15/05/2026
Beeksisa
Nageenyi haa dusru! Nagayaatti aansuun! Akkuma beekkamu haalli nageenya biyya kanaa, yeroo gara yerootti hammachaa jiraachuun beekkamaadha! Nutis akka kanuma sababa godhachuun akka kominiiti biyya kana jirru tokko taanee rakkinoota jiru qaama dhimmi ilaallatutti beeksisaa jirra. Akkasumas namoota jajjabaa keenya kan biyya alaa jiruus affeerranne hanga furmaata waaraa argannu waan daneenyu godhaa jirra.Isiniis akkuma kanaan dura namoota hidhaman nu beeksisu itti fufa.
Addatti yeroo amma namoonni hedduun gara biyyatti akka darbamaa jirantu himamaa jira. Kanaafuu namoonni nama gara biyyatti darbame ragaa harka qabdan Odeeffannoo namoota gara biyyatti darbamanii ragaaf,waan barbaannuuf hatattamatti akka nu beeksistan kabajaan isin gaafanna.
Odeeffannoo yeroo nuuf laattan, akkaataa asin gadi kanaan tahu qaba.
- Maqaa guutuu:-
-Bakka itti hidhame/ hidhamte.:-
-Guyyaa hidhame/hidhamte:-
-Faayila isaa/ishee.:-
-Lakkoofsa bilbila nama hidhameefi Maatii:-
-Sababa inni itti hidhame/hidhamte:-
- Waraqaa Copy .Yoom biyyatti darbame.Guyya itti darbame.:-
Karaa lakkoofsa whatsup asin gadi kanaan galmeessu dandeessu!
Lakk.+201158191340.
Hub:-bilbiluuf hin rakkatinaa ragaa nama hidhamee akkuma asin oolitti tuqame kanatti nuuf kaaya. Odeeffannoo dabalataatiif nutu isin qunnama.
Waliin taanee mirga keenya haa gaafannu!
Galatoomaa
Koree hojii raawwachiiftu OVA irraa!