Ameya Youth Association

Ameya Youth Association Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ameya Youth Association, Non-Governmental Organization (NGO), Gindo.

 .β˜€Afaan keenyaan Amantii Kenya barachuun qaanii miti; qananiidha. Wal fakkeenyi keenya Obbolummaa keenya addeessa. Gara...
27/09/2023

.β˜€

Afaan keenyaan Amantii Kenya barachuun qaanii miti; qananiidha. Wal fakkeenyi keenya Obbolummaa keenya addeessa. Garaa garummaan keenyammoo kan qabnu kenninee kan hin qabne tokkorraa akka fudhannu nu barsiisa. "Akka durii fi harka xuriitti hin hafaniin" waa malee miti. Dhalli Namaa waaqayyo fuulduratti madaala wal qixaa qaba. Olaantummaa fi gad aantummaan ilaalcha namaa irraa madde. Har'a garuu ilaalchi Kun diigameetu Oromoon qe'eesaarratti mirga Lubummaa argatee, waaqa beeku afaan beekuun kadhachuutu dhaga'ame. Simbirtuun kana caalu maaltu jira? Eyyee Ulee ittiin nu cabsantu cabe.
Fulbaana, 16/2016 Ayyaanni Masqalaa bifa Suuraa irraa argamu kanaan Aanaa Ammayyaa magaalaa Gindoo Dirree Kubbaa Miilaa keessatti Sirni waqeffannaa Gara garaa fi Lallabaa Afaan Oromoon, bakki Daamaraa dhaabuuf filatames Alaabaa sabicha ibsuu danda'uun yoo kabajamu arguun bu'aa of beekuuti. Dhalli kolfaa dhalan hin jirtu; cichoominaan garuu yeroon miixuu ni darba.
Warri Aaraa Aarsaa baastani guca kana irraa gombisaa kaastan jabduu galatoomaa!

Nutis akka Waldaa Dargaggoota Ammayyaatti borus, boru boodas utubaa biyyaa ta'uun warra dhugaaf dhugaa ba'an humna qabnuun ni utubna!

Horaa Bulaa deebanaa
Ayyaana Gaarii! 🌻🌻🌷🌻🌻

27/09/2023
27/09/2023

Hirmaannaa Dargaggootaa

Fulbaana, 15/2015 Waldaan Dargaggoota Aanaa Ammayyaa  jala bultii ayyaana Masqalaa sababeeffachuun hawaasa waliin ta'uud...
27/09/2023

Fulbaana, 15/2015 Waldaan Dargaggoota Aanaa Ammayyaa jala bultii ayyaana Masqalaa sababeeffachuun hawaasa waliin ta'uudhaan Magaala keessa bakka Daamaraan itti gubamu Dirree kubbaa miilaa qulqulleessuun hubannoo hawaasaaf jijjiirama qilleensaa irratti kennuun, dhaadannoo 'Climate Justice Now' ( Haqummaa jijjiirama qilleensaa ) akkasumas, 'Found our future' ( Egeree keenya har'a haa kunuunsinu) jedhuun bifa ho'aa ta'een hawaasa dammaqsaa ooleera.

Ayyaanni kan milkii, nagaa isiniif haa ta'u.

Baga Bara 2016 nagaan geessan!Bara Milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwii keenya. Ayyaana gaarii.      Waldaa Dargaggootaa...
13/09/2023

Baga Bara 2016 nagaan geessan!
Bara Milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwii keenya. Ayyaana gaarii.







Waldaa Dargaggootaa Ammayyaa

Address

Gindo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ameya Youth Association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share