Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa

Call Website Contact the organization

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Waaqeffataa Ta'uun Ofta'uudha! Ofta'uun Heera Uumati! https://t.me/waaqeffannaa_religion_fa
(7)

Ibsa GaddaaHagayya 30, 2026; Shaggar- Oromiyaa.Manguddoon Oromoo Walloo Obboo Hasan Alii Adamee, kan maqaa Abbaa Galmaa ...
31/08/2026

Ibsa Gaddaa

Hagayya 30, 2026; Shaggar- Oromiyaa.
Manguddoon Oromoo Walloo Obboo Hasan Alii Adamee, kan maqaa Abbaa Galmaa jedhamuun beekaman du’aan boqotaniiru.

======================================

Manguddoon Oromoo Walloo, hundeessaafi miseensa Galma Amantii Waaqeffannaa Odaa Jaarraa Gadaa dhalatanii umrii isaanii waggaa torbaatamii-ja’atti (76), dhukkubsatanii wal’aanamaa erga turan booda, Gaaf Guyyaa Sambataa Hagayya 24, Bara 2018 A.L.I. mana jireenya isaanii Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Ganda Makkannaa Jaarraa Waataatti argamu keessatti du’aan boqotan.
Obboo Hasan Alii Adamee/ Abbaan Galmaa abbaa isaanii Obboo Alii Adamee fi haadha isaanii Aaddee Haalimaa Sayid Aliyyee irraa Godina Addaa Saba Oromoo/Walloo, Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Ganda Luugoo Gubbaa Waaccuutti Bara 1942 A.L.I. dhalatan.
Abbaan Galmaa hawaasa isaa keessatti gootummaa, arjummaa, fayyaalummaafi gara-laafessa lammii isaa jaalatuun beekamu. Abbaan Galmaa nama seenaa Oromummaa abboota dura darbanirraa barachaa guddate, kan sagantaa ofta’uutiin ijaaramuuf dheebuu guddaadhaan jiraachaa osoo jiranii Bara 2006 A.L.I. akkuma hundeeffamuu Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa dhaga’aniin dhaloota walitti fiduun mariisisanii, ijaaruudhaan baruma kana Giddugala Kaabaatti Galma Amantii Waaqeffannaa Odaa Jaarraa Gadaa saaquudhaan sochii deebi’ee ijaarramuu Sagantaa Warra Abbaa Oromoo, Amantii Waaqeffannaa lafa qabsiisuu keessatti ga’ee olaanaa seenaan yaadattu hojjataniiru. Erga sanii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoorratti, Yaa’ii Waliigalaa Galmootaarratti Walloo irraa ka’uudhaan dadhabe, umriin jaaree, manguddoome osoo hin jedhin akkuma dardaraatti hamilee cimtuudhaan, walakkeessa Oromiyaa Galma Boosatirraa hanga Baha Oromiyaa Galma Agamtiitti, Salaalee hanga Finfinneefi Shaggaritti hirmaannaa cimaa guddinaafi babal’ina Amantii Waaqeffannaa taasisanii jiru.
Abbaan Galmaa waggoota kudha-lamaa oliif carraaqqii Galma Warra Abbaa Oromoo deebisanii ijaaruu, waliin gahiinsa barnoota Amantii Waaqeffannaa milkeessuufi dhaloota waan isaa dhabee, waldhabuun gargar hafee ture walitti fiduun ijaaruu keessatti gammachuu guddaan sosso’aa turanii jiru.
Abbaan Galmaa abbaa maatiiti. Ilmaan dhiiraa lamaa (2) fi dubartoota kudha-tokko (11) horatanii jiru.
Haala kanaan hojjachaa osoo jiranuu fayyaa dhabanii wal’aanamaa turan. Haa ta’u malee, deeggarsi wal’aansa yaalaa taasifamaa turuufis fayyuu hin dandeenye. Sirni awwaalchaa isaas Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Ganda Luugoo Gubbaa Waaccuu, Araddaa Mudhii Waaccuutti Gaaf Guyyaa Sambataa, Hagayya 24, Bara 2018 A.L.I. raawwatameera.
Maatii, firaafi aanaa isaaniitiif “hormaataa-bultuma isinitti haa dhiifatan!” Waaqeffattoota guutuu addunyaarra jiran, kanneen biyya keessaafi biyyaan ala jiran hundumaafuu jajjabina hawwaa, ayyaantummaan isaanii nu waliin haa waaru jenna.

Hordoftoota fuula facebook Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Kutaa 2ffaa dokumantarii yaala (fayyina) miidhama...
26/06/2026

Hordoftoota fuula facebook Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Kutaa 2ffaa dokumantarii yaala (fayyina) miidhama fi dhala namaa irra gahaa ture tamsaasa chaanaalii youtube keenyaatiin isiniif dhiyaateera. Daawwadhaa!

Dookimantarii Miidhaa Maqaa Juujuufi Garbaatin Dhala Namaatirra gah...

Maqaa Juujuufi Garba jedhuun Miidhaa Hawaasni Keenya Wal-miidhaa tureef Fayyina (Faloo) Waxabajjii 14,2018 Dhaabbata Hor...
21/06/2026

Maqaa Juujuufi Garba jedhuun Miidhaa Hawaasni Keenya Wal-miidhaa tureef Fayyina (Faloo) Waxabajjii 14,2018 Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddugala Giddugaleessaa, Galma Malkaa Gafarsaatti taasifamee ture Dookimantarii isaa geessituu (Link) asii gadii kana xuquun daawwadhaa!

Dookimantarii Miidhaa Maqaa Juujuufi Garbaatin Dhala Namaatirra gah...

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Walgahii Mana Maree Walakkeessa Waggaa bara 2026 geggeeffate.Waxabajjii 15/2...
15/06/2026

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Walgahii Mana Maree Walakkeessa Waggaa bara 2026 geggeeffate.

Waxabajjii 15/2026, Shaggar - Oromiyaa

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Walgahii Mana Maree Walakkeessa Waggaa bara 2026, Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Shaggar, Konyaa Buraayyuu, Galma Malkaa Gafarsaatti Waxabajjii 15, 2026 geggeeffatee jira.

Odeeffannoo guutuu link kana seenudhaan argattu.

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Walgahii Mana Maree Walakkeessa Waggaa Bara 2026 Geggeeffate. Waxabajjii 15/2026, Shaggar – Oromiyaa.

Sagantaan Fayyinaa Giddugala Giddugaleessaatti Geggeeffame Milkiidhan Xummurame.Waxabajjii 14, 2026, Shaggar -Oromiyaa==...
14/06/2026

Sagantaan Fayyinaa Giddugala Giddugaleessaatti Geggeeffame Milkiidhan Xummurame.
Waxabajjii 14, 2026, Shaggar -Oromiyaa
====================================================
Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti, Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Shaggar, Konyaa Buraayyuu, Galma Amantii Waaqeffannaa Malkaa Gafarsaatti sagantaan fayyinaa guyyoota sadiif geggeeffamaa ture milkiidhan goolabame.

Odeeffannoo guutuu link kanaan seentanii argattu.

Sagantaan Fayyinaa Giddugala Giddugaleessaatti Geggeeffame Milkiidhan Xummurame. Waxabajjii 14, 2026, Shaggar -Oromiyaa

Ijaarsi Galma Amantii Waaqeffannaa Mojoo xumuramuun tajaajila hojii Amantii Waaqeffannaa kennuu eegale. Ebla 07, 2026. M...
07/04/2026

Ijaarsi Galma Amantii Waaqeffannaa Mojoo xumuramuun tajaajila hojii Amantii Waaqeffannaa kennuu eegale. Ebla 07, 2026. Mojoo-Oromiyaa.
=========================

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa, Galmi Mojoo iddoo argaterratti ijaarsi Galmaa eegalamee ture akkaataa saxaxaafi qulqullina ijaarsaa eeggateen xumuramee jira.
Guutuu gabaasichaa geessituu (link) kanaan seentanii argachuu ni dandeessu.

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa, Galmi Mojoo iddoo argaterratti ijaarsi Galmaa eegalamee ture akkaataa saxaxaafi qulqullina ijaarsaa eeggateen xumuramee jira. Bal’ina isaa gabaasa armaan gadii irraa dubbisaa.

Dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Amajjii 3/2018 Galma Boosatitti kabajame geessituu (li...
10/02/2026

Dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Amajjii 3/2018 Galma Boosatitti kabajame geessituu (link) kana seenudhaan daawwadha!

Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo kan warra darban yaadachuuf kabajamuudha. Kan warra jiru walitti fidu, jireenya gaarii jiraachisu, akkasumas, kan dhaloota dhufuuf qananii ta’uudha. Nutis dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, ...

Kabajamtoota hordoftoota ‘Fuula Facebook’ Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 is...
08/02/2026

Kabajamtoota hordoftoota ‘Fuula Facebook’ Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 isinii maxxansineen Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti kabajamuu isaa isin biraan gahuun keenya ni yaadatama.

Dookimantarii isaa yeroo dhihootti isin biraan geenya! Hangasitti suuraalee Ayyaana kana irratti fudhataman geessituu (Link) asii gadii kana tuquun daawwadha!

Kabajamtoota hordoftoota Marsariitii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 isinii maxxansineen Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti kabajamuu isaa isin bi...

Dookimantarii Sirna Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa fi Arsii geessitu (Link) asii  gadii kana xuquun d...
02/02/2026

Dookimantarii Sirna Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa fi Arsii geessitu (Link) asii gadii kana xuquun daawwadhaa!

Dookimantarii keenya har’aa kanaan, miidhaa gamaafi gamanaan walirratti raawwatamaa ture gidduudhaa furuun fayyinni bal’aan taasifamuusaa kan isin biraan geenyu ta’a!

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii kan xumuraa taasifame!Amajjii 20/2018Sirni Ar...
28/01/2026

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii kan xumuraa taasifame!

Amajjii 20/2018

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii walitti bu’iinsa waliinii jidduutti gamaa gamanaa dhuman qorachuun erga hubatamee booda araarri marsaa xumuraa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa Galma Malkaa Qoffee Magaalaa Maqiitti taasifameera.
Odeeffannoo guutuu geessitu (Link) kana keessaa argattu!

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii walitti bu’iinsa waliinii jidduutti gamaa gamanaa dhuman qorachuun erga hubatamee booda araarri marsaa xumuraa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa Galma Malkaa Qoffee Magaalaa Maqiitti taasifameera...

Address

Waaqeffannaa2018@gmail. Com
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa:

Shortcuts

Share