22/03/2025
Yaamicha deeggarsa Uummata Oromoo Karraayyutiif tolchina/Karrayyuuf Buumne-gonomna.............................................
Akkuma beekkamu uummatii keenna ka Karrayyuu uummata balchaa durii irraa jalqabe sirnaa Gadaatti ittii cichuun tisse, eege, kunuunse sirna kabajama kana hardhaan gahee biyyaaf dabarse addunyaa dhaalchisedha.
Duuba uummatii balchaan kun guyyaa hardhaa sababa balaa Kirkira/sochii lafa hamaa fi hongee jabduu bara dabre isaan mudaten rakkoo hamtuu keessa galee jira.
Yoo hardhaatu uummatii kabajaman kun iddoo quttuma isaan irra buqqa'e madha fi maatiin isa cuftii raasa ciifti. Sababa rakkoo tana waan nyaatan dhugan hin qaban. Adoo bokkaan ittii roobe waan mataa jalattii gadii qabatan hin qaban. Uummatii keenna kun rakkoo agana hin jedhamnef saaxilaman jira.
Akkanaafu dhaabbatii Alchiisoo pastoralist Up sochii buusa-gonofaa taasisun uummata keenna qarqaaruuf hujittii seene waan jiruuf qaamii kamiiyyuu nama dhuunfa irraa aga dhaabbilletti warrii nu waliin qindooftan uummata Karrayyuu qarqaaruu feetan dhiyaadha isaniin jedha.
Karrayyuun dayyuu-baaso, Karrayyuun baaso-dullacha, Karrayyuun karraa hayyootati. Karrayyuun karraa adulootati. Karrayyuun karraa laduuti. Kootta uummata keenna qarqaarre seena hojjannan dhaamsa keenna. Deeggarsa fi qindoominnii keessan nuuf kiboo.
We must act now to provide life-saving aid and protect livelihoods before it is too late.
Sinqee Bank: 1073175871219
Cooperative Bank: 1011800084313
Commercial Bank: 1000522499823
Alchiisoo Pastoralist Up
Share tolcha waliin gahaa!
Ulfaadha!