Wangeelli Jireenya

Wangeelli Jireenya Bible For All

11/03/2026
09/03/2026

Deeggartoota olaanoo haaraa kootiif galata guddaa! Alem Dnku

07/03/2026

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Bedasa Dembilash, Dagafa Garii

NAMNI WANGEELA FAYYINAA KANATTI AMANTU,ANI WANGEELATTI HIN YELLA'U KAN JETTU QUBEE ' W ' XUQXU MALEE HIN DARBIIN.
27/02/2026

NAMNI WANGEELA FAYYINAA KANATTI AMANTU,ANI WANGEELATTI HIN YELLA'U KAN JETTU QUBEE ' W ' XUQXU MALEE HIN DARBIIN.

26/02/2026

Waliin Kiyyaa koo – Reefu akka leellistoota olaanoo isaanii keessaa tokko ta'etti beekamtii argadhe!

21/02/2026

Haalaa fi bakka kam keessa yoo jiraanneyyuu Waaqayyoo akka kiristaana tokkootti waan nurraa eegamu raawwannee akka nuti dabarru barbaada.
Lafa kana irra gaafa jiraannu bakka ykn haala mijataa ykn hin mijanne keessa jiraachuu dandeenya. Waanti nuti hubachuu qabnu garuu bakka ykn haala kam keessa yoo jiraanneyyuu,Waaqayyoo haala fi bakka sana keessa akka jiraannu kan taasiseef kaayyoo isaatiif malee, cal jedhee ykn akka nuti cal jennee haala keessa jirru sanaan mo'atamnee yeroo keenya dabarsinuuf otoo hin taane; bakkaa fi haala keessa jirruun akka kaayyoo fi yaada isaa raawwannee dabarru barbaada.
Macaafa qulqulluu keenya keessatti ergamaan Phaawuloos ergaa isaa gara Tiitoositti gaafa barreessu(Tit.1:5 irratti) " Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, ..." jedha.Tiitoos bakki inni keessatti hambifameeru bakka isaaf mijataa otoo hin taane,biyya bishaan keessattidha.Garuu ta'uus kaayyoo isaan raawwatamu waan jiruufidha. Har'ayyuu sababa ati bakka ykn haala ati naaf hin mijanne jettu keessatti hambifamtee jirtuu,kaayyoo Waaqayyoo haala ykn bakka keessa jirtu kana keessa jiraattee akka raawwattuuf sirraa barbaade waan jiruuf ta'a waan ta'eef ,maaliifan bakka ykn haala rakkisaa kan keessa turfame jechuu qofa osoo hin taane, haala fi bakka rakkisaa kana keessa jiraadhee yaada Waaqayyoo raawwachaa akka yaada Waaqayyotti jiraachaan jiraa jennee itti yaaduu qabna.
√ 1Yoh.4:9 irratti " Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate." jedha.Biyyi lafaa kan isaaf male hin turre ,garuu Waaqayyoo kaayyoo karaa biyya lafaatti argamuu ilma isaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin ilmaan namootaatiif raawwachuu barbaade waan qabuuf akka inni foon uffatee nama ta'ee gara biyya lafaa dhufu taasise. "Otoon isaaf jiraadhuu,isaaf hojjedhuu isa kadhadhuu,akkan bakka ykn haala kana keessa jiraadhu erga godhee,yaada maalii narraa qaba,yaada maal naaf qaba ykn kaayyoo maalii karaa koo raawwachuu barbaada Waaqayyoo?" hin jedhiin, Waaqayyoo waan hundumaa karooraan godha waan ta'eef. " Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti. "
(Roomaa 14: 8)
√ Haala ykn bakka nuuf mijateera jennu keessa gaafa jiraannus, Waaqayyoo haala fi bakka jiraannu kana keessatti kaayyoo karaa keenya raawwatayyuu barbaada waan qabuuf haala fi bakka kana keessa akka jiraannu taasise. Mordekaayi waa'ee labsi qomoo isaa irratti labsameef gaafa Asteerif dhaamsa dhaamu " Mootuu ta'uun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame ta'a, maaltu beeka? Yeroo akkasii kanatti ati calluma jettee yoo dhiifte immoo, ... jedhee Asteeritti in dhaame." (Macaafa Asteer 4: 14)
*Haati mana Iyoob gaafa qorumsi maatii isheetti dhufe, "Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du'i!" jetteen." (Macaafa Iyoob 2: 9) ; warri akka Phaawuloos fa'a immoo gaafa hidhamanii mana hidhaatti galfaman achi keessa ta'anii ergaawwan gurguddoo barreesaa(Qol4:1- , Filemon 1:1-, 2Xim2:1-),gaafa bakkeewwan garaagaraatti geeffaman bakkeewwan ga'an hundatti wangeela mootummaa Waaqayyoo barsiisaa(Hojii Ergamootaa 28:1- ) turan.
*Saa'ol lafa gadii( harree abbaa isaa otoo barbaada jiruu)tii fuudhee gaafa Waaqayyoo mootii taasisu inni garuu bakkaa fi haala mijataa argatee Waaqayyoon gaddisiise (1Sam15:10-); warri akka Hisqiyaas, Daawwit fa'aa immoo gaafa Waaqayyoo bakkaa fi haala mijataa isaaniif kennuu waanta Waaqayyootti hin tolle dhabamsiisuun,akka yaada Waaqayyootti jiraachuun Waaqayyoon gammachiisanii bara isaanii dabarsan.
" Eenyutu jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree? " (Roomaa 8: 35)
Kanaafuu haala mijataa ykn hin mijannee,baddaa ykn gammoojjii,magaalaa ykn baadiyyaa keessa yoo jiraanneyyuu haalaa fi bakka keessa jirruun otoo hin bitamiin Waaqayyoof taanee,yaada isaa raawwannee haa dabarruun dhaamsa keenya.
Yoo ergaan kun isiniif ta'eera ta'e 'share' gochuun namoota biroon ga'uu hin dagatiinaa; carraama arganneen Wangeela mootummaa Waaqayyoo dhalootaan haa geenyu. " Dubbicha lallabi, "Kun yeroo dha, kun yeroo miti" utuu hin jedhin qophaa'ii, argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis. "
(2 Ximotewos 4: 2)

Address

Nek'emte

Telephone

+251938783020

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wangeelli Jireenya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share