28/12/2025
Walaloo Dr Zalaalam Abarraa
Kana Diggaa Saqoo
Korma hin qabu, morma dhabu,
Gaafa xiqii, gaaf qalma anuu;
Korma jechuun dhadatee,
Jedhe Diggaa Saqoo, abbaan Joote,
Bara matta’aan dhugaa moote!
Jedhe Diggaa Saqoo, mootii Noolee;
Gaafas jaarsi sobaa oole.
Hora xinnoo hamma barruu,
Daangaa gubbaa ciisee jiru;
Mootii lama wal gidiru,
As ncinne, achi ncinne,
Mootii tokkoof qooda latee.
( Yosan Getahun )
Sirbi Jomoree,
“Yaa intala sanyii shira mormee citu mormaa,
Koottu takkittii tiyya naqorte dhiirummaa,
Nan qaba jechuun kan akka keedha;
Sirba sirbineen Kumkummeedha!”
''Korma hin qabu
Morma hin dhabu"
Diggaa Saaqoo mootiin Noolee
Gaafa jaarsi sobaa oole!'
Yoosaan walaloo sirba kanaan seenaa bara 1969 nu yaadachiise. Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Noolee Kaabbaa'tti mootiiwwan lamatu hora irratti wal lolaa turan. Mootiin tokko Diggaa Saaqooti. Mootii biraa waliin horarratti wal loalan. Garuu, abbaan horaa Diggaa ture. Sababa walii galuu dadhabaniif mootonni kunneen lamaan dhugaa argachuuf dubbii isaanii jaarsaan ilaallachuuf, akka aadaa
Oromootti jaarsoolii filatan.
Mootichi inni Diggaan falmu kun horri sun kansaa akka hin taane beeka. Kanaafuu, jaarsoliin akka Diggaaf hin murteessine harka lafa jalaan yoo hora kana murteessaniif matta'aa akka isaanif kennu waadaa seeneef. Diggaan qulqullummaan jaarsa lakkaa'achuu malee kana quba hin qabu.
Guyyaan gahe. Jaarsummaan taa'ame. Jaarsoliinis safuu cabsan. Mootii isa matta'aa kenne qofatti waamanii "Namni durse dhiiga buuse horri kun kansaa haa ta'u jennee murteessina ati waan barbaadde faladhu” jedhanii, “Akka nun hin himneef nuu kakadhu” jedhanii mooticha isa matta'aa kenne kaksiisanii gadhiisan.
Mootiin inni Matta'aa kenne korma sangaa dhoksaatti fidee bosona kaa'e. Ammayyuu Diggaan kana quba hin qabu. Gama lamaanin ummatni murtoo dhaggeeffachuuf ni ya'an. Akka amalasaanii jaarsoliin murtii kennuf qophaa'an. Akkas jedhanii, “abbaan dursee horatti dhiiga buuse har'aa kaasee horri kun kan
isaa haa ta'u'' jedhanii jaarsolin dhugaa jal'isan. Mootii inni matta'aa kenne ni dhaaddate. Lafa cire, ni caraane. Ni iyye! ''Horri kunoo duruu kooti; madda dheebuu sa'aaf nama kiyyaati'' jedhee sobaan dhaadatee qaluuf jedhe korma bosona ka'e gad baasee lafaan dha'e.
Diggaanis yaa'ii guddaa fi uummaticha dura dhaabatee haasa'e. Saba bal'aa fuldura dhaabbatee,... “Jarsoliif matta'aa hin laanne; korma fidee dhoksaan bosonaa hin keenye; dhugaa ofii yoo dhiigan argama ta'e korma hin qabu morma hin dhabu" jedhee mudhiisaa keessaa cuubee baasee of gorra'e. Gaafa jaarsoliin haqa jallisuu arguu caala, hora xiqqoo ofii dhabee qaamni shira xaxe yeroo itti fayyadamu arguurra dhugaaf aarsaa ta'e. Dhugaa hora isaaf aarsaa of godhe. Akkasitti jaarsoliin akka quba of nyaatan godhee, salphina isaanii yaa'iif mirkaneesse! Akkasitti Diggaa Saaqoo haqaaf morma laate.