10/04/2026
Dubartiin gaariin margaa biiftuu,
Ifa barii, nagaa buuftuu,
Jaalala dhugaa qalbii guuttuu,
Kabajaa fi mararfannoo qabduu.
Dubartiin gaariin maatii ijaartu,
Rakkoo keessa hin jilbeeffattu,
Ofii fi nama biraa tumsitu,
Nagaa fi araara buuftee jiraattu.
Dubartiin gaariin garaa laaftuu,
Dubbiin ishee mi’aawaa, tasgabbaa’aa,
Nama xiqqeessuu hin jaalattu,
Nama guddisuu fi jajjabeessu.
Dubartiin gaariin boonsa dhaloota,
Aadaa fi seenaa tiksitee,
Barnoota jabeessitee,
Jireenya bareedaa ijaarte.
Share And Follow godha galatooma