Dejene Eticha Ejeta

Dejene Eticha Ejeta We are working on charity

Fulbaana 14/2019Beeksisa Waamicha BarattootaaBarattoonni  Manneen Barnoota Bultii Addaa WMO kutaa 10ffaa guyyaan gara Ma...
24/09/2026

Fulbaana 14/2019

Beeksisa Waamicha Barattootaa

Barattoonni Manneen Barnoota Bultii Addaa WMO kutaa 10ffaa guyyaan gara Mana Barnootaatti Deebitan Fulbaana 19fi 20/2019 Barattoonni Kutaa 9ffaa bara kana ramadamtan guyyaan gara Mana Barnootaa dhuftan Fulbaana 25fi 26/2019 ta'uu beektanii guyyaa jedhametti maatii keessan waliin akka argamtan isin beeksifna.
Barattoonni Barruulee, qalamaafi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.
Tokkummaan Misoomaaf!!

Baga Gammaddan, Baga Gammanne!Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO kan ta’e, Finiinsaa Adam, dhaabbata barnoota olaanaa...
24/09/2026

Baga Gammaddan, Baga Gammanne!

Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO kan ta’e, Finiinsaa Adam, dhaabbata barnoota olaanaa biyya Raashiyaa, 'Moscow National Research Nuclear University'tti carraa barnootaa bilisaa (scholarship) gosa barnoota 'Nuclear Engineering'n argachuu keetiin baga gammadde!

Carraan kun boqonnaa haaraa imala barnootaakee keessatti beekumsa, ogummaafi muuxannoo itti argattu akkasumas mul'atakee galmaan gahuuf baay'ee murteessaadha. Hireen kana fayyadamuun, ciminakee akka gabbifattu, barattoota si duuba jiranitti karaa akka agarsiistu abdiifi imaanaan siin jechuu barbaada.

Gama biraatiin, kanaan dura obboleettiin Finiinsaa, barattuu Mana Barumsa Bultii Addaa WMO duraanii, Laliisee Adam, carraa barnootaa biyya Turkiyyeetti gosa barnootaa 'Software Engineering' tiin argachuun barnoota ishee waggaa lammaffaa barachaa jirti.

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota addunyaa irratti dorgomoo, egeree uummataafi biyya keenyaaf gumaacha olaanaa taasisan oomishaa jiraachuu isaatiif, carraan ijoolleen keenya dorgomanii argachaa jiran agarsiistuu guddaadha. Hojii eebbifamaa kana milkeessuuf gumaacha kan taasiftan, ummatni keenya, miseensonniifi hoggansi WMO, akkasumas qooda-fudhattonni hundi baga gammaddan, baga gammanne isiniin jechuun barbaada.

Tokkummaan Misoomaaf!

Congratulations Abdi Getu Gemechu for winning a gold medal.Barataa Mana Barnoota Bultii Addaa WMO, Abdii Geetuu Gammachu...
21/09/2026

Congratulations Abdi Getu Gemechu for winning a gold medal.
Barataa Mana Barnoota Bultii Addaa WMO, Abdii Geetuu Gammachuu dhaabbata barnootaa biyya UAE, 'Higher College of Technology' irraa badhaafamaa warqee taatee eebbifamuu keetti baga gammadde. Baga milkoofte!

Milkaa'innikee kun bu'aa tattaaffii, cichoominaafi bu'uura cimaa qabaachuu keetii waan ta'eef, irra deebiin dinqisiifannaan siif qabu siif ibsuun barbaada.

Injifannoonkee kun dhaloota si booda jiraniif fakkeenyummaa, haamileefi galaa guddaadha. Uummata keenya si barsiiseef immoo abdiifi gammachuudha. Mana Barnoota Bultii Addaa WMO tiif immoo ragaa qabatamaa cimanii dhaloota eessattiyyuu dorgomanii injifatan qaruufi barsiisuu akkasumas kaayyoo qajeelaa qabatanii imalaa jiraachuuti.

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaabbata waan kaayyeffate milkeessu, dhaloota dorgomoo sadarkaa idil-addunyaatti oomishu ta'uu isaatiif kun agarsiistu guddaadha. WMOn dhaabbata uummataa, kan uummanni irree tokkoomeen utubuun dhaloota egeree isaaf utubaa ta'u oomishudha. Ciminniifi dandeettiin addaa barattoonni keenya bakka maratti agarsiisaa jiran kun, WMOn kaayyoo qabateef amanamaa ta'uu kan ifoomsudha.

Milkaa'ina gama maraan galmaa'eef, miseensonniifi deeggartoonni WMO, boordiifi hoggansi, akkasumas qooda fudhattooni hundi baga gammaddan jechuun barbaada.

Tokkummaan Misoomaaf!

14/09/2026
Congratulations, Epherem Teshome! I am very proud to hear starting class at the University of California, Berkeley, wher...
13/09/2026

Congratulations, Epherem Teshome! I am very proud to hear starting class at the University of California, Berkeley, where you will pursue a Bachelor’s degree in Computer Science, and potentially Mathematics. This is an incredible achievement and great news for ODA family!

I would also like to extend my gratitude to Raji Ashenafi Mamade for being a role model for our students and millions of children in Oromia, Ethiopia. Your influence is invaluable.

Epherem, I have known you for over five years, and I have always been impressed by your cooperation, discipline, creativity, and outstanding character. You truly are a brilliant student, and I am proud of you. I wish you all the luck and success in this new chapter of your life.
Congratulations again my brilliant!

Qaammee 05/2018Barattoota qormaata Seensaa MBBAf Dorgomtanii Darbitan hundaafQormaata Seensa Manneen Barnoota Bultii Add...
10/09/2026

Qaammee 05/2018
Barattoota qormaata Seensaa MBBAf Dorgomtanii Darbitan hundaaf

Qormaata Seensa Manneen Barnoota Bultii Addaa WMOfi Ifa Boruu BBO bara 2019f kennameen barattoonni Maqaan keessan armaan gaditti dhiyaate kanneen qormaata darbitan waan ta'eef baga gammaddan jechaa ramaddii keessan ilaallachuun guyyaa waamichi taasifamu bakka ramadamtanitti akka argamtan isin beeksifna.
TOKKUMMAAN MISOOMAAF!

Guyyaa 01/13/2019Waamicha Barattoota kutaa 11ffaafi 12ffaa barattan hundaaf.Barattootni Mana Barnoota Bultii Addaa WMO D...
06/09/2026

Guyyaa 01/13/2019
Waamicha Barattoota kutaa 11ffaafi 12ffaa barattan hundaaf.
Barattootni Mana Barnoota Bultii Addaa WMO Damee Adaamaafi Bishooftuutti bara barnootaa 2019 kutaa 11fi 12 barattan guyyaa 08/01/2019 mooraatti argamuun galmee akka raawwattan jechaa, gaafa 11/01/2019 barnootni kan eegaluu ta'uu isin beeksifna.
==Hubachiisa==
Barattootni yeroo galmeef dhuftan:
1. Guyyaa galmeen duras ta'e booda barataan kamiyyuu kan hin keessummeeffamne waan ta'ef, guyyaa waamichaa kabajuun akka argamtan cimsinee isin hubachisna.
Tokkummaan Misoomaaf!

02/09/2026
Barataa Jaalal Girmaa Baga gammadde! Barataa Jaalal Girmaa barataa mana barumsaa bultii addaa ODA irraa akka biyyaatti q...
27/08/2026

Barataa Jaalal Girmaa Baga gammadde!
Barataa Jaalal Girmaa barataa mana barumsaa bultii addaa ODA irraa akka biyyaatti qabxii Olaanaa 591.6/600 galmeessuun nu boonseedha. Barataa Kanaaf Qubee Electronics laptop haaraa lenovo core i5 13th generation kan ta’e Gatiin isaa qarshii 180,000 baasu, badhaasee jira. Barataa Jaalal nu boonsite galatoomi siin Jenna. Meeshaalee electronics kanneen akka Laptop, desktop, bilbiloota ammayyaa fi akseseroota garagaraa bitachuuf Qubee electronics filannoo keessan taasifadhaa.

🎉 ODUU MILKAA’INAA! 🎉Baga gammaddan! Baga gammanne!Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaa, qormaata ku...
26/08/2026

🎉 ODUU MILKAA’INAA! 🎉
Baga gammaddan! Baga gammanne!

Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaa, qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa keessatti seenaa ajaa’ibaa galmeessisaniiru!

🏆 Qabxii olaanaa biyyaalessaa: 591.6
🥇 Barataa Jaalal Girmaa – 1ffaa akka guutuu biyyaati
📊 Qabxii gadi aanaa: 425
🌟 Barattoota 73 qabxii 500 ol galmeessisaniiru!

Milkaa’inni kun bu’aa hoggansa gaarii, dadhabbii fi kutannoo barsiisotaa, barattootaa, maatii fi hawaasa mana barumsaa, akkasumas deeggarsa fi tumsa qaamolee hundaati.

Kanaaf, miseensota WMO, uummata naannoo keenyaa, hawaasa keenya, caasaalee mootummaa sadarkaa sadarkaan jirtan, Boordii WMO, hoggansa fi manajimantii Waldaa, barsiisota, hojjettoota, maatii barattootaa fi deeggartoota WMO hundaan baga gammaddan; baga gammanne! 👏🎉

Milkaa’ina kana irraa ka’uun, gara fuulduraattis hojii barnootaa cimsuun dhaloota beekumsa, naamusaa fi dandeettii qabu horachuuf waliin taanee ni hojjenna.

Tokkummaan Misoomaaf!
WMO — Dhalootaaf, Barnootaaf, Misoomaaf! 🌟

Address

Addis Ababa
04

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dejene Eticha Ejeta posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dejene Eticha Ejeta:

Shortcuts

Share