Waldaa Hawaasa Oromoo Naannoo Aquitaine France

Itinéraire

Waldaa Hawaasa Oromoo Naannoo Aquitaine France Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Waldaa Hawaasa Oromoo Naannoo Aquitaine France, Organisation caritative, Bordeaux.

10/04/2024

Dachee cubbuu fi hammeenyan guutamtee keessatti osoo dhugaan ilmoon waaqaa bakka hin qabaannee beeytuu abarsii fi booyichi kee akkamin bakka argataf du'aa keetif Abartee, bootta yaa oromoo? Silaa booyichii fi abarsi kee bakka argata tahee maalif hanga har'aa booyichi kee, gaddi laphee kee capsuu, sirraa cituu dide? Kana maalif of gaafachuu dadhabdee? Sabni waan hanga har'aa godheen hin milkaayin maalif ammas homa kaleessa godhe irra deebi'a? boottee, abartee, boottee, abartee, boottee, abartee, qaroo ilmaan sabaa hedduuf boottee, abartee har'as booyaa fi abaraa jirta. Erga booyichi fi abarsi kee waa hin buufnee maalif boottee, abarta? Toftan qabsoo keetii booyichaa fi abarsa qofa moo maalinni waan isaa? Yoo toftaan qabsoo kee inni bofa mataa irra si taa'ee dhiiga sixuxuu ittin ofirraa buusuf karoorfattee booyichaa fi abarsa tahe maalif qaxalee ilmaan kee ofirraa ficisifta maalif hin dhiiftu? Maalif ofitti hammeessita? Maalif ofitti biibessita? Yooka qabsaayi yooka dhiisi gaafa nama gamtee callisani ilmaan itti guddifachuunis, humna itti horachuunis, gabnummadha kunis toofta qabsooti maalif borjaajofta? Hanga yoom warrii bakki irraa baatee hin beekamne du'a ilmaan qaxalee keeti bakka wallalchifti? Abbaa wallalchifte dhugaa awwalchifti? Ani si walin hin booyuu, ani si waliin hin abaaru, erga ajjeechaf na barbaadee ilmi abbaa kootis anaaf diina. Diina ammoo ilma abbaa kootiti jedhani mataa irratti hin baatan bobaa jala hin kaayatan. ilmi abbaa keeti ajjeechaf si barbaadu yeroo eeggata malee si ajjeesa. Ka si boochisaa jiru ilmaa abbaa keeti du'aaf si barbaadu fira godhattee matatti baatu keeti kuni dhaabatudha qaba. Ka si burjaajesse tokko kana diinni diina firas tahu halagaa, ijannoo kee jijjiiri yoo ijannoo kee jijjiirte booyicha kee dhaabdee diina firaa fi halagas boochisutti ceeta. Haqaa fi dhugaa ofii falmanii malee booyani abaarudhan hin argamu. Rabbis sababiifadhu hanga ati sababeefatteen siif tumsa. , .

10/04/2024

EID MUBERAK

05/01/2023


Akkam jirtan hawaasni oromoo naannoo nouvelle aquitaine jirtani fi magalaa Bordeaux jirtan hundi keessanu baga nagaya taatani akkasumas baga bara haarayan 2023 isin gahe. Akkuma mata duree irratti xuquuf yaalleetti har'as yaamicha walitti qabinsa malaqa awwalcha obboleessa keenna Bakri Mohamed Ibraahim ykn maqaan hawaasni hedduun ittin beekan Seeyfuu jedhama. Obboleessi keenna kun akkuma dalagaa olee galee rafeen salata ganama salatee gadi deebi'e achuuman guyyaan rabbii itti dhufee amri tahe kanaf waan awwalcha obboleessa keenna kanaf koreen waldaa Hawaasa oromoo naannoo nouvelle Aquitaine magalaa Bordeaux gaafa sanbata xiqqaa dhufu jechuun gaafa guyyaa 7/1/2023 sa'aa 14tti mana Mohamad Haamiditti akka wal geennee waan nurraa barbaachisu goonun yaamicha isini goona. Adreessin bakka walgahi mana Mohamad Haamidi 1rue de paty begles hawaasa oromo walitti dhufnee akka waan rabbin isinitti dhiise obboleessa keenna gara fuula rabbi deeme kanaf gumacha gootan yaaminsa isinif taasifna.
HUBACHISA namoonni qaaman argamuu hin dandeenne namoota qaaman argamu danda'anitti waan niyyattan akka ergitan gamanumaa kabajan isin gaafanna.
Bakka walgahicha ka dhufuu dandeessan bus lakk. 11 fi 34 yoo tahu tram C ni geessa. Nagaya wajjin.

Qaaman nu biraa boqattus ati qalbii dhala oromoo hunda keessa jirta. Bakka irraa hin oolle deemte Rabbiin jannatal firdo...
07/11/2022

Qaaman nu biraa boqattus ati qalbii dhala oromoo hunda keessa jirta. Bakka irraa hin oolle deemte Rabbiin jannatal firdoofsin sihaa qananisu.

Adresse

Bordeaux
33140

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Waldaa Hawaasa Oromoo Naannoo Aquitaine France publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Raccourcis

Partager