Shawaa

Shawaa ሸዋ የኦሮሞ ህዝብ ክንድ እና የኢትዮጵያ ከለላ አጥር ነው

Obbo Alamaayyoo Irreensoo simboo uummata Amboo Waaqayyo lubbuu kee haa maaru
07/02/2026

Obbo Alamaayyoo Irreensoo simboo uummata Amboo
Waaqayyo lubbuu kee haa maaru

Maammoo MazammirKoloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. KoloneelMaammoon sababa qabsoo mirga O...
25/01/2026

Maammoo Mazammir
Koloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel
Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du'aa itti murteeffamee
ajjefame.
Seenaasaa
Ijoollummaasaa
Koloneel Maammoo Mazammir abbaasaa obbo Mazammir Habtee Doorii fi haadhasaa
aadde Ummee Gurmeessaarraa Shawaa Lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara
1929tti dhalate. Dhalatees umuriinsaa gaafa barnootaaf ga'u mana barnootaa dajjaazmaach
Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa barate.
Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Makonnin keessatti osoo
hordofaa jiruu mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf barattoota yeroo
sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta'uungara magaalaa Hararitti imale.
Haa ta'u malee fedhiinsaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas
waan barbaadef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii
olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta'ee muudame. Yeroo
muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan
keessaa Maammoo Mazammir isaan tokko ture. Bara 1962tti Yuunivarsiitii Finfinneerraa
digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argate.
Qabsoosaa
Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee jiruu,
uummanni Oromoo gurguddoon waliin gurmaa'uudhaan Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi
Tuulamaa jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo
argate. Yeroo kanarraa jalqabees barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa gara
Waldaa Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo
Mazammir isaan hangafaati. Fedhiin isaa kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti
makamuudhaan hanga murtoon du'aa itti murtaa'ee fannifamutti sochii guddaa fi bu'a
qabeessa ta'e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatee darbe.
Koloneel Maammoo Mazammir bara jireenya isaa harka caalu kiitaaba seenaa fi siyaasaa
dubbisaa akka dabarsee fi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta'uudhaan
waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa ture. Seenan Itoophiyaa sobaan kan guuttame akka ta'ee fi seenan Oromoo dhofkamaa akka jiru kan bare Maammon, kitaabaa
"Seenaa Oromoo" jedhamu barreessaa ture. Kanatti kan hingammanne nafxanyoonni, barruu
kana yeroo inni hidhamu manasaatii fudhanii akka badu godhani. Kana malees Maammon,
barreeffamoota karoora mootummaa haaraa hundeessuu ibsu fi heera haaraa kan sirna
abbaa-lafaa balleessee qonnaan bulaa abbaa lafaa godhu qopheessee ture. Kunis,
nafxanyootaf mataa-dhukkubbii guddaa itti ta'e.
Koloneel Maammon, Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffa sirriitti danda'a ture. Yeroo sanatti
walaloowwan adda addaa Afaan Oromootin barreessee walga'ii Maccaa fi Tuulmaa irratti
dhiyeessun ummata gammachiisa ture. Kana malee, taba adda addaa kan hacuuccaa
Oromoon keessa jiru agarsiisan barreessee walga'irratti dhiyeessa. San bukkeetti,
Maammon nama dubbii danda'u waan ta'eef dargaggoota heddu gara waldichaatti fide.
Mul'ata guddaa kan qabuu fi nama fageessee yaadu kan ture Maammon, qabsaawota Fincila
Baalee wajjin Maccaa fi Tuulamni hariiroo akka uumu namoota godhan keessaa isa tokko.
Xalayaa qabsaawota Baalef barreesserratti akkas jedhee ture "seenaa ilma namaa keessatti,
ummanni mirgaa fi bilisummaa isaatif du'a odoo hinsodaanne qabsoof ka'u yoomiyyuu
niinjifata". Haala kanaan, Finciltoonni Baalee fi Maccaa fi Tuulamni waliin akkamitti akka
socho'an mari'achaa turan.
Sobaan Himatamuusa
Miseensota Maccaa fi Tuulamaa irratti duulaa kan bane mootummaan Hayilasillaasee
himata sobaatin koloneel Maammoo himate. koloneel Maammoo Gurraandhala 10 bara
1967 uummata Siniimaa Ampiir keessatti walitti qabamerratti boombii dhukaaftee namoota
hedduurratti miidhaa geessise jechuudhan himatame. Boombii kana kan kiyyeesse garuu
humna tikaa nageenyaa mootummaa yoo ta'u namoota kana keessaa tokko wayita
kiyyeessu itti dhuka'ee harki irraa cite. Guyyaa muraasa boodas, Mammoon boombii situ
dhukaase jechuun qabame. Erga boombichi dhoo'ee guyyaa kudhan booda, Maammon gara
mana siinimaa geeffamee suura kaafame. Mana hidhaa keessattis, reebichaa fi dararaa
guddaan walirraa hincitin irra ga'e. Dararaa guddaa boodas Maammon anatu godhe jedhee
akka mallateessu dirqame. Akkaataa kanaan, shira mootummaan fiwudaalaa hojjateen
himatamee gaafa Gurraandhala 28, 1969 murtoon du'aa irratti murtaa'e. Diraama kun
Maammoo qofa odoo hintaane, miseensota Maccaa fi Tuulamaa hunda qabuuf sababa
gaarii ta'eef.
Koloneel Maammoo Mazammir gaafa diraamaa mootummaan dalageen murtoon
sobaarratti muraataa'ee fannifamuuf jedhu dhaamsa dhumaa akkas jechuudhaan
dhaammate:
dhiigni koo dhiiga mirga uummata oromoo kabachiif dhangalaatedha malee dhiiga lafatti
bade miti. Dhiignii koo qabsoon Oromoo akka latu bishaan ta'eefi guddisa. Har'a
maalummaa uummata Oromoo balleessuudhaaf nama uummata Oromoof qaroo ta'e damee
tokko murtanis dameen uummata Oromoo sagal ta'ee lata. Dhiiga uummata oromoo har'a
dhangalaa'aa jirunis ta'e bor dhangala'u dabalatee uummati Oromoo mirga isaa akka
kabachiifatu hinshakkinaa. Garuu mooti badii ani hinhojjatiniin murtoon kun akka narratti
raawwatu godhee fi fakkaattonni isaa ummata Itoophiyaarraa murtoon wal fakkaataa akka
isaan qaqqabu itti naaf himaa!
Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara
1969 mana adabaa "alem beqqanyi" jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo
Mazammir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa ture.....Kun Olmaa Gotoota Kaleessaatti 💔
...

Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa ================================Ilmaan Oromoo Finfinnee bulchaa turan.1. Caffee Tu...
15/01/2026

Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa
================================
Ilmaan Oromoo Finfinnee bulchaa turan.

1. Caffee Tuulamaa- Tufaa Munaa .

2. Birbirsaafi Gullallee - Qajeelaa Dooyyoo.

3. Teessoo - Guddataa Araddoo.

4. Boolee -Shubuu Ejersaa.

5. Boolee Bulbulaa - Soraa Lomee.

6. Kolfee - Axalee Jaatanii.

7. Daalattii - Jamoo Dabalee.

8. Jarsaye - Galatee Ashatee.

9. Yekkaa - Abeebee Tufa.

Karra Shanan Finfinnee.
~~
1. Karra Qirxi – karra gara kaabaa geessu.

2. Karra Qoree – karra karaa Jimmaatti geessu.

3. Karra Alloo- Karra karaa Wallootti geessu.

4. Karra Qaalluu/Qaallittii- karra karaa Bishooftuutti geessu.

5. Karra Gafarsaa-karra gara dhiyaatti nu geessu.

Seenaa Jeneraal Waaqoo GuutuuJeneraal Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan ir...
10/01/2026

Seenaa Jeneraal Waaqoo Guutuu

Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Jeneraal Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fi dubartii 9 wolumaa galatti ilmaan19 horan.Generaal Waaqoo Guutuu dubartii7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta’u, kana keessaa 15 lubbuun hinjiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan34 haawwota wajjiin uf duubattidhiisan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka Aadaa naannawaatti horii, gaala kkf horachuun, gaagura hidhachuun sirna kaayoo Oromo guututti qooda keessatti qabaataa guddatan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka lafaa dhufaa yarootti qondaala biyyi herregatu fi abdatu ta’uu isaanii ijoolummaan argisiisaa guddatan.Generaal Waaqo Guutuu daa’imummaa isaanii irraa jalqabanii nama irree qabu, nama xiiqii fi jibbansa diinaa qabu turan. Ganna 14’tti osoo abbaan isaanii hin beeyne horii gurguranii qawwee jalqabaa bitatan.

Bara dargagummaa isaanii ummanni diina jala akka hin deemne gorsuuf ijoollee gurmeessuun poolisa mootummaa tumuu turan.Akkuma guddataa deemaniin jibinsi diinaaf qaban itti guddataa dhufuun baalabbaatummaa naannoo isaanii harkaa qabaataa kan turanobboleessa isaanii ka hangafaa Camarrii Guutuu Amaara biyyarraa dhoorguu hin dandeenne jechuudhaan itti qoxxisuun baalabatummaa irreenirraa fudhatan. Haa ta’uu malee ganna tokkoof erga hojjataniin booda abbaan isaanii Guutuu Usuu hangafa isaanii irraa fudhachuun seera akka hin taanegorsanii baalabaatummaa irraa fuudhanii Camarriif deebisan.Ganna 34 tti namootii biraa wajjiin dirqamni naannawa ofii tiiksuu itti kenname. Naannawa bara 1960 irraa qabee nama waa’ee ummataa keessatti bakka qabu ta’utti hojii isaaniitiin of mirkanneessan. Isaanii haala kanaan jiraatu haalli naannawa kanaa jijjiiramaa dhufe. Haga gaafa ergaan Rabbii itti dhufteetti waggaa 45 guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa hoogganuun jireenna isaanii dabarsan.Mootummaan Ingiliizii Hayla Sillaasee baqarraa deebiftee aangoo itti kennite. Ummanni naannoo kanaa bara Xaaliyaanii woliin waan dhaabateef Hayla Sillaaseen gadoo itti bayuu eegale. Miidhaa Mootummaan Abashaa ummatarra geessaa ture keessaa inni guddaan ummata Oromoo lafarraa buqqisuu ture. Haalli kun hammaataa dhufnaan General Waaqoo Guutuu qawwee kaasuuf dirqaman. Maatii isaanii dhiisanii nama jaha woliin qawwee 7 qabatanii gaara Dunnuunitti diddaa gabrummaatiif bayan. Worri jalqaba isaan woliin bayan Kadiir Waariyoo, Muussaa Doyya, Huseen Abdurahman, Huseen Waaqoo Dhaddee, Aadam Jiloo, Roobaa Hindukko turan.

Major General Mulgeta Buli  (1917_1960)Major General Mulgeta Buli recognized as the founder and chief architect of the m...
01/01/2026

Major General Mulgeta Buli (1917_1960)

Major General Mulgeta Buli recognized as the founder and chief architect of the modern Ethiopian military establishment ✌️

Walaloo Dr Zalaalam Abarraa Kana Diggaa SaqooKorma hin qabu, morma dhabu,Gaafa xiqii, gaaf qalma anuu;Korma jechuun dhad...
28/12/2025

Walaloo Dr Zalaalam Abarraa
Kana Diggaa Saqoo

Korma hin qabu, morma dhabu,
Gaafa xiqii, gaaf qalma anuu;
Korma jechuun dhadatee,
Jedhe Diggaa Saqoo, abbaan Joote,
Bara matta’aan dhugaa moote!
Jedhe Diggaa Saqoo, mootii Noolee;
Gaafas jaarsi sobaa oole.
Hora xinnoo hamma barruu,
Daangaa gubbaa ciisee jiru;
Mootii lama wal gidiru,
As ncinne, achi ncinne,
Mootii tokkoof qooda latee.
( Yosan Getahun )

Sirbi Jomoree,
“Yaa intala sanyii shira mormee citu mormaa,
Koottu takkittii tiyya naqorte dhiirummaa,
Nan qaba jechuun kan akka keedha;
Sirba sirbineen Kumkummeedha!”
''Korma hin qabu
Morma hin dhabu"
Diggaa Saaqoo mootiin Noolee
Gaafa jaarsi sobaa oole!'

Yoosaan walaloo sirba kanaan seenaa bara 1969 nu yaadachiise. Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Noolee Kaabbaa'tti mootiiwwan lamatu hora irratti wal lolaa turan. Mootiin tokko Diggaa Saaqooti. Mootii biraa waliin horarratti wal loalan. Garuu, abbaan horaa Diggaa ture. Sababa walii galuu dadhabaniif mootonni kunneen lamaan dhugaa argachuuf dubbii isaanii jaarsaan ilaallachuuf, akka aadaa
Oromootti jaarsoolii filatan.

Mootichi inni Diggaan falmu kun horri sun kansaa akka hin taane beeka. Kanaafuu, jaarsoliin akka Diggaaf hin murteessine harka lafa jalaan yoo hora kana murteessaniif matta'aa akka isaanif kennu waadaa seeneef. Diggaan qulqullummaan jaarsa lakkaa'achuu malee kana quba hin qabu.

Guyyaan gahe. Jaarsummaan taa'ame. Jaarsoliinis safuu cabsan. Mootii isa matta'aa kenne qofatti waamanii "Namni durse dhiiga buuse horri kun kansaa haa ta'u jennee murteessina ati waan barbaadde faladhu” jedhanii, “Akka nun hin himneef nuu kakadhu” jedhanii mooticha isa matta'aa kenne kaksiisanii gadhiisan.

Mootiin inni Matta'aa kenne korma sangaa dhoksaatti fidee bosona kaa'e. Ammayyuu Diggaan kana quba hin qabu. Gama lamaanin ummatni murtoo dhaggeeffachuuf ni ya'an. Akka amalasaanii jaarsoliin murtii kennuf qophaa'an. Akkas jedhanii, “abbaan dursee horatti dhiiga buuse har'aa kaasee horri kun kan
isaa haa ta'u'' jedhanii jaarsolin dhugaa jal'isan. Mootii inni matta'aa kenne ni dhaaddate. Lafa cire, ni caraane. Ni iyye! ''Horri kunoo duruu kooti; madda dheebuu sa'aaf nama kiyyaati'' jedhee sobaan dhaadatee qaluuf jedhe korma bosona ka'e gad baasee lafaan dha'e.

Diggaanis yaa'ii guddaa fi uummaticha dura dhaabatee haasa'e. Saba bal'aa fuldura dhaabbatee,... “Jarsoliif matta'aa hin laanne; korma fidee dhoksaan bosonaa hin keenye; dhugaa ofii yoo dhiigan argama ta'e korma hin qabu morma hin dhabu" jedhee mudhiisaa keessaa cuubee baasee of gorra'e. Gaafa jaarsoliin haqa jallisuu arguu caala, hora xiqqoo ofii dhabee qaamni shira xaxe yeroo itti fayyadamu arguurra dhugaaf aarsaa ta'e. Dhugaa hora isaaf aarsaa of godhe. Akkasitti jaarsoliin akka quba of nyaatan godhee, salphina isaanii yaa'iif mirkaneesse! Akkasitti Diggaa Saaqoo haqaaf morma laate.

Teessuma awuraajjaa Jibaatinnaa Maccaa ! Aanaan keessan maaliin bakka bu'e kaartaa kanarratti?
19/12/2025

Teessuma awuraajjaa Jibaatinnaa Maccaa !

Aanaan keessan maaliin bakka bu'e kaartaa kanarratti?

Maanguddoon Haftee warra Elemoo Dullee horteen warra Daadaa guddaan baddaa Cobii, mallattoo gootummaa warra Jalduu, Obbo...
06/12/2025

Maanguddoon Haftee warra Elemoo Dullee horteen warra Daadaa guddaan baddaa Cobii, mallattoo gootummaa warra Jalduu, Obbo Goobasaa Tuujjoo Gurmeesaaa hirkatan! lubbuun keessan diinqa rabbiitti haa boqottu.

Ambaasaaddar Abbaabiyyaa Abbaajoobir fi Jeneraal Taaddasaa Birruu!Bara 1965 ALH, Harargee Galamsoo!
06/12/2025

Ambaasaaddar Abbaabiyyaa Abbaajoobir fi Jeneraal Taaddasaa Birruu!

Bara 1965 ALH, Harargee Galamsoo!

 Mucaan kun Mitikkuu Galataa jedhama hojjataa mootummaati Aanaa Wancii G/Waraabuu Maasitti dhalate, Shaneen waggaa 4 kan...
29/11/2025


Mucaan kun Mitikkuu Galataa jedhama hojjataa mootummaati Aanaa Wancii G/Waraabuu Maasitti dhalate, Shaneen waggaa 4 kana abbaa isaa manatti ajjeeste, Mitikkuu immoo fuutee maallaqa kuma 200 gaafatte fudhatte erga fudhatteen booda baati 2 tursiifte ajjeeste. Seenaadhumaaf haa ta'uufinii

Via Tulema Press

Gorsa shanan armaan gadii kana itti fayyadamaa.~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~1. Bakka hundatti gaarii hojjadhu! Gaafas maqa...
22/11/2025

Gorsa shanan armaan gadii kana itti fayyadamaa.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Bakka hundatti gaarii hojjadhu!
Gaafas maqaan kee bakka gaaritti waamama.
2. Eenyummaan kee qajeelaan bakka oolteen odoo hin taane, hojii bakka sanitti hojjatteen madaalama.
3. Hanga dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu fii cabsuu namuu ni danda'a waan ta'eef, ati kabajuufii akka inni jijjiiramu jajjabeessuuf yaali.
4. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattu. Kanaaf kaayyoo qabaadhu.
5. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)

Barrii kana dubbistee osoo like hin godhiinii fi nama biraaf hin qoodiin bira hin darbiin.

Leenca Oromoo, fiixee dhirummaa Hacaaluu Hundeessaa Boonsaa bara 1995 Ambotti.
21/11/2025

Leenca Oromoo, fiixee dhirummaa Hacaaluu Hundeessaa Boonsaa bara 1995 Ambotti.

Address

4 Kilo
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shawaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share