06/03/2024
Obboleessi keenna kun jedhama barataa waggaa 2ffaa ture. Gaafa guyyaa roobii (20-6-2016) naannoo sa'aatii 6tti ergaa qormaata qoramanii xumuranii booda class ba'anii hiriyoota isaa wajjiin hanga "Kaffeen " banamuuf jedhanii gamoo gubbaa ba'an.Gamoo kana gubbaa waan akka "Addabaabaayiitu ture.Achi irraa osoo deemni tasa "Mastaawotii irra ijjattee Mastaawotichi gad isaan caccabee gamoo gidduudhaan darbii 6ffaa irraa gara 3tti gad kufe. Sana booda barattoonni bakka sana ykn darbii 3ffaa irra turan fudhanii mana yaalaa Referaala Hawassaa geessanii qorannoon erga godhameefii booda akka dhiigni garaa keessatti ititeeru argan. Ergasii yaalamaa ture. Amma wayyata, amma itti jabaata, amma woyyata,amma itti jabaata haala kanaan jiru dilbata kaleessaa sa'aatii 7:30tti Rabbi fudhate. π
Namni kun kaadima masjiidaati.nama salaanni isa irra hin tarre ture. Anaaf namni kun hiriyoota an qabu keessa tokko isa ture.waan baay'ee wajjiin dabarsine, waan baay'ee wol obsisiifne ,waan hedduu irratti walgorsaa,waliin obsaa,wal jajjabeessaa turre.Waan baay'ee waliin dubbanne, waan baay'ee wajjiin karoorfanne, Rakkattoota gargaarra jennee Gaafa fulbaana tokkoo bara 2016 jedhu hundeessine garuu karoorri rabbii karoora eenyuu ol waan ta'eef ati kana booda addunyaa tana irra hin turtu ramadaanas hin dhaqqabduu jedhee fudhate.
Rabbiin haa araaramuu dargaggoo jannataa irraa isa haa taasisu. π€²
Dhuma irratti waan jechuu fedhe namni kun akkuma kiyyaaf kee karoora qaba, baratee galma guddaa gahuu fedha, hojjattee qabeenya horachuu fedha, fuudhee maatii horachuu fedha, akkuma anaaf ati ramadaana eegutti jirru innis ramadaana eega ture ammo Rabbiin eeyyama hin gooneef ni fudhate.π Jiruun addunyaa hamma nu yaannuu ol wlh gabaabduudha akka of hin daganne hariiroo rabbiin waliin qabnu haa jabeeffannu, ibaadaa keenya irratti haa jabaannu!
Ammas obboleessa kiyya Ilaahiin siif haa araaramuu,caffee jannataa keessa si