14/03/2024
Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa irraa beekamtii kan argate Waldaan Ergitoota Imala hajjifi Umraa Itoophiyaa baga imala umraa Ji'a kabajamaa Ramadaanaa bara 1445 geessan isiniin jedha.
Waldaan keenya ejentoota imala tajaajila umraa kennan 70 ol of keessaa qaba.
Hajjii Umraa, qulqullinaafi gahumsaan raawwachuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa;
Tajaajila kennamaa jiru itti dhiyeenyaan hordofuudhaan qaamota dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hordofuun rakkoolee ni fura;
Dhaadannoo tajaajila gahumsaafi qulqullina qabu jedhuun tajaajila hajjiifi umraa kennaa kan jiru waldaan keenya imala hajjii baranaa imala milkii akka ta'u hawwina
Imaltoonni, guyyaan galmee imala Hajjii karaa Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa kennamaa jiru gabaabaa waan ta’eef, bakka galmee naannoo keessan jirutti akka galmooftan isin gaafanna.
Waldaa Ergitoota Imala hajjifi Umraa Itoophiyaa