Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaa

  • Home
  • Ethiopia
  • Hirna
  • Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaa

Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaa Public service

19/10/2025
08/10/2025
08/10/2025

🌿✨ Ergaa Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO) ✨🌿

Baga Irreecha Malkaa bara 2018 nagaan geessan!

Irreechi, duudhaa fi aadaa Oromoo keessaa isa guddaa, sirna galateeffannaa, nagaa, araaraafi tokkummaa calaqqisuudha. Yeroo Irreechaa, Oromoon Waaqa isa uumaa galateeffatee, araara fi badhaadhina fuulduraa isaaf kadhata.

Akka falaasama Oromoo durii, bishaan bu’uura jireenyaati – madda qulqullinaa, nagaa fi tokkummaa. Kanaafuu Irreechi bishaaniin wal qabatee kabajamuu isaatiin, jireenya Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.

Bara kana Irreechi yeroo Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha (GERD) eebbifatetti kabajamuun isaa, gammachuu dachaa taasiseera. 🎉 Kun mallattoo tokkummaa, ofii ofiin tikfachuu fi milkaa’ina sabaa agarsiisa.

Oromoon akka jedhetti:
> “Sabni malkaa hin qabne, saba mataa hin qabne.”

Kana jechuun, saba malkaa hin qabne seenaa hin qabu; biyyi galaanaa hin qabne jireenya hin qabu. Kanaafuu, uummanni keenya nagaa fi seera bu’uureffachuun Hulaa Galaanaa argamsiisuufi, badhaadhina saba hundaatiif hojjetaa jira.

âś… Dhaabbanni Guddina Hawaasa Oromiyaa (DhGHO) waggoota darban keessatti, qabeenya, beekumsaafi muuxannoo qabnu uummata waliin qoodnee; hooggansa bilchaataa fi kutannoon jijjiirama hedduu galmeessinee jirra.

✅ Bara 2018 keessattis, duudhaalee Irreechaa – nagaa, araara, tokkummaa, gammachuu fi badhaadhina – dagaagsuu fi biyya keenya olkaasuuf cichoominaan hojjenna jennee waliif dhaamna.

💚 Irreechi bara kanaa nuuf haa milkaa’u!
đź’§ Qarruu Malkaa oofkalaa!
🌿 Gadaan Quufaaf Gabbina! 🌿

Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa (OCDO)
đź“… Fulbaana 23, Bara 2018

06/08/2025

WAAMICHA DEEGGARSA WALOOTIIF

“Bona keessa namni bakkeerrayyu bula. Ganna keessa garuu, yo qaawwa qabaate, manni sun itti ulfaata.”

Ummanni keenya Aanaalee Iluu fi Sabbataa Hawaas keessa jiraatan, sababa lagni Awaash guutuun qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun, haala rakkisaa keessa jiru. Buqqaatonni kun yeroo ammaa kana iddoo qubannaa sirrii hin qaban; gannaa kana keessa ammoo, rakkina balaa qabbanaa fi dhibee garaagaraaf saaxilamoo ta’anii jiru.

Hawaasa kanaaf deeggarsi hatattamaa barbaachisaa dha.

Deeggarsi barbaadamu keessaa muraasni:

Dahannoo (Tents, Tarp, fi kkf)

Nyaata soorata hatattamaa

Qorichaa fi tajaajila fayyaa

Ulfina namummaa kabajuun iddoo qubannaa guyyuu

Qaama tokko qofaan rakkoo akkanaa furuun hin danda’amu. Kanaaf:

➡️ Hojii gamtaa fi hirmaannaa hawaasa maraa barbaachisa.
➡️ Humni Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Federaalaa, dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa, fi hawaasni Oromoo addunyaa irratti argaman marti hirmaachuun barbaachisaa ta’ee jira.

Dhaabbilee balaa ittisaa fi gargaarsa kennan mara galatoomaa.
Rabbiin nagaa haa buusu. Ummanni keenya haa fayyu.

Sagantaa Jireenyaa Hawaasummaa Raadiyoo Itoophiyaa Damee Harar ykn Raadiyoo Harar Irraa Dhimma Dhaabbata Guddina Hawaasa...
18/07/2025

Sagantaa Jireenyaa Hawaasummaa Raadiyoo Itoophiyaa Damee Harar ykn Raadiyoo Harar Irraa Dhimma Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa fi Buusaa Gonofaa Qophaa'e Dhaageefadha.

Address

East Oromia
Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhaabbata Guddina Hawaasaa Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share