09/14/2025
Waldaan Kubbaa Ispoortii Fayyaa Michuu barattoota harka qalleeyyii 150 ta'aniif meeshaalee barnootaafi Ispoortii deeggarsa taasise
Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 04, 2018- Waldaan Kubbaa Ispoortii Fayyaa Michuu Hojjettoota Mootummaa Biiroolee Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee Bishooftuu jiraataniif namoota fedhii qaban kaanirraa gurmaa'e Magaalaa Bushooftuutti Mana Barumsaa Boolee Sadarkaa 1ffaa Booleetti barattoota harka qalleeyyii 150 ol ta'aniif meeshaalee Barnootaafi Ispoortii garaagaraa deeggarsa taasiseera.
Pirezedaantiin Dhaabbata Nageenya, Misoomaafi Badhaadhina Itoophiyaa Dargaggoo Abdii Amaan ergaa dabarseen hojiin tajaajila lammummaa hojii eebbifamaa nama biraa galata, waaqa biraammoo eebba argamsiisu tahuu kaasanii, dhaabbanni isaanii hojichatti dammaqinaan hirmaachuun rakkoo bu'uuraa lammilee furaa jiraachuu himaniiru.
Barnoonni bu'uura misoomaafi badhaadhinaati kan jedhan Daraggaggoo Abdiin dhalootni egeree biyya kanaa utubuuf abdiin itti kennamu kunneen hanqina meeshaalee barnootaan barnoota isaaniirraa duuba akka hin deebineef dhaabbanni isaanii cimsee kan hojjetu tahuu ibsaniiru.
Walitti Qabaan Waldaa Ispoortii Fayyaa Michuu Obbo Isheetuu Sirneessaas kaayyoon Waldaa Ispoortii Michuu Fayyaa miseensotaa eeguuf, Walitti Dhufeenya Hawaasaa Cimsuufi hojii Tajaajila Lammummaa hojjechuu kaayyefate kan hundaa'e tahuu kaasanii waldaaleefi dhaabbileen hunduu hojicha tumsuu akka qaban dhaamaniiru. Lammii ofiif lammiitu gaachana kan jedhan Obbo Isheetuun barattoota harka qalleeyyii deeggaruun barsiisuun egeree biyyaaf dhaloota oomishuudha tahuu himan.
Deeggarsichas Dhaabbata Nageenya, Misoomaafi Badhaadhina Itoophiyaa, Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Oromiyaafi Magaalaa Finfinneetti Hojjettoota Abbaa Taayitaa eyyamaafi to'annoo Konkolaachistootaafi Konkolaataa Damee Qaalliittii irraa kan argate ta'uun ibsameera.
Waldichi waggoota sadan darbe hojii sochii Ispoortii cinatti tajaajila lammummaatiin barattoota 100 oliif meeshaalee barnootaa guutuun barsiisaa jiras jedhameera.
Rakataa Furaa