13/08/2026
Gamaggamni Hojii Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa . | Bara #2018 |
الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي بِنِعْمَتِهِ تَتِمُّ الصَّالِحَاتُ
✅Gamaggama gaggeeffame kana milkaa’inaan xumuruun keenya, bu’aa hojii keenya gamaaggamnee, waan gaarii galmeessine hubachuun, hanqinaalee keenya irraa barachuun fi hojii keenya gara fuulduraatti caalaatti cimsuuf carraa guddaa nuuf ta’eera.
✅Kanaaf, Hooggantoota Majlisaa fi Kaawunsilii sadarkaa hundaa, akkasumas qaamolee hojii kana keessatti gahee isaanii bahatan hundaaf galata fi kabaja guddaa qabna.
✅Hojii keessan, obsa keessan, yeroo fi humna keessan kennitanii hojii OMYC fi tajaajila hawaasaa keessatti agarsiistan irraa bu’aan gaariin argameera.
✅Haaluma kanaan, qabxiiwwan gaarii fi milkaa’inoota arganne akka bu’uuraatti fudhannee, hanqinaalee keenya immoo sirreessaa, gara fuulduraatti caalaatti cimnee, tokkummaan, obbolummaa fi itti-gaafatamummaa guutuudhaan hojjechuuf kutannee kaaneerra.
✅Rabbiin hojii keenya keessa Ikhlaasa nuuf haa kaahu, tokkummaa keenya haa cimsu, tattaaffii keenya haa milkeessu, tajaajila ummataa fi dargaggoota Muslimaa keessatti bu’aa gaarii akka galmeessinu nu haa gargaaru.
Jazakumullaahu khayran!
Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا Ethiopian Muslim Youth Council
***
Miidiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa karaalee armaan gadiitiin hordofaa.
* Telegram: https://t.me/OMYC1
* page : https://www.facebook.com/OromiaMuslimYouthCouncil