07/05/2026
“Paartii Badhaadhinaa filachuun kabaja biyya keenyaa olkaasuudha” - Obbo Awwaluu Abdii
==
Paartiin Badhaadhinaa erga sagalee uummataan gara aangootti dhufee as sirna dimokiraasii bu’uura jabaa irratti ijaaruuf hojii bal’aa hojjechaa jira. Akkasumas, Paartichi mootummaa uummataan bulu cimsuu, walqixxummaa mirkaneessuufi sabdaneessummaa dagaagsuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jira.
Gama misooma, nageenyafi dippiloomaasiitiinis hojiiwwan gurguddoon akka biyyaatti hojjetaman bu’aawwan mootummaa paartii badhaadhinaatiin durfamuuti.
Milkaa’inoota argaman kana itti fufsiisuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti ceesisuuf Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti duula “Na Filadhaa” geggeessee jira.
Haaluma kanaan, Paartiin Badhaadhinaa sagantaa duula “Na Filadhaa” Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti bakka miseensonnifi deeggartoonni paartichaa argamanitti geggeesseera.
Saganticha irratti haasaa kan taasisan Pirezidaantii iitti aanaa,Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Paartii Badhaadhinaa filachuun guddinaa fi kabaja biyya keenyaa olkaasuudha jedhan.
Mootummaa jijjiiramaatiin rakkoolee hiyyummaafi boodatti hafummaaf sababa ta'an bu'uura irraa furuudhaan Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ceesisuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Gama biraatiin, Paartii Badhaadhinaa filachuun ulaa galaanaa nutti cufame banuudha jedhanii, filannoon mootummaa uummataan filatame ijaaruuf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Filannoon kun haqa uummanni dhabee ture kan itti argatu ta’uus eeraniiru.
Badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf paartichi hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himanii, milkaa’inota argame caalaatti cimsuufis hojii itti fufiinsaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaa fi uummanni seenaa darbe keessatti injifannoolee akka qabu himanii, dogongoroonni seenaa garagaraas akka turan ibsaniiru. Dogongoroota mootummaa darbe keessatti uumaman irraa barachuun biyya bu’uura cimaa irratti ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Itoophiyaan biyya kabajamtuu fi mootummaa cimaa qabu akka taatuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, hawaasni dinagdee, barnootaa fi teknooloojiidhaan dorgomaa akka ta’u xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obbo Alaammayyoo Tonkoluu gamasaaniitiin, Paartiin Badhaadhinaa paartii biyya diigumsaa irraa baraare ta’uu himaniiru. Akkasumas paartichi dimokiraasii bu’uura jabaa irratti ijaaruuf walqixxummaa mirkaneessuu, mootummaa uummataan bulu cimsuufi sabdaneessummaa dagaagsuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.