14/04/2025
Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Qirqoos Majlisaan ''Miidiyaalee dhuunfaa'' jedhe
**************************
Keebor Media Shawwal 15/1446
**
Dhimma haleellaa halkan edaa Masjiida Tabaarak irratti raawwatame ilaalchisee bulchiinsi kutaa magaalichaa ibsa kenneera.
Magaalaa Finfinnee naannawaa Meeksikootti kan argamu Masjiida Tabaarak bara 1967 irraa eegalee hawaasni muslimaa itti tajaajilamaa jiru irratti halkan edaa qaamoleen nageenyaa haleellaa irratti raawwachuun beekama.
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Federaalaafi magaalaa Finfinnee ibsa baasaniin halleellaafi diiggaa qabiyyee masjiidichaa irratti raawwatame kana balaaleffachuun dallaan diigame qaamichumaan akka bakkatti deebi'u hubachiisaniiru.
Gama biraatiin Magaalaa Finfinneetti Bulchiinsi kutaa magaalaa Qirqos dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen ibsa majlisni baasan faallessuun lafichi kan masjiidichaa akka hin taane haaleera. Majlisni garuu lafti dallaan irratti ijaarame kun kan masjiidaa akka ta'eefi ragaa qaama seerummaa akka qabu cimsee hubachiiseera.
Ibsi bulchiinsa kutaa magaalichaa garuu akkuma inni jedhe yoo lafichi kan Masjiidaa hin taaneefi harka mootummaatii dabarfamee hin kennamne ta'e qaamni nageenyaa sababni halkan walakkaa diiggaa sana raawwateef maal akka ta'e hin ibsine.
Dabalataan miidiyaaleen dhimma kana irratti gabaasaalee hojjataa turan hedduun Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa fi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee irraa
kenname wabeeffachuun ta'ullee Bulchiinsi kutaa magaalaa Qirqos ibsa baase kanaan qaamolee odeeffannoo kana irraa dubbachaa olaniin jumlaatti miidiyaalee dhuunfaa' jedhe.
***
Rabbiin zaalima amantaa keenyaatti harkaa fi Luka baasu sammuu fi onnee qabee nurraa haa dhaabu.
Hamiltan Tv. Waabeffanne
DAARUL HIJIRA MEDIA
https://t.me/WALIFISLAMICASSOCIATION