29/09/2026
Jirtuu?
Mijirii Haacaaluu Hundeessaa Waggaa waggaan Magaalaa Ambootti geggeeffamuu, Marsaa 6ffaa
Artisti Haacaaluu Hundeessaa Masqala barii Mijirii gubee, qarshii walitti qabuun ijoollee maatii harka qalleeyyiif barruulee gumaacha ture. Kaayyoo isaa kana itti fufsiisuuf, karaa Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa hiriyoonni isaa barattoota harka qalleeyyiif barruulee gumaachaniiru.
Sagantaa kana irratti:
👉 Barattota maatiin Harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsi barruulee taasifameera
👉 Wal dorgommiin fiigicha KM 6 umurii fi saalaan qoqqoodamuun geggeeffamee, mo'attootaaf badhaasni meedaaliyaa kennameera
👉Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa fi namoota isa waliin wareegaman yaadannoon tasifameera
👉Goobee, Shinooyyee fi sagantaan fardeenii dhiyaateera
👉Faaruun kaayyoo sagantaa kanaa ibsu dhiyaateera
👉Xiboo ykn chiboo dheerini isaa M42 qophaa'ee gubameera.
Sagantaan kun akka milkaa'uuf kan dhamaatan Koree Qopheessitoota Mijirii fi qindeessitoota hundii keessan guddaa galatoomaa!!
Seenaan isin haa yaadatu!
Kaayyoo Haacaaluu itti fufsiisuuf:
📩 SMS 7855 irratti OK jenne erguun Faawundeeshini haa deeggaruu!
Galatoomaa!!
Seenaa Rirmi hin nyaatu!