21/03/2026
Aartistii Mahdii Abdurahmaan (Mahdii Xiqqaa) du’aan addunyaa kana irraa boqochuu isaa yeroo dhageenyu, gadda guddaa fi naasuu cimaa nutti dhaga’ame. Dhugumatti, hojiiwwan aartii isaa miidhagaa fi sagalee isaa qalbii namaa tuquun, hawaasa keessatti bakka guddaa qaba ture. Amala gaarii, tasgabbii fi kabaja isaatiin nama hedduu biratti jaallatamaa fi fakkeenya gaarii ture.
Duuti isaa hanqina guddaa aartii fi hawaasa keenya irratti dhiise.
Rabbiin rahmata isaaf haa godhu, maatii isaatii fi jaalattoota isaatiif obsaa fi jajjabina haa kennu. Akkasuma hawaasa Oromoo bal'aaf jajjabina hawwina.
Jannanni qubsuma isaa haa taatu.
Waldaa Qorannoo fi Misooma Odaa (ORDA)