15/07/2025
๐๐๐๐ง๐ ๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ก๐ฎ:-
โโโโโโโโโโโโโโโโค
โ ๐ญ. ๐๐ถ๐ฟ๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ
Hanga fira kee jaalattu, jecha isaan jettuu fi gocha isaaf gootu keessatti daangaa qabaadhu.
โ ๐ฎ. ๐๐ผ๐ท๐ถ๐ถ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Humnaa ol hojjachuun of dararuu fi humna kee qusachuun waan siin hin malle argachuu keessatti daangaa qabaadhu.
โ ๐ฏ. ๐๐ฎ๐บ๐บ๐ฎ๐ฐ๐ต๐๐ ๐ณ๐ถ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Yoo gammaddes keessa hin tarin. Yoo gaddites fagaattee hin deemin.
โ ๐ฐ. ๐ช๐ฎ๐น๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฏ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Nama tokkoon yoo wal dhabde sababuma irratti wal dhabde sanitti gabaabbachuu yaali. Saniin ala garuu daangaa walitti dabruudha.
โ ๐ฑ. ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Nama jaalattuus daangaa qabaadhuuf. Jaalalaf jecha jaaladhuu, dogoggora fi balleessaa isaa immoo hubachiisi, mul'inatti itti himi ifadhuu sirreessi.
โ ๐ฒ. ๐ค๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Humnaa ol qabaachuuf hin bololin. Kennaan Waaqayyoo (uuman) namaaf kennu daangaa hin qabu, ati garuu qabiinsaa fi baasiinsa keessatti daangaa qabaadhu.
โ ๐ณ. ๐๐๐น๐๐ถ๐ถ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Bultii keessatti jaarsaa fi jaartiin daangaa walii wollaaluu fi waliif kabajaa dhabuun bultii diiga. Daangaa irratti waliigaltan qabaadhaa.
โ ๐ด. ๐๐ฎ๐ฟ๐ป๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Wollaalaa taatees hin taaโin, hanga sadarkaa barnoonni si maraachuu fi kokaa si godhuttis hin baratin.
โ ๐ต. ๐m๐ฎ๐ฎnaa fuudhuu ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Imaanaan daangaa qaba. Beekiitii daangaa isaa eeggadhu.
โ ๐ญ๐ฌ. ๐๐ถ๐ฟ๐ถ๐๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Nama ammuma walitti dhufee jaalalaan gaara koree, saโaatii muraasa booda dhoqqee keessatti wajjiin kufu hin taโin. Hiriyoota keetiif daangaa qabaadhu.
โ ๐ญ๐ญ. ๐ก๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐ณ๐ถ ๐๐ต๐๐ด๐ฎ๐ฎ๐๐ถ๐ถ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Farda garaacha hin qabne hin taโin, garaa kee soorataaf, bishaanii fi qilleensaaf qoodii jiraadhu.
Garaan daangaa hin beekne, diina abbaati.
โ ๐ญ๐ฎ. ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ:-
Madaalli namooma keetii haasaa kee irra jiraachuu hin irraanfatin.
Hiree Jaalala follow go