Madda Walabu Association

Madda Walabu Association Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Madda Walabu Association, Nonprofit Organization, 40 Street, Cairo.

03/02/2026

Yaadannoo Qabsoo Gootota Oromoo Baalee Waggaa 83ffaa

Ayyaanni Yaadannoo Qabsoo Gootota Oromoo Baalee Waggaa 83ffaan bifa miidhagaa ta'een Amajjii 31, 2026 kabajamee jira. Ay...
02/02/2026

Ayyaanni Yaadannoo Qabsoo Gootota Oromoo Baalee Waggaa 83ffaan bifa miidhagaa ta'een Amajjii 31, 2026 kabajamee jira. Ayyaanicha irratti barruun gabaabaa fi dokumantariin seenaa qabsoo gootota Oromoo Baalee irratti xiyyeefatu, akkasumas walaloowwan fi agarsiifni dubartoota dhiyaatee jira. Agarsiifni nyaata aadaas bifa miidhagaan dhiyaatee jira.

Qooda fudhattoonni ayyaana kanaa hundi keessan galatoomaa!

29/01/2026

Yaadannoo Qabsoo Ijoollee Baalee waggaa 83ffaa sambata iftaani Amajjii 31/ 2026 Kaayrootti waliin kabajna. Hawaasni Oromoo Kaayroo jirtan yaadannoo gootota Oromoo Baalee waliin haa yaadannu. Seenaa isaanii dhaloota haa dhaalchifnu. Guyyaa san waan goota dubbannee waan gootaa haasoyna. Nurraa hin hafinaa.

20/01/2026

Galmee Seenaa keessaa:
Yaadannoo Qabsoo Qonnaan Bultoota Baalee Waggaa 83ffaaf qophaa'aa.

Yaadannoo Qabsoo Qonnaan Bultoota Baalee waggaa 83ffaa (1943-2026) Hawaasni Oromoo biyya Masrii Magaalaa Kaayroo  jirtan...
19/01/2026

Yaadannoo Qabsoo Qonnaan Bultoota Baalee waggaa 83ffaa (1943-2026)

Hawaasni Oromoo biyya Masrii Magaalaa Kaayroo jirtan hundi keessan Amajjii (January) 31 bara 2026 Ayyaana "Yaadannoo Qabsoo Bilisummaa Oromoota (Qabsoo Qonnaan Bultoota) Baalee Waggaa 83ffaa waliin akka kabajnu waamicha isiniif taasifna.

Guyyaa kana qabsoo Gootonni Baalee bilisummaa saba isaaniif taasisan yaadannee, seenaa isaanii dhaloota haaraa dhaalchifna.

Baga Geessan!Ayyaana Gaarii
29/03/2025

Baga Geessan!
Ayyaana Gaarii

Sagantaa Af-Xiiraa Waldaa Madda Walaabuu Biyya Masrii Bitooteessa 21, 2025
21/03/2025

Sagantaa Af-Xiiraa Waldaa Madda Walaabuu Biyya Masrii Bitooteessa 21, 2025

22/02/2025

Miseensoonni Waldaa Madda Walaabuu Biyya Masrii Ijoollee Amaan Husseeniif Seensa Soomanaa sababeefachuun deeggarsa taasisan.

Oduu GaddaaInnaan illaahi wa'innaa Aleehi raaji'uunObboleessi keenya A/Waahid jeeylaan Koree MM kan turee fi hundeeffama...
29/01/2025

Oduu Gaddaa

Innaan illaahi wa'innaa Aleehi raaji'uun

Obboleessi keenya A/Waahid jeeylaan Koree MM kan turee fi hundeeffama Waldaa Madda Walaabuu jalqabaa irraa Sochii gaarii agarsiisaa kan ture Gama fuula rabbii deemuu isaa yeroo dhageenyu Gadda guddaatu nutti dhaga'ame
A/waahid Nama Naamusa qabeessaa fi halkanii guyyaa of jijjiiruuf baayyee tattaafataa tureedha
Maatii,firaa,miseensota Waldaa keenyaa fi Ummata oromoo Maraaf jajjabina hawwina
Isaaf ammoo jannata kadhanna!

Address

40 Street
Cairo

Telephone

+201144793591

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madda Walabu Association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share