Waldaa Barreessitoota Oromiyaa

Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Tumsa Guddina Ogbarruu Oromootif kan dhaabbateedha!!

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) du’aan boqachuu artistii Oromoo beekamtuu, Aadde Ilfinash Qannoo, dhaga’uun gadda ...
06/09/2026

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) du’aan boqachuu artistii Oromoo beekamtuu, Aadde Ilfinash Qannoo, dhaga’uun gadda guddaa itti dhaga’ameera.
Aadde Ilfinash Qannoo artistii Oromoo qofa osoo hin taane, nama aadaa, eenyummaa, afaan, seenaa, akkasumas, qabsoo Oromoo jajjabeessuu keessatti qooda hangafaa bahachaa turte ta’uun, gumaachi ishee seenaa keessatti ragaa fuulledha. Sirboota ishee keessatti miira, yaadaafi hawwii uummata Oromoo ibsuun, dhaloota hedduu biratti jaalalaafi kabaja guddaa horatteetti.
Keessumaa, yeroo rakkoo siyaasaafi cunqursaa keessatti sirboota warraaqsaa sirbuun, artiistota Oromoo seenaa keessatti gahee olaanaa taphatan keessaa tokko ta’uun ishee beekamaadha. Hojii ishee keessatti qormaanni, hidhaafi dararamni gama mootummoota abbaa irree irraa ishee irra ga’aa ture, qabsoo ishee irraa takkaa duubatti hin deebifne.
Boqochuun artistii, gootittii Aadde Ilfinash Qannoo, uummata Oromoo nama seenaa, aartiifi muuziqaa keessatti qooda olaanaa bahachaa ture tokko dhabsiiseera. Hojiin ishee, sagaleen isheefi ergaan sirboota ishee dhaloota dhufuuf dhaala seenaa-qabeessa ta’ee itti fufa.
Waldaan Barreessitoota Oromiyaa maatii, firoottan, hiriyoota, artistoota, hayyoota, barreessitootafi uummata Oromoo maraaf jajjabinaa hawwa.
Aadde Ilfinash Qannoo, hojii aartiifi qabsoo Oromoo keessatti maqaan ishee hin dagatamu.
Lubbuun ishee haa boqotu!
WALDAA BARREESSITOOTA OROMIYAA (WBO)

Yaa’ii Waliigalaa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Hagayya 30,2018Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Waldaan Barreessitoota Or...
05/09/2026

Yaa’ii Waliigalaa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa
Hagayya 30,2018
Waldaa Barreessitoota Oromiyaa

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa guyyaa har’aa(Hagayya 30,2018) Yaa’ii Waliigalaa kan bara 2018 Galma Giddugala Aadaa Oromootti geggeessee jira. Yaa’iin kun bakka Biiroon Abbaa Alangaa Oromiyaa itti argamanitti geggeeffamee jira. Yaa’iin kun Mata Duree, “OGBARRUUN KEENYA DOONII EENYUMMAA, SEENAA, AADAAFI AFAAN KEENYAATI” jedhuun kan geggeeffame yoo ta’u, yaa’ii kana irrattis,
• Gabaasni Raawwii Bara 2018 dhiyaateera
• Dhimma Naamusaan wal qabatee murtoon darbe yaa’ii waliigalaaf dhiyaatee raggaasifameera
• Dhimmoota Ijoo Waldichaa irratti mari’atameera
• Karoorri Hojii Bara 2019 dhiyaatee irratti mari’atameera

Gamanumaan, namoonni kallattii garaagaraan Waldaa Barreessitoota Oromiyaa waliin hojjechuu barbaaddaniif balballi keenya banaa ta’uu isin hubachiifna.
HORAA BULAA!

 !
24/08/2026

!

https://oromiawritersassociation.org/2026/03/22/badhaasa-kabajamaa/
22/03/2026

https://oromiawritersassociation.org/2026/03/22/badhaasa-kabajamaa/

Guyyaa kaleessaa Waaree Aartii guddaatu Sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame. Sagantaa guddaa kanarratti Waldaa keenya, Waldaa Barreessitoota Oromiyaa tiif beekamtii addaatu kennameef.Sagantaa kana Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Bis...

14/02/2026
Oromoon saba guddaa aadaa, duudhaafi sirna bulchiinsaa dhala namaatif qixa sirriin dhaabbate qabaachuu isaa addunyaatti ...
04/02/2026

Oromoon saba guddaa aadaa, duudhaafi sirna bulchiinsaa dhala namaatif qixa sirriin dhaabbate qabaachuu isaa addunyaatti lallabuu irra darbee ilaalchonni jal'inaa akka Oromoon bu'aa tokkollee addunyaaf hin gumaachineetti babal'atan akka cabaniif gumaachaa olaanaa taasise. Hayyuu xaxoo addunyaan sirna bulchiinsatiin walqabatee amma keessa jirtuuf Gadaan Oromoo furmaata ta'uu lallabee dhageessiseedha.
Pirofeesar Asmaaroom nama Oromoo bira dhaabachuudhan qabeenya Oromoon qabu addunyaan akka dhimma itti baatee shira siyaasaa gaaddisa dimokiraasii hammayyaa jalaa baatuf jireenya isaanii keessatti waayee Oromoo lallabaa jiraataniidha.
👉 !!
👉 !!

Qubeen Afaan Oromoo wal'aansoo hammaataafi imala xiiqii dhaloonni suni kutannoodhan raawwataniin sadarkaa har'a irra jir...
02/02/2026

Qubeen Afaan Oromoo wal'aansoo hammaataafi imala xiiqii dhaloonni suni kutannoodhan raawwataniin sadarkaa har'a irra jirru kana gahee jira. Namoonni Afaan kanaan barreessuu keessatti gumaacha gama isaanii bahatan ulfina qabu, warra ulfinaati. Dhaloonni jalqaba Qubee Afaan Oromoo kana barsiisanii hawaasa keessatti lafa qabsiisuf qabsoo hadhooftuu taasisan sunneen walarkaa fuudhiinsa warra qubee boce waliin taasisaniin, dhaloota yeroo sana mana barnootaa keessatti Afaan biraatin barachaa turan irraallee mormiin mudatee jira. Mormiin kuni ijoollee Oromoos yaa ta'u, ijoollee sanyiidhan saba biraa ta'an, Afaan Oromootin barachuun "Ifa irraa dukkanatti deebi'uu!" akka ta'etti mormaniin Qubeen akka lafa hin qabanne gochaa turani. Garuu imalichi lafa qabatee ta'ee arginee jirra. Barsiisaa Taaddasaa Lammaa Gammannee barsiisaa qaroo leenjii yeroo gabaabaa qofaan qabsoo Qubee Afaan Oromoo lafa qabsiisuu keessatti shoora gama isaa sadarkaa olaanadhaan fiixa baasedha. Ammas dhaloota akkasii nu barbaachisa. Xiiqin mana ijaara, biyya ijaara, olaantummaa biyyaa kabachiisa!!
https://youtu.be/rvR1Ik_ng3I?si=x_hbFRHgQkllUqPL

Miidhagina waltajjii keenyaa! 🙏
16/12/2025

Miidhagina waltajjii keenyaa!
🙏

Address

Oromo Cultural Center
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Barreessitoota Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share