22/05/2026
Dhibee Dhiibbaa Dhiigaa Ol’aanaa jechuun maali?Dhiibbaa dhiigaa jechuun yeroo dhiigni keessa ujummoolee dhiigaa naanna’u, humna guddaa ujummoo dhiigaa irratti uumu jechuudha.
Dhiibbaa dhiigaa ol’aanaa jechuun:
🔹 Dhiibbaan dhiigaa keenya 140/90/mmHg fi isaa ol yoo ta’e
🔹 Dhiibbaa dhiigaa fayya qabeessa jechuun 90-120/60-80mmHg gidduu yoo ta’e
🔹 120-139/80-89mmHg yoo ta’e immoo “dhiibbaa dhiigaa olaanaa duraa” jedhama
🩺 Sababootaa fi wantoonni dhibee dhiibbaa dhiigaa olaanaaf nama saaxilan maali?
🔸 Dhukkuba kalee
🔸 Umriin dabalaa deemuu (dhiironni umurii 45 ol fi dubartoonni umurii 55 ol qaban caalaatti saaxilamu)
🔸 Yaaddoo fi dhiphina keessa jiraachuu
jiraachuu
🔸 Sanyii (dhibeen kun yeroo baay’ee namoota gurraacha irratti caalaatti mul’ata)
🔸 Namni dhibee kana qabu keessaa maatii keessatti jiraachuu
🔸 Ulfaatina qaamaa garmalee qabaachuu
🔸 Sochii qaamaa gahaa gochuu dhabuu
dhabuu
🔸 Tamboo xuuxuu
🔸 Dhugaatii alkoolii baay’inaan fayyadamuu
🔸 Nyaata soogiddi itti baay’ate nyaachuu
⚕️ Mallattooleen dhibee dhiibbaa dhiigaa ol’aanaa maali?
Dhibeen dhiibbaa dhiigaa olaaanaan yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu, kanaaf yeroo yerootti qorannoo taasifachuun barbaachisaadha.Yeroo dhiibbaan dhiigaa baay’ee ol ka’u mallattooleen armaan gadii mul’achuu danda’u:
➪ Mataadhukkubbii cimaan
➪Iji dukkanaa’uu
➪Dadhabbii
➪Dhukkubbii laphee fi hafuura baafachuun rakkachuu
➪ Dhahannaan onnee sirrii ta’uu dhabuu
➪Dhahannaa onnee ofii dhaga’uu
➪Of wal'aaluu ykn qaamni hollachuu,
Qaamni laafuu ykn hadooduu
➪ Dubbatanii ibsachuuf rakkachuu, jechuun garaa kaasuu fi ol deebisuu, hafuura gabaabbachuu, funyaan irraa dhiigni dhangala’uu fi fincaan keessatti dhiigni mul’achuu
☤ Rakkoolee fayyaa dhibeen dhiibbaa dhiigaa ol’aanaa fiduu danda’u maali?
➺ Dadhabbii onnee
➺Miidhaa ujummoolee dhiigaa gara onneetti dhiiga geessanii fi dhukkuba ujummoo dhiigaa
➺ Sammuu keessatti dhiigni dhangala’uu
➺ Dhukkuba kalee
➺Dhibee ijaa fi
yaadachuu dhabuu