Oromo Community of Las Vegas

Oromo Community of Las Vegas GARGAARUUF YOO TA'E MALEE GARGAARAMUUF GANDA HIN DHAQINU; OROMOON OROMOOF GAHAA DHA!!!!!!!

OMN Community Tour hosted by Oromo Community of Las Vegas!
11/19/2021

OMN Community Tour hosted by Oromo Community of Las Vegas!

10/05/2021
02/13/2021

Hiriira Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo fi balaalefannaa Mootummaa Ethiopia.

Ashamaa akkam jirtu kabajamoo fi jaalatamoo Maatii HOLV?

Akkuma Marii keenya kan guyyaa Gurraandhala 10, 2021 godhanne irratti mari’annee murteesinetti, Akkuma Hawaasota Oromoo Steetota gara garaatti Hidhamtoota Siyaasaa keenyaaf akkasumas rakkoolee ummata keenya biyya Itoophiyaa sana keessatti mudataa jiraniif gadi baanee sagalee ta’uu akka qabnu murteefachuun keenyaa ni yaadatama. Murtee kana giddu-galeessa godhachuun Hiriira Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Oromootii fi akkasumas balaalefannaa dhiibbaa Mootummaan Ethiopia ummata keenyaa irratti godhaa jiru akka armaan gaditti qopheesineera.

Guyyaa: Roobii, Gurraandhala 17, 2021
Yeroo: 10::00WD (10:00AM)
Iddoo: Fuuldura Federal Courthouse
Teessoo: 333 Las Vegas Blvd S, Las Vegas, NV 89101

Hiriira kana irratti hamma danda’ameen uffata keelloo keewwachuun baanee ummata keenyaa mana hidhaa keessatti dararaan irra qaqqabaa jiruuf sagalee akka taanuuf hunduma keessaniif waamicha kabajaa fi Oromummaa isiniif goona. Namoota hirmaachisuu irratti hundumti keessan gahee keessan akka baataniif kabajaan isin gaafanna. Namoonni guyyaa Hiriira sanaaf wantoota barabaachisoo ta’an gara garaa irratti gargaarsa nu gochuu dandeessan kara keessaatiin akka nu qunnamtan asuman isin yaadachiisuu barbaanna.

Galatoomaa,

KHR HOLV!

02/09/2021

Ashamaa akkam jirtu Kabajamoo fi Jaalatamoo Maatii HOLV?

Akkuma kanaan dura beeksisuuf yaalettii guyyaa Borii ykn Gurraandhala 10, 2021 Mariin Waa’ee Galma Hawaasa keenyaa jedhu waaree booda sa’aatii 6:30(6:30pm) irratti waan calqabuuf hundumti keessan yeroodhan argamuun maricha irratti akka hirmaattan kabajaan irraa deebinee isin gaafanna. Mariin guyyaa borii kun fulduree Hawaasa keenyaatiif baay’ee barbaachisa dha jennee amana. Kanaaf Miseensota keenyaa hundumaa karaa dandeetan hundaan nuuf yaadachiisuun Murtee guyyaa borii darbu kana irratti akka nuuf hirmaachiftan kabaja guddaan isin gaafanna.

Guyyaa: Gurraandhala 10, 2021
Yeroo: 6:30WB(6:30pm)
Toora Zuumii(Zoom)

Our meeting ID: 532 785 9338
Password: 1980

Please follow the following guidelines to be connected to our Zoom meeting:

1. Sign in to your zoom account

2. tap Join

3. Enter our meeting
ID: 532 785 9338

4. Password: 1980

Galatoomaa!

KHR HOLV!

10/11/2020
2020 West Coast Regional Oromo Communities IRREECHA Celebration in Las Vegas hosted by Oromo Community of Las Vegas.
10/10/2020

2020 West Coast Regional Oromo Communities IRREECHA Celebration in Las Vegas hosted by Oromo Community of Las Vegas.

ODUU GAMMACHIISAA --- WAAMICHA EEBBA GALMA HAWAASA OROMOO MAGAALA LAS VEGAS   Ashamaa akkam jirtu kabajamoo fi jaalatamo...
08/29/2019

ODUU GAMMACHIISAA --- WAAMICHA EEBBA GALMA HAWAASA OROMOO MAGAALA LAS VEGAS


Ashamaa akkam jirtu kabajamoo fi jaalatamoo Miseensota HOLV?

BAGA GAMMADDAN BAGA GAMMANNE!


Akkuma hundi keessan yaada fi qalbii keessan keessa qabdanitti Koree hojii raawwachiiftuu Jaarmiya Hawaasa Oromo magaala Las Vegas kanneen duraa irraa calqabee yaaliin Galma ofii keenyaa bitachuuf/qabaachuuf godhamaa ture Koree yeroo ammaatti Jaarmiyicha gaggesaa jiruun kaayyoo fi karoora keenyatti cichuudhaan Firii gaarii argamsiisun Galma Mataa keenya bitachuun danda’ameera.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Jaarmiya Hawaasa Oromoo magaala Las Vegas oduu gammachiisaa fi seena qabeessa kana isin biraan yommuu geennu gammachuu fi ulfinni guddaan kan nutti dhaga’amu ta’uu isiniif ibsuu barbaanna! Kanumaan wal-qabsiisuudhan

Nuti Koree Hojii Raawwachiiftuu Jaarmiya Hawaasa Oromoo Magaala Las Vegas guyyaa Eebba Galma Giddu-gala Hawaasa Oromoo magaala Las Vegas akkaataa armaan gadiitti Karoorsuu keenya kabajaan isin beeksifna.

Guyyaa: Roobii, Fulbaana 25, 2019
Yeroo (Time): Sa'aa 5:30 WB eegalee
Bakka (Place): Las Vegas Oromo Community Center
Tessoo (Address):
7785 Dean Martin Dr
Las Vegas, NV 89139
(Dean Martin & Robindale )

Maarre tokkolle ykn enyullee utuu hin hafin hundumti keenyaa walitti dhufnee wal-wajjiin guyyaa seenaa Jaarmiya Hawaasa Oromoo Magaala Las Vegas keessatti iddoo oli’aanaa qabuu fi yeroo dheeraadhaaf hawwamaa ykn eeggamaa ture kana bifa ho’aa ta’een kabajuudhaaf hundumti keessan ammarraa calqabdanii iddoo hojii keessanii irraa haala mijeeffattanii guyyaa kana maatii fi firoottan hundumaa wajjiin ta’uudhan akka nuuf argamtan kabaja guddaadhan waamicha isiniif goona.

Galatoomaa!

KHR HOLV!

Address

P. O. Box 31283
Las Vegas, NV
89173

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Community of Las Vegas posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromo Community of Las Vegas:

Share