan hafe buufataaleen xiyyaaraa Sa'udii hunduu irratti ni xiyyeeffatamu jedheera.

Huutiin sababiin Sa'ud Arabiyaa irratti xiyyeffatuuf wal waraansa Yaman keessatti humnoota mootummaa waan deeggartuuf, akkasumas haleellaa qilleensaa buufata xiyyaaraa Sanaa keessa jirurratti raawwatteefi jedha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Teehiraan deebii US karoora Hulaa Hormuuz banuuf dhiyeessiteef kennite "gahaa akka hin turre" ibsite. OFM:Onkoloolessa.1...
10/12/2026

Teehiraan deebii US karoora Hulaa Hormuuz banuuf dhiyeessiteef kennite "gahaa akka hin turre" ibsite.

OFM:Onkoloolessa.12/2026.Iraan murteessaa kan ta'e Hulaa Hormuuz banuudhaaf haal-dureewwan torba dhiyeessiteef deebii Ameerikaan kennite "gahaa akka hin turre" itti-gaafatamaan tikkaa Iraan Mohisaan Raazee dubbachuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Iraan Korri Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii wayita gaggeeffamaa turetti, Hulaan Hormuuz guyyoota torba keessatti haala ittiin banamuu danda'uu fi sochiiwwan doonii gara haala idileetti deebisuu dandeessisa jette karoora dhiyeessitee turte.

Ameerikaanis boodara karaa jaarummaa Qaataariin deebii kenniteetti.

Haata'u malee, "deebii isaanii kanaan haal-dureewwan hanga tokko kan fudhatan ta'ullee, kanneen biroo ifa miti," jedheera itti-gaafatamaan tikaa kun.

Waashingiteen dhimmoota ifa isiif hin ta'in irratti ibsa gaafachuu qabdi kan jedhe Raazeen, "Ameerikaanotaaf haal-dureewwan torba keenneerraaf, haal-dureewwan kunneen kabajamuu baannaan Hulaan Hormuuz isaaniif banaa akka hin taanee fi marichis akka itti hin fufne isaaniif ibsineerra," jechuun dubbatan.

Rooyitars dhimmicharratti ibsa argachuuf Waayits Hawus gaafatullee battalatti deebii hin arganne jechuun gabaaseera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Balaa Daandii guddaa Turkii muudateen lubbuu namoota 11 darbe, 27 ammoo madaa'an. OFM:Onkoloolessa.11/2026.Dhiha Turkiya...
10/11/2026

Balaa Daandii guddaa Turkii muudateen lubbuu namoota 11 darbe, 27 ammoo madaa'an.

OFM:Onkoloolessa.11/2026.Dhiha Turkiyaatti Atoobisii imaltootaa fi konkolaataan fe’umsaa walitti bu’uun yoo xiqqaate namoonni 11 yoo du’an 27 ammoo madaa’aniiru.

Balaan kun naannoo Manisaatti daandii guddaa Gebze-Orhangazi-Izmir irratti bakka kaffaltii Aksaray jedhamutti muudate.

Akka ibsi waajjira bulchaa Manisaa irraa ba’etti, aanga’oonni gabaasni balaa kanaa akka naannichaatti sa’aatii 11 p.m. booda tahuu ibseera.

Konkolaachisaa Atoobisii hospitaala keessaa erga bahee booda to'annaa poolisii jala galfame dabalatee namoonni madaa'an gara hospitaalota naannoo sanaatti geeffamaniiru.

Suuraaleen bakka sanarraa argaman akka agarsiisanitti, boorsaawwan qaamaa bifa diimaa qaban naannoo Atoobisii garagale kanaatti daandii moggaa ciisee kan agarsiisan yoo ta'u, miidhaan caasaa cimaan duuba isaarra gaheera.

Konkolaataan harkisaa mukaa fe'ee deemu fakkaatus garagalee ture.

Miidiyaa hawaasaa X irratti, Ministirri Biyya Keessaa Turkiyaa Mustafaa Cifci namoota miidhaman lammiilee jedhanii waamuun, hanga ammaatti aanga'oonni namoota du'an keessaa lammiileen biyya alaa jiraachuu fi dhiisuu isaanii hin mirkaneessine.

Bulchaan Manisaa Vahdettin Ozkan bakka balaan kun itti dhaqqabe yeroo gareewwan balaa tasaa caccabaa qulqulleessan daawwataniiru.

“Yeroo ammaa kana hojiin bakka balaan kun itti dhaqqabe qindoomina waajjira abbaa alangaa mootummaatiin hojjetamaa jira,” jedhan Ozkan.

“Seera tiraafikaa cimsanii hordofuun hangam barbaachisaa akka ta’e waan nama dhibu nu muudataa jira.” jedhan.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

OFM:ODUU HAARAWA:Onkoloolessa.11/2026              •••••••••••••••••IOM' Yoo xiqqaate namoonni 109 du'anii, 100 ol ammoo...
10/11/2026

OFM:ODUU HAARAWA:Onkoloolessa.11/2026
•••••••••••••••••
IOM' Yoo xiqqaate namoonni 109 du'anii, 100 ol ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu beeysise.

Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) akka ibsetti, naannoo qarqara Galaa Jibuutiitti Bidiruun tokko garagaluun yoo xiqqaate namoonni 109 du'anii, 116 ol ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Dilbata ibsa baaseen Dhaabbanni Godaantota Addunyaa namoota lubbuun hafan eeruun akka gabaasetti, balaan kun kan muudate Kamisa halkanii hanga Jimaata ganama jidduutti qarqara baha Jibuutii naannoo Galoo Galaana Adenii fi Bab al-Mandeb Strait itti dhihaatu naannoo
Guhere, jedhamutti dhiyaatutti akka taye ibse.

Bidiruun kun namoota 300 ol fe’attee Jibuutii irraa gara Yaman deemaa turte. Jibuutii keessatti hojiin barbaachaa fi baraarsaa itti fufee waan jiruuf namoonni 80 ol – hundi isaanii lammiilee Itiyoophiyaa – Bidiruu caccabdee irraa lubbuun hafaniiru.

itti gaafatamaan ergama IOM Jibuutii keessatti “Gareen keenna lafarra jiru, aanga’oota naannoo waliin ta’uun qarqaarsa hatattamaa kennuuf hojjetaa jirra,” jedhan Alexandre Koysak, “lubbuu namootaa darbeef gadda.”isaanii ibsaniiru.

“Taatee gaddisiisaa kun godaantonni daandii godaansaa kanarra carraa diinagdee yeroo barbaadanitti balaa isaan muudatu yaadachiisa.”

Bab al-Mandeb, daandii dhiphoo 20km (12.4 miles) Jibuutii fi Yaman jidduu jiru qaxxaamuruun, godaantota gaanfa Afrikaa irraa dhufaniif daandii beekamaa ta'us balaa guddaa kan qabuudha.

Hedduun isaanii biyyoota Galoo Galaanaa keessatti hojii fi nageenna barbaaduuf imala kana kan jalqaban yoo ta’u, lola baatii darbe Yaman keessatti humnoota mootummaa fi finciltoota Huutii jidduutti uumame hordofuun tasgabbii dhabuu naannichatti guddataa dhufeen osoo hin miidhamin.

Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) Fulbaana 10 irraa eegalee “namoonni kuma 20 ol Itiyoophiyaa irraa gara Jibuutii dhufan” galmeessuu ibseera.

Namoonni walakkaa miliyoonaa ol ta’an bara darbe karaa kanaan gara Yaman deemuuf yaalii kan godhan yoo ta’u, yoo xiqqaate namoonni 900 du’aniiru ykn achi buuteen isaanii dhabamuu dhaabbatichi beeysiseera.

Jibuutiin bakka baqattootaa qofa osoo hin taane, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman walitti bu’iinsa Yaman keessatti deebi’ee ka’aa jiru kan iddoo baqataniidha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Address

3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108

Opening Hours

Monday 8:30am - 8pm
Tuesday 8:30am - 8:30pm
Wednesday 8:30am - 8pm
Thursday 8:30am - 8pm
Friday 8:30am - 8pm
Saturday 8:30am - 4pm
Sunday 8:30am - 4pm

Telephone

+12064835571

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Freedom Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Freedom Media:

Shortcuts

Share