Ejensii Galmessaa Siiviilii Godina Wallaggaa Bahaa

Ejensii Galmessaa Siiviilii  Godina Wallaggaa Bahaa Taateewwaan Bu'uuraa 5(shanan) Gameessuun tajaajila hawwaasaa kennu gamessuun
1. Dhaloota
2. Gaa'ila
3. Hiikkaa Gaa'ila
4. Guddifachaa fi
5. Du'aa

🌸WKGWB Hagayyaa 30/2016🌸Ejensi Galmeessa Sivilii Godina Wallagga Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2015 kallatti karoo...
05/09/2023

🌸WKGWB Hagayyaa 30/2016🌸
Ejensi Galmeessa Sivilii Godina Wallagga Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2015 kallatti karoora hojii bara 2016 irratti qooda fudhattoota waliin guyyoota 2'f gaggeeffamaa ture Goolabame..
🪂🪂🪂🪂🪂🪂🪂🪂🪂🪂🪂

Obbo Xannaa Abdiisaa gunfaa Waltajjii kana irratti argamuun haasaa taasisaniin Gamaaggama kanaan raawwii hojii bara darbee keessatti maal keessa turre maal hojjechuu osoo qabnuu maal hin hojjetiin hafne kana jedhuu fi hanqina mul'ate immoo sababni maalii manni hojiin kun milkaa'uu maaliif dadhabame hudhaan jiru maalii kan jedhu sirriitti ilaalamuu qaba jedhan.

Akkasumas hojii Galmeessa sivilii taatee irratti waan ta'eef sektera bu'aa olaanaa biyyaafis uummataafis buusuu danda'u xiyyeeffannoo dhabuun kufaatii keessa galee Jira,Sektera kanaaf ilaalcha gadi bu'aa qabnu sirreessuu dhimma ijoo gochuun ajandaa koree qindeessituu taasisuun ciminaan irratti hojjetamuu qaba jedhan.kan biroon hojiin kun akka hin milkoofneef dhimmoota Hudhaa ta'an gadi teenyee yoo mariyannee hin hiikne ammas kufaatii ta'a jedhan.qooda fudhattoota sekterootaa hirmaachisuun hojii kana qindoominaan hojjennee milkaa'uu qaba jechuun Obbo Xannaan himan.
Ammaa kaasnee sektera Galmeessa sivilii xiyyeeffannoo itti kennuun karoora xiiqii bara 2016 milkeessuu dandeessuu waan ta'eef qindoominni Qooda fudhattoota murteessadha jechuun .

Kan biroon Maree kanaan hanqinaf ciminni raawwii hojii bara 2015 kan gamaggamamuu fi kallattiin hojii bara 2016 kan kenname Fi karoora xiiqii milkeessuuf kutannoo nubarbaachisa jechuun kallatti hojii fuula duraas Obbo Xannaa Abdiisaa kennaniiru.

Obbo Caalii likkaasaa Ittigaafatamaa Waajjira Ejensii galmeessaa sivilii Godina Wallagga Bahaa akka himanitti Raawwii hojii bara 2015 keessatti sababni kufaatii keenyaa maalii ciminni keenya hoo akkamiin milkoofne kan jedhu gamaaggama kanaan adda baafachaa turre jedhan.

Akkasumas Hojiin Galmeessa sivilii hirmaachisaa Fi dirqisiisaa waan ta'eef seekteroota Qooda fudhattoota waliin walitti

04/09/2023
WKGWB Hagayyaa 29/2016📍Ejensi Galmeessa Sivilii Godina Wallagga Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2015 kallatti karoor...
04/09/2023

WKGWB Hagayyaa 29/2016📍
Ejensi Galmeessa Sivilii Godina Wallagga Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2015 kallatti karoora hojii bara 2016 irratti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamuu eegale.
👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉
Maree kanaan hanqinaf ciminni raawwii hojii bara 2015 kan gamaggamamuu fi kallattiin hojii bara 2016 kan laatamu ta'uu Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Godina Wallagga bahaa Obbo Xannaa Abdiisaa haasaa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru

Eegaree Keenya Har'a Haa Dhaabnu!Biqiltuu dhaabuun seenaa dhalootaaf darbu haa hojjannuu!EGSGWB Adoolessa 10,2015: Sagan...
17/07/2023

Eegaree Keenya Har'a Haa Dhaabnu!
Biqiltuu dhaabuun seenaa dhalootaaf darbu haa hojjannuu!

EGSGWB Adoolessa 10,2015: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Dhaadannoo "Egeree Keenyaa Har'a Haadhaabnu"! Jedhuun Guyyaa Har'a Dhaabbiin Biqiltuu Gaggeeffama jira.
Barana ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan Nyaata, magariisummaa fi bareedinaa gosa gara garaa dhaabbame jira.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti I/G Ejensii Galmeessa Siviilii Godina Wallaggaa Bahaa obbo Caalii Likkaasaa biqiltuu dhaabuun dinagdee biyyaa utubuu fi Eegere biyyaa bu'uura cimaarratti dhaabuun diinagdee biyyaa irratti miidhaa jijjiirama qilleensaan uumamuu hir'isuu fi guyyaa seenaa addaa itti galmeessinu fi ashaaraa keenyaan mul'ata magariisummaa biyya keenyaa itti milkeesinuu ta'uu dhaamaniiru.
Hojjettoonni yaada kennaniin biqiltuun nuti har'a dhaabnu egeree keenya milkiin dabaala, dhalootaafis dabarsuun qaama seenaa kanaa ta'uudhaaf tokkummaaf qindoominaan hojjachuun murteessa ta'uu ibsaniiru .

19/10/2022
12/05/2022
Ejensiin Galmeesa Siiviilii Godina Wallaggaa Bahaa  Leenjii Mana Maree Sadarkaa Godinaa ,I/Aanaa Bulchaa Aanaa , Koree Q...
11/05/2022

Ejensiin Galmeesa Siiviilii Godina Wallaggaa Bahaa Leenjii Mana Maree Sadarkaa Godinaa ,I/Aanaa Bulchaa Aanaa , Koree Qindesituu Godinaa fi I/G Ejensii Galmessa Siiviilii akasumas Seektera Qindoomiinaa Fi Jaarmiyaalee Dargaagoo Fi Jaarmiyaalee Dubartii Sadarkaa Godinaaf kenne.
Liinjicha irrattis I/A EGS Nannoo Oromiyaa Obbo Beenyaa Tarrafaa argamani jiru.
Leenjii kenname kana irrattis Dandettii raawachisummaa isaanii cimsuu fi hogantoota haaraa ta’anii yaad- Rimee Galmessa Siivii irratti kan kenname yoo ta’u leenjii kana irras hubannoo gahaa kan argatan ta’uu hirmaattoni leenjichaa tokko tokko kan dubbatan yoo ta’u sadarkaa Aanaa fi gandatti bifa wal- fakkaatuun hobannoo akka kennan irbuu kan fudhatan yoo ta’uu baatii hafe kana keessatti qaama gahee qabattota waliin ta’uun harcaatii galmee kan irratti uumamee duguuganii xumuruun karoora baati hafe waaliin kutannoon kan hojjetan ta’uu himan
Akkasumaas Gamaagama Raawii Hojii baatii sagalii Qorate kallatti fuula duraa Bulchaa GWB obbo. Waggarii Nagaraa Walitti qabaa Mani mare EGS Godina wallaggaa Bahaa ibsanii jiru
Haaluma kanaan hojiin kun Hogansa Siyaasaa kan hin argaanne ta’uu isaa mare kana irratti kan ka’e yoo ta’u kallatti gara fuula duraatti ajandaa siyaasa ta’ee raawwin guyya guyyaa qoratamaa akka deemuu fi duubdeebiin qorachaa akka deemuu fi hojiiwwan harca’anii hafan kurmaana 4ffaa keessa akka xumuramuu kallatti ka’ee jira

Address

Ethiopia East Wollega Nekemte
Nekemte
1216

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ejensii Galmessaa Siiviilii Godina Wallaggaa Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share