Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa

Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa service delivery engagement

26/09/2021


(Illegal Collection or Disbursement Art.415)

Seeraa Yakkaa Keewwata 415 kew.xiqqaa-1(a) hojjetaan mootummaa kam iyyuu faayidaa isaaf hin malle argachuuf yaaduudhaan ashuuraa,gibira,galii adda addaa ykn faayidaa galii adda addaa kan akka mindaa,beenyaa ykn baasii biroo kaffalamuu hin qabne ykn taarifa seeraan murtaa’ee ol ta’uu osoo beekuu yoo sassaabe ykn akka sassaabamu ajaje akkuma haala isaati hidhaa hanga waggaa 25 fi qr.hanga kuma 50 gahuun adabamu danda’a.Fakkeenyaaf, hojjetaan hanga gibira kaffalamu murteessuu, kaffalaa gibiraa irraa faayidaa hin malle argachuuf ykn kaffalaan gibiraa faayidaa hin malle kennuuf hayyamamaa waan ta’uu dideef kaffalaan gibiraa gibira ol’aanaa akka kaffalu irrati murteessuu danda’a.
Keewwata 415.kew xiqqaa-1(b) Hojjetaan Mootummaa mi’a ykn kaffaltii yommuu deebisu ykn kaffalu hanga deebisuu irraa eeggamu irra hir’isee yoo deebise ykn kaffale haaluma wal fakkaatuun ni adabama.
Fakkeenyaaf, hojjetaan Mootummaa tokko nagahee haadhoo (Orijinaala) tajaajilamaaf kennuu irratti maallaqa tajaajilamaa irraa fuudhe galmeessuu fi nagahee mootummaaf hafu irratti maallaqa tajaajilamaan kaffalee gad galmeessuun garaagarummaa ofiif yoo fudhate bu’uura tumaa kanaan ni gaafatama.
Goowwomsuu Cimaa (Aggravated Fraudulent Misrepresentation kew.696-A)
Namni kam iyyuu badhaadhina isaaf hin malee ofiif argachuuf ykn nama biraatiif argamsiisuuf yaaduudhaan waantoota dogoggorsiisa ta’an dubbachuudhaan; ykn haala ykn eenyummaa ofii dhoksuudhaan; ykn wanta ifa gochuu qabu dhoksuudhaan; ykn dogoggora tilamama ykn amantaa nama biraa fayyadamuudhaan gocha seerri dhorku raawwachuun ykn kan seerri ajaju raawwachuu dhiisuun nama biraa goowwomsuun faayidaa isaa ykn nama sadaffaa akka miidhu yoo taasise goowwomsuu jedhama. (kew.692)
Galatoomaa!!!

Bishooftuu *********Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa Yaa'ii Hoggansaa 6ffaa gaggeesse.*********Abbaan Taayitichaa yaa'...
02/09/2021

Bishooftuu
*********
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa Yaa'ii Hoggansaa 6ffaa gaggeesse.
*********
Abbaan Taayitichaa yaa'ii kana waggaa waggaan kan gaggeessaa dhufe yammuu ta'u yaa'ii kana irratti Daayirekteerri ol'aantuun ATGO Aadde Maskaram Dabbabaa haasaa saaqinsaa fi gabaasa hojii bara 2013 kan dhiyeessan yammuu ta'u bara darbe sassaabbii galii karoora qabamee ol akka sassaabame ibsanii, Karaa biraatiin karoora bara dhufuu sassaabbii galii qar. Bil. 50 ol galmaan gahuu keessatti haala kenna tajaajilaa sadarkaa ol'aanaan fooyyessuu fi hojimaata siistematti fayyadamuu cimsuun murteessaa akka ta'e kaasanii jiru.
Yaa'ii kana irratti Hooggantootni Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Sadarkaa Naannoo, Godinaa, Bul/Magaalaa fi Aanaalee kan argaman yammuu ta'u Daarikterri olaantuu Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa gabaasa raawwii hojii bara bajetaa 2013 dhiyeessaniin Abbaan Taayitichaa bara kana qar bil 33.143 walitti qabuuf karoorfatee Qar. bil 37.09 karooraa ol sassaabuu akka danda'e ibsanii jiru.
******
Galiin bara 2013 sassaabame kun kan bara 2012 wal bira qabamee yoo madaalamu garaagarummaa qarshii bil 13.523 akka qabu kan ibsan ta'ee Milkaa'inni kun kan argame jedhan Aadde Maskaram; sassaabbiin galii bara kanaa ajandaa hooggansaa ta'uu isaa, hooggansi dhimmamee hojii keessa galuu isaa, kutannoo fi tattaaffii hoggansaa hanga hojjettootaatti jiruu fi kaffaltoonni gibiraa keenya yeroo gara yerootti amalli fedhiin gibira kaffaluu isaanii cimaa dhufuu isaa irraa kan ka'e akka ta'e ibsanii jiru.
*******
Waltajjiin Yaa'ii kun guyyoota 3f kan turu yammuu ta'u mariin haala raawwii 2013 keessatti ciminoota turanii fi hanqinoota fooyya'uu qaban irratti kan taasifamu ta'ee karoora hojii bara 2014 irrattis kallattiin ni ka'ama jedhamee amanama.

28/08/2021

Hagayya 20/12/2013.
waajirri Abbaa Taaytaa Galiiwwan Aanaa Laga_Hidhaa Hojjattoota Waajirichaaf Leenjii Tarsiimoo Misooma VAT fi Qulqullina Murtii irratti kennaa jira.
Leenjii kanaan hojjattootni waajirichaa gahumsaa fi dandeettii isaanii cimsuun karoora galii bara kanaa maddoota galii aanichi qabu hunda bira gahuudhaan akkaataa sassaabuun danda'amu fi hariiroon cimaan hojjattottota fi kafaltoota gibiraa jiddutti akka dhufuu fi sirni too'annoo qulqullina gibiraa akka jiraatu taasisuuf akkasumas kafaltootni gibiraa dirqama isaanii yeroo yeroon akka bahan taasisuun ni hojjatamaa jira.
Leenjii kana boodaan gahumsaa fi dandeettii raawwattootaa madaaluun iddoowwan hanqina raawwii qaban irratti sirna too'annoo fi hordoffii cimaa taasisuun yeroo yeroon tarkaanffiin sirrffamaa fudhatamaa kan adeemu ta'a.

 1) Kaffalaan taaksii dirqama nagahee kennuu qabu kamiyyuu nagahee malee bittaa fi gurgur-taa kan raawwate yoo ta’e adab...
18/08/2021


1) Kaffalaan taaksii dirqama nagahee kennuu qabu kamiyyuu nagahee malee bittaa fi gurgur-
taa kan raawwate yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii 25,000 (kuma digdamii shanii) hanga 50,000.00 (kuma shantama) fi adabbii
hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shanii ga’uun ni adabama.
2) Koppii nagaheewwanii walfak-kaatan bittaa fi gurgurtaa tokko irratti kennaman irratti gatii adda addaa galmeessuun namni gatii gurgurtaa hir’ise kamiyyuu ad-abbii qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) fi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga wagga tor-baa gahuun ni adabama.
3) Gatiin gurgurtichaa sirriin qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) kan caalu yoo ta’e bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin adabbiin buufamu hanga qarshii isa olaanaa nagaheewwan irratti ibsamee fi adabbii hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudhanii ga’uun ni adabama.
4) Namni osoo bittaa fi gurgurtaan hin raawwatamin nagahee kenne yookaan fudhate adabbii qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) hanga 200,000.00(kuma dhibba
lamaa) ga’uunii fi hidhaa cimaa waggaa torba hanga waggaa kudhanii ga’uun ni adabama.
Nagaheen Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4 jalatti ibsame hanga qarshii 200,000.00 (kuma dhibba lama) kan caalu kan qabate yoo ta’e
akkaataa keewwata kana keewwta xiqqaa 1tiin adabbiin buufamu adabbii qarshii hanga qarshii nagahee irratti ibsame waliin walqixa
ta’ee fi adabbii hidhaa waggaa kudhanii hanga waggaa kudha shanii ga’uun ni adabama.
6) Namni osoo Abbaan Taayitichaa hin hayyaminiif nagahee taaksii maxxanse adabbii maallaqaa qarshii 300,000.00 (kuma dhibba
sadii) hanga 500,000.00(kuma dhibba shanii) ga’uunii fi hidhaa cimaa waggaa lamaa hanga waggaa shanii ga’uutiin ni adabama.
7) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 6tiin namni balleessaadha jedhame yakkicha yeroo lammaffaaf raawwatee balleessaa
ta’uun yoo irratti mirkanaa’e meeshaan maxxansaa isaa fi dhaabbanni maxxansichaa ni dhaalama,hayyamni daldala isaasni haqama.
Nu hordofuu keesanif galatooma.

18/08/2021

Wel come to our page for service delivery engagement now.

18/08/2021

Wel Come to our page

Waajirri Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa Kafaltoota Gibiraa sadarkaa c 299 bara kana ture irraa gibira sass...
17/08/2021

Waajirri Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa Kafaltoota Gibiraa sadarkaa c 299 bara kana ture irraa gibira sassaabuuf karoorfame keessaa kafaltota gibiraa baay'inni isaa 250 ta'an kafalchiisuun danda'ameera.
Kafaltoota gibiraa aanichi qabu yeroodhaan kafaltii isaan irraa barbaachisu akka raawwatan dadammaqsuudhaan sosochii duula manaa manaa hojjatootni waajirichaa taasisaniin karoora qabame keessaa 84% kan raawwatame yoo ta'u sassaabbii gibiraa hanga ammatti kafalaa gibiraa sadarkaa c irraa funaanameen galiin qarshii 423,765.72 walitti qabameera.
Kafaltoota gibiraa dirqama ofii beekanii kafaltii isaan irraa barbaadamu raawwatan kan jajjabeeffaman yoo ta'u kafalaan gibiraa yeroo jedhame keessatti kafaltii hin raawwanne akkaataa labsii bulchiinsa taaksii 203/2009tiin adabbii fi dhala baankii wajjiin kafalticha kan raawwatan ta'uu beekanii dirqama isaanii akka bahan hubachiifna.

08/07/2021

Adoolessa 1/11/2013.
Beeksisa Kafalaa Gibiraa sad.C.
Akkuma beekkamu yeroon kafaltii gibira kafalaa Gibiraa sadarkaa c adoolessa 1/11/2013 hanga Adooleessa 30/11/2013tti qofa ta'uun isaa ni beekkama haaluma kanaan kafaltootni gibiraa sadarkaa C Aanaa keenyaa yeroon kafaltii jedhame keessatti gibira kafaluudhaa hayyama keessan akka haarawoomsattan jechaa kafaltootni gibiraa sadarkaa c yeroo jedhame keessatti kafalticha hin raawwannee Adabbii fi dhala Baankii wajjiin kan kafalan ta'uu hubachuun aadaan gibira yeroon kafaluu nutti haa baratun Dhaamsa Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanichaati.
.

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Abbaa Taaytaa Galiiwwan Damee Aanaa L/Hidhaa:

Share