Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa Kombolchaa

Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa Kombolchaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa Kombolchaa, Community Service, Kombolcha, hararghe, Melkarafu.

Wanni dhoyfame guyyaa isaa eeggata male mul,achuun isaa hin hafu haaluma addunyaatu akkasi
12/03/2026

Wanni dhoyfame guyyaa isaa eeggata male mul,achuun isaa hin hafu haaluma addunyaatu akkasi

FAAYDAA Ab-suudaa✍Absuudaan gurraachi Du'a malee wanti inni  hin fayyisne hin jiru jedhan rasuulli (S.A.W)Faayda Absuuda...
12/03/2026

FAAYDAA Ab-suudaa
✍Absuudaan gurraachi Du'a malee wanti inni hin fayyisne hin jiru jedhan rasuulli (S.A.W)
Faayda Absuudaa irratti barumsi isiniif qopheesse kunooti...dhandhamaa
1. Dhibee ija gogaa dhukkubu nifura
1.Finniisa ballessuuf
2. Utaalloof
3. Fooli badaa afaan keessaa nurraa ittisa.
4. Dhukkubbii maashaaf bayeessa.
5. Dhukkubbii dugdaatiif..
6. Dhukkubbii garaa walitti hacuucu.
7. Dhukkubbii ilkaaniif,
8. Infekshinii irgaaf ni tola..
9. Hooqxoo qaama Ykn cittoo
10. Ho'insa qaamaa dabaluuf.
11. Dhibee himna humna nama qabuuf. .
12. Dadhabina onnee qolachuuf nigargaara.
13. Bareedina gogaa keenyaaf ni tola...
14. Kintaarotii nifoyyeessa akaawama isaa daakaa daaraa isaa sana jiisa jirbiin keessa galcha..
15. Raammoo garaa keenyaaf damma waliin garaa duwwatti nyaachiftu.
16. Haphina rifeensaaf shaayi waliin. .
17. Umrii malee harrii yaasuu ni qolata shaayi waliin.
18. Dhibee mataa-bowwootiif damma waliin..
19. Dhibee kaansariif.
20. Madaa deddeebi'a ni qorsa damma waliin
21. Dhibee sukkaaraaf.
22. Dhibee garaa kaasaatiif.
23. Qakkeef.
24. Dhukkubbii garaa laaleessu
Absuuda
Total Fat =15 g............23%
Saturated fat =0.5 g..... 2%
Cholesterol= 0 mg.........0%
Sodium 88 mg .............3%
Potassium =1,694 mg.....48%
Total Carbohydrate= 52 g........17%
Dietary fiber= 40 g.......160%
Protein =16 g.............32%
Vitamin C...... 35%
Calcium.....119%
Iron....102%
Vitamin B6......25
Magnesium.......96%

soorata isaa nyaata waliin.
-Shayi waliin
-Damma waliin.
- Buna waliin.
- Bishaan waliin
👉Zeeyta Absuuda waan hunda kessatti fayyadama
Zeeytin isaa waan armaan oli tarreffame ni fayyada

🌴✨ Faayidaa Temiraa (Dates) – Akka Saayinsiitti ✨🌴Temirri nyaata humna-qabeessa fi fayyaa keenyaaf baay’ee barbaachisaa ...
02/03/2026

🌴✨ Faayidaa Temiraa (Dates) – Akka Saayinsiitti ✨🌴
Temirri nyaata humna-qabeessa fi fayyaa keenyaaf baay’ee barbaachisaa dha 🍽️💪 Saayinsiin ammayyaa faayidaa isaa hedduu mirkaneesseera 🔬✅

1️⃣ ⚡ Madda Anniisaa Saffisaa
Temirri sukkaara uumamaa (glucose & fructose) qaba 🍯
➡️ Namoota dadhaban ni jabeessa 💪
➡️ Yeroo soomaa hiikuuf baay’ee gaarii dha 🕌🌙

2️⃣ ❤️ Fayyaa Onnee
Temirri potassium baay’ee qaba 🧂
➡️ Dhiibbaa dhiigaa to’achuuf gargaara 🩺
➡️ Balaa dhibee onnee hir’isa ❤️

3️⃣ 🫃 Sirna Bulaa Fooyyeessa
Temirri fiber qaba 🌾
➡️ Qabiyyee fincaani (constipation) hir’isa 🚽
➡️ Sochii mar’imaanii ni fooyyeessa 👍

4️⃣ 🛡️ Ittisa Dhibee (Antioxidant)
Temirri antioxidant qaba 🍇
➡️ Seelota qaamaa miidhaa irraa eega 🧬
➡️ Dhibee kaanserii hir’isuuf gargaara 🎗️

5️⃣ 🦴 Fayyaa Lafee
Calcium, magnesium fi phosphorus qaba 🧪
➡️ Lafee jabeessa 💪
➡️ Caccabaa lafee (osteoporosis) hir’isa 👵👴

6️⃣ 🤰 Fayyaa Haadha Ulfa
➡️ Ji’a dhumaa ulfaa keessatti da’umsa salphisuuf gargaara 👶
➡️ Ciniinsuu saffisiisa ⏳

7️⃣ 🧠 Fayyaa Sammuu
Vitamin B6 qaba
➡️ Hojii sammuu ni deeggarra 📚
➡️ Dhiphina sammuu xiqqeessa 😌

⚠️ Hubachiisa
Temirri faayidaa guddaa qaba ta’us:
🍬 Sukkara baay’ee qaba
🩺 Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban of eeggannoo godhuu qabu

Faayidaa Apple 🍎 Apple nyaachuun fayyaa keenyaaf bu’aa guddaa qaba. Sababni isaas, wantoota akka faayibara (fiber), vaay...
02/03/2026

Faayidaa Apple 🍎

Apple nyaachuun fayyaa keenyaaf bu’aa guddaa qaba. Sababni isaas, wantoota akka faayibara (fiber), vaayitaaminoota (vitamin C, vitamin A), fi antioxidants hedduu qabaachuu isaati. Mee bal’inaan haa ilaallu:
1️⃣ Dhibee Kaansarii irraa Ittisa
Apple keessatti antioxidants kanneen akka flavonoids fi polyphenols argamu. Isaan kun seelota qaamaa miidhamuu irraa eegu; kanaaf carraa kaansarii xiqqeessuuf ni gargaara.
2️⃣ Fayyaa Lafee 🦴
Apple keessatti vaayitaaminoota fi macdanoonni (minerals) lafee jabeessan jiru. Yeroo dheeraaf nyaachuun lafee keenya cimsuu danda’a.
3️⃣ Fayyaa Sammuu 🧠
Antioxidant-onni sammuu dullumaa fi miidhaa irraa ni eegu. Kanaaf yaadannoo fi hubannaa cimsuuf ni fayyada.
4️⃣ Kolestroolii Xiqqeessa
Faayibariin (fiber) apple keessa jiru kolestroolii hamaa (LDL) hir’isuuf ni gargaara; kanaanis onnee keenya eega.
5️⃣ Fayyaa Onnee ❤️
Kolestroolii hir’isuun fi dhiibbaa dhiigaa sirreessuun, apple nyaachuun carraa dhibee onnee xiqqeessa.
6️⃣ Dandeettii Dhibee Ittisuu 🛡️
Vaayitaamin C hedduu waan qabuuf, qaamni keenya dhibee (infection) akka dandamatu ni cimsaa.
7️⃣ Dhibee Asmii
Qorannoowwan muraasni akka mul’isanitti, yeroo dheeraaf apple nyaachuun mallattoolee asmii hir’isuuf ni gargaara.
8️⃣ Fayyaa Ilkaan 😁
Apple ciniinuu (chuuquu) saliiva baay’isa; kunis baakteeriyaa ilkaan irratti hir’isuuf ni gargaara.
9️⃣ Dhibee Shukkaaraa (Diabetes)
Faayibariin baay’achuun sukkaara dhiigaa tasgabbeessa; kanaaf carraa diabetes xiqqeessa.
🔟 Furdina Qaamaa
Kaloorii xiqqaa qaba; faayibariin akka quufaa turu godha. Kanaaf warra ulfaatina qaamaa to’achuu barbaadan ni fayyada.
1️⃣1️⃣ Siha’iina Dabala ⚡
Sukkaara uumamaa (natural sugar) fi nyaata madaalawaa waan qabuuf humna saffisaa kenna.
1️⃣2️⃣ Gogaa Bareechisa ✨
Vaayitaamin C gogaa jabeessa, akka ifaa fi qulqulluu fakkaatu godha.
1️⃣3️⃣ Fayyaa Ijaa 👁️
Antioxidants ija miidhaa irraa eegu; yeroo dheeraaf fayyaa ijaa tiksuuf ni gargaara.
1️⃣4️⃣ Fedhii Nyaataa Sirreessa
Nyaata sirnaan akka dheefnu ni ga

✓ QORICHOOTA FI FAAYIDAALEE ISAANII 1. Paracetamol- Dhukkubbii fi Ho'a qaamaa2. Amoxicllin - Infeekshinii Baakteeriyaa3....
27/02/2026

✓ QORICHOOTA FI FAAYIDAALEE ISAANII
1. Paracetamol- Dhukkubbii fi Ho'a qaamaa
2. Amoxicllin - Infeekshinii Baakteeriyaa
3.Omeprazole - Madaa'uu garaacha
4. Loratadine - Alarjii
5.Amlodipine - Dhiibbaa dhiigaa
6. Metformin - Dhukkuba Sukkaaraa
7. Diazepam- Yaaddoo, Hirriba dhabuu
8. Ciprofloxacin - Infeekshinii fincaanii
9. Ranitidine - Madaa garaachaa
10. Ibuprofen - Inflammation, Dhukkubbii
11. Levothyroxine - Dhibee taayirooyidii gadi aanaa
12. Clopidogrel- Dhiiga Xiqqeessuu
13. Fluoxetine- Dhiphina sammuu
14. Losartan - Dhiibbaa dhiigaa
15. Doxycycline - Baakteeriyaa Lnfeekshinii
16. Insuliinii-Dhukkuba Sukkaaraa
17. Tramadol - Dhukkubbii giddu galeessaa hanga cimaa
alarjii
18. Losartan - Dhiibbaa dhiigaa
19. Warfarin - Farra Dhiigaa
20. Morphine- Dhukkubbii Cimaa
21. Furosemide - Edema, Dhiibbaa dhiigaa
22. Azithromycin - Infeekshinii sirna hargansuu
23. Domperidone - Garaa kaasaa, garaa kaasaa
24.Bisoprolol- Dadhabbii onnee
25. Montelukast - Asmii, Alarjii
26. Digoxin -Dhukkuba Onnee
27. Sertraline - Dhiphina sammuu, .
28 .Enalapril- Dhiibbaa dhiigaa
29. Salbutamol - dhukkuba asmi
30. Sildenafil -Dhaabbachuu Qaama Saalaa dhiiraa.
~Waan Dubbistaniif Galatoomaa
Pharmacist keessan Oroko

Faayidaa Dammaa keessaa kudhan (10)1. Madaan qaamaa salphaatti akka fayyu taasisa2. Keemikaalota antioxidant jedhaman qa...
21/02/2026

Faayidaa Dammaa keessaa kudhan (10)

1. Madaan qaamaa salphaatti akka fayyu taasisa
2. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba
3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa
4. Madda annisaa isa guddaadha
5. Sukkaarri damma keessaa kan biroo irra qaamaaf gaariidha
6. Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata
7. Hirriba gaarii akka rafnu gargaara
8. Coomni qaama keessa akka hin baay'anne taasisa
9.Qufaan akka nurraa dhaabbatu taasisa
10. Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha.

Faayidaa fayyaa Burtukaana nyaachuunargannu.=============================1. Kalee keenya irratti uumamuu dhagaa niittisa...
14/02/2026

Faayidaa fayyaa Burtukaana nyaachuun
argannu.
=============================
1. Kalee keenya irratti uumamuu dhagaa ni
ittisa.
2. Hangi dhiiga diimaa qaama keenya keessaa
akka dabalu ni taasisa.
3. Dhiibbaa dhiigaa keenya gadi buusuuf ga'ee
qaba.
4. Utaalloo(qufa'uu) irraa dafnee fooyya'uuf nu gargaara
5. Dhiphachuu sammuu ni fooyyessa.
6. Soorata vitamin C'n badhaadhe dha.
7. Jajjabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara.
8. Daakamuu soorataaf illee ni gargaara.
9. Dhibee onnee garagaraa ittisuuf ga'ee qaba
10. Gosa kaanserii tokko tokko nurraa ittisa.
11. Hamma # kolestroolii qaama keenya keessaa
ni xiqqeessa.
12. Madaa garaa keenya keessaa akka qooru ( heal ta'uf) gargaara.
13. Hanga sukkaara dhiiga keenya keessaa ni
to'ata.
14. # Caba_lafee nurraa ittisa.
Maddi: WHO healthiest food guidlines and
summary researche (Hiwot Fana H. Page)
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!
Waa'ee Fayyaa Namaa

FAAYIDAA BUNA DHUGUUN FAYYAA KEENYAAF QABU KANA BEEKTUU?   ======================================✓ Carraa dhukkuba onnee...
30/01/2026

FAAYIDAA BUNA DHUGUUN FAYYAA KEENYAAF QABU KANA BEEKTUU?
======================================
✓ Carraa dhukkuba onnee fi istrookii (Faalij) ni hir'isa.
✓ Dhukkuboota narvii dulluma keessa dhufan kanneen akka 'Alzheimer's disease' fi 'Parkinson's disease' ni ittisa.
✓ Fayyaa tiruu keenyaaf baayyee fayyada. Coomni akka tiruu irratti kan hin kuufamne gochuu fi keemikaalota garagaraatin akka tiruun hin hubamne gochuun carraa tiruun mammadaayuun gogdee qoqoncooruu ni hir'isa.
✓ Miira mukaa'uu (depression) fi si'aa'ina dhabuu ni ittisa.
✓ Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.
✓ Carraa kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir'isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka kaanserii tiruu fi mar'imaanitiin qabamuu ni hir'isa.
✓ Carraa dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaatin (Type 2 DM) qabamuu ni hir'isa.
✓ Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.
✓ Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.

¶ Walumaagalatti qorannoon haaraa dhiyeenya gadi dhiifame tokko guyyatti buna siinii lamaa hanga sadii dhuguun rakkoolee akka dhahannaa onnee akka-malee, dhibee kalee jarjarsaa, dhukkuba onnee fi dhukkuboota walqabatan biroo, akkasumas sababoota du'aa heddu haalan kan hir'isu tahuu ni mirkaneessa.
[BUNA FI NAGAA HIN DHABINA]

Faayidaa Qoricha Loomii 15!!Loomiin firii vitaamin C fi B, fosfarasii, pirootiinii fi kaarboohayidireetii hedduudhaan ba...
30/01/2026

Faayidaa Qoricha Loomii 15!!

Loomiin firii vitaamin C fi B, fosfarasii, pirootiinii fi kaarboohayidireetii hedduudhaan badhaadhedha. Loomiin wanta flavonoids jedhamu kan kaansarii ittisu of keessaa qaba. Loomii karaa hedduu fayyadamuu dandeenya. Kanneen keessaa shaayii loomii, keekii loomii, zayita loomii fi saamunaa loomii ni argamu. Kanneen malees faayidaan qorichaaf qabus guddaadha.

Faayidaan qoricha akka armaan gadiitti:

1. Infeekshinii qoonqoo ni ittisa

Loomiin fuduraalee dhukkuba qoonqoo ittisan keessaa tokko yoo ta'u humna farra baakteeriyaa (farra baakteeriyaa) kan qabu yoo ta'u, dhangala'aa loomii bishaan waliin yoo walitti makuun ykn bifa shaayiin yoo dhugdan faayidaan isaa guddaadha.

2. Nyaata daakuuf gargaara akkasumas qufaa ittisuuf gargaara

Dhangala'aan loomii battalumatti qophaa'e nyaata bullaa'uu dhabuu fi qufaa ittisa. Nyaata keessanitti loomii xiqqoo dabaluun sirrii dha, garuu loomii aannan waliin akka hin makne yaadadhaa. Loomiin dhiiga qulqulleessa akkasumas qulqulleessituu gaarii ta'ee tajaajila.

3. Ho'a qaamaa hir'isuuf

Juice loomii battalumatti qophaa'e namoota qorra, infuleenzaa fi ho'a qaamaatiin rakkataniif qoricha gaarii dha. Dafee akka dafqu gochuun ho'a qaamaa hir'isuuf gargaara. Damma uumamaa fi dhangala’aa loomii wal qixa walitti makuun ykn shaayii loomii dhuguun qufaa hir’isuuf itti fayyadamuu ni danda’ama. Dhukkubbii qoonqoo cimaa ta'e salphisuuf gargaara.

4. Kunuunsa ilkaanif ni fayyada

Dhangala'aan loomii kunuunsaa fi wal'aansa ilkaanif oola. Yeroo dhukkubbiin ilkaan si mudatu, bakka dhukkubbiin sitti dhaga'amutti dhangala'aa loomii haaraa dibachuun furmaata gaarii dha. Juice loomii ilkaan keessan irratti xuuxuun ilkaan dhiiguu fi afuura badaa ofirraa baasuuf isin gargaara. Ilkaan keessan yeroo hunda buruushiin dhiqachuunis faayidaa ni argattu.

5. Infeekshinii gogaa ni salphisa

Dhangala'aan loomii inflammation gogaa kan ittisu yoo ta'u, boba'aa qaama irratti dibamuu danda'a. Dhagaa loomii bishaan waliin makame dhuguun

Haafurri ATI baafattuu Foolii Gaarii moo badaadhaa?✍️Foolii badaa taanaan hir'ina dhangala'aa qaamaa ta'uu mala.✍️Mallat...
26/01/2026

Haafurri ATI baafattuu Foolii Gaarii moo badaadhaa?

✍️Foolii badaa taanaan hir'ina dhangala'aa qaamaa ta'uu mala.
✍️Mallattoo dhukkuboota addaa addaa ta'a

Furmaatni isaa✍️

1. Qulqulina ilkaanii eeggachuu
2. Qulqulina nyaataa eeggachuu
3. Qulqulina qaamaa eeggachuu

Address

Kombolcha, Hararghe
Melkarafu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa Kombolchaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Aanaa Kombolchaa:

Share