06/12/2025
Sadaasa 27, Bara 2018
Ibsa Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname (WAAO)
Akkuma beekamu, Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa taatee tibba darbe miseensota isaa , Abbootii Alangaa Naannoo irratti raawwatame ilaalchisee irra deddeebiin balaaleffachuun ibsa baaseen, Abbootiin Alangaa sadii hidhattootaan butamanii fi ugguramanii harka isaanii akka turan, Abbootiin Alangaa bu’uura Qajeeltoo Ogummaa Abbaa Alangummaa Idila Addunyaa, Biyyaa fi Naannoo keenyaan miseensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu irraa bilisa akka ta’anii fi ogummaan Abbaa Alangummaa hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi mirgaa fi dantaa lammiilee qixa sirriin kabachiisuu fi hojiirra oolchuu akka ta’e ibsuun, Abbootiin Alangaa sadeen Obbo Addisuu Laggaas, Obbo Alamaayyoo Massalaa fi Obbo Yirgaaleem Mitikkuu qaamni ugguree jiru nageenya lubbuu fi fayyaa qaamaan haalduree tokko malee to’annoo isaanii jalaa karaa nagaan akka gadi lakkifamaniif waamicha dhiyyeessaa turuu fi qaamoleen dhimmi ilaallatus Abbootiin Alangaa kun karaa nagaan akka gadi lakkifamaniif tumsa akka taasisan gaafachaa turuun isaa ni yaadatama.
Bu’uura kanaan, Abbaan Alangaa Obbo Addisuu Laggaas guyyuma butaman sana miidhaa qaamaa cimaa lubbuu isaaniif sodaachisu irra gahuun bosona keessatti guyyoota shaniif bakka namni hin arginetti gatamee miidhama ol’aanaa keessa erga turaniin booda, qaamoleen Nageenyaa Mootummaa hordoffii taasisaniin Abbaa Alangaa kana bakka itti miidhaman bosona keessaa kaasuun Mana Yaalaa dhiyeenyatti argamutti yaalii dursaa akka argatu taasisuun yeroo ammaa kanaatti miidhaa olaanaa isaan irra gaheen Hospitaala ol'aanaatti yaalamaa kan jiranii fi haalli fayyummaa isaanii haala gaariirra akka jiru Waldichi itti dhiyeenyaan hordofuun mirkaneeffatee jira.
Abbootii Alangaa ugguramanii to'annaa jala turan Obbo Alamayyoo Massalaa fi Obbo Yirgaaleem Mitikkuu ilaalchisees Waldichii haala isaan keessa jiran itti dhiyeenyaan hordofaa kan ture yemmuu ta'u, odeeffannoo dhugaafi qabatamaa guyyaa har'aa argateen Abbootiin Alangaa kun harka hidhattootaa keessaa karaa nagaan gadi lakkifamuu mirkaneeffatee jira. Haaluma kanaan guyyaa har’aa, Sadaasa 27, bara 2018 ganama Abbootiin Alangaa kunneen lamaan nagaan Magaalaa Naqamtee gahanii jiru. Waldichis miseensota isaa sadeen lubbuun argachuu fi gadi lakkifamuu isaanii ilaalchisee gammachuu guddaan kan itti dhagahame ta’uu ibsuu barbaada. Itti aansee Abbootiin Alangaa kun to’annoo jalaa akka gadi lakkifamanii fi gara maatii isaaniitti nagaan akka deebi’aniif, akkasumas kan miidhamee bosona keessatti gatamee ture lubbuun akka baraaramu qaamolee hojjechaa turaniif galata guddaa dhiyeessee jira. Miseensonni keenyaa fi qaamoleen garaagaraa Abbootiin Alangaa keenya to’annoo seeraan alaa jalaa karaa nagaan akka gadi lakkifamaniif, waamichaa fi dhiibbaa garaagaraa taasisaa turtaniif Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa galata guddaa isiniif qaba..
Dhuma irratti, Waldichi Abbaa Alangaa Naannoo Obbo Naggasaa Kabbadaa Fayyee ajjeeffamaniif irra deebiin gadda guddaa itti dhagahame ibsaa; qaamni ilaallatu hundi deeggarsa barbaachisu maatii isaaniif akka taasisu waamicha dhiyeessa. Dabalataanis, qaamni kamiyyuu hubachuu fi qalbeeffachuu kan qabu, akkuma kanaan dura ibsaa turre, Abbaan Alangaa ogeessa seeraa qaama siyaasa kamiyyuu irraa bilisa ta’ee ogummaa seeraa qabuun olaantummaa seeraa fi haqa uummataa mirkaneessuuf hojjetu akka ta’e hubachuun, Abbootii Alangaa Naannichaa Oromiyaa guutuu keessatti ramadamuun hojii ogummaa Abbaa Alangummaa isaanii hojjetan irratti gochaan seeraan alaa walfakkaataan akkasii akka hin raawwatamneef, maqaa waldichaatiin irra deebiin hubachiisuu barbaadna.
Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa 27, bara 2018
Finfinnee