Buufata Fayyaa Shanoo /ሸኖ ጤና ጣቢያ/ SHENO Health Center

  • Home
  • Ethiopia
  • Sheno
  • Buufata Fayyaa Shanoo /ሸኖ ጤና ጣቢያ/ SHENO Health Center

Buufata Fayyaa Shanoo /ሸኖ ጤና ጣቢያ/ SHENO Health Center Sheno Hc is located in Oromia region Sheno town and established in yekatit1995E.c

27/01/2026

Olka'uu dhiibbaa dhiiga (HYPERTENSION)

‎Namoonni dhiibbaa dhiigaa isaanii yeroo yerootti ilaalamuu qaban:

‎✓ Namoota umriin isaanii 40 ol ta'e
‎✓ Namoota maatii keessa namni olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee ykn istirookii qaban (sanyiin daddarbuu waan danda'uuf)
‎✓ Namoota ulfaatina qaamaa guddaa qaban
‎✓Namoota tamboo xuuxan
‎✓ Namoota Alkoolii dhuguu hedduummessan
‎✓Namoota dhibee sukkaaraa, dhibee kalee fi kolestiroolii ol’aanaa qaban
‎✓Dubartoota ulfaa (dhiibbaa dhiigaa ulfaa waliin walqabatu adda baasuuf)
‎✓ Namoota yaaddoo (stress) cimaa keessa jiran
‎✓ Namoota sochii qaamaa hin taasifne
‎✓ Namoota olka'uu dhiibbaa dhiiga qaban (to’annoofi hordoffii gochuuf)

‎Hub:- Olka'uun dhiibbaa dhiigaa yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Kanaafuu, fayyummaa ofii beekuun kan danda’amu yeroo yerootti dhiibbaa dhiigaa keenya safaramuudhani.


Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Dhukkuba Daranyoo Sombaa(TB), "Tuberculosis"Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra c...
03/01/2026

Dhukkuba Daranyoo Sombaa(TB), "Tuberculosis"
Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa sombaa keenya miidha.

Eenyyutu caalaatti saaxilama?
✓Daa’imman waggaa 5 gadi
✓Maanguddoota waggaa 64 oli
✓Namoota HIV/AIDS waliin jiraatan
✓Namoota dhukkubsataa Tiibii waliin jiraatan

Akkamitti namatti daddarba?
✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu Qufa'uu karaa qilleensa nutti daddarba.
✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu

Karaalee Tiibiin ittiin hin daddarbine.
✓Nagaa wal gaafachuun
✓Uffata walii uffachuun
✓Waliin nyaachuun hin daddarbu

Mallattoolee dhukkuba Tiibii
✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture
✓Ho’a qaamaa
✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu
✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuu

Akkamitti ofirraa Ittisna?
✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii keenya irratti argine dafne mana yaalaa deemuu.
✓Qoricha ogeessan nuuf ajajame guutuun guututti fudhachuu
✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu
✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu
✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.
✓Nyaata madaalamaa nyaachuu
✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuu

Maatiin dhukkubsataa maal gochuu qaba?
✓Qoricha akka adda hin kutne hordofuu
✓Nama mallattoo asii olii kana qaban qorachiisuu
✓Manni jireenyaa keenya qilleensa gahaa akka qabaatu taasisuu.

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

 Magaala Shanootti Duullii Talaalli Ittisa Dhibee Pooliyoo/Laamshessaa Marsaa 4ffaan Muddee 3-6/2018 Daa'iimman Umurii W...
09/12/2025


Magaala Shanootti
Duullii Talaalli Ittisa Dhibee Pooliyoo/Laamshessaa Marsaa 4ffaan Muddee 3-6/2018 Daa'iimman Umurii Waggaa 5(Shanii) gadi Ta'aan Hundaaf Manaa Manatti Ni Kennama.

Dhukkubni Pooliyoo ykn Laamsheessaan akka biyya keenyatti dhukkubbii, miidhaa qaamaa fi du’aatii daa’imman hedduuf dhukkuboota sababa ta’aan keessaa isa tokko dha.
✍ Dhukkuba Pooliyoo ittisuun kan danda’amu daa’imman talaallii pooliyoo idileedhaan akkasumas bifa duulaatiin dabalataan kan kennamu talaalchisuudhaani.
✍Kanumarraa ka'uun duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaadhaan kennamuun isaa ni yaadatama.

✍ Haaluma kanaan magaala Shanoo, Gandoota hunda keessatti duulli qindaa’aan talaallii Pooliyoo marsaan 4ffaa Muddee 3-6/2018 tti waan kannamuuf, guyyoota duulaa kanatti ogeessonni(gareen talaallii) talaallii kana manaa manaatti waan kennaniif, maatii fi guddistoonnii hundi daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’an kanaan dura talaallii pooliyoo talaalamanis talaalamuu baatanis yeroo duula kana akka talaalchiftan isin hubachiifna.

Daa'imman Talaalii Argachuuf Mirga Qabu!
Maatiin Daa'imman Talaalchiisuuf Dirqama Qabu!
Buufata Fayyaa Shanoo
Galatoomaa 🙏🙏🙏

https://www.facebook.com/100064567187444/posts/1258179886344239/
26/11/2025

https://www.facebook.com/100064567187444/posts/1258179886344239/

ህፃናት እንደ ተወለዱ የሚሰጥ የጉበት በሽታ መከለከያ ክትባት
__________

ከወሊድ በኋላ የሚሰጥ የሄፐታይተስ ቢ ክትባት ወይም የጉበት በሽታ መከለከያ ክትባት ቫይረሱ ከእናት ወደ ልጅ እንዳይተላለፍና ሕፃናት ወደፊት እንደ የጉበት ጠባሳ እና የጉበት ካንሰር ያሉ ሥር ለሰደዱ የጤና ችግሮች እንዳይጋለጡ ይከላከላል።

በተለይም እናት የቫይረሱ ተሸካሚ ከሆነች፥ ከወሊድ በኋላ ክትባቱን መስጠት ኢንፌክሽኑን ለመከላከል በጣም ውጤታማው መንገድ ነው።

የሄፐታይተስ ቢ ክትባት ህፃናት ከተወለዱ በኋላ ባሉት የመጀመሪያዎቹ 24 ሰዓታት ውስጥ ይሰጣል። በመጀመሪያዎቹ 24 ሰዓት ውስጥ ክትባቱ መስጠት አስተማማኝ እና ውጤታማ ነው ።

ከሆስፒታል ውጭ ለተወለዱ ህጻናት ክትባቱን ከተወለዱ በኋላ ባሉት 14 ቀናት ውስጥ መከተብ አለባቸው።

ክትባቱ በሁሉም የመንግስት ጤና ተቋማት እና በተወሰኑ የግል ጤና ተቋማት ውስጥ ይሰጣል!

Website: moh.gov.et
Facebook: Ministry of Health,Ethiopia
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

https://www.facebook.com/share/1CyufXDMwd/
16/11/2025

https://www.facebook.com/share/1CyufXDMwd/

ማርበርግ ቫይረስ
አማርኛ |አፋን ኦሮሞ

1) በሽታው ምንድን ነው?

#የቫይረሱ አይነት: ማርበርግ ቫይረስ የፋይሎቫይረስ (Filoviridae) ቤተሰብ አባል ሲሆን ይህም ኢቦላ ቫይረስ የሚገኝበት ቤተሰብ ነው። ለዚህም ነው ሁለቱም በሽታዎች ተመሳሳይ የሕመም ምልክቶች እና የሞት መጠን ያላቸው።

#ክብደት: በሽታው ከባድ እና ከፍተኛ የሞት መጠን ያለው ሲሆን፣ በቅርብ ጊዜ በተከሰቱ ወረርሽኞች በበሽታው ከተያዙት ውስጥ እስከ 88% የሚደርስ ሰዎች ሞተዋል (እንደ ወረርሽኙ ሁኔታ ሊለያይ ይችላል)።
#ታሪክ: በሽታው ለመጀመሪያ ጊዜ በ1967 ዓ.ም በጀርመን ማርበርግ እና በፍራንክፈርት እንዲሁም በሰርቢያ ቤልግሬድ ከተሞች ተከስቷል። ቫይረሱ የመጣው ከዩጋንዳ በመጡ የላብራቶሪ ምርምር ዝንጀሮዎች አማካኝነት ነው ይባላል።

2) ስርጭት (በሽታው እንዴት ይተላለፋል?)
+++ ዋናው #ምንጭ: የማርበርግ ቫይረስ ተሸካሚዎች ፍራፍሬ ላይ የሚያዘወትሩ የሌሊት ወፎች (Rousettus bats) ናቸው። ሰዎች በቫይረሱ ሊያዙ የሚችሉት በእነዚህ የሌሊት ወፎች ባሉበት ዋሻዎች ወይም ማዕድናት ውስጥ በመገኘት ነው።

+++ ከሰው ወደ ሰው የሚኖረው #ስርጭት: ቫይረሱ ከሰው ወደ ሰው የሚተላለፈው በበሽታው የተያዘ ሰው ወይም እንስሳት በሚወጡ ፈሳሾች (ደም፣ ምራቅ፣ ማስታወክ፣ ሰገራ፣ ሽንት፣ የዘር ፈሳሽ እና ሌሎች) ጋር በቀጥታ በመገናኘት ነው።
3) #ምልክቶች
የበሽታው ምልክቶች በአብዛኛው ከ2 እስከ 21 ቀናት ባለው ጊዜ ውስጥ ይታያሉ።

የሚከተሉትን እንመልከት
#የመጀመሪያ ደረጃ ላይ : ከፍተኛ ትኩሳት፣ ከባድ ራስ ምታት፣ ከባድ የጡንቻና የመገጣጠሚያ ህመም፣ ድካም ስሜት።
#ሁለተኛ ደረጃ (ከጥቂት ቀናት በኋላ): ከባድ ተቅማጥ፣ የሆድ ቁርጠት፣ ማቅለሽለሽ፣ ማስታወክ፣ የደረት እና የጉሮሮ ህመም።
#የከፋ ደረጃ (ከ5-7 ቀናት በኋላ) ከባድ የደም መፍሰስ (ከአፍንጫ፣ ከድድ፣ ከዓይን እና የቆዳ ስር)፣ የጉበት እና የኩላሊት ድካም፣ የንቃተ ህሊና መሳት፣ የብዝሃ-አካል ስራ መቆም (Multi-organ failure) እና ሞት። ከዚህ በተጨማሪ የዓይን መቅላት፣ የቆዳ ሽፍታ (በተለይ በደረት፣ ጀርባና ሆድ አካባቢ)።

4)የሚሰጠው ህክምና እና መከላከያ መንገዶች
#ፈውስ: ለጊዜው ቫይረሱን የሚያጠፋ የተረጋገጠ መድኃኒት ወይም ክትባት የለም።
#ህክምና: የሚሰጠው ህክምና ምልክቶችን ለማስታገስ (Supportive Care) ነው።
#ፈሳሽ መተካት (IV fluids): በከፍተኛ ተቅማጥ እና ማስታወክ የጠፋውን ፈሳሽ መሙላት ነው።
#የደም መፍሰስ ቁጥጥር: የደም ግፊትን ማረጋጋት እና የደም መርጋት መከላከል/ማከም።
#የተጎዱትን የአካል ክፍሎች (ኩላሊት፣ ጉበት) ድጋፍ መስጠት።

በጣም #አስፈላጊው ነጥብ
-) የግል መከላከያ ቁሳቁስ (PPE): የጤና ባለሙያዎች የታመሙ ሰዎችን ሲያክሙ ጓንት፣ ጋውን፣ ጭንብል እና የዓይን መከላከያ የግድ መጠቀም አለባቸው።
_) ንጽህና: እጅን በአግባቡ በሳሙና መታጠብ፣ በተለይ የታመመ ሰው የነካን ወይም የጎበኘን ከሆነ።

Vaayirasii 'Marburg' irraa of eegaa

Dhibeen Vaayirasii tibbana Jiinkaatti muudate maalummaansaa beekamuu Ministirri Fayyaa beeksise.

Ka’umsi dhukkuba Heemooraajik Fiivar Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaatti muudate kunis Biyyoota Baha Afrikaa birootti kana dura kan mul'ate yoo ta'u maqaansaas 'Marburg virus' akka jedhamu eere.

Hanga ammaattis Laaboraatori Riferansii Biyyaalessaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti qorannoo DNA taasifameen ka’umsi dhukkubichaa Vaayirasii Maarbargi akka ta’e adda bahuu Ministeerichi beeksiseera

Guyyaa har’aa namni mallattoo dhukkubichaa agarsiises ta’e dhukkubichaan shakkame kan hin jirre ta’uus ibseera.

Gareen ogummaa garaagaraarraa ijaarame gara naannichaatti erguun hojiin dhukkubicha ittisuufi to’achuu hojjetamaa akka jirus Ministeerichi ifoomseera.

MAALUMMAA DHIBEE KANAA

Viral hemorrhagic fever kan jedhaman dhibee tokko qofa osoo hin taane, dhibeewwan vaayireesiin dhufan mallattoo fi haala daddarbiinsaa akkasuman haala miidhaa qaamarra geessisanii walfakkaatan of jalatti qaba.

Dhukkuboonni 'Viral Hemorrhagic Fever (VHF)' jedhaman kun akkuma maqaan ibsu; vaayirasiin kan dhufan (viral), qaama namaa dhiigsuun beekaman (hemorrhagic) fi mallattoo dhagna/qaamaa gubaa (fever) qabanidha.

Dhibeewwan amala ijoon walfakkaatan (keessumaa qaama dhiigsuu fi qaama gubaa)Viral Hemorrhagic Fever jedhamuun beekaman kana keessaa kan akka Crimean-Congo Dengue, Ebola, Hantavirus, Lassa, Marburg fi Yellow fever maqaa dha'uun ni danda'ama.

MALLATTOO

●Dhaqna gubuu
●Dadhabbii akka malee
●Dhukkubbii maashaa fi buusaa
●Mataa dhukkubbii
●Teessisa
●Olguuruufaadha

Akkuma hammaataa deemeen ammoo mallattoowwan ciccimoon kanneen akka:-
● Dhiiguu qaamaa kan akka funyaan, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaama saalaa fi qaamota keessaan ba'uu
●Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
●Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
●Of wallaaluufaa agarsiisa.

AKKAATAA DADDARBIINSA ISAA

●Ciniinnaa bookee fi silmii
●Dhangala'aa nama dhibee VHF qabuu kan akka dhiiga, fincaan, bobbaa, hancufa, aannan harmaa, dhangala'aa qaamaa saalaa tuttuquudhaan.
●Karaa dhangala'aa bineensotaa fi beeyladoota dhibee VHF'n qabamanii kan akka jaldeessaa, qamalee, shimbira halkanii fi beeyladoota manaa dabalatee.

ITTISA

●Bineensota dhibee kana namatti dabarsan keessumaa hantuuta naannoo ofii dhabamsiisuu.
●Bookeen akka nama hin ciniinne maloota akka agoobara fayyadamuu, uffata qaama haga danda'ame golgu uffachuu, golgaa foddaa (window screen) fi keemikaalota farra bookee fayyadamuun ofirraa dhorkuu.
●Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu. Gara mana yaalaa geessuu.

YAALA

Yaalli dhibee kanaaf godhamu, yaala dhibee kana fayyisu (curative) osoo hin taane, yaala gargaarsaa kan akka mallattooleen fooyya'an taasisuu (supportive management) dha.

15/11/2025

የማርበርግ ቫይረስ በሽታ ምንነት፣ መተላለፊያ መንገዶችና መከላከያ ዘዴዎች



Website: moh.gov.et
Facebook: facebook.com/EthiopiaFMoH
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

14/11/2025

Dhibeen Heemooreejiik Fiivar (Hemorrhagic Fever) maali? Akkamiin ittifama?

https://www.facebook.com/100064567187444/posts/1247980897364138/?app=fbl
13/11/2025

https://www.facebook.com/100064567187444/posts/1247980897364138/?app=fbl

የጡት ካንሰር - ይወቁ፣ ይቅደሙ!

1. የጡት ካንሰር ምንድን ነው?

የጡት ካንሰር በጡት ውስጥ ያሉ ሕዋሶች ባልተለመደ መልኩ ሲራቡና ሲያድጉ የሚከሰት በሽታ ነው። የጡት ካንሰር በኢትዮጵያ የተስፋፋ ያለ የካንሰር ዓይነት ሲሆን፣ ከሁሉም የካንሰር አይነቶች የጡት ካንሰር ታማሚዊች 32% ይዞ ይገኛል።

መረጃዎች እንደሚያሣዩት በየዓመቱ 16,000 በላይ አዲስ የጡት ካንሰር ታማሚዎች በኢትዮጲያ ይመዘገባሉ። ከ70% በላይ ሴቶችም በሽታው የመጨረሻ ደረጃ ወይም ስር ከሰደደ በሁዋላ ወደ ጤና ተቋም ስለሚመጡ የህክምናው ዉጤት ዉስብስብ እና ዝቅተኛ ያደርገዋል፡፡ በኢትዮጵያ አብዛኛው ሴቶች የጡት ካንሰር ግንዛቤ ስለሌላቸዉ የምርመራ እና የሕክምና አገልግሎቶች ለማግኘት የተገደቡ ናቸው።

2. የጡት ካንሰር በምን ይከሰታል?

የጡት ካንሰር አንድ የተለየ መንስኤ ባይኖረዉም፤ መከላከል የምንችላቸዉ እና የማንችላቸዉ ነገሮች በምክንያትነት ይጠቀሳሉ።

3. መነሻ ምክንያቶች

• በቤተሰብ የነበረ ታሪክ ወይም የተወረሰ ዘረመል
• የመጀመሪያ የወር አበባ ቀደም ብሎ መጀመር ወይም ለማረጥ መዘግየት እና እድሜ መጨመር
• የመጀመሪያ እርግዝናን ከ30 ዓመት በኋላ ሲሆን እና አለማጥባት
• ወፍረት፣ በተለይ የወር አበባ ከተቋረጠ በኋላ
• አልኮል መጠጣት ወይም ማጨስ
• ቀደም ብሎ በደረት ላይ የተደረገ የጨረር ሕክምና ጋር ተያይዞ መኖር መንስኤዎች ሊሆኑ ይችላሉ።

4. ምልክቶች — ከሚከተሉት አንዱን ካዩ ወደ ጤና ባለሙያ ይሂዱ!

• በጡት ወይም በእጅ ትከሻ ስር የተለየ እብጠት ወይም መጠጠር
• የጡት መጠን ወይም ቅርፅ መቀየር
• የቆዳ መቅላት ወይም መንቀጥቀጥ
• የጡት ጫፍ ወደ ውስጥ መግባት ወይም ደም የያዘ ፈሳሽ መውጣት
• በጡት ውስጥ በአንድ ቦታ የማያቆም ህመም መሰማት ምልክቶች ናቸው።

5. በቀላሉ ራስዎን መፈተሻ መንገድ

1. በመስታወት ፊት ቆሞ ትከሻዎን ቀጥ በማድረግ እና እጆችዎን በወገብ ላይ አድርገው ጡቶችዎን ይመልከቱ። የቆዳ መቆጣት እና የጡት መጠን ለውጦች ይመልከቱ። እጆችዎን ወደ ላይ ቀጥ አድርገው ያንሱ እና ለውጦችን ይመልከቱ።
2. በተጨማሪ አንድ እጅዎን በማንሳት በሌላኛው እጅዎ በመካከለኛው 3 ጣቶች ክብ እንቅስቃሴ በማደረግ ከጡትዎ የውጨኛ ክፍል ጀምረው እስከ ጫፉ ድረስ ይመርምሩ። እጅዎን በመቀያየር ሁለቱንም ጡቶች ተኝተው አልያም ቆመው መመርመር ይችላሉ።

6. ምርመራ

• ከላይ የተጠቀሱ ምልክቶችን ካስተዋሉ እና የተለየ ለውጥ ካገኙ በፍጥነት ወደ ጤና ተቋም በመሄድ ምርመራ ያድርጉ።
• የጡት ካንሰር ምርመራ በሰለጠነ የጤና ባለሙያ በተመረጡ ጤና ተቋማት ይሰጣል።
• የጡት ካንሰር ምርመራ እንደ አስፈላጊነቱ አልትራሳውንድ ወይም ማሞግራፊ ጨምሮ ፓቶሎጂ ምርመራዎችን ያጠቃልላል።

7. ሕክምና

የጡት ካንሰር ህክምና የተለያዩ አማራጮች አሉት
• ቀዶ ጥገና፣ ኬሞቴራፒ፣ የሆርሞን እና የጨረር ሕክምና

8. ተጋላጭነትን ለመቀነስ መደረግ ያለባቸው ነገሮች

• ክብደት መቆጣጠርና አካላዊ እንቅስቃሴ ማድረግ
• አልኮልን መቀነስ እና አለማጨስ
• በተቻለ መጠን በወሊድ ወቅት ማጥባት
• በቤተሰብ ውስጥ የበሽታው ታሪክ ካለ ቢያንስ በዓመት አንድ ጊዜ ምርመራ ማድረግ
• ማንኛውም ለውጥ በሚኖርበት ጊዜ ቀደም ብለው ህክምና ምርመራ ያድርጉ — ቀድሞ ከተገኘ የመዳን እድሉ ከፍተኛ ስለሆነ

9. መቼ ወደ ህክምና ተቋም መሄድ አለብዎት

ያልተመደ እብጠት ወይም መጠጠር፣ የቆዳ ለውጥ፣ የጡት ጫፍ ለውጥ ወይም የጡት ህመም ሲያጋጥምና ምልክቶቹ ከጥቂት ሳምንታት በላይ ከቆዩ በአፋጥኝ ወደ ጤና ተቋም በመሄድ ምርመራ ማድረግ ያስፈልጋል።

ቀደም ብሎ መገንዘብ ሕይወትን ያድናል - ጡቶችዎን ይመርምሩ፣ ለማንኛውም ለውጥ ወደ ጤና ተቋም ይሂዱ።

ለበለጠ መረጃ በነፃ የስልክ መስመር #952 ይደውሉ!



Website: moh.gov.et
Facebook: Ministry of Health,Ethiopia
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

https://www.facebook.com/share/1JK4gyuF5C/
13/11/2025

https://www.facebook.com/share/1JK4gyuF5C/

❓🩸
Waa'ee weerara dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!
*******************************************
Dhibee yeroo ammaaf Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mul'ate
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa❓ Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .

Credit:- Dr. Gadaa(Ispeeshalistii Dhibee Keessaa)

Address

Sheno
SHENO,SHEWA,

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Buufata Fayyaa Shanoo /ሸኖ ጤና ጣቢያ/ SHENO Health Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share