Oromia Freedom Media

Oromia Freedom Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Freedom Media, Nonprofit Organization, 3904 MLK JR Way S, Seattle, WA.
(2)

Aayislaandi Gamtaa Awurooppaatti makamuuf marii jalqabuuf sagalee kennite.OFM:Hagayya.30/2026.Lammiileen Aayislaandi Hag...
08/30/2026

Aayislaandi Gamtaa Awurooppaatti makamuuf marii jalqabuuf sagalee kennite.

OFM:Hagayya.30/2026.Lammiileen Aayislaandi Hagayya 29 rifarandamii gamtaa Awurooppaa (EU) waliin marii miseensummaa deebistee jalqabuu moo hin jalqabdu yaada jedhurratti irratti ummataan sagalee murtii kennaniiru.

Bu’aan rifarandamii kanaa Aayislaandi battalumatti miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’uu fi dhiisuu isii hin murteessu.

Sagaleen “eeyyee” jedhu qofatu mariin miseensummaa akka deebi’ee banamu hayyama; waliigaltee miseensummaa isa dhumaa erga irra ga’amee booda rifarandamiin biraa ni barbaachisa ture.

Akka bu’aa duraatiin garee “lakki” jedhu garuu garaagarummaa dhiphoodhaan dursaa jira.

Sagalee hanga ammaatti lakkaa’ame keessaa %52.5 mariin akka banamu kan morman yoo ta’u, %47.5 ammoo kan deeggaran ta’uu ibsameera.

Aayislaandi bara 2009 miseensummaa Gamtaa Awurooppaa ta'uuf iyyattee marii eegalte, garuu bara 2013tti addaan kuttee turte.

Dhimmi kun dhiibbaa dinagdee, yaaddoo nageennaa Kaaba Atlaantiik, fi waldhabdee ji’oopoolitikaa dabalaa dhufe keessatti gara ajandaa siyaasaatti deebi’eera.

Sagaleen hafe erga lakkaa'amee booda bu'aan xummuraa ni eegama.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

OFM:ODUU GADDAA:Hagayya.30/2026.            ••••••••••••••••Yuubni Gadaa Oromoo Booranaatti Sirna Gadaa jabeessuun, daan...
08/30/2026

OFM:ODUU GADDAA:Hagayya.30/2026.
••••••••••••••••
Yuubni Gadaa Oromoo Booranaatti Sirna
Gadaa jabeessuun, daangaa Oromiyaa eeguun shoora guddaa bahataa turan lubbuun darban.

Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa kan turan Yuubni Gadaa Liiban Jaldeessaa kaleessaa du'aan addunyaa kanarraa godaananiiru.

Liiban Jaldeessaa dhibee isaanirra bubbuleen wal’aanamaa turanis dhibee kana irraa bayyanachuu dadhabuun Sambata ALI Hagayyaa 23/2018 Addunyaa kana irraa godaananiiru.

Abbaan Gadaa Liiban Jaldeessa, qaroo, jabaa, Jaalatamaa fi nama hawaasaa keessaatti nagaa fi araaraa buusuun beekamuu jechuun miidiyaalee biyya keessaa gabaasuurratti argamu.

Kana malees bara Gadaa isaanii Sirnaa Gadaa jabeessuu qofa osoo hin taane, daangaa Oromiyaa eeguu keessatti adda durummaan hojjetaa turaniidha duur-duubeen seenaa isaanii kan agarsiisu.

Hanga lubbuun isaanii darbuttis aadaa, duudhaa fi safeeffannaan Oromoo kabajamee dhalootatti akka darbu nama hawaasa Booranaa tajaajilaa turan akka ta'an seenaan isaanii ni hima.

Reeffi Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa fi Abbaa Seera Gadaa Booranaa, Liiban Jaldeessaa Guyyoo, magaalaa Yaaballootti simatameera.

‎Reeffa isaanii buufata xiyyaaraa Yaaballoo yeroo ga’etti, qaamoleen hawaasaa, qaamoleen seeraa fi hoggantoonni mootummaa argamuun kabajaafi gadda guddaan simataniiru.

Sirni awwaalchaa Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaa boru Godina Boorana Bahaa, Aanaa Areeroo, qe’ee isaanii keessatti akka gaggeeffamu ‎Koreen qophii Sirna awwaalchaa beeysisaniiru.

‎OFM' Lubbuun darbuu Abbaa Gadaa Liiban gaddi itti dhagayamu ibsuun maatii, firoottan, dinqisiiffattootasaanii, akkasuma Uummata Booranaa fi Uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwa.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Daandiin Xiyyaaraa Naashviil maqaa Dooliiy Paartanitti jijjiiramuufi.OFM:Hagayya.30/2026.Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunya...
08/30/2026

Daandiin Xiyyaaraa Naashviil maqaa Dooliiy Paartanitti jijjiiramuufi.

OFM:Hagayya.30/2026.Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Naashviil maqaa weellistuu beekamtuu Dooliiy Partan jedhamtutti moggaafamuufi.

Bulchaan Teenisi Biil Lii akka ibsanitti daandii xiyyaaraa kana maqaa isiitiin moggaasuuf karoora qabaachuu isaanii beeysisaniiru.

Biil Liin maatii fi waahillan weellistuu kanaa waliin haasa’uu isaanii fi yaada kanaan akka gammadan dubbatanii jiru.

Daandiin xiyyaaraa addunyaa irratti beekamaa ta’e maqaa isiitiin moggaafamuun murtee ummanni kabajaa fi dinqisiifannaa isiif qabu itti ibsachuudha jedhan.

Kantiibaan magaalaa Naashviil Fireedii O’konel yaada kana kan deeggaran yoo ta’u, Dooliiy Paartiin nama ummataaf ifa ta’ee fi jireenna isii guutuu ummata magaalaa isiitiif kan kennite ta’uu dubbataniiru. ''Yeroon jaalala Dooliif qabnu agarsiifnu amma,'' jedhan.

Yeroo amma Beeriiy Fiild Buufatni xiyyaaraa
Naashviil jedhamuun beekamu kun kan moggaafame yaadannoo Koloneel Harry Smith Berry, kan waraana addunyaa lamaaffaa keessatti tajaajilan ittiin yaadachuuf ture.

Miseensi mana maree kutaa biyyaa Teeneesii Tood Warner maqaa kana jijjiiruuf seera ni baasa jedhan.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Atileet Addisuu Goobanaa Maaraatoonii Siidinitti riikardii fooyyessuun injifate. OFM:Hagayya.30/2026.Maaraatoonii Siidin...
08/30/2026

Atileet Addisuu Goobanaa Maaraatoonii Siidinitti riikardii fooyyessuun injifate.

OFM:Hagayya.30/2026.Maaraatoonii Siidinitti riikardii ture fooyyessuun Atileet Addisuu Goobanaa injifateera.

Dorgommii Maaraatoonii marsaa 24ffaaf dorgomame kanaan Atileet Addisuu Goobanaa sa'aatii 2:04:42 ta'een galuun dorgommicha sadarkaa 1ffaan xummure.

Sa'aatiin Atileet Addisuun itti xummure riikardii bakka dorgommichaa ta’uun galmaa’eera.

Dorgommichaan Cimdeessaa Dabalee 2ffaa, Jamaal Makonnin 5ffaa, akkasumas injifataan bara darbee Haayilamaariyaam Kiroos 6ffaa akkasumas Daawwit Waldee 8ffaa bahuun dorgommii isaanii xummuranii jiru.

Dubartootaan ammoo Atileetiin Keeniyaa Peerees Jeeppichiirchiir 1ffaa bahuun xummurteetti.

Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii kana irratti hirmaatan Shuree Damisee, Heevan Hayiluu fi Masarat Ababaayyahu sadarkaa 3ffaa hanga 5ffaa qabachuun xummuruu, ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa irraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Seent Piiteersbarg keessatti dhohiinsa boombii konkolaataa muudateen Qondaalli waraanaa ol'aanaa Raashiyaa ajjeefame.OFM...
08/30/2026

Seent Piiteersbarg keessatti dhohiinsa boombii konkolaataa muudateen Qondaalli waraanaa ol'aanaa Raashiyaa ajjeefame.

OFM:Hagayya.30/2026.Raashiyaa magaalaa Seent Piiteersbarg naannawa shushaara jedhamu keessatti dhohiinsa boombii konkolaataa dhaqqabeen Qondaalli waraanaa ol'aanaa Raashiyaa ajjeefamuu qorattoonni biyyattii himan.

Haleellaan kun boombii konkolaataa keessa ykn konkolaataa jalatti kiyyeeffameen kan raawwatame yoo ta'u, qondaala ol'aanaa kanaan dabalata, haati warraa isaa wajjin konkolaaticha keessa turte akka malee miidhamuun gara hospitaala dhiyoo jirutti geeffamuun wal'aansa argataa jirti.

Koreen qorannoo yakkaa Raashiyaa taatee kana irratti qorannoo yakkaa banuu ibseera.

Angawoonni Raashiyaa eennummaa nama du’ee kanaa ifatti kan hin mirkaneessine yoo ta’u, miidiyaaleen biyyoota lamaanii garuu nama du’e kun Sergei Sychkov, 43, qondaala raayyaa helikooptara eegumsa addaa Raashiyaa 332ffaa ta’uu adda baasan.

Akka miidiyaaleen Raashiyaa gabaasanitti, nama haleellaa raawwate jedhamtee shakkamte dubartii ganna 24 yoo taatu, konkolaataa isii jalatti meeshaa dhoo'aa ofumaan hojjetame dhaabdee biyyaa baqatte.

Qorattoonni shakkamaan kun qaamolee humna waraanaa Yukireen waliin hidhata qaban waliin hidhata akka qabu himaniiru, garuu mootummaan Yukireen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa akka fudhate ifatti hin fudhanne.

Erga waraanni Raashiyaa fi Yukireen jalqabee as haleellaan walfakkaataan hojjettoota waraanaa Raashiyaa fi namoota dhuunfaa dhaabbata ittisaa waliin hidhata qaban irratti raawwatameera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Ilmi Netaaniyaahuu yaaddoo nageennaaf Yunaayitid Isteets irraa gara Israa'el deebifame. OFM:Hagayya.30/2026.Yahir Netaan...
08/30/2026

Ilmi Netaaniyaahuu yaaddoo nageennaaf Yunaayitid Isteets irraa gara Israa'el deebifame.

OFM:Hagayya.30/2026.Yahir Netaaniyaahuu, ilmi Ministeera Muummee Israa'el Benjamin Netaaniyaahuu, Ameerikaa irraa gara Israa'elitti hatattamaan deebi'eera.

Dhaabbanni dhimmaa nageennaa Israa'el Shin Bet, Yahir irratti namni miidhaa geessisuuf yaalu danda'a jedhamee sodaan guddaan jiraachuu mirkaneesseera.

Shin Bet akka jedhetti, haala jiru erga qoratee fi madaalee booda, Yahir Netaaniyaahuu fi gareen isa eegu hatattamaan gara Israa'elitti akka deebi'an murtaa'eera.

Yahir yeroo sana Filorida, Ameerikaa keessa ture. Haa ta'u malee, odeeffannoo waa'ee sodaa nageennaa argameen booda, gara biyya isaatti deebifameera.

Shin Bet garuu sodaan kun maal irraa akka dhufe ykn eennutu duuba isaa jira isa jedhu bal'inaan hin ibsine.

Guyyoota muraasa dura, Benjamin Netaaniyaahuun Iraan ijoollee isaa ajjeesuuf adamsaa akka jirtu dubbatee ture.

Yeroo sana garuu, haaliin ajjeechaa taasifamuu malee ilma isaa kam akka ta'e hin ibsine.

Amma immoo ibsi Shin Bet baase kun, ilma inni dubbataa ture Yahir Netaaniyaahuu ta'uu agarsiisa.

Iraan himannaa kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine.

Iraan duraanis, karoora Donald Tiraampi ajjeessuu ilma isaa ykn namoota biroo ajjeesuuf qopheessite jedhamee dhihaatu kamiyyuu kan mormitu ta'uu ibsitee turte.

Kanaaf, yeroo ammaa wanti mirkanaa'e, Shin Bet Yahir Netaaniyaahuu irratti sodaan guddaan jiraachuu isaa mirkaneessuu fi nageenna isaatiif gara Israa'elitti deebisuu isaati.

Himannaan Netaaniyaahuu torban darbe kan Iraan ijoollessaa ajjeesuuf adamsaa jirtu jedhu erga waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessuu jalqabee asitti, walitti bu'iinsi naannawa sanaa hammachuun, Hogganaan Ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni fi maatiin isaanii akkasumas qondaaltota ol'aanoo Iraan biroo ajjeefamani wal adamsaa turuu isaanii mul'isa.

Netaaniyaahuun, filannoo waliigalaa Israa'el Onkoloolessa 27 gaggeeffamuuf ji'oota lama qofa yeroo hafette, paartiin isaa sagalee ummataa keessatti duubatti hafaa wayita jirutti, himannaa kana gaaffii fi deebii bilbilaan miidiyaa israa'el Chaanaalii 14 waliin godhe keessatti dhiheesse.

Netaaniyaahuun gabaasa dhaabbilee nageennaa Israa'el keessaa tokko dorgomaa siyaasaa isaa tokkoof eegumsa kennuu diduu isaa ilaalchisee gaafatameen akkana jedhe.

Waan nama ajaa'ibu eegumsi barbaachisaan taasifamaa hin jiru, Ijoollee koo keessaa tokkoyyuu ajjjeesuudhaaf yaalii godhaniiru, jechuun eegumsi nageennaa jabaa akka hin taanee qondaalota nageennaa biyyattii akeekkachiisanii ture.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Manni murtii uggurri mirga dhalootaa lammummaa Doonaald Tiraampi akka hin dhaabbanne murteesse. OFM:Hagayya.30/2026.Abba...
08/30/2026

Manni murtii uggurri mirga dhalootaa lammummaa Doonaald Tiraampi akka hin dhaabbanne murteesse.

OFM:Hagayya.30/2026.Abbaan murtii federaalaa Ameerikaa ajaja haaraa pireezidaanti Doonaald Tiraamp lammummaa mirga dhalootaa hanga adeemsi seeraa xummuramutti daangessuuf kennan yeroof uggure.

Murteen kun kan kenname erga manni murtii olaanaa biyyattii uggura lammummaa bu’uuraa Tiraampi kanaan dura kaa’e kuffisee booda.

Manni Murtii Ol'aanaa himata falmitoonni mirga falman irratti dhiyaate irratti murtii kenne, Fooyya’iinsa 14ffaa kaasuun.

Murtee isaa keessatti mirga lammummaa kanaan dura kenname heera mootummaa kan faallessu jechuun kuffiseera.

Manni murtichaa qajeelfama Tiraamp marsaa lammaffaa, tooftaa haaraa fayyadamuun, erga Manni Murtii Ol'aanaa kuffisee booda gamaaggamaa akka jiru himamaa jira.

Gareen mirga falmanis qajeelfama haaraa kana irratti himannaa seeraa banuun itti fufaniiru.

Haa ta’u malee, abbaan murtii ajaja yeroof ajaja dhoorgaa qajeelfamni haaraan Tiraamp hatattamaan hojiirra akka hin oolle dhoorgu kennuu dide.

Kana jechuun hanga qajeelfamni sun guutummaatti mana murtiitti mormamee murtiin kennamutti adeemsi itti fufuu danda’a.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

OFM;ODUU/NEWS HAGAYYA 29/2026         ……………………………………
08/30/2026

OFM;ODUU/NEWS HAGAYYA 29/2026
……………………………………

GIA fi Gubelin Gem Lab Madda Haaraa Turmaline Kooppaar-Bearing Itiy...

President Donald Trump announced that the United States has reached an agreement giving it majority control over roughly...
08/29/2026

President Donald Trump announced that the United States has reached an agreement giving it majority control over roughly 65 billion barrels of Venezuela’s proven oil reserves. He said the deal was negotiated by Secretary of State Marco Rubio and Secretary of War Pete Hegseth in coordination with Venezuela’s interim leader Delcy Rodríguez, and that it comes at no cost to American taxpayers. Trump called it the biggest oil deal ever and said it more than doubles America’s oil reserves. The agreement includes long‑term rights to develop 17 major oil fields and is expected to bring huge private investment into Venezuela. The announcement comes as gas prices have climbed during the ongoing war with Iran, and Trump is under pressure to show he can stabilize fuel costs. Venezuela holds the largest oil reserves in the world, but its production has collapsed because of years of neglect and broken infrastructure. The new deal is meant to revive those fields with help from private operators and give the U.S. a steady supply of crude. Officials say the plan could bring nearly one hundred billion dollars in investment, create thousands of jobs and help rebuild Venezuela’s economy. The agreement follows a U.S. military operation earlier this year that removed Nicolás Maduro from power. More details about how the joint venture will operate, which companies will be involved and how the U.S. will exercise control are still unclear, but both governments say the deal marks a major shift in their relationship.

Dhaaddachi Neezarlaandis duguggaa sanyii Ruwaandaa irratti nama hirmaate hidhaa umrii guutuun adabe. OFM:Hagayya.29/2026...
08/29/2026

Dhaaddachi Neezarlaandis duguggaa sanyii Ruwaandaa irratti nama hirmaate hidhaa umrii guutuun adabe.

OFM:Hagayya.29/2026.Manni murtii Neezarlaandis lammii Daach-Ruwaandaa duguggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 irratti hirmaannaa qabuun hidhaa umrii guutuun adabeera.

Namni ganna 66 Yuujiin N jedhamu dhimmoota ittiin himatame keessaa gosoota Tuutsii istaadiyeemiitti baqatanii dhokatanii turantti fanjii itti darbatee ture.

Gochaa kanas ''kaayyoo duguggaa sanyii raawwachuun'' akka godhe dhaddachi kuni himuun yakka waraanaan balleessaa itti mureera.

Ruwaandaan bara 2014tti biyyatti akka deebi'u gaafattus qondaalonni Neezarlaandis garuu nama lammii Daach tahe kana qorachuu jalqaban.

Bara 1994 guyyaa 100 keessatti gosoota Tuutsii 800,000 tahaniifi gosoonni Huutuu ilaalcha siyaasaa jidduugalaa qaban fiinxaaleessitoota Huutuun ajjeefamaniiru.

Dhaddachi Za Heeg jedhamu Yuujiin gochaa kana yeroo raawwate hawaasa keessatti nama aangoo qabu ture.

''Shakkamaan kuni nama hawaasa keessatti kabaja qabuufi nama shoorasaa sirriitti beeku ture,'' Dhaddachi kuni ''yakka garaagaraa raawwate,'' jechuun ibseera.

Isteediyeemii kubbaa miilaatti warri Huutuu, warri Tuutsii akka hin miliqne jechuun ajaja kennaa ture.

Isteediyeemii keessatti danqamanii dhakaan dhahamanii, itti dhukaafamee fi boombiin itti darbamee du'aa turan.

Namni achirraa hafe kamiyyuu gooraadee fa'an ajjeefamaa ture.

Namni kuni himannaa irratti dhiyaate hunda waakkatee ture.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Address

3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108

Opening Hours

Monday 8:30am - 8pm
Tuesday 8:30am - 8:30pm
Wednesday 8:30am - 8pm
Thursday 8:30am - 8pm
Friday 8:30am - 8pm
Saturday 8:30am - 4pm
Sunday 8:30am - 4pm

Telephone

+12064835571

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Freedom Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Freedom Media:

Shortcuts

Share