Ad/Inispek Barnota w/g Waj/barnota A/Qumbii

Ad/Inispek Barnota w/g Waj/barnota A/Qumbii At kumbi district education biru group of inspiration

BBO's ta'ee waajjira Barnoota Godina Harargee bahaatiin hedduu galateeffachuu barbaanna. Mootar saaykilii hojii supervii...
13/02/2025

BBO's ta'ee waajjira Barnoota Godina Harargee bahaatiin hedduu galateeffachuu barbaanna. Mootar saaykilii hojii superviisionii fi Inispeekshinii Barnoota walii galaa hordofuuf gargaaru tokko garee sup. IBW tiif kenneera. Galatoomaa jennaan.

Waajjira barnootaa godina harargee bahaatti gareen supervisionii fi IBW gamaaggama hojii ji'a jahaa geggeessee. ***Gurra...
12/02/2025

Waajjira barnootaa godina harargee bahaatti gareen supervisionii fi IBW gamaaggama hojii ji'a jahaa geggeessee.
***Gurraandhala 5/2017
Gamaaggama leenjiin dabalatu kan guyyaa sadiif turu (05-07/06/2017) geggeessuuf guyyaa arraa jalqabeera.

29/01/2025

Naannoo Harariitti borurraa eegalee dhaabbilee mootummaa madaalliin raawwii hojii karoora ji'a jahaa ni gaggeeffama
************
Gaazexaa Bariisaa
Komishiniin Karooraafi Misooma Dhaabbiilee Mootummaa Naannichaa madaalliin raawwii hojii karoora ji'a jahaa akka geggeeffamu beeksiseera.

Komishinarri komishinichaa Obbo Mahammad Ahmad madaallii raawwii hojii karoora walakkaa waggaa godhamu ilaalchisuun ibsa kannaniiru.

Akka ibsa komishinarichatti madaalliin raawwii hojii dhaabbilee mootummaarratti geggeeffamu bu'aarratti bu'urfate yoo tahu ifaafi karaa haqaqabeessa ta’een naannichatti kan raawwatuudha.

Sirni madaallii bu'aarratti xiyyeeffate kun sirna madaalliifi hordoffii ifaafi ittigaafatamummaa qabu mirkaneessu jiraachuu ibsaniiru.

Sirni madaallii raawwii karoora mootummaa, kun qophii karooraa, hordoffiifi gamaaggamaa kan walsimatu hojmaata ammayyaa, bu'aarratti xiyyeeffate akkasumas qajeeltoo karoora tokko bu'aa tokko kan horfofeedha jedhan.

Gabaasni dhaabbiilee mootummaa kamuu qulqullinaafi sirrii ta’uu isaa kan mirkanaa'u tahuu ibsan.

Hojmaata karoora tokko gabaasa tokko hordofuufi adeemsa galma tarsiimoo, hojiiwwan ijoofi agarsiiftuu raawwii karooraa adda baasuufi madaallii bu'a qabeessa gochuuf akka tahe dubbataniiru.

Sirna madaallii raawwii karoora hojii kanaan dhaabbiileen mootummaa raawwii hojii gamaaggamuun bu'aa argamerratti hundaa'uun sadarkaan akka kannamu ibsaniiru.

Sirni madaallii hojii kun Ifaafi haqa qabeessa akka ta'uuf kan hojjetan tahuu dubbataniiru.

Keessattuu ji'oota jahan dabran keessatti hojii idilee hojjataman xiyyeeffannoon akka ilaalaman ibsaniiru.

Sirni madaallii hojii kanaan cimina jiru itti fufsiisuufi Qaawa jiru sirreessuuf kan gargaaru tahuu eeraniiru.
Sirni madaallii hojii dursa xiyyeeffannoo bu’aarratti waan kennuuf iddoo guddaa akka qabu eeraniiru jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Naannoo Hararii odeeffannoo Bariisaaf ergeera.
Amajjii 21 bara 2017

24/09/2024
12/09/2024

Misaa'elli Iraan gara Raashiyaatti ergitu lola Yukireen jijjiiruu mala- UK
=====
Iraan misaa’eloota gara Raashiyaatti erguun ishee falmii waa'ee waraana Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa fugugfaman kanneen biyyoota dhihaa irraa argattu Raashiyaa keessatti kiyyeeffannaawwan irratti fayyadamuu jijjiiruu Ministira Dhimma Alaa UK, Deeviid Laamiin daawwannaa Kiivitti taasisaniin booda BBCtti himaniiru.

Guutummaa oduu kanaaf

↪️↪️ https://bbc.in/4gofUQg

Address

Addis Ababa

Telephone

+251946037502

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ad/Inispek Barnota w/g Waj/barnota A/Qumbii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share