Boolee Biiyya Bulbulaa

Directions

Boolee Biiyya Bulbulaa Gamtaan Badhaadhina fi Badhaadhinaa Gamtaa Cimsuun Ijaarsa Biyyaaf.!!!!

 ‼Raashiyaan jeettota lolaa SU-34 haaraa humna qilleensaa itoophiyaatiif kennitee jirti.Korporeeshiniin mootummaa Raashi...
07/10/2026

‼

Raashiyaan jeettota lolaa SU-34 haaraa humna qilleensaa itoophiyaatiif kennitee jirti.

Korporeeshiniin mootummaa Raashiyaa Rostec akka beeksisetti, Jeettoonni lolaa Su-34 haaraan qorannoo lafaa fi balallii isaanii milkaa’inaan erga xumuranii booda, Humna Qilleensa Raashiyaatti dabarfamaniiru.

Oduu kana kan gabaase Sputnik yoo ta’u, xiyyaaronni kun tajaajila waraanaa keessa osoo hin seenin dura qorannoowwan barbaachisan hunda xumuruu isaanii ibseera.

Su-34 ergamaalee lolaa fi boombii darbuu raawwachuuf kan qophaa’e yoo ta’u, galmawwan lafaa, galaanaa fi qilleensaa irratti haleellaa raawwachuuf dandeettii qaba jedhameera.

Rostec akka ibsetti, xiyyaarichi haala qilleensaa ulfaataa fi naannolee ittisa qilleensaa cimaa qaban keessattis ergama raawwachuuf kan qophaa’edha.

Xiyyaarichi taankiiwwan boba’aa gurguddoo fi mootaroota humna guddaa qabanitti kan hidhame yoo ta’u, hanga sa’aatii 10 addaan hin citin balali’uu danda’a jedhameera.

Kanaaf, Su-34 dandeettii lolaa hedduu, meeshaalee waraanaa ulfaataa baachuu fi raawwii teeknikaa olaanaa qabaachuun xiyyaara waraanaa ammayyaa keessatti beekamaa ta’uu ibsameera.

Biyya Guddoo,Uummata Guddaa,Mul'ata Guddaa!Milkaa'ina Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa hordofee Mootummaan Idaa'amuu guy...
04/10/2026

Biyya Guddoo,Uummata Guddaa,Mul'ata Guddaa!

Milkaa'ina Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa hordofee Mootummaan Idaa'amuu guyyaa Borii jechuunis Fulbaana 25,2019 Mootummaan haaraa nii hundeessa.Mul'ata guddaa Itoophiyaa gudditti madaalu kan qabu Mootummaan Idaa'amuu guyyaa borii mootummaa haaraa hundeessuun hojii qabatamaatti nii seena. Mootummaan haaraa hundaa'us ce'umsa olaanaa biyya keenya keessatti kan galmeessu ta'a.

Milkaa'ina Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa hordofee Mootummaan Idaa'amuu guyyaa Borii jechuunis Fulbaana 25,2019 Mootum...
04/10/2026

Milkaa'ina Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa hordofee Mootummaan Idaa'amuu guyyaa Borii jechuunis Fulbaana 25,2019 Mootummaan haaraa nii hundeessa.Mul'ata guddaa Itoophiyaa gudditti madaalu kan qabu Mootummaan Idaa'amuu guyyaa borii mootummaa haaraa hundeessuun hojii qabatamaatti nii seena. Mootummaan haaraa hundaa'us ce'umsa olaanaa biyya keenya keessatti kan galmeessu ta'a.

Hundeeffama Mootummaa Cimaa,Galma Gahiinsa Mul'ata Guddaa Itoophiyaaf!Paartiin Badhaadhinaa yeroo gabaabaa keessatti inj...
04/10/2026

Hundeeffama Mootummaa Cimaa,Galma Gahiinsa Mul'ata Guddaa Itoophiyaaf!

Paartiin Badhaadhinaa yeroo gabaabaa keessatti injifannoo seena qabeessa hojjeteefi mul'ata ifaa qabate filannoo marsaa 7ffaatti dhiyaateen sagalee caalmaan karaa dimokiraatawaa ta'e mo'atee jira.Waggoottan shanan dhufu keessattis karoora gurguddaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniifi badhaadhina Itoophiyaa ce'umsa olaanaarran gahuu danda'aan qabatee jira. Waadawwan uummataaf gales qabatamaan raawwachuu kan dandeessisu mootummaa cimaa bifa haaraan nii hundeessa. Imaanaa uummataaf gales qabatamaan nii raawwata.

Hundeeffama Mootummaa Haaraan Ce'umsa Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenya Badhaadhinaatti.Mootummaan Idaa'amuu Yaadama Idaa'...
04/10/2026

Hundeeffama Mootummaa Haaraan Ce'umsa Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenya Badhaadhinaatti.

Mootummaan Idaa'amuu Yaadama Idaa'amuun masakamee Itoophiyaa sodaa diigumsaa jalaa baasuun tarree biyyoota guddina ariifataa galmeessanii hiriirsuu danda'eera. Filannoo marsaa 7ffaatiin eyyentaa ummataa kan argate Mootummaan Idaa'amuu yeroo ammaa mootummaa haaraa hundeessuun guddina Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa nii saaqa. Ummatni keenya mul'ata guddaa Mootummaan Idaa'amuu qabatee jiru hubatee akkuma filannoorratti sagalee isaatiin yeroo kenneef,ammas mootummaa cina ta'uudhaan milkaa'ina isaaf tumsuu qaba.

Biyya Guddoo,Uummata Guddaa,Mul'ata Guddaa!Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffa karaa dimokiraatawaa geggeeffameen sagalee ca...
04/10/2026

Biyya Guddoo,Uummata Guddaa,Mul'ata Guddaa!

Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffa karaa dimokiraatawaa geggeeffameen sagalee caalmaan eyyentaa ummataa kan argate Mootummaan Idaa'amuuu,guyyaa boruu jechuunis Fulbaana 25,2019 mootummaa nii hundeessa.
Mootummaan Idaa'amuu haaraa hundaa'uu kun milkaa'inoota waggoota darban horata godhachuun ce'umsa haaraa dhugoomsuudhaan mul'ata guddaa, Itoophiyaa Fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf qabate milkeessuuf xiiqii olaanaan nii hojjeta.

Waadawwan Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa irratti ummataaf gales kutannoo olaanaadhaan nii raawwata.

Labsiiwwan torban Eebba Hidha Haaromsa Guddichaa irratti "Labsiiwwan Guubaa" jedhamuun labsaman yeroo taa'ee keessatti akka xumuraman gochuun ummatni firii Ida'aamuu caalmaan akka qooddattu nii hojjetama.
Mootummaan Idaa'amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu, qabxiiwwaniifi yaadota gorsaa Marii Biyyaalessaan dhiyaatan fudhatee hojiitti hiikuun imaanaa uummataa qixaan nii bahata.

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kennameMootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii ...
28/09/2026

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu'uuressu hojiirra oolcheera.

Injifannoo Ummata Oromoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi'uu hin dandeenye irraan ga'uuf mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa irraa eegalee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa dhufee jira. Tarkaanfiiwwan kunneenis injifannoo siyaasaa argame gama misooma, nageenyaafi dinagdeen dabaaluun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojii hojjetamaa dhufeen bu'aalee gurguddoon argamaa dhufaniiru.
Injifannoowwan argamaa dhufan gara sadarkaa olaanaatti ceesisuufi ijaarsa sirna cimaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessu hojiirra oolchuufis rifoormii haaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessu qoratamee dhiyaate Caffee Oromiyaatiin ragga'ee ifoomeera. Kunis ejjennoo mootummaan aantummaa uummataa mirkaneessuufi sirna ijaaruuf qabu kan agarsiisu murtii seena qabeessa bu'uura seeraan deeggaramedha.

Murtii seena qabeessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolche keessaa tokko caaseffama Godinaaleeti. Akkaataa rifoormii haaraa hojiirra oole kanaan Godinaaleen kanaan dura 21 tura gara 6 caasessuun aangoon murteessummaa sadarkaa gadiitti akka gad buu taasisee jira. Kanaanis tajaajilli sadarkaa naannootti rarraee hafee ture gara Godinaa, Aanaafi Gandaatti bifa haaraan hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha. Kunis labsii haaraan kan tumsame yoo tau gurmaainsa haaraa kanaan sadarkaa Godinaatti manneen hojii aangoofi gaee hojii seerawaa qaban 23 kan hojiirra oolan taa.

Dambiin 250/2016 kanaan dura hojiira oolfame buaa buusuu waan eegaleef gara labsiitti olguddisuun aangoon Godinaa, Aanaafi Gandaa kan hojiirra oolfamu taa. Aangoo gad buusuu, tajaajila uummatatti dhiyeessuufi uummatni dhimmoota muraasaaf qofa gara Aanaa kan dhufu taa. Godinni ammoo gaee qindeessummaa kan baatu taa.

Buaan rifoormii haaraa kanaan dhufu kan biraan qindoomina dhaabbilee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranii ni cimsa. Kanaanis hojiileen walfakkaatan gara tokkotti akka sassaabaman taasisuun tajaajila uummataa sieessuufi bifa ammayyaaeen kennuuf labsiin naannoorraa kaasee hanga Gandaatti bifa walfakkaatuun kan hojiirra oolfamu taa. Kanaanis walitti buiinsaafi walirra buiinsa aangoo manneen hojii jidduu jiru guutummaatti kan hambisu ta'a.

Galma kana dhugoomsuufis Manneen hojii sadarkaa naannoorraa eegalee bifa haaraan gurmaaanii hanga gadiitti akka gad buan taasifameera. Muudamni Manneen hojii gaggeeffamee Caffee Oromiyaan raggaes ogummaa buuura kan godhate yoo tau, haaluma walfakkaatuun tajaajila uummataa milkaaaa taasisuuf caaseffamnii ogeessotaa, daarekterootniifi abbootiin adeemsaa gara Godinaa, Aanaaleefi Gandaatti kan gad buu taa.

Gurmaainsa haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolche kanaan Godinaalee haaraan 6 akka hundeeffamuuf murtaaeera. Kunis Godina Baha Oromiyaa, Godina Jiddugaleessa Oromiyaa, Godina Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Oromiyaafi Godina Kibba Baha Oromiyaati. Haaluma kanaan:

1. Godinni Baha Oromiyaa: Godina Harargee Bahaafi Haragee Lixaa
2. Godinni Kibba Baha Oromiyaa: Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaa, Magaalaa Asallaafi Magaalaa Dodolaa
3. Godinni Kibba Oromiyaa: Godinoota Booranaa, Booranaa Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaa, Magaalaa Mooyyaleefi Magaalaa Shaakkisoo
4. Godinni Kibba Lixa Oromiyaa: Godinoota Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Magaalaa Aggaaroo fi Magaalaa Mattuu
5. Godinni Lixa Oromiyaa: Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Magaalaa Najjoo
6. Godinni Giddu Galeessa Oromiyaa: Godinoota Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaalota Amboo, Baatuu, Hoolataa, Mojoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoofi Walisoo hammatee bifa haaraan kan gurmaau taa.

Godiinota kunneen akka hoggananiif Sadarkaa Itti-aanaa Pirezidantiitti Caffeen Oromiyaa muudama haaraa kenneera. Haaluma kanaan:

1. Kabajamoo Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Sadarkaa Pirzedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Baha Oromiyaa
2. Kabajamoo Obbo Masfin Malaakuu Sadarkaa pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa
3. Kabajamoo Dr. Rashaad Kamaal Sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa
4. Kabajamoo Dr. Mangistuu Baqqalaa Sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa

5. Kabajamoo Obbo Ahmad Idris Sadarkaa pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa
6. Kabajamoo Obbo Ahmad Haajii Sadarkaa Pirezidantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Oromiyaa ta'uun ramadamanii jiru.
Rifoormii kanaan teessoon manneen hojii Godinaa magaalota gara garaa Godinicha afuritti qoodamuun sirni bulchiinsaafi qindeessummaa kan raawwatamu taa.
Rifoormiin kun sirna cimaafi mootummaa jabaa uummata isaa tajaajiluun gara boqonnaa haaraatti ceesisu kan uumudha. Tarkaanfichi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi uummata Oromoo maraaf injifannoo guddaa waan ta’eef Uummatni keenyas murtii seena qabeessa kana raawwachiisuu keessatti gumaacha isin irraa eegamu akka taasiftan Mootummaa Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Fulbaana 2019
Finfinnee

26/09/2026
💢በፖለቲካም ሆነ በትግል ሜዳ ውስጥ ትልቁና አሸናፊው መሳሪያ በእጅ የተያዘው የብረት ስብስብ ሳይሆን የጠላትን ጥልቅ ባህሪና ውስጣዊ ማንነት ጠልቆ የመረዳት ጥበብ ነው። ህወሓት በታሪኩ ሙሉ ...
26/09/2026

💢በፖለቲካም ሆነ በትግል ሜዳ ውስጥ ትልቁና አሸናፊው መሳሪያ በእጅ የተያዘው የብረት ስብስብ ሳይሆን የጠላትን ጥልቅ ባህሪና ውስጣዊ ማንነት ጠልቆ የመረዳት ጥበብ ነው። ህወሓት በታሪኩ ሙሉ የራሱን የቅርብ አገልጋዮችና መስራቾች ሲገመግም ሲያሰቃይና ከመድረክ ሲያጠፋ የኖረ ድርጅት መሆኑን አሁናዊው እውነታ በግልፅ አረጋግጦልናል። የገዛ አዛዦቹንና አብረውት የደሙትን እንኳን የማያምን የሚያስርና የሚያስወግድ ስብስብ ለሌላው ማህበረሰብ ሊቸር የሚችለው መከራና ውድመትን ብቻ ነው።

💢📍​ለስልጣን ሲል የገዛ አባላቱን አሳልፎ የሚሰጥና የውስጥ ምስጢረኞቹን የሚያድንቅ ድርጅት ከውጭ ላለ ህዝብ የሚያሳየው ራህራሄና ታማኝነት በጭራሽ ሊኖር አይችልም። የሌላው ውድቀት የሚያስተምረን ዋናው ቁምነገር፣ የከዳተኝነት ባህሪን ተረድቶ የራስን የህልውና መንገድ በጽኑ መሰረት ላይ መገንባት እንደሚያስፈልግ ነው።

💥​ይህ ሀቅ ለሁላችንም የማይታለፍ ታላቅ የማንቂያ ደወል ሊሆን ይገባል። የሌላውን ውስጣዊ ቀውስና የስብራት ታሪክ በብልህነት በመቃኘት የራስን ማህበረሰብ አንድነት ማጠናከር፣ የውስጥ ደካማ ጎኖችን በአስቸኳይ ማረም እና ወደፊት መራመድ ከእኛ የሚጠበቅ የታሪክና የህልውና ሀላፊነት ነው።

የገዛ ልጆቿን እንደምትበላ አውሬ ታሪክና ደም ያጋሩዋትን የትግል አጋሮቿን ሳይቀር በክህደት ሰይፍ የምትቀላው ህወሓት ዛሬም የባሰ የውስጥ እርስ በርስ መበላላት አዙሪት ውስጥ ትገኛለች። የራሷ...
26/09/2026

የገዛ ልጆቿን እንደምትበላ አውሬ ታሪክና ደም ያጋሩዋትን የትግል አጋሮቿን ሳይቀር በክህደት ሰይፍ የምትቀላው ህወሓት ዛሬም የባሰ የውስጥ እርስ በርስ መበላላት አዙሪት ውስጥ ትገኛለች።

የራሷን የጊዜያዊ አስተዳደር አፍርሶ ውለታ የዋለላትን የጦር አዛዥ ታደሰ ወረደን በጥርጣሬ አስራ፣ ሌሎችን ሲያግባባ የነበረውን ኮሎኔል ተወልደን ወህኒ አውርዳ፣ እንዲሁም እንኮራበታለን ያለችውን ምግበይን አሳድዳ ከመድረክ ማጥፋቷ ሳያንሳት የመብረቃዊ ጥቃት ኑዛዜው ያንገበገባት ሴኩቱሬ ጌታቸውን በገዛ ጥቆማዋ ማስመታቷ የድርጅቱን አስፈሪ የክህደት ጣሪያ ቁልጭ አድርጎ ያሳያል።

እግሯን የተሸከመችበትን ምሰሶና ጉልበት የሆኗትን የራሷን የቁርጥ ቀን ሰዎች ለማጥፋት ወደኋላ የማትለው ይህች ኃይል ፋኖ ላይ ምን ልትደግስለት እንደምትችል መገመት አይከብድም ምክንያቱም ለራሱ ያልሆነ ጉልቻ የሌላውን ድስት አያፈላምና!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Boolee Biiyya Bulbulaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share