Oromia Information Center

Directions

Oromia Information Center Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Information Center, Youth Organization, Minneapolis, MN.

  Humnoonni Tigraay Buufata Xiyyaaraa Maqalee Jiru 'Too'achuu' Booda Ballaliin Haqame***********************************...
09/23/2026



Humnoonni Tigraay Buufata Xiyyaaraa Maqalee Jiru 'Too'achuu' Booda Ballaliin Haqame
*************************************************

➡️Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii jechuun har'a ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.

➡️Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyaa Roobii barfata keessa fuula Fesbuukii isaarratti ibsa baasen balalii gara Tigraayitti taasisu ''yeroof adda cituu'' beeksiseera.

➡️Waa'ee humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee jiruufi humnoota federaalaan tikfamu to'achuu dhagahamuurratti gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.

➡️Sochiin humnoota Tigraay kuni yeroo muddamni Kaaba Itoophiyaatti cimee jiruufi hidhattoonni Itoophiyaa keessa jiran 'mootummaa buusuuf' wal ta'insa tolfachuu erga ibsan booda dhagahame.

➡️Dhaabi TPLF bulchiinsa Naannoo Tigraay aangoorraa buusee hooggansa naannichaa erga too'ate booda ji'oota muraasa darban mootummaa federaalaa waliin muddamni cimeera.

➡️Haleellaawwan dirooniis bakkeewwan Naannoo Tigraay garagaraatti raawwatamuu gabaafamuu itti fufaniiru.

➡️Akka maddeen garagaraa jedhanitti, gaafa Roobii ganama har'a irraa eegale humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee jiru to'achuu dubbataniiru.

➡️Miidiyaan Faransaay AFP'n gama isaan maddeen eeruun humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Magaalaa Maqalee jiru to'achuu isaanii gabaaseera.

➡️Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen magaalota sadii Naannoo Tigraay keessa jiran; Maqalee, Aksuum fi Shireetti, ALII Fulbaana 13, 2019 eegalee balaliin adda cituu ibseera.

➡️Sababa balaliin adda citeef hin dubbanne. Ibsa isaa keessatti garuu ''haala [naannicha] keessa jiruun'' adda cituu dubbate.

➡️Balaliiwwan kuni garuu yoom akka deebi'anii eegalan Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waan dubbate hin qabu.

➡️Hoggantoonni TPLF mootummaa federaalaa kuffisuuf kaayyoo akka qaban irra deddeebiin ibsuu isaanii hordofee mootummaan federaalaa haleellaawwan diroonii humnoota Tigraay irratti qiyyaafatan jedhame raawwachaa tureera.

➡️Guyyaa Kibxataa Naannoo Tigraay naannawa magaalaa Allaamaaxaatti haleellaa diroonii raawwateen yoo xiqqaate namoonni 14 ajjee*famuufi 'baay'ee' immoo madaa'uu isaanii kantiibaan magaalattii Obbo Mogos Shifarraa himaniiru.

➡️Kantiibichi ''kanneen ajjee*faman hunduu namoota nagaadha'' jechuun humnoota Tigraayis ta'e meeshaa waraanaa irratti miidhaan gahe hin jiru jedhan.

➡️Haa ta'u malee, akka jiraattonni jedhanitti kanneen miidhaman keessaa 'hidhattoonni baay'ee' akka jiran himaniiru.

➡️Haleellaan Allaamaaxaa manneen barnootaa Mallas Zenaawwiifi Iyyaasuu Barihee jedhaman irratti akka raawwate jiraattonniifi kantiibaan magaalattii dubbataniiru.

➡️Akka jiraattonni jedhanitti, haleellaa manneen barnootaafi naannawa mana barumsichaatti raawwate jedhameen dirooniin irra deddeebiin haleellaa raawwatuu himu.

➡️Mootummaan federaalaafi TPLF gidduu Waliigalteen Piritooriyaa erga mallattaa'e booda balaliiwwan xiyyaaraa itti fufanis waggaa darbe baatii Amajjii keessa guyyoota muraasaaf balaliin adda citee ture.

©️ Oromia Information Center Follow Share

Turtii Obbo Jawaar Mahaammad Haala Yeroo fi Tumsa   Irratti.Obbo Jawaar Mahaammad haala yeroo, tumsa Ximdoo fi ibsa walo...
09/22/2026

Turtii Obbo Jawaar Mahaammad Haala Yeroo fi Tumsa Irratti.

Obbo Jawaar Mahaammad haala yeroo, tumsa Ximdoo fi ibsa waloo kaleessa gareen kun kenne, akkasumas haala qabatamaa waraanni ka’uuf deema jedhamaa jiru irratti BBC News Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniiru.

Obbo Jawaar, ibsa tumsa waloo guyyaa kaleessaa Garee Ximdoon “fincilaan mootummaa giddugaleessaa aangorraa kaasna” jechuun kenne ilaalchisee, ibsi kun mootummaa federaalaa faayidaa kan qabuufi akka ummanni mootummaa cinaa dhaabbatu taasiseera jedhan.

Gama biraatiin, Gareen TPLF yeroo ammaa waraana keessa seenuuf, akkuma duraanii, deeggarsa ummataa fi humna waraanaa gahaa akka hin qabne, ofuma isaaniillee ofitti amanamummaa akka hin qabne ibsaniiru. Akkasumas, humna Eertiraa amananii lolatti galuun rakkoo keessa akka isaan galchu kaasaniiru.

Gareen TPLF, kan Sammuu MM duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiin ijaarame ta’uu kan ibsan yoo ta’u, erga Mallas du’anii booda gareen kun faayidaa malee hafeera jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

Waraana Kaabaa marsaa darbe irratti TPLF garee muuxannoo waraanaa fi dipilomaasii cimaa qabu ture jedhan. Waraana sana keessatti namoonni akka Jeneraal Tsaqaa fi Geetachoo Raddaa dabalatee, hojii dipilomaasii cimaa biyyoota Lixaa fi Ameerikaa waliin hojjataa turuu isaanii kaasanii, kanaanis dhiibbaa geessisaa akka turan ibsaniiru.

Garuu yeroo ammaa gareen kun diigamuu isaa, namoonni kana dura hojii dipilomaasii fi miidiyaa irratti hojjataa turanis mootummaa federaalaa waliin jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa waraana Kaabaa irratti, akkuma kana duraatti, muuxannoo guddaa qabaachuu isaa kaasanii, yeroo ammaa kanas Mootummaan Federaalaa garee TPLF irratti fincila banuu dhiisee hojii dhaabbilee federaalaa Magaalaa Maqalee fi Naannoo Tigraay keessatti, balallii xiyyaaraa dabalatee, hojiiwwan gara garaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Garuu yeroo ammaa mootummaa naannoo miti; garee fincilaas miti; gidduuttuu rakkoo keessa jira jechuun haala garee kanaa ibsaniiru.

Humni Eertiraa muuxannoo waraanaa qabaatus, dargaggoota gahaa akka hin qabneefi gama kanaanis hanqinni garee sanaa jiraachuu kaasaniiru.

fi irratti yaada kennaniin, gareewwan lamaan walamantaa akka hin qabne kaasuun, tumsi isaanii “tumsa guyyaa tokkoo ykn lamaa” ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, tumsi Ximdoo ammas tumsa biyya diiguuti malee biyya ijaaruuf kan ta’e miti jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa humna duroonii fi qilleensaa cimaa qabaachuu isaas ibsaniiru.

Yoo lolli Kaabaa kun jalqabe, Mootummaan Federaalaa olaantummaa waraanaa qabaachuun waraana kana xumuruu danda’a jechuun, yoo giddu-seentummaan alaa jiraate garuu waraanni kun yeroo dheeraa turuu akka danda’u kaasaniiru.

Dabalataanis, haala kana keessatti Mootummaan Eertiraa fi mootummaa Isaayyaas Afaworkiin walqabatu diigamuu akka danda’u ibsaniiru.

Kana dura Amb. Baacaa Dabalee illee, yoo lolli kun jalqabe, mootummaa Isaayyaas Afawoqii dabalatee, naannoo daangaa biyyoota lamaanii jiru irratti dhiibbaa guddaan uumamuu akka danda’uufi daangaa wanti jedhamu akka hin jiraannes uumamuu danda’a jechuun ibsanii turuun isaani kan yaadatamuudha.

©️ Oromia Information Center Follow Share

🇰🇪 Keeniyaan irra aante!Biyyi ollaa Itoophiyaa Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa bara 2029 qopheessuuf filamte. ...
09/15/2026

🇰🇪 Keeniyaan irra aante!

Biyyi ollaa Itoophiyaa Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa bara 2029 qopheessuuf filamte.

Keeniyaan Landanii fi Room waliin dorgomuun dorgommicha qopheessuuf filamte. Afrikaarraa biyya jalqabaa qopheessitu ta'uuf deemti.

©️ Oromia Information Center Follow Share

 !"Maammilli koo Obbo Taayyeen yoo Zamanee Kaasee yookiin Dabratsiyoon waliin hariiroo qabaachuun isaa ragaan jiraate dh...
09/15/2026

!
"Maammilli koo Obbo Taayyeen yoo Zamanee Kaasee yookiin Dabratsiyoon waliin hariiroo qabaachuun isaa ragaan jiraate dhiyeeffadhaa jechuun Abbaa Alangaa gaafatan Abukaatoon Obbo Taayyee Danda'aa Obbo Nigus Abarraa!",

Dhaddacha guyyaa har'aa 5/1/2019 dhimma Obbo Taayyee oole irratti Abukaatoon Obbo Taayyee Danda'aa Taayyeen Zamanee Kaasee yookiin Dabratsiyoon waliin hariiroon qabu yoo jiraate ragaan akka itti dhiyaatu mana murtii olaanaa federaalaa gaafatan. Manni murtii Olaanaan beellama torbee darbe irratti mirga wabii obbo Taayyeef hayyamuusaan isaa kan yaadamu yoo ta'u, guyyaa har'aa garuu adeemsichi erga xumuramee booda,poolisiin waan ol iyyateef hingadhiisnu jechuun manni sirreessaa dideera.
Akka maatii fi abukaatoo Obbo Abarraa Nigus irraa odeeffannetti beellama guyyaa har'aa 5/1/2019 ooleen,Manni Murtii Waliigalaa gaaffii Mirga Wabii gaafatameef beellama biroo Jimaata 8/01/2019 ilaaluuf qabateera.!!

Gaafa abbaan irree dhimma dhuunfaatiif mana hidhaa si kaa'u ajaja mana murtii utuu hin taane, ajaja abbaa irreetiin baata!

Biyya kana keessatti seeratu jira jedhanii eenyu irraayyuu haqa eeguun hin danda'aamu.

Manni murtii afaan abbaa irreeti!
Poolisiin alangee abbaa irreeti!
Makkalaakayaan dullaa abbaa irreeti!
Waajjirri kam iyyuu lammiif jedhee haqaan kan hojjetu hin jiru!!

©️ Oromia Information Center Follow Share

KUTAA WARAANAA XADDELLEE: Kaayyoofi akeekni guddaa finxaaleyyii Amaaraa maqaa eenyummaa, lafaafi gosaa jijjiiruudha. Maq...
09/15/2026

KUTAA WARAANAA XADDELLEE:

Kaayyoofi akeekni guddaa finxaaleyyii Amaaraa maqaa eenyummaa, lafaafi gosaa jijjiiruudha. Maqaan “Dhaadellee” jedhu maqaa gosa Oromootaati. Ilmaan jahan Noonnoo keessaa Dhaadelleen tokkodha.

Bara bulchiinsa mootummaa wayyaanee OPDO'n mirga uummatichaa kabachiisuu dadhabdee godina Guraagee jala akka galu goote. Gosti Oromoo sun hanga yoonaa Oromiyaa jalatti deebi'uuf gaafachuu hin dhiifne.

Shiftoonni Amaaraa maquma ilma Noonnoo Dhaadellee qubeee jalqabaa “Dh” waamuu waan hin dandeenyeef “X”tti geedaruun “Kutaa Waraanaa Xaddellee” jettee moggaafatte. Godinichatti, maqaa gosa Oromoo qubee jijjiirtee kutaa waraanaa moggaafattee Oromoo a**eesaa jirti.

©️ Oromia Information Center Follow Share

‎Jawaar maalif obbo Lidatuu, obbo Leencoofii namoonni biroo yeroo isa dubbisuu dhaqan kiisii isaanii sakattaasisee ol ga...
09/11/2026

‎Jawaar maalif obbo Lidatuu, obbo Leencoofii namoonni biroo yeroo isa dubbisuu dhaqan kiisii isaanii sakattaasisee ol galcha?🤔
‎ ======•••••••======
‎Yeroo darbe obbo Lidatuun Jawaaritti hedduu akka aare dubbachaa ture; Jawaaritti akka aaru wanneen isa taasisan yeroo kaasu akkas jedhe, Jawaar yeroon barbaadutti hin argadhu, bilbila nama waliin haasa'uuf eeyyamamaa miti, Hoteelatti yoon waame hin dhufu, yeroo mara Xiyyaararran jira jedha, dhimmoota tokko tokko waliin mari'anna jedhee yoon dubbise mana jireenyaa isaatti na waama tole jedhee yoon dhaqe osoon isa bira hin gahiin alatti sakatta'ameen seena bilbila fudhadhee akkan isa bira dhaqu naaf hin eeyyamamu bilbila alatti dhiiseen seena, ani nama siyaasa keessatti qancaredha Jawaar siyaasa keessatti kichuudha ani biyya kiyyaaf jechan kabaja kiyya gadi buusee isa waliin mari'achuu murteesse inni garuu kana narratti hojjate ana qofa miti obbo Leencooyyuu yeroo jaarsi bira dhaqu sakattaasisaa ture jedhe; Jawaar nu waliin mari'achuu hin barbaadu karaa qaxxaamuraa deemee ofii isaa aangoo qabachuu barbaada waan jedhu kaase!🤔
‎Dhugaa dubbachuuf akkuma Lidatuun jedhu Jawaar waan kana godheera taanaan Jawaar nama jabaa seenaa darberraa baratedha jedhee fudhadha!
‎Goototaafii beektota Oromoo kan lafarraa fixe inni guddaan nama amanuudha, of tiksuu dadhabuudha, kanaaf Jawaar seenaa darbe irraa barateera jedheen fudhadha; yoo akkas godheera ta'e gochi kun cimina isaa ibsa!
‎Obbo Lidatuun Jawaar akkas nagodhe jedhee miira keessa galee waan kana miidiyaa irratti himuun isaa waan akeeku qaba!; Jawaar irratti saaboteejjii wayii hojjachuuf ka'ee karoorri isaa akka jalaa fashalaa'e namatti agarsiisa!
‎Obbo Lidatuun Jawaar siyaasa keessatti akka kichuu ta'etti ibsuu yaale dhugaadha umuriin isaa kichuudha siyaasa keessatti hanga isaa umurii dheeraa akka hin dabarsine beekkamaadha kunimmoo cubbuu miti bara dhaloota isaaniitu murteessa Lidatuun abbaa Jawaar ta'uu danda'a; dhimmoota siyaasaa irratti waliin hojjachuuf ammoo wanti ilaallamuufii madaallamuu qabu umurii osoo hin taane hubannoo siyaasaa namni sun qabudha; madaallii kanaan ammoo Jawaar Lidatuu yoo caale malee isaa gadi hin ta'u kanaaf Lidatuun Jawaar waliin mari'achuun isaa akka inni jedhu sana kiiloo isaa waan gadi buusu hin qabu yoo olkaase malee!
‎Osuma ta'eeyyuu nama isa waliin haasa'uun kiiloo kiyya gadi buusa jettee amantu waayee isaa miidiyaatti baatee hin dubbattu!
‎Walumaa galatti Jawaar tarkaanfii inni fudhate sirriidha "nama garaa ga'uutti garaan lafa nama ga'a" jedha Oromoon; inumaa namni keenyi hundi bifa kanaan dammaquu qaba!

©️ Oromia Information Center Follow Share

09/11/2026

Yaa Dhufne Oromoo!
Jirtuu

©️ Oromia Information Center Follow Share

Jette aayyoon Wallaggaa! "Shira siyaasaa tiinDhala koo nyaattani,Kichuutti kuttaniiBineensaaf laattani,Bineensa daggalaa...
08/20/2026

Jette aayyoon Wallaggaa!

"Shira siyaasaa tiin
Dhala koo nyaattani,
Kichuutti kuttanii
Bineensaaf laattani,
Bineensa daggalaa
Foon ilmaan koo sooru,
Bara dhufaa darbaa
Imimmaankoo hinqooru,
Reeffa ijoollee kootii
Argadhee hin awwaalle,
Naaf 'saneen sanuma'
Hoomaa wal hin caalle,
Sanyii koo balleessuuf
Mariitu godhame-gareetiin ta'amee,
Waaqa koottin bo'a
Yoo naaf dhagaa'ame! "

Lati

©️ Oromia Information Center Follow Share

08/20/2026

🔥
Hiriirri Mootummaa Biltsiginnaa irratti Arsii Sirkaa keessan itti dhoohe jira. Ummanni gaafa obse obsee jedhe abbaan isa dhaabuu hin jiru Rabbi fi dhugaa malee. Santu furmaata!

©️ Oromia Information Center Follow Share

Bilxiginnaan WBOn Faannoo hin loluu? Maaf nu qofa lola jettee nutti boochi.Akka yaadatti Faannoo caalaa Oromootti of-aan...
08/16/2026

Bilxiginnaan WBOn Faannoo hin loluu? Maaf nu qofa lola jettee nutti boochi.
Akka yaadatti Faannoo caalaa Oromootti of-aansuu isheedha. Nutimmoo garaagarummaan Faannoo fi Bilxiginnaa gidduu hin jiru jennee amanna.
Lachuu diina Oromooti, kanaafuu WBOn lachuu filee hin lolu, walumaan ishee laballaba. Inumaatuu Faannoon ilma bilxiginnaa ta'uu biyyi guutuun ni beeka.
Duubagaa Abbaatu ilma daba qaraasisa waan ta'eef, ilma caalaa abbaatu lolama.
Kanarratti hirmii baafadhu siin jechaa jirraam.
Yaa pp Naf*enyaa Afaan Oromoo beektu.
Ilma kee Faa*oo caalaa Oromootti ofin aansitu.😂

©️ Oromia Information Center Follow Share

Address

Minneapolis, MN

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Information Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share