Saqii sanqaa

Saqii sanqaa Saqii sanqaa

13/04/2025

JAALALA DHUGAA!

"Obbolaan lama maasaa abbaa isaanii irraa hojjetantu turan. Inni tokko fuudhee maatii hedduu qaba ture. Inni tokko immoo hin fuune. Galgala hunda midhaan maasaa irraa argatan wal-qixa hirmaatu.

Gaaf tokko obboleessi inni kophaa jiraatu sun, "midhaan kana wal-qixa hirmaachuun keenyi sirrii miti. Ani kophaakoon jiraadha wanti na barbaachisu baay'ee miti" jedhee yaade. Kanaaf galgala hunda midhaan isa ga'e irraa keeshaa tokko tokko fuudhee dhoksee mana obboleessa isaa geessee gombisaa isaatti naqaaf ture.

Inni fuudhe immoo, "midhaan argannu kana obboleessakoo wajjin wal-qixa hirmaachuunkoo sirrii miti. Ani haadha manaa qaba. Ijoollees nan qaba. Isaan na kunuunsu. Obboleessikoo garuu nama isa kunuunsu hin qabu" jedhee yaade. Kanaaf, galgala galgala otoo inni hin argiin midhaan keeshaa tokko *2 gombisaa obboleessa isaatti naqaaf ture.

Lamaan isaaniiyyuu maaliif akka gombisaan isaanii hin hir'anne waggootaaf ajaa'ibsiifachaa jiraatan. Isa booda galgala tokko akka tasaa lamaan isaanii karaa irratti walitti ba'ani. Lachuun isaanii keeshaa midhaanii baatanii jiru. Maaltu ta'aa akka ture hubachuuf yeroo itti hin fudhanne. Keeshaa isaanii lafa kaa'atanii walitti marmanii boo'an" jedha seenaan kun.

~Nutihoo Obboleessa keenyaaf jaalala akkamii qabnaa?

~Waan gaarii moo waan hamaa dhoksinee gudunfinaafii?

~Lafa jirru dhaabannee of haa ilaallu!

Naaf ulfaadhaa isinan jaalladha!

Dubbistanii yoo xiqqaate namni tokkollee akka irraa barattan abdii guutuun qaba.

Hiriyaa keessaniif share godhaa.

13/04/2025

Jireenya jibbitu jiraachuuf mirga malee dirqama hin qabdu!

hattuu miti kan dhokatee jireenya kee lixu...Fuuluma fuulatti si dura dhaabatee Ani si waliin jiraachuun fedha naaf heeyyamtaa sin jedha. Tole jennaan ni seena, Lakki jennaan sorooree dura keeti sokka! Jireenyi filannoodhakaa! Soorummaniis lotoorii miti kan kan akka carraa gara Kee dhufu; bu'aa dafqaati! Ati heeyyamnaaniif mana Kee keessa baraan jiraata! Jireenyi dhimma filannooti malee, carraa miti. Waa'ee soorummaaf hiyyummaa haasa'uufaan miti,Ani kanaan jechuu fedhu; jireenya filattee jiraachuuf mirga akka ati qabdu siif rageessuufani! Waaqayyoo Addamiif Heewwaniin gaafa Edeen keessatti uumu waa Lama itti himee, mukaa Isa kanarraa yoo nyaattee ni jiraattu fi Isa sanarraa ammoo yoo nyaattaan ni duutuudha.! Filannoon kan isaati! Nyaattee du'uu ykn nyaattee jiraachuu lamaan isaaf mirga qabda!

Waa jedhu ... ..

Tokko jiraatta, lama hin dhalattu! filannoo baddee keessa jiraattuus, filannoo toltee keessa jiraattuus jiraachuuf kan siif kennamees jireenya tokko! Maal siif wayya? Filannoo jireenyaa toltee jireenya gaarii jiraachuu moo?, Maal na dhiibdeen of uutee bara lakkaa'uu? Filannoon keeti! Utuu yeroof humna qabduu har'a jireenya keef murtee sirrii fudhu. Dogoggorri guddaan filannoo jireenyaa baduudha!

jireenya jibbitu jiraachuuf mirga qabduus, garuu dirqama hin qabdu!

Yoos maaf jireenya isa akka ajaa'ibaa, Isa keessi Kee jiraachuuf dheebotu Sana hin jiraaturee?

Shakkiif sodaa irraa kan ka'e jireenya kee tarree jireenya jibbitu keessa hin galchiin; jireenya ija qabu jiraachuuf mirga qabdaati jiraadhu!

13/04/2025

"Rakkinni hamaan addunyaa kanaa, mana dukkana keessa adurree gurraattii barbaaduudha. Keessumaa yoo adurreen sun mana sana keessa hin jirre..."

😄😃

➊. Abrahaam Liinken — Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.— Waan feete ta'i; garuu itti cimi! —...
03/05/2024

➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.
Join gochuf 👇👇👇👇👇https://t.

Akeekkachiisa Faransaay hordofee hidhattoonni M23 baha Koongotti magaala albuudan badhaate to’atanHidhattoonni M23, Baha...
03/05/2024

Akeekkachiisa Faransaay hordofee hidhattoonni M23 baha Koongotti magaala albuudan badhaate to’atan
Hidhattoonni M23, Baha Dimookiraatik Rippaabilik Koongoo keessaa socho’an, magaala albuuda bilbila omishuuf murteessaa ta’e qabdu to’achuu beeksisan.

Magaalli Rubaayaa, kan hidhattoonni to’atan, albuuda addunyaarratti mobaayila omishuuf gargaaru Koltanii jedhamu qabaachun beekamti.

Ameerikaan Raashiyaan waraana Yukireen keessatti meeshaa keemikaalaa fayyadamte jechuun himata bante.Ameerikaan Raashiya...
02/05/2024

Ameerikaan Raashiyaan waraana Yukireen keessatti meeshaa keemikaalaa fayyadamte jechuun himata bante.

Ameerikaan Raashiyaan uggura idil-addunyaa meeshaa keemikaalaa irratti kaa’ame kan kilooroopikriinii fi gaazii imimmaan nama boochisu fayyadamuu cabsite jechuun himatte.

Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets ibsa baaseen itti fayyadamni keemikaalota akkanaa taatee adda baafamee mul’atu akka hin taane, akkasumas Raashiyaan loltoonni Yukireen bakka hidda gadi fageeffatan irraa buqqisuuf meeshaa keemikaalaa fayyadamte ta’uu mala jedheera.

Raashiyaan dirree waraanaa irratti injifachuuf fedhii waan qabduuf meeshaa keemikaalaa fayyadamuu dandeessi jechuun Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa wabeeffachuun Dhaabbanni Fayyaa fi Nageenya Hojii Biyyaalessaa Ameerikaa beeksise.

Yakki isaan ittiin himataman maalidha?Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraa...
02/05/2024

Yakki isaan ittiin himataman maalidha?

Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himataman.

Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru. Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidaataa dhaddacha yakkoota dhimma heera mootummaa fi sirna Heera Mootummaatti himanni kun banamuu ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

 Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera.Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoo...
02/05/2024



Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoota saayinsii hawaasaa; Adoolessaa 9 hanga 11/2016tti barattoota saayinsii uumamaaf toora interneetii fi waraqaan Yuunivarsitii keessatti akka kennamu ibsame.

Barattoonni saayinsii hawaasaa waraqaa irratti qoraman waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, Barattoonni saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 hanga 7, 2016tti mooraa ni seenu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

https://t.me/oro_sigma_87
https://t.me/oro_sigma_87

Rooba jabaa Keeniyaatti Roobaa jiruun lubbuun namoota hedduu darbe.Keeniyaatti Balaa Lolaa mudateen lakkoofsi namoota du...
02/05/2024

Rooba jabaa Keeniyaatti Roobaa jiruun lubbuun namoota hedduu darbe.

Keeniyaatti Balaa Lolaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 170 ga’eera.

Balaa Lolaa hamaa Giddu Galeessa Keeniyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 170 ga’uu ibsameera. Keeniyaatti rooba cimaa walitti fufiinsaan roobaa jiruun lolaan lubbuu namoota hedduu galaafachuu hordofee Pireezidaantin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon kaabineesaanii wal-gahii ariifachiisaa waamuu BBC, Al Jazeera fi Bloomberg gabaasaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA

https://t.me/oro_sigma_87

Ragaa SobaaXaalayaa Sobaa Ministeera Raayyaa Ittisaaf Barreeffame jedhamuun Miidiyaalee hawaasummaarra oliif gadi naanna...
02/05/2024

Ragaa Sobaa

Xaalayaa Sobaa Ministeera Raayyaa Ittisaaf Barreeffame jedhamuun Miidiyaalee hawaasummaarra oliif gadi naanna’aa jiru.

Xaalayaan Sobaa Ministeera Raayyaa Ittisaaf Barreeffame jedhamuun Miidiyaalee hawaasummaarra oliif gadi naanna’aa jiraachuu eerameera.

Xaalayaan miseensonni duraanii Raayyaa Ittisaa Biyyaa gara dhaabbatichatti akka deebi’an ajaja kennuu jechuun barreeffamee miidiyaalee hawaasummaarraa naanna’aa jiru Xaalayaa sobaa ta’uu ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/oro_sigma_87

Adresse

Luxembourg

Téléphone

+251974641157

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Saqii sanqaa publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Partager