Ararso Semaan

Ararso Semaan Ani dhugaa keeysa koo jiru dubbachuudhaf hunda ilmaan oromoo baayyen jaaladha. I am artist and poetry and i am geologist...
(6)

19/02/2026
Jimaan haa qamaamuSukkaara wajjiini Michuun haa shuumamtu Araarso wajjini
19/07/2025

Jimaan haa qamaamu
Sukkaara wajjiini
Michuun haa shuumamtu
Araarso wajjini

15/07/2025

❣️GAA'EELA ABJUU KEESSA!❣️
===================================
Obsa godhatee yoo dubbisteef sher gochu hin daggattin!💥🔥

💟Biyyaa tokkoo keessaa dargagesaa waaqayyoon soodatu tokkotu turee jedhamaa innis yeroo hundumaa waa'ee ga'eela isaatif waaqayyoon kadhataa turee waaqayyoo inni hewwaan kennite anafis hiriyaa garaa koo naf kenni jedhe waaqa kadhaata turee

💟✅Achumaan gaaftokko waaqayyoo kadhataa isaa dhaga'ee abjuudhan intaala iji ishi hin argine kan churchi fulduraa tesee kadhatu tokkoo itti argisisee

💟✅Mucaanis amaanu dadhabee kanaa maa sexaanatu nati argisisee jedhe irraa deebi'e waaqayyoon kadhaate turee
ammaas intaalidhuma waaqayyoo itti argisisee

💟✅Achumaan mucichis tarii waaqayyoo waan godhef qabaa laata? edhe intaaliti fudhuuf murteese

💟✅ Achumaan ji'otaa muraasa boodee guyyaa cidhaa isaani belamatani
olee bule gaafa guyyichi gaafa gahuu

💟✅Mucaan amamoota waajjiiinin intaaliti fudhudhaaf garaa manaa ishin jirtu deemee
Utu isaan qubeela💍💍waaljijiiraa jirani iji mucayyoo duraa turee sun banamefi

✔️Dinqiin ta'ee hin beeknee mandaraa Sanatii ta'ee namooni cidhaa sanaa deemmaan hundumtu dinqiisifatani akkaa raajii ta'ani waaqayyof hoquuba dhiyeessanii jedhamaa Ameeen Ameeen 🤲
Waaqayyoof Maaltuu dadhabamaree

✔️Kuni moo dhamsaa kootii
Gaafa gaa'eela kee dhaabbachu barbadee
✅Dursaa jilbinfaadhu waaqa Kee kadhaadhu
✅Inni addaamif hewwaan kennite anifis gargaartu naf tatuu naf kennii jedhin kadhaadhu

✔️Akkasumaa warrii shamaaranis yeroo dhiirrii tokkoo ga'eela isin gafaatee uttuu tolee hin jedhinif duraa waaqayyoon irraatii Kadhadhuu 🤲
✅Fedhaa foonitin hin deemmin
✅Fedhaa waaqa kee gaafadhu sabaabni isaa kan ati naf ta'a jetee yaadee boruu sif ta'u dhisuu danda'aa waan ta'eef

✔️Waan dubbiftaniif ulftadhaa 🙏jechaa

Yoo isiniti tolee moo share gochuu hin dagatina irraa baratama 👍

15/07/2025

37 naaf ogeessi

Anii uuman waaqa
Ani killeen hiyyeessi
Qaamni kan koo dhume
Gubate koo keessi
Dhukkubsadhen aada
Yoggaayyu yaadumasii

Hospitaala deemnan
Riferi na ergan firaansi
Dhukkuba koo namu
Hin barree ammaasi
Mucaan koo maltahe
Jatteeti tesse harmen boossi
Namni akkaas jedha muca
Kan ni barbachisa gargarsi
Jedhaniiti walirrattii
Buusu buusi
Dhukubako hubachu dadhabe
Dr jinnifi insi
Nan jedhan waan taate
Mee ati nuuf ibsi
Nan jedhe dr kan
Akkaan guute beekkumsi
Hin dhoysini wan taate
Hunda naf asbaasi
Hoggaas siif argama
Dawan kan kee qorsi
Nan jennan jedhen anis
Sifin hima me xiqqo naf obsi

Xiqqoo ture jedhe ammaa
Tokkoo tokkon mee àddan naf baasi
Anis jedhes amma sifin
Hima bardubbin akkaasi

Urjii samii fakkaatti
Ni ifa fulliisi
Ilkaan isi karruu
Duydarraa rifeensi
Guyyaanis dumeysa halkan
Immoo ni ifa addeysi
Laqanni dabreera dabreera
Guyyaa walakkeessi
Isiin kopha ofiti
Kara gubbaa teessi
Bira dabruu dide
Na dhowwe koo kessii
Jaalalan ofitti na harkifte
Akkuma galana jallisi
Itti goreen jedhen bontuu oromo mee takka na dubbisi
Sibiran gad ta'a mee
Na bashannansisi
Naf seeqiti takka
Mee naas kofalchiisi
Onnee koo yeroo
Takkaa mee naf boqochiisi(2)
Nan jattee wan hunduma
Dura walbaruudha duursi
Harmen too sabbontu hiriyooni koo nan jedhu jelasi
Ati hoo enyu jedhamta
Maqaa kee naf ibsi
Anis ofsanin jedhama
Yokaan immoo cabsii

Sin sodadhe male jedhetinin
Nan jedhe keesii koo calisi
Jedheen lafa ilaale
Ammas gamana fi gamasi

Maltaate boona ko nan jattee qalbi tee na biratti deebisi
Wantan sitti himu
Sirritti na caqasi

Jaalala teetin qabame
Hin beeku wan isi
Siin jaaladha nan jedhi
Onnee too qabbaneysi

Sammuu too anaf
Ati tasgabbeysi
Qaama kootif immoo
Nagaya naaf buusi
Nan jatte jedhen dr dhaf
Dubbii agarsiise
Ergaan isiin walbare
Achuumarraa kaasi
Onneen too nagaya taate
Hin beeytu ergaasi
Jennan nan jedhe dr
Baqqaa anaf gale dhiisi
Jedhe waraqa barreesse
Nan jedhe dubbisi
Akkas jatti waraqan
Isuma barbaadi
Isuma kee ogeessii(2)
Ajab

15/07/2025

semaan

Yaa mooti jaalala
Kottuu yaa biftu barii
Yaaddo jaalala keetin
Ana cinqe hiraari

Yoo feetes risaa tahii
Yoo feetes adari
Tulluufi gaara
gubbaadhan Barari
Onnee too irraa qubaadhu
Narraa dhiqii xurii
Ba'aa jaalala teeti
Atis na gargaari
Yeroo San qajeela
Jechaa kootifi hafuurri(2)

Rorroon jaalala hamtuudha
Ulfaattu akkaa malee
Waan isa hin beeku na dhoowwe
Bishaanis nyaatallee

Yaada fi yaaddoo keetitu
Gamaaf gamana nattii duule
Tarkaanfi naa dhoowwe
Miila koo sakaale

Ibiddaa jaalala keetin
Gubadhee belbele
Calliise dabra hunduu
Ijaan naa ilaale

Hundu na dhukkuuba
Onnee Mata kootif kalee
Hospitaala deemnan Dr
Kamiiyyu wansa ni wallaale
Dawaan dhukkuuba Koo
Furtuun Onnee kooti
Hin jiruu sin malee
Naf beeki jaalalle
(2)

15/07/2025

WALALOO JAALALAA. ''''''''''''''''''''''''''''"'''''''"''"'""""''"""""'""""
dhokseen si ilaalaa
ija koo banadhee
jaalala keetiifan
kaayyoo koo dagadhee

imaanaa koo fuutee
karaa irratti gattee
kan na caalu argattee
anaan na dagatte.

Akka har'aa mitii
bor ni jijjiirama
aduun dhihee hin hafuu
bari'uun dirqamaa

Qabsoo jireenyaatiif
utuun kufee ka'uu
Atii na dagatte
Kamabiiraa jaallattee

Waa'ee keetiif jedheen
imimmaan lolaasee
waaqayyo sif hadhiisuu
Cubbuu ati dalagdee
jaalladheen si dhabe
jaalladhuu argaadhu
Anii akka kee mitii
Haamaa sif hin hawwuu.!

15/07/2025

𝐃𝐚𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮:-
●●●●●●●●●●●●●●●❤
■𝟭. 𝗙𝗶𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶
Hanga fira kee jaalattu, jecha isaan jettuu fi gocha isaaf gootu keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟮. 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Humnaa ol hojjachuun of dararuu fi humna kee qusachuun waan siin hin malle argachuu keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟯. 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗚𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Yoo gammaddes keessa hin tarin. Yoo gaddites fagaattee hin deemin.

■𝟰. 𝗪𝗮𝗹𝗱𝗵𝗮𝗯𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama tokkoon yoo wal dhabde sababuma irratti wal dhabde sanitti gabaabbachuu yaali. Saniin ala garuu daangaa walitti dabruudha.

■𝟱. 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama jaalattuus daangaa qabaadhuuf. Jaalalaf jecha jaaladhuu, dogoggora fi balleessaa isaa immoo hubachiisi, mul'inatti itti himi ifadhuu sirreessi.

■𝟲. 𝗤𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Humnaa ol qabaachuuf hin bololin. Kennaan Waaqayyoo (uuman) namaaf kennu daangaa hin qabu, ati garuu qabiinsaa fi baasiinsa keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟳. 𝗕𝘂𝗹𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Bultii keessatti jaarsaa fi jaartiin daangaa walii wollaaluu fi waliif kabajaa dhabuun bultii diiga. Daangaa irratti waliigaltan qabaadhaa.

■𝟴. 𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Wollaalaa taatees hin taa’in, hanga sadarkaa barnoonni si maraachuu fi kokaa si godhuttis hin baratin.

■𝟵. 𝗜m𝗮𝗮naa fuudhuu 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Imaanaan daangaa qaba. Beekiitii daangaa isaa eeggadhu.

■𝟭𝟬. 𝗛𝗶𝗿𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama ammuma walitti dhufee jaalalaan gaara koree, sa’aatii muraasa booda dhoqqee keessatti wajjiin kufu hin ta’in. Hiriyoota keetiif daangaa qabaadhu.

■𝟭𝟭. 𝗡𝘆𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Farda garaacha hin qabne hin ta’in, garaa kee soorataaf, bishaanii fi qilleensaaf qoodii jiraadhu.
Garaan daangaa hin beekne, diina abbaati.

■𝟭𝟮. 𝗛𝗮𝗮𝘀𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Madaalli namooma keetii haasaa kee irra jiraachuu hin irraanfatin.
Hiree Jaalala follow go

Address

Markato
Harar
091

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ararso Semaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Ararso Semaan:

Share