Ethiopian Dream

Ethiopian Dream Positive attitude+Positive attitude only Join this page.

05/04/2026

With Paablisiitii Aanaa Barbaree – I just got recognized as one of their top fans!

In line with the needs of various districts within the Baalee Zone, new leadership appointments have been made.Among the...
03/04/2026

In line with the needs of various districts within the Baalee Zone, new leadership appointments have been made.

Among these, Mr. Abbabaa Addunyaa—formerly serving as Prosperity Party District Head at Harana Buluq District—has now been appointed as the Administrator of the Barbaree District Administration.

Mr. Abbabaa Addunyaa stands as a truly effective and active leader, widely admired for consistently applying every criterion of good leadership across all his public and governmental duties. His unwavering commitment to integrity, transparency, and community-driven service has earned him genuine love and respect from the people he serves. Through his successful public works, he has repeatedly demonstrated that a leader’s true strength lies in action, not just words. As he steps into this vital new role, there is every confidence that he will continue to inspire, uplift, and deliver meaningful progress for the Barbaree District.

Wishing you a successful working year!!!

Gooroo Aanaa Tokkummaa fi jijjiramaan Fakkeenyummaa qabdu Baga Guyyaa Kana Geessan Hogansa Jijjiiramaa
02/04/2026

Gooroo Aanaa Tokkummaa fi jijjiramaan Fakkeenyummaa qabdu Baga Guyyaa Kana Geessan Hogansa Jijjiiramaa

Daa'imman bifa suukanneessaa ta'een gude*edamanii aj*jeefaman muraasa > Galmee gurraacha ~~~Wallaahii wabillaahii osoo b...
19/08/2024

Daa'imman bifa suukanneessaa ta'een gude*edamanii aj*jeefaman muraasa > Galmee gurraacha
~~~
Wallaahii wabillaahii osoo baay'ee natti ulfaatuun barruu kana katabe. Ammattis wantin gochuu danda'u kana.

Haati bine*ensa ilmoo isii kichuutti jalaa cire mana hidhaatti soorti.

1. Daa'ima wagga 7 kan taatee Heevan Taarik gude*edamuun bifa suukanneessaa ta'een aj*jeefa*mte. (2024)

2. Daa'imni waggaa 9 Faaxumaa Ugaas namoota afur ta'anii erga gude*edanii booda funyoo/haadaan rar*raa-sanii isii aj*jees*an (2023)

3. Daa'imni waggaa 7 Dasseetti abbaan biddeenaa isii erga isii gude*edee booda gajar*aan morma irra kut*ee aj*jeese (2018)

4. Shamarreen waggaa 16 Salaam Yiheyis abbaan biddeenaa isii erga isii gude*edee booda bil*laadhaan bakka 7 isii wara*anee cicciree isii ajjeesse (2023)

5. Shamarree waggaa 16 Adoonaayit abbaan biddeenaa umrii 10 irraa kaasee waggoottaniif erga isii gude*edaa turee booda yeroo isiin qaama seeraatti hirmaachuuf jettu bifa suukanneessaa ta'een isii ajje-ese*e.

6. Shamarree waggaa 16 Haannaa Laalaangoo ukk*aamsanii taaksiidhaan erga fudhatanii booda nama shan ta'anii gude*edanii lub-buu isii baasan.

Kunneen kanan ammatti yaadhadhee katabe muraasa. Sanuu kan miidiyaa irratti bahee hawaasni dhaga'e.

Namoota dhuunfaafi gareen yakka kana daa'imman kanneen irraa raawwatanii lubbuu isaanii kabajamtuu sana balleessan tokko irratti murtoon hojii isaanii madaalu hin kennamne.

Manni murtii jalqaba waggaa darzaana wayii ittii murteessa, mootummaanis maqaa ''amala sirreessaa'' jedhuun yeroo muraasaaf mana hidhaa kaa'ee qallabee osoo murtoon itti murtaa'e hin dhumin deebisee gadi dhiisa. Hanguma kanaa gatiin lubbuu namaa? Gatiin namoomaa? Gatiin hawaasa kaan ittiin barsiisuu? Lakki!

Kanneen namni hin argin, kan waammattee awwaannaa dhabde, kan kophaa isii akka taate taatee binee*nsota akkanaatiin nyaatte hoo meeqa laata?

Wanti kun bara dhufaa darbaa dhaabbata hin jiru. Murtoon namoota yakka akkanaa hojjatan madaalu hidhaan alatti maaf hin jirre? Yoo hin jiraannellee seerri haaraan maaf hin tumamne? Maaltu ulfeesse? Seerri biyyi ittiin bulaa jirtu maal Rabbiin biraa dhufemoo maaf hin fooyyofne? Maali maaf hin jijjiirramne? Maali maaf itti hin dabalamne?

Hanga yoomitti haati bine*ensa ilmoo isii kichuutti jalaa cire mana hidhaatti sooraa ofiif ammoo mari'imaanii ciinca'aa teessi?

© Je Jo Bale

Kaadastarri Lafaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessa!----Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaayyoo isaa magaalota Oromiyaa kee...
03/08/2024

Kaadastarri Lafaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessa!
----
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaayyoo isaa magaalota Oromiyaa keessatti sirna ragaa kaadastara seeraa amansiisaafi nageenyummaan isaa eegame diriirsuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiruun milkaa'inni gurguddaan galmaa'aa jira.

Kanuma sababeeffachuun gareen miidiyaa qindeessummaa Biiroo Lafa Oromiyaafi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan bobba'e imala isaa guyyaa duraan haala hojiirra oolmaafi kenninsa taajaajila Kaadastara Lafaa akkasumas milkaa'ina Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti taasisaa ture xumuruun oolmaa guyyaa 2ffaatiin Magaalaa Bishooftuutti argamuun haaluma wal fakkaatuun daawwannaa isaa geggeessee jira.

Xumura daawwannaa kanaa irratti kan argaman Itti Aanaa Hoogganaafi Itti Gaafatamaa Kaadastara Biiroo Lafaa Oromiyaa Injinar Damee Biraanuu Biiroon Lafa Oromiyaa kaadaastara seeraa hojiitti hiikuuf xiyyeeffannaa addaa kennee hojii hojjechaa tureen milkaa'inni guddaan argamuu ibsuun, hojii kanaanis magaalota 39 keessatti hojirra oolchuun bara kana deeggarsaafi hordoffii taasifameen Magaalonni Adaamaafi Bishooftuu milkaa'inaan hojii kana xumuruu ibsaniiru.

Bu'aaleen gama kanaan argaman hedduu ta'uu himuun kanaanis lafa qisaasama irraa baraaruun kan danda'ameefi galiin mootummaa gama kanaan argamu kan dabale ta'uu eeraniiru.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa tuuta miidiyaaleefi kominikeeshiniif milkaa'ina gama Kaadastaraa seeraan argame irratti ibsa kennaniin kaayyoon kaadastara seeraa ijoon lafa qabeenya uumamaa qaalii ta'e karaa saayinsawaafi ammayyaa'aa ta'een bulchuuf akka ta'e ibsuun ummata Oromoo biratti lafti akka lafeetti kan ilalaamuufi dhimma eenyummaa waliin kan wal qabatu ta'uu kaasaniiru.

Kana irraa ka'uun waggoottan sadan darban keessatti bulchiinsa magaalichaatti lafa karaa saayinsawaafi seeraan bulchuuf hojii hojjetameen lafti kuma 62 ol kaadastaratti galuun kaartaan dijitaalaa hawaasaaf kennamee jiraachuu ibsaniiru.

Milkaa'inni kun kan argames qindoomina hooggansaa cimsinee xiyyeeffannoo addaa kennuun hubannoo barbaachisu hooggansa kutaalee magaalaa, ogeeyyotaafi ummata keenyaaf waan kennineef ummanni magaalaa keenyaas hubannoo argateen ragaa barbaachisu dhiyeeffatee qabeenya qabu galmeessuun qabiyyee isaarratti wabii horachuu kaasaniiru.

Kanaanis kiraa sassaabdummaafi hanna guutummaa guutuutti balleessineerra jechuu baannus hojii hanga ammaatti hojjetameen hir'isuu danda'uu himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Mohaammad Aliyyii yaada kennaniin lafti qabeenya uumamaa hawaasni keenya irra fayyadamaa jiru ta'uu ibsuun kaadastarri seeraa lafti tokko eenyuun galmaa'e, yoom galmaa'eefi abbummaa abbaa qabiyyummaa kan mirkaneessu ta'uu ibsaniiru.

Akka magaalaa keenyaatti hojii kana milkeessuuf kan ummataa taasisuun ogeessi keenya qindoomina cimaan halkaniif guyyaa waan hojjeteef akka Naannoo Oromiyaatti moodela ta'uun milkeessuu ibsaniiru.

Abbootiin dhimmaa tajaajilaaf gara Magaalichaa dhufan tokko tokkos yaada kennaniin erga kaadastarri kun hojiirra oolee rakkoon dhabamuu faayilaa furamuu ibsuun tajaajila si'ataa argachaa jiraachuu ibsaniiru.

28/07/2024

Address

Robe

Telephone

+251962060812

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Dream posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Ethiopian Dream:

Share