17/09/2025
Dhimma Fi Bu'aa Qoruumsa
Erga Jijjiiramni Dhufee as waggoota 5n 6n kana akkuma isinuu quba qabdan bu'aa Qoruumsa Biyyoolessaa waliin walqabatee Waan garagaltoo 2tu uumame.
1. Barattoonni muraasni lakkoofsi isaanii "statistically significant" Qabxii Baayyee Olaanaa fiduu.
2. Lakkoofsi Barattoota Qoruumsa Biyyoolessaa walakkaa ol fidanii akkaan gad bu'uu fknf kan Bara kanaa erga sirni Jijjiiramee as isa Olaanaa yoo tahu (8%) kana Jechuun Akka Biyyatti Barattoota 100 keessaa 92 ni kufu jechuu dha.
Akkamitti Kun milkaayina tahuu dandaha?
Dhugaa dubbachuuf yoo tahe akka nama tokkotti an kan Jedhu milkaayina kan jennu homa fedhellee taatu 50+1 osoo tahee akkasi.
Amma garuu -42 Jechuun Barataa 100 keessaa 8 qofatu walakkaa ol fide. Duuba hoo Addunyaa tanarratti kasaaran kana caalu Maaltu Jira?
Rakkoon biraa manneen Barnootaa Aanaalee Fi Gandootaa dabalatee Barattoota fooyyee qabanii Fi Barsiisota fooyyee qaban keessa funaananii Barattoota suuteyyii Fi Barsiisotuma Akka isaanii waliin walitti dhiisu.
Ka biraa mee Amma manneen Barnootaa Aanaalee Fi Gandootaa kamtu Wantoota Barnootaaf barbaachise guutatee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii addaa Fi Ifa Boruu isaan hanga Digital library carraa argatan waliin warri guyyaa tokkollee ifaa electric hin argin Qoruumsa Biyyoolessaa walfakkaataa qoramu.
Na amanaa garaagarummaan bu'aa Qoruumsaa irratti mullatu garaagarummaa sammuu ykn dandeettii Barattootaa qofa miti garaagarummaa ifaan ifatti qulqullina manneen Barnootaa Biyyattii keessa jiru malee.
Hundi Keessan akkuma beeytan Manneen Barnootaa Aanaalee Fi Gandootaa Kanneen Aanaalee Ani itti dhaladhee dabalatee humna Ibsaa hin qaban. kanaafuu manneen Barnootaa 1249 Barataa tokkollee hin dabarsine π.
Mee Biyyi Ummata miliyoona 120 ol qabdu barataa 48,000 Qoruumsa Biyyoolessaa walakkaa ol fidanii akkamitti milkaayina taha Kun?
Kanaafuu Biyyi tun ammallee taanan Barnoota irratti invest gochuu Fi Wantoota Barnootaaf barbaachisan waliingahuu Fi haala Baruu Fi Barsiisuu mijjeessuu irratti xiyyeeffatuu qabdi malee milkaayina sobaatin of sobuun Waan fayyadu natti hin fakkatu ππΎ
Haalli mijataan Akka Barnoota fooyyessuu Fi Bu'aa Qoruumsaas Akka jijjiiru manneen Barnootaa Bultii addaa Fi Ifa Boruu agarsiiftuu guddaa dha.
Fknf:-
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa barattoonni manneen barnoota Ifa Borii qabxii guddaa akka biyyatti Riikardii Haaraa akka galmeessan waanuma nu maruu arginine.
Manneen barnootaa bultii addaa Oromiyaa kun erga hunda'anii waggoota muraasa keessatti milkaayuun isaanii iccitii biraa natti hin fakkatu Wantoonni Baruumsaaf barbaachisan guutamuu isaanii natti fakkaata.
Jewar Safeno Jara Jawar Saafanoo Jaarraa JSJ
https://t.me/jsjoronet