Wollega University Tumsa Lammii

Wollega University Tumsa Lammii Uummata Godinoota Wallaggaa keessaa buqqa'aniif gargaarsa nama dhuunfaa, dhaabbata dhuunfaa, mootummaa, miti-mootummaa, dhaabbilee amantii fi kkf.

irraa qarshii, uffata, kophee, nyaataa fi kkf walitti qabuuf Yuunivarsiitii Wallaggaan hundaa'e.

  Koreen Tumsi Lammii lammiiwwan Aanaa Begii fi Qondaalaa weerara dhibee busaatiin miidhamaniif deeggarsa nyaata gosa ad...
05/11/2023


Koreen Tumsi Lammii lammiiwwan Aanaa Begii fi Qondaalaa weerara dhibee busaatiin miidhamaniif deeggarsa nyaata gosa adda addaa:
1. Cuunfaa burtukaanaa,
2. Cuunfaa maangoo,
3. Miriindaa
4. Buskutaa gosa adda addaa (giluukoosii, kuukiisii, kapuchiunoo)
5. Nyaata daa'imman adda addaa (Ayu, Bassoo, corn floor, aannan, aximitii)
6. Daakuu furnoo
7 Ruuzii
8. Akaayii garbuu fi
9. Bishaan
Qarshii walakkaa miliyoonaan bitee gumaacheera.

  magaalaa Gimbiitti argamuun Waajjira Eegumsa Faayyaa Godina Wallagga Lixaa waliin mariyate. Dhimmi ijoo marii kanaas d...
07/10/2023

magaalaa Gimbiitti argamuun Waajjira Eegumsa Faayyaa Godina Wallagga Lixaa waliin mariyate. Dhimmi ijoo marii kanaas dhimma weerara dhibee busaafi hir'ina nyaataa daa'immanii waliin walqabatu yoo ta'u, deggersa akkamii akka barbaachisuu adda baafachuuf kan karoorfamedha.

 !!!Uummata Godinoota Wallaggaa keessaa qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Hawaasni Yunivarsiitii Wallaggaa miindaa...
29/06/2023

!!!
Uummata Godinoota Wallaggaa keessaa qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Hawaasni Yunivarsiitii Wallaggaa miindaa isaa ji’a tokkoo waggaa tokkotti gumaachuun deggarsa gochaa turuun ni yaadatama. Haaluma kanaan hawaasni Yunivarsiitii Wallaggaa kampaasii Shaambuu gumaacha gochaa turaniif Kampaasii Shaambuu keessatti sirna ho’aa ta'een sagantaan galateeffannaaf waraqaa ragaa kennuun gaggeefameera. Gumaacha miindaa ji’a tokkoo kanarratti kan hirmaatanis barsiisota 162 fi hojjeettoota bulchiinsaa 176, walumaa galatti hojjettoota 338 yoo ta’an deggarsi argames akka waliigalatti qarshii miiliyoona 2.5 dha. Kunis baasii deggarsa Aanota godina H/Guduruu Wallaggaaf taasifame tilmaamaan qarshii miiliyoona 13.1 ta’u keessaa qarshiin miliyoona 2.5 hawaasa kampaasii Shaambuurraa kan argamedha. Koree Tumsa Lammii deggarsa kana qindeesseefi Pirezidantii yuunvarsiitii Wallaggaa Dr Hasan Yusuuf akkasumas 'Management' yuunvarsiitichaaf galata guddaa akka qaban kan ibsan sagantaa galateeffanna kanarratti kan argaman bulchiinsa Godinaa H/G/W, bulchiinsa Magaalaa Shaambuu, Koree gorsituu Kaampaasii Shaambuu, Abbootii gadaafi jiraattota afeeraman turani.
Koreen Tumsa Lammiis warra miindaa isaanii ji'a tokkoo gumaachaniif Koree Tumsa Lammii kaampaasii Shaambuu mara galateffatee waraqaa ragas gumaacheeraaf.
EEBBIFAMAA! EEBBIFAMAA! EEBBIFAMAA!
Alima Jibril
Muleta Ebissa
Zelalem Desalegn
Tefera Feyissa
Habtamu Fekadu

 Hojjettoota Hospitaala Rifaraalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa uummata qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif miindaa isaanii guma...
23/06/2023


Hojjettoota Hospitaala Rifaraalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa uummata qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif miindaa isaanii gumaachaniif waraqaan ragaa kenname.

Hojjettoonni Hospitaala Rifaraalaa Wallaggaa Yuunivarsiitii miindaa isaanii ji'a tokkoo deeggersa uummata qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif gumaachaniif waraqaan ragaa sirna ho'aa ta'een guyyaa har'aa karaa Geggeessitoota hospitaalichafi Koree Tumsa Lammiitiin galata guddaa waliin kennameeraaf.
!!!

12/06/2023

Yeroo dhiyoottis manni kun ijaaramee akka arginu abdanna!

 Deggarsi koree Tumsa Lammii irraa gara Aanaa Jaardagaa Jaarteetti ergame qaqqabee  karaa koree Aanichatti hundaayee uum...
12/06/2023


Deggarsi koree Tumsa Lammii irraa gara Aanaa Jaardagaa Jaarteetti ergame qaqqabee karaa koree Aanichatti hundaayee uummataaf qoodamee jira.
Alima Jibril
Habtamu Fekadu
Zelalem Desalegn
Tefera Feyissa
Muleta Ebissa

Address

No
Nekemte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wollega University Tumsa Lammii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share