19/03/2026
Ayyaana Iidal al-fixiri kan bara 1447 ilaalchisuudhan ibsa manni maree dhimmoota islaamummaa magaalaa Shaggar irraa kenname.
Mana Marii Dh/ Islaamummaa Mag/ Shaggar
بسم اللهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ
Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Shaggar irraa darbe Iid al-Fixrii bara 1447 AH ilaalchisee ergaa baga geessanii Mana Marii Ol'aanaa
Manni Marce Ol'aanaa Dh/ Islaamummaa Magaalaa Shaggar Kabajamtoota musliimoota magaalaa Shaggar fi hordoftoota amantaa Islaamaa hundaa iid al-Fixrii bara 1447 AH baga nagaan geessan jedhaa Rabbi ayyaanicha ayyaana nagaatiifi gammachuu akka isiniif taataasisu hawwii isaa ibsata.
Akkuma beekamu ji'a kabajamaa Ramadaanaa kan utubaawwan Islaamaa shanan keessaa 4ffaa ta'e soomanaa fi hojii gaggaarii rabbi jaallatu adda addaa hojjechuun dabarsinee ji'icha xumuruudhaan har'a kunoo iidalfixrii geenyeerra. Kaayyoon soomanaa akka beelofnuufi akka dheebonnu osoo hin taane, sodaa Rabbii argachuuf akka ta'e Rabbiin Qur'aana keessatti
كتب عليكم الصيام كما كتب على الذين من قبلكم لعلكم تتقون
jechuudhaan ibseera. Sodaa Rabbii kan ji'a Ramadaanaa keessa arganne ji'oota 11 hafan keessattis qabaachuu qabna.
Gama biraatiin aadaan tokkummaa, walgargaarsaa fi tumsaa baatii kana keessa horanne duudhaalee gaarii keenya waan ta'aniif jecha ammas itti fufuu akka qaban cimsinee hubachiifna. Dhuma baatii Ramadaanaa irratti sadaqaa zakaatul fixrii kan Muslimoota hundarraa eegamu akka fatwaa Ulamaa'onni kennanniin harkaqalleeyyiidhaaf kenninee, baane sirna Islaamaatiin salaata iida keenyaa raawwachuu qabna.
lidni uffata miidhagaa uffachuun bareeduu qofa osoo hin taane, guyyaa Rabbiin sodaannuu fi qananii inni nuuf kenne yaadachuudhaan galateeffannuudha. Guyyaa kana warra rakkatan yaadachuudhaan, waan qabnurraa warra hinqabneef qooduudhaan walgargaaruudhaan ayyaanicha waliin akka dabarsinu manni maree keenyaa ergaa isaa dabarsa.
Manni marii dhimmoota islaamummaa magaalaa Shaggar erga hundeeffamee kaasee rakkinoota muslimoota magaalaa shaggar keessa jiraatan addaan