16/09/2026
IBSA GABAABAA WAA’EE LAFA FAAWUNDEESHINII SHEEKH AADAM TUULAA !
GAAFII- LAFTI ARGAMTE IDDOO KAMI?
Faawundeeshiniin Sheekh Aadam Tuulaa, yaadaa fi fedhii ulamaa’ootaa fi hayyootaa irraa kan maddee dha. kaayyoo guddaa fi bu’uura cimaa irratti hundaa’uun erga hundeeffamee waggaa 4 lakkoofsisee jira. Kaayyoon faawundeeshinii kuniis dhaabbata maqaa qofaaf hundaa’e osoo hin taane, ilmii barsiisuu , jiddu gala qorannoolee gara garaa, tajaajila hawaasaa adda addaa fi gumaacha Sheekh Aadam Tuulaa dhalootaaf dabarsuuf kan akeekamee dha.
Haa ta’uu malee, erga faawundeeshiniin hundeeffamee asitti rakkoo ijoo isa mudataa ture keessaa tokko lafa faawundeeshiniin ittiin ijaaramu argachuu dhabuu ture. Sababa kanaaniis hojiiwwan faawundeeshinii gara hojiitti hiikamuu qaban hedduun yeroo dheeraaf lafarra harkifachaa turan. Faawundeeshiniin tokko lafa irra qubatu osoo hin argatin, hojii ijaarsaa fi piroojektoota isaa akkamitti haala guutuu fi itti fufiinsa qabuun jalqabuu danda’a? Gaaffiin kun waggoota darban keessatti dhimma ijoo ta’ee ture.
Rakkoo kana furuuf waggoota darban keessatti lafa faawundeeshiniin irratti ijaaramuuf filannoowwan adda addaa irratti hojii fi mariin bal’aan gaggeeffamaa ture. Keessumaa lafa sadi (3) irratti xiyyeeffannoon kennamee ture.
1ffaa – Lafa Hammarreessaa
Filannoo jalqabaa jechuun lafa Raayyaa Ittisa Biyyaa harka jiru, iddoo Hammarreessa jedhamutti kan argamu ture. Lafa kana akka faawundeeshiniin argatuuf qaamooleen mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Hararii, ulamaa’oota, hayyoota Islaamaa fi boordiin faawundeeshinii yaalii hedduu taasisaa turan.
2ffaa – Lafa Mana Barnootaa Daarul Hijraa
Filannoon lammaffaa lafa Mana Barnootaa Daarul Hijraa, Hammarreessaa olitti, iddoo Suqul Kaanboo jedhamutti kan argamu ture.
Lafti kuniis filannoo jalqabaa irraa garaagarummaa fageenyaa guddaa kan hin qabnee fi garaagarummaan addaan fageenya isaanii naannoo kiiloo meetira tokko (1 km) qofa kan ta'uu dha. Iddoon kuniis giddugala barnoota Islaamaa, qorannoo, leenjii fi hojiiwwan hawaasummaa faawundeeshiniitiif haalaan mijataa ta’uu isaa ilaalchisee yaadni bal’aan kennamee ture.
3ffaa – Lafa Magaalaa Maayaa, Addeellee
Filannoon sadaffaa immoo lafa Magaalaa Maayaa, iddoo addaa Addeellee jedhamee waamamu ture.
Kanaafuu, lafa faawundeeshiniif mijjataa ta’e argachuuf filannoowwan hedduun ilaalamuun, mariin bal’aan kan gaggeeffamaa turee fi qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin hojiiwwan gara garaa hojjatamaa kan turee dha.
👉Yaalii Filannoo Lafaa isa Jalqabaa
Filannoo lafa jalqabaa milkeessuuf hojii fi tattaaffiin guddaan taasifamaa ture. Qondaaltoota mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Hararii, ulamaa’oota Islaamaa, hayyootaa fi boordii Faawundeshinii Sheekh Aadam Tuulaa hirmaachisuudhaan marii fi hordoffiin bal’aan gaggeeffamaa ture.
Waggaa sadii fi ji’a Afur guutuu lafa kana argachuuf tattaaffiin adda addaa taasifamaa ture. Garuu, yaalii fi hojiiwwan yeroo dheeraa kana booda, filannoon lafaa inni jalqabaa akka milkaa’uu hin dandeenye ifa ta’e.
Kuniis hojii faawundeeshinii irratti dhiibbaa guddaa uume.
Shakkii fi Gaafii Hawaasaa
Yeroo hojii lafaa kana irratti tattaaffiin dheeraan taasifamaa turetti, hawaasa Muslimaa birattiis gaafii fi yaaddoon adda addaa uumamuu jalqabe.
Keessumaa miidiyaa hawaasaa irratti:
“Faawundeeshiniin eessa ga’e?”
“Maaltu irra ga’e?”
“Maaliif hojiin isaa hin mul’anne?”
“Faawundeeshiniin ni nyaatame moo ni bade?”...
kanneen jedhan shakkii fi gaafileen gara garaa tamsa’aa turan.
Gaafiiwwan kuniis fedhii fi quuqama hawaasni Muslimaa Faawundeeshinii Sheekh Aadam Tuulaatiif qabu irraa kan madde ta’uu hubachuun barbaachisaa dha. Sababni isaas, faawundeeshiniin kun dhaabbata dhuunfaa nama muraasaa qofa osoo hin taane, kaayyoo barnoota Islaamaa, ilmii, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bal’aa waliin walqabatu waan ta’eef, hawaasni odeeffannoo ifaa fi sirrii argachuu barbaaduun isaa waanuma jiruu dha.
Kanaaf, gaafii fi shakkiiwwan hawaasaa kanaaf deebii kennuuf, Wali qabaan boordii Dr. Fiilaa Ahmed karaa miidiyaa hawaasaatiin ibsa waa’ee Faawundeeshinii Sheekh Aadam Tuulaa ummataaf kennee ture.
Marii Ulamaa’ootaa fi Riifoormii Faawundeeshinii
Ibsa, gaafii fi yaaddoo hawaasaa kana booda, dhimma faawundeeshinii irratti mariin gadi fagoo ulamaa’oota, hayyootaa fi boordii faawundeeshinii hirmaachise gaggeeffamee ture.
Mariin kuniis haala hojii faawundeeshinii fooyyeessuu, hanqinoota mul’atan sirreessuu, caasaa isaa cimsuu fi kaayyoo hundeeffama isaa gara hojiitti hiikuuf maal gochuu akka qabnu irratti xiyyeeffate.
Yaada ulamaa’ootaa fi hayyoota irraa dhiyaate fudhachuun, riifoormiin faawundeeshinii akka gaggeeffamu ajajni kannamee ture.
Riifoormii kana keessatti:
* Riyaad Sheekh Aadam Tuulaa Wali qabaa Boordii Faawundeeshinii ta’uun muudame.
* Ulamaa’oota beekkamoo fi kabajamoo ta’an, kanneen akka Sheekh Aliyyii Fal’aanaa fi Sheekh Daawud Mohammed, miseensota boordii keessatti akka hirmaatanii fi dabalaman taasifame.
* Caasaa fi hojii boordii cimsuuf marii fi qindoominni bal’aan gaggeeffame.
Riifoormiin kuniis kaayyoo faawundeeshinii gara hojiitti hiikuuf tarkaanfii haaroomsaa fi itti gaafatamummaa cimsuuf kan fudhatame ture.
Riifoormii booda, Wali qabaan Boordii fi miseensonni boordii waliin marii bal’aa gaggeessanii turan. Dhimma marii keessaa inni guddaan:
“Waa’ee lafaa akkamitti milkeessuu dandeenya?”
kan jedhu ture.
Marii kana keessatti filannoo lafaa isa jalqabaa irratti yaaliin xumuraa tokko akka taasifamu, yoo yaaliin suniis hin milkaa’in, yeroo fi qabeenya dabalataa filannoo jalqabaa irratti qisaasuu dhiisuun, filannoo lafaa isa lammaffaa irratti hojii jalqabuuf walii galtee irra ga’ame.
Haaluma kanaan, yaaliin xumuraa filannoo lafaa isa jalqabaa irratti taasifamee ture. Garuu, yaaliin suniis akka milkaa’uu hin dandeenye erga mirkanaa’ee booda, waggoota dheeraaf filannoo jalqabaa irratti yeroo dabarsuu fi qabeenya qisaasuu irra, filannoo lammaffaa irratti xiyyeeffannoom akka godhamu murteeffame.
Filannoo Lafaa Lammaffaa fi Milkaa’ina Isaa
Marii fi walii galtee boordii booda, filannoo lafaa lammaffaa, jechuun lafa Mana Barnootaa Daarul Hijraa iddoo Suqul Kaanbo jedhamutti argamu irratti hojiin bal’aan akka jalqabamu murteeffame.
Lafti kun filannoo lafaa isa jalqabaa irraa garaagarummaa fageenyaa guddaa hin qabu; naannoo kiiloo meetira tokko (1 km) qofa irraa kan fagaatuu dha. Akkuma filannoo isa duraa, haalli uumamaa fi bakki inni itti argamu hojii barnoota Islaamaa, qorannoo, leenjii fi tajaajila hawaasaaf mijjataa ta’uu isaa ilaalchisee filannoo gaarii ta’ee argame.
Lafa kana immoo faawundeeshiniin karaa seera qabeessa ta'een argachuuf ji’oota saddeet 8iif tattaaffiin, mariin, hordoffiinii fi hojiiwwan gara garaa taasifamaa turan.
Alhamdulillaah, tattaaffii fi hojiiwwan hedduu booda, lafti kun karaa seera qabeessa ta’een faawundeeshiniif kennamuun danda’ameera.
Kun tarkaanfii guddaa fi gammachiisaa dha.
Haa ta’uu malee, kaartaan argamuun qofti kaayyoo Faawundeeshinii Sheekh Aadam Tuulaa galmaan ga’e jechuu miti.
Kaartaan bu’uura hojii ijaarsaa fi tarkaanfii jalqabaati malee, xumura imala keenyaatii miti. Amma irraa eegalee hojiiwwan hafan tartiiba isaanii eeggatanii kan itti fufuu dha.
Hanqinoota yeroo darbe keessatti mul’atan sirreessuu, caasaa hojii cimsuu, karoora ijaarsaa qopheessuu, tumsa hawaasaa cimsuu fi kaayyoo faawundeeshinii gara qabatamaatti hiikuun hojii fuulduraa keenya ta’uu qaba.
Inshaa Allah, gargaarsa Rabbii Guddaa fi tumsa ulamaa’ootaa, hayyootaa, hawaasa Muslimaa fi namoota gaarii hundaatiin, kaayyoon Sheekh Aadam Tuulaa ni milkaa’a.
Hawaasni Muslimaa bal’aan tarkaanfii kana akka milkaa’ina tokkootti ilaalee gammachuu kana qooddachuu qaba.
Sababni isaas, lafti faawundeeshiniif haalaan barbaachisaa ture. lafti dhabamuun immoo faawundeeshiniin dhabamuu jechuu miti.
Akkuma yeroo dheeraaf lafa dhabaa turretti, kaayyoo keenya dhabuu hin qabnu.
Faawundeeshiniin Sheekh Aadam Tuulaa maqaa nama tokkoo qofaaf osoo hin taane, ilmii, barnoota, qorannoo fi tajaajila hawaasaa dhalootaaf dabarsuuf kaayyeeffate. Kanaaf, kaayyoo isaa milkeessuun itti gaafatamummaa waliiniiti.
Kana yoo milkeessine rakkoon har’aa bu’uura milkaa’ina boruu ta’uu danda’a.
Lafti yeroo muraasaaf dhabamuu danda’a; garuu kaayyoon keenya dhabamuu hin qabu.
Faawundeeshiniin Sheekh Aadam Tuulaa lafa irrattiis ni qubata; kaayyoon isaaniis qalbii fi sammuu dhalootaa keessatti ni dhaabbata.
Kanaaf:
“Faawundeeshiniin dhabamuu hin qabu; ittiis wareegamnee, waliin dhaabbannee, waliin hojjennee, Faawundeeshinii Sheekh Aadam Tuulaa ni milkeessina — Inshaa Allah!”
Rabbiin hojii kana haa nuuf haa milkeessu.
Ilmii fi barnoonni nuuf haa babal’atu.
Hawaasni keenya irraa haa fayyadamu.
Faawundeeshiniin kun dhalootaaf seenaa gaarii haa ta’u. AAMIIN
Baay’ee galatoomaa.
Jazaakumullaahu kheeyran.