Afan Africa Association - 3A

Afan Africa Association - 3A Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Afan Africa Association - 3A, Nonprofit Organization, 4 Kilo, Addis Ababa.

3A - a charity association, established to contribute, coordinate, organize & digitalize Ethiopian/African languages, cultures & resources on Internet like On Google product and other social media platforms. Afan Africa Association (3A), a charity association, which was established to contribute, coordinate, organize & digitalize Ethiopian/African languages, cultures & resources on Internet like O

n Google product and other social media platforms. we aim to make cultural heritages and touristic sites in the indicated regional areas available online or to create sufficient contents on Internet for Ethiopian & African Languages

03/06/2024

17/04/2024

Beeksisa

Afan Africa Association - 3A barreessaa/tuu mindeessuu barbaada.

Ulaagaa:

Digrii jalqabaa ykn dipploomaa gasa barnootaa: business administration, Secretarial Science and Office Administration, fi gosa barnootaa walitti dhiyaataan kan qabu/du.

Muuxannoo: BA waggaa 3 fi dipploomaa waggaa 5 kan qabu/du.

Dandeettii: barreessuu, qindeessuu, yeroon xumuruufi qaama jedhameef dhiyeessuu kan danda'u/ttu.

CV keessan erguun galmaayuu dandeessu

Afan Africa Association - 3A is looking for senior Executive Secretary• Minimum Qualification: BA/Diploma with 3/5 Years...
16/04/2024

Afan Africa Association - 3A is looking for senior Executive Secretary
• Minimum Qualification: BA/Diploma with 3/5 Years relevant Work Experience
• Female applicants are highly encouraged to apply!
• 3A Member fulfilling the listed criteria will prioritized.
• Salary: Negotiable

Please get detailed information from below link, and apply online now!

Contacts:
Tel: +251903439943 / 0918905062
Email: [email protected]
Telegram: https://t.me/afan_africa
Website: https://afanafrica.org

Afan Africa Association (3A), Legally registered & a charitable organization committed to the digitization and promotion of five widely spoken languages;[Afaan Oromoo, Afar, Amharic, Somali and Tigrigna], Cultures, and feeding resources on various online platforms, including Google's Crowdsource

Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaasa Oromoo biyya Keeniyaa irraa dhufe waliin mari'ate!Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaas...
23/02/2024

Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaasa Oromoo biyya Keeniyaa irraa dhufe waliin mari'ate!

Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee adda addaa irraa dhufe waliin dhimma Afaanii fi Aadaa Oromoo dijitaalessuu irratti marii baldhaa taasiseera.Marii guyyaa har'aa jechuun Gurraandhala 23/2024 magaalaa Finfinnee mana Nyaata Aadaa Oromoo Kakuu Maammeetti gaggeeffameen,garee hawaasa Oromoo biyya keeniyaa bakka bu'ee dhufeef,kaayyoo fi karoorri Waldaa Afaan Afrikaa inni guddaan Afaanii fi aadaa Oromoo dijitaalessuu,guddisuu fi sadarkaa Addunyaatti dorgomaa taasisuu akka ta'e ibseeraaf.

Waldaan Afaan Afrikaa hanga ammaatti Afaan Oromoo dijitaalessuuf hayyoota qindeessee hojii hojjate,hojjachaa jiruu fi fuuldura hojjachuuf deemu garee kanaaf baldhinaan ibsee,waldichi hawaasa Oromoo biyya keeniyaa jiru waliinis wal argee mari'achuu fi hayyootaOromoo biyya keeniyaa hirmaachisuuf karoora qaba jedheera.

Hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee akka Isi'ooloo,Marsabiit,Turkana river,Moyale fi Naayiroobii irra kan dhufe gareen Kabajamoo Obbo Diimaa Ormaatiin durfamu,hojii 3A'n hayyoota qindeessee Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa fi afaan hojii dhaabbilee teekinooloojii gochuuf hanga ammaatti hojjatee fi hojjachaa jiru dinqisiifateera.

Keessattuu Afaan Oromoo tajaajila hiikkaa (Google translate)eegaluu isaatti hedduu akka gammadan kaasanii,afaanichi sadarkaa kana gahuun isaa faayidaa baay'ee qaba jedhan."Nuti akka hawaasa Oromoo biyya keeniyaa jiraatuutti Afaan Oromoo Google irratti tajaajila hiikkaa eegaluu isaatiin faayidaan arganne kan salphatti ilaalamuu miti"kan jedhe gareen kun,"Afaan Oromoo erga tajaajila hiikkaa Google kennuu eegalee booda xiyyeeffannoo guddaa kenninee hordofaa jirra.Ilmaan Oromoo biyya keeniyaa keessatti carraa manneen barnootaatti Afaan Oromoo barachuu dhabaniif akka baratan godheera.Kanaafuu nutis kana booda dirqama nurraa eeggamu akka bahannuu fi hojii seena qabeessa saba bal'aa kana keessatti akka hirmaannuuf haalduree Waldaan Afaan Afrikaa nuuf mijeessetti fayyadamnuuf qophiidha" jedhan.

Afaan Oromoo tarree afaanota gurguddoo addunyaa cinaa hiriiree afaan hojii ta'uun,keessumaa dhaabbata guddicha pilaaneetii tanaa Google keessatti dijitaaloomee tajaajila ummata baldhaa kanaaf akka laatu gochuuf shoora 3A'n barachaa jiru jabaatee itti fufuu qaba jedhaniiru

3A'n hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee adda addaa jiranii fi hayyoota sabichaa biyya keeniyaa jiran gahee isaanii akka bahan waamicha taasiseera.

Afan Africa Association - 3A
Google Crowdsource - Ethiopia

Gaaffii miseensummaa Afan Africa Association - 3A!Namoonni hedduun miseensa Waldaa Afaan Afrikaa (Afan Africa Associatio...
07/02/2024

Gaaffii miseensummaa Afan Africa Association - 3A!

Namoonni hedduun miseensa Waldaa Afaan Afrikaa (Afan Africa Association-3A)ta'uuf gaafachaa jirtu.

Waldaa Afaan Afrikaa keessatti namni kamuu hirmaachuuf mirga guutuu qaba.Nutis akka hirmaatu barbaadna.Hirmaannaa kana keessatti gahee irraa eegamu gumaachuuf namni miseensa 3A ta'uu barbaade,ulaagaalee asii gadii kanneen guutuun dirqama.

1)Qaamaan waajjira 3A giddugaleessatti (Kiiloo 4,Gamoo Galaan irra)ykn damee waldichaa biyyoota adda addaa jiranitti argamuun galmaa'uu,

2.Karaa Marsariitii waldichaa(www.afanafrica.org) irratti Unkaa miseensummaa guutuu,

3.Unkicha guuttamu irratti fedhiisaatiin gosa miseensummaa barbaadu(Membership-type) filachuu qaba

Kunis:

A.Miseensummaa Guutuu(Ful Membership)
●Kanneen mirga guutuu(hanga filuu fi filatamuu qaban)
●Buusii Miseensummaa kan waggaa 1250,kaffaltii galmee 100 (walumaagalatti 1350) ykn 25 USD

B.Miseensummaa Giddugaleessa(Associate Members)

●Buusii Miseensummaa kan waggaa 600,kaffaltii galmee 50 (walumaagalatti 650) ykn 15 USD

C.Miseensummaa Barattootaa (Student Members)

●Buusii Miseensummaa kan waggaa 300,kaffaltii galmee 25(walumaagalatti 325)

D.Miseensummaa Dhaabbilee/Michoomaa (Institutional/Partnership)
■Diamond level
■Golden level
■Silver level

E.Miseensummaa Kabajaa(Honorary Members)
■Boordii 3A'tiin kennama.

3) Namni/qaamni tokko qaamaan ykn karaa toora-interneetaa Unkaa miseensummaatti aansee,buusii Miseensummaa kan waggaa (Yearly Membership Fee) kafaluudhaan dirqama isa jalqabaa bahachuu qaba,sana booda turtii baatii 1 hin caalle keessatti,waraqaa eenyummaa(ID) miseensummaa ni fudhata.

Hub: Namni tokko 3A keessatti Miseensa tahee lakkaawamuuf ulaagaan jalqabaa,kaffaltii galmee fi buusii miseensummaa kan waggaa (Registration fee & Yearly Membership Fee) kaffaluu qaba.Suuraan ID miseensummaaf ta'us ni barbaachisa.

Namootni karaa marsariitii keenyaan galmooftan,nagahee kaffaltii ittiin raawwattan osoo hin galchine siistemni isin hin fudhatu waan taheef,lakkoofsa Baankii Waldaa Afaan Afrikaa(3A) asii gadii irratti hamma kaffaltii gosa miseensummaa irratti galmooftanii akka kafaltan kabajaan isin yaadachiifna.

Akasumas,namootni osoo galmaayuu fedhii qabdan hin galmaayin jirtan karaa marsariitii keenyaa akka galmooftan affeeramtaniittu.

Lakkoofsa Baankiiwwan,Afan Africa Association

Baankii Awaash;-013081000720100
Baankii Daldalaa Itoophiyaa;-1000586374234
Baankii Oromiyaa;-1524399900001
Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa;-1042100060106
Baankii Gadaa;-1000001461463
Baankii Siinqee;-1057747001210

GALATOOMAA!
Waldaa Afaan Afrikaa
Afan Africa Association(3A)

Ibsa Waldaa Afaan Afrikaa ( 3A)Waldaan Afaan Afrikaa (Afan Africa Association) guyyaa Sanbata Duraa, Guraandhala 3/2024 ...
05/02/2024

Ibsa Waldaa Afaan Afrikaa ( 3A)

Waldaan Afaan Afrikaa (Afan Africa Association) guyyaa Sanbata Duraa, Guraandhala 3/2024 yaa'ii waliigalaa adeemsiseen murtoowwan garaagaraa dabarsee jira. Waldaan Afaan Afrikaa (Afan Africa Association) Waldaa Miti-Mootummaa tajaajila tola-ooltummaa irratti hojjachuuf hundaa'e yoo ta'u, qaama seerummaa guuttatee erga hundeeffamee waggaa 1fi walakkaa ol lakkoofsiseera. Waldaan keenya Dambii Ittiin Bulmaataa qopheeffatee caasaalee:
Yaa'ii Waliigalaa, Boordiifi Bulchiinsa Hojii Raawwachiiftuutiin hojii karoorfate hojjachaa jira. Karoora isaa keessaa, Afaan Oromoo dabalatee afaanota Itoophiyaa shan: Afaan Oromoo, Affaar, Af-Somalii, Afaan Amaaraafi Afaan Tigiree) akkasumas, aadaalee uummata kanneenii dijitaalessuuf hojjachaa jira. Waldaan Afaan Afrikaa Yaa'ii Waliigalaa Sanbata Duraa, Guraandhala 3 bara 2024 Magaalaa Finfinnee, Hoteela ‘Grand Palace, jedhamutti adeemsiseen ajandaalee armaan gadii irratti mari'achuudhaan murtoowwan adda addaa dabarseera. Isaanis: gabaasa raawwii hojii bara 2023 dhiyeessuu, karoora hojii bara 2024 irratti mari'achuu mirkaneessuu, danqaalee waldicha mudatan adda baasuun fala kaa'uu, carraawwan uumaman hojiitti hiikuufi kkf fa'aa irratti mari'achuun murtoowwan dabarseera.

Waldichi, miseensota 16 keessaa namoota 12 walga'icha irratti argamaniin qabxiilee marii armaan olitti tarreeffaman irratti gadi-fageenyaan mari'achuudhaan murtoowwan jajjaboo dabarseera. Murtoowwan darban keessaa isaan ijoon:
• Hojiiwwan bara 2023 hojjatamuuf karoorfaman raawwiin isaa hanga yaadamee olitti hojjatamee bu'aawwan gurguddoo waan argamsiiseef ammas daran jabaatee hamiluma kanaan akka itti fufuu qabu murtaa'eera.
• Karoora hojii bara 2024 hojjatamuuf dhiyaate irratti yaadni gabbinaa kennamuun akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtaa'eera.
• Danqaawwan bara 2023 keessa waldicha mudataniifi naamusa hojmaata waldichaa keessa-deebiidhaan madaaludhaan murtoowwan tarkaanfii adda addaa murtaa'aniiru.
Gabaasa raawwii hojii bara 2023 dhiyaate ilaalchisee, 3A-n hayyoota dhaabbata barnoota sadarkaa olaanaa qindeessudhaan qindoominni hojii Garee Google Afaanota Afrikaa wajjin hojjatame; akkasumas, hirmaannaan Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Kolleejjiiwwan Barsiisotaa Oromiyaa keessa jiranii hundi isaanii waliin ta'uudhaan Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti hojiin hojjataa turan haalaan boonsaa ta'uusaa irratti waliif galameera. Kana malees, hirmaattonni walga'ichaa: Dhaabbilee Miti-mootummaa, Abbootii Qabeenyaa, Namoota Dhuunfaafi Hayyoota guddina Afaan Oromootiif gumaacha taasisaa jiran hunda galateeffachuudhaan hojiin hojjatamaa jiru daran cimee akka itti fufuu qabu akeekaniiru.

Danqaawwan hojmaataa bara hojii 2023 keessa waldicha mudataniifi karoora bara dhufuu gadi-fageenyaan irratti mari'achuudhaan danqaawwan turaniif kallattiin furmaataa; karoora qophaa'eef ammoo tooftaafi tarsiimoon raawwii kaa'ameera.

Haaluma kanaan, hojmaanni bara dhufuu kan darbe caalaa hirmaachisaa akka ta’u; hayyoonni adda addaa: ogeeyyiin afaanii, aadaa, seenaafi aartii Oromoo; akkasumas, qaamolee dhimmi ilaallatuufi quuqama qabu hundi biyya keessaayis ta'ee biyya alaatii dammaqinaan itti hirmaachudhaan hojii karoorfame galmaan ga'uu irratti waldichaa akka tumsuu qaban waamichi taasifameera. Raawwii hojii bara 2023 keessatti danqaawwan akka: hanqina baajataa, hanqina humna namaafi hanqinni hirmaannaa ogeeyyii adda addaa akka ture adda baasudhaan waamicha hirmaannaa dabalataan akka taasifamu irratti waliif galameera.

Halaa yeroo ammaa kana dhimma pirojeektii ‘Khuullee’ jedhamu dabalatee, gochaawwan faallaa guddina Afaan Oromoo ta’an irratti hirmaattonni walga'ichaa gadi-fageenyaan mari'achuudhaan balaa dhufu hunda irraa qolachuudhaan guddina Afaan, Aadaafi Seenaa Uummata Oromoo irratti Oromoonni biyya keessaas ta'ee biyya alaa jiran tumsa isaanirraa eegamu hunda taasisuudhaan hojiiwwan 3A-n hojjatu akka milkeessuu qaban hirmaattonni walga'ichaa sagalee guutuun waamicha dabarsaniiru.

Yaa’ii Waliigala Waldaa Afaan Afrikaa
Afan Africa Association - 3A

Obbo Fedhasaa Taaddasaatiif,Bakka Jirtanitti.
04/02/2024

Obbo Fedhasaa Taaddasaatiif,
Bakka Jirtanitti.

30/01/2024

IBSA WALDAA 3A IRRAA KENNAME!
***********
Waa’ee ‘Qubee Kullee’ jedhamu ilaalchisee Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti waraqaa Obboo Fedhasaan dhiyaateen wal-qabatee Waldaan 3A waan beekuu hinqabu; keessaas harka hin qabu.
Waldaan 3An seera qabeessa.
Hojii hojjannus bu'uura seeraatiin hojjanna.
Dhimma kanarratti Marii hatattamaa goonee, yeroo gabaaba kessatti ibsa bal'aa ummataaf ni kennina. Obsaan nu eega.

Waldaa Afaan Afrikaa

Yuunivarsiitiin Harraambee Imala Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti Hooggansa Olaanoo 3A wajjiin mari'ateeraBiyya keenya...
14/01/2024

Yuunivarsiitiin Harraambee Imala Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti Hooggansa Olaanoo 3A wajjiin mari'ateera

Biyya keenyatti dhaabbilee Barnoota Olaanoo beekkumsaan dhaloota qaraa jiran akkasuma jaalatamummaa fi beekkamtii guddaa horatan keessaa tokko kan ta'e Yuunivarsiitiin Harraambee,hojii Afaan Oromoo dijitaalessuuf hojjatamaa jiru irratti Ammajjii 14/2024,3A waliin mari'ateera.

Marii kana irratti Abbaa qabeenyaa Yuunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa fi Pirezdaantii Yuunivarsiitichaa Dr.Habtaamuu Takkaa dabalatee bulchiinsi yuunivarsiitii Harraambee,hoogganaan Waldaa Afaan Afrikaa Obbo Abdiisaa Bancaa fi Walitti qabaa boordii 3A Prof.Tashoomaa Sooromsaa akkasuma miseensonni boordii 3A hirmaataniiru.

Bu'aa bahii Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa gochuuf keessa darbamee fi hojii Waldaan Afaan Afrikaa Afaan Oromoo dijitaalessuuf hayyoota Yuunivarsiitiiwwanii fi Koolleejjiiwan Barnootaa qindeessee hojjataa jiru irratti hoogganaan 3A,Obbo Abdiisaa Bancaa hirmaattotaaf ibsa bal'aa kennaniiru.Walitti qabaan boordii 3A Prof.Tashoomaa Sooromsaa,Afaan Oromoo dijitaalessuun,eenyummaa Oromoo dijitaalessuu waan ta'eef namni hunduu waan qabuu fi danda'uun tumsuu akka qabu dhaaman.

Miseensi boordii 3A Obbo Caalaa Raggaasaa gama isaaniitiin,Afaan bu'aa bahii hedduu keessa darbee sadarkaa kana gahe fuulduratti tarkaanfachiisuuf Abbootiin qabeenyaa Oromoo akkasuma dhaabbileen Oromoo tumsuuf dirqama qabu jedhan.

Yuunivarsiitiin Harraambees wanti hojjatame akka gammachiise himee,hojii 'Afan Africa Association-(3A)'itti jiru deeggaru waadaa galeera.

Biyya tokko keessatti Aadaa fi Afaan Ummataa guddisuuf gaheen dhaabbileen Barnootaa qaban olaanaadha.Keessumaa dhaabbileen barnootaa Olaanoon Aadaa,Afaanii fi Eenyummaa ummata tokkoo guddisuuf qo'annoo fi qorannoo gara garaa gaggeessuu irraa hanga hojiiwwan namootaa fi dhaabbilee birootiin hojjataman deeggaruutti shoorri taphatan hedduudha.

Imala Afaan Oromoo dijitaalessuuf 3A'n hojjataa jiru ni deeggarra"kan jedhan Abbaan qabeenyaa Yuunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa, fuuldurattis hojii hojjatamu kamuu akka tumsan dubbatan.Hojii Waldaan Afaan Afrikaa Afaanicha dijitaalessuuf hojjatetti gammadoo ta'uu kan dubbatan Obbo Fayyisaan,Yuunivarsiitiin Harraambees kana booda tumsa barbaachisu kamuu akka godhu waadaa galaniiru.

Xumurarratti 3A'n,simannaa hooggansi Yuunivarsiitii Harraambee godheefiif galateeffachuun,dhaabbilee fi Abbootiin qabeenyaa Oromoo hojii Afaan Oromoo dijitaalessuuf hojjatamaa jiru akka tumsan waamicha taasiseera.

Harambee University
Afan Africa Association - 3A

Kolleejjii Barnoota Barsiisota Dambii Doollootti leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu keenname.KBBDDtti Leenjiin Afaan Or...
02/01/2024

Kolleejjii Barnoota Barsiisota Dambii Doollootti leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu keenname.

KBBDDtti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu Barsiisotaa fi hojjattoota kolleejjichaatiif kennameera.Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa gochuuf akkamitti akka hojjatamuu qabu irratti leenjiin kan kenname yoo ta'u,barsiisonni kollejjichaas ciminaan hojjechuu akka qabaniifi yeroo yeroon ammoo sadarkaa irra gahanis akka muuxannoo waljijjiiraa deemuu qaban kallattii walii kaahaniiru.






Address

4 Kilo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afan Africa Association - 3A posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Afan Africa Association - 3A:

Share