Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godinaa Shawaa Kibba Lixaa

  • Home
  • Ethiopia
  • Woliso
  • Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godinaa Shawaa Kibba Lixaa

Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godinaa Shawaa Kibba Lixaa Nonprofit organization

19/10/2025
08/10/2025

🌿✨ Ergaa Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO) ✨🌿

Baga Irreecha Malkaa bara 2018 nagaan geessan!

Irreechi, duudhaa fi aadaa Oromoo keessaa isa guddaa, sirna galateeffannaa, nagaa, araaraafi tokkummaa calaqqisuudha. Yeroo Irreechaa, Oromoon Waaqa isa uumaa galateeffatee, araara fi badhaadhina fuulduraa isaaf kadhata.

Akka falaasama Oromoo durii, bishaan bu’uura jireenyaati – madda qulqullinaa, nagaa fi tokkummaa. Kanaafuu Irreechi bishaaniin wal qabatee kabajamuu isaatiin, jireenya Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.

Bara kana Irreechi yeroo Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha (GERD) eebbifatetti kabajamuun isaa, gammachuu dachaa taasiseera. 🎉 Kun mallattoo tokkummaa, ofii ofiin tikfachuu fi milkaa’ina sabaa agarsiisa.

Oromoon akka jedhetti:
> “Sabni malkaa hin qabne, saba mataa hin qabne.”

Kana jechuun, saba malkaa hin qabne seenaa hin qabu; biyyi galaanaa hin qabne jireenya hin qabu. Kanaafuu, uummanni keenya nagaa fi seera bu’uureffachuun Hulaa Galaanaa argamsiisuufi, badhaadhina saba hundaatiif hojjetaa jira.

✅ Dhaabbanni Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO) waggoota darban keessatti, qabeenya, beekumsaafi muuxannoo qabnu uummata waliin qoodnee; hooggansa bilchaataa fi kutannoon jijjiirama hedduu galmeessinee jirra.

✅ Bara 2018 keessattis, duudhaalee Irreechaa – nagaa, araara, tokkummaa, gammachuu fi badhaadhina – dagaagsuu fi biyya keenya olkaasuuf cichoominaan hojjenna jennee waliif dhaamna.

💚 Irreechi bara kanaa nuuf haa milkaa’u!
💧 Qarruu Malkaa oofkalaa!
🌿 Gadaan Quufaaf Gabbina! 🌿

Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (OCDO)
📅 Fulbaana 23, Bara 2018

10/09/2025

🌿✨ Ergaa Baga Geessanii Bara Haaraa 2018 ✨🌿

kabajamoo Ummatoota Itoophiyaa Hundaaf,

Baga nagaan bara haaraa 2018 kana geessan. Barri kun bara nageenya, gammachuu, badhaadhinaa fi misoomaa isiniif haa tahu.

Dhaabbanni keenya Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa waggoota darban keessatti hojiiwwan hedduu hojjachaa tureera. Isaan keessaa:
🏫 Karoora OCDO Special Boarding Model School – Jara Abba Geda ijaaruu,
🏥 Bara 2018 jalqabee Ijaarsa Pirojektii Keellaa Fayyaa Waliigalaa Sheek Bakrii Saphaloo, Tuuta Kanniisa, Odaa Roobaa fi kkf ijaaruuf karoorfame jira.
📚 Sagantaa deeggarsa barnootaa keessatti carraa barnoota bilisaa fi deeggarsa barattoota taasisuu,
👩🏾‍💻 Sagantaa Misooma Dargaggoota Afrikaa fi carraa hojii uumu (AYDJCP) jalqabuun dargaggootaaf carraa bal’aa uumu,
🌱 akkasumas VH jalatti tajaajila turaizimii guddisuuf hojiilee babal’achaa jiran.

Hojiiwwan kana milkeessuuf, ummata keenya, mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa, qaamolee idil-addunyaa fi hunda caalaa miseensota hawaasa keenyaa hunda irraa tumsa barbaadna. Tokkummaan hojjannee yeroo gabaabaa keessatti bu’aawwan ifaa galmeessuu dandeenya.

Barri 2018:
🌍 Tokkummaan saba fi sab-lammoota Itoophiyaa haa jabaatu,
🕊️ Nageenyi fi tasgabbii biyya keenya haa cimu,
🚀 Misoomni fi guddinni waliigalaa haa saffisu,
🌱 Dargaggoonni fi dubartoonni carraa misoomaa haa argatan,
🤝 Hawaasni keenya waliif haa tajaajilu, waliif haa dhaabbatu.

Tokkummaan humna keenya, nageenyi bu’uura jireenya keenya, misoomni ammoo abdii dhaloota keenyaati. Bara kana harka walqabannee biyyaa fi saba keenya gara fuula ifaatti haa geessinu.

Nagaan, gammachuun fi milkaa’inni bara 2018 keessa isin waliin haa jiraatu!

✨ Baga Bara Haaraa Geessan! ✨

Obbo Sabboona Xahaa Yuuyyaa
Hojii Geggeessaa Ol’aanaa
Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa

06/08/2025

WAAMICHA DEEGGARSA WALOOTIIF

“Bona keessa namni bakkeerrayyu bula. Ganna keessa garuu, yo qaawwa qabaate, manni sun itti ulfaata.”

Ummanni keenya Aanaalee Iluu fi Sabbataa Hawaas keessa jiraatan, sababa lagni Awaash guutuun qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun, haala rakkisaa keessa jiru. Buqqaatonni kun yeroo ammaa kana iddoo qubannaa sirrii hin qaban; gannaa kana keessa ammoo, rakkina balaa qabbanaa fi dhibee garaagaraaf saaxilamoo ta’anii jiru.

Hawaasa kanaaf deeggarsi hatattamaa barbaachisaa dha.

Deeggarsi barbaadamu keessaa muraasni:

Dahannoo (Tents, Tarp, fi kkf)

Nyaata soorata hatattamaa

Qorichaa fi tajaajila fayyaa

Ulfina namummaa kabajuun iddoo qubannaa guyyuu

Qaama tokko qofaan rakkoo akkanaa furuun hin danda’amu. Kanaaf:

➡️ Hojii gamtaa fi hirmaannaa hawaasa maraa barbaachisa.
➡️ Humni Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Federaalaa, dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa, fi hawaasni Oromoo addunyaa irratti argaman marti hirmaachuun barbaachisaa ta’ee jira.

Dhaabbilee balaa ittisaa fi gargaarsa kennan mara galatoomaa.
Rabbiin nagaa haa buusu. Ummanni keenya haa fayyu.

Sagantaa Jireenyaa Hawaasummaa Raadiyoo Itoophiyaa Damee Harar ykn Raadiyoo Harar Irraa Dhimma Dhaabbata Guddina Hawaasa...
18/07/2025

Sagantaa Jireenyaa Hawaasummaa Raadiyoo Itoophiyaa Damee Harar ykn Raadiyoo Harar Irraa Dhimma Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa fi Buusaa Gonofaa Qophaa'e Dhaageefadha.

19/03/2025

🚀 Exciting News! 🚀
Africa Youth Development and Job Creation Program (AYDJCP) by the Oromia Community Development Organization (OCDO)

We are proud to introduce the Africa Youth Development and Job Creation Program (AYDJCP)! 🌍✨

At OCDO, we believe in the power of youth to drive change, innovation, and economic growth. AYDJCP is designed to empower young people across Oromia and National level by providing:

✅ Skills Training & Capacity Building
✅ Entrepreneurship & Business Support
✅ Job Creation & Employment Opportunities
✅ Leadership & Career Development
✅ Access to Resources & Networks
✅ Partnership and Collaboration
✅ Community Engagement
✅ Gender Equality and Inclusion

This initiative is a bold step toward tackling youth unemployment and fostering sustainable development! 💡👨‍💼👩‍🔧

🔹 Join Us! Be part of the movement that transforms lives and builds a brighter future for Africa’s youth.

📢 Follow, Share & Support!

Address

Central
Woliso

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godinaa Shawaa Kibba Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share