Ethiopia Community Development Organization

Ethiopia Community Development Organization Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ethiopia Community Development Organization, Nonprofit Organization, Adama.

19/10/2025
Hongee godinichatti mudateen walqabatee qaamoleen garaagaraa deeggarsa akka taasisan jiraattonni gaafatanFinfinnee, Gurr...
14/02/2022

Hongee godinichatti mudateen walqabatee qaamoleen garaagaraa deeggarsa akka taasisan jiraattonni gaafatan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (Hachalu Media)– Hongee godina Booranaatti mudateen walqabatee qaamoleen garaagaraa deeggarsa taasisaa turanis miidhaa qaqqabsiiseen walbira qabamee yoo ilaalame ga’aa waan hin taaneef deeggarsi dabalataa akka taasifamuufiif jiraattonni godinichaa gaafatan. Hawaasni horsiisee bulaa beelladoonni bu’uura jiruuf jireenya isaa ta’e balaaf saaxilamuusaan rakkoolee hawaasumaa fi diingadee cimaaf saaxilamuu jiraatootni Godinichaa Tuuta gaazexesitoota FBC’tti himaniiru.…

Madda: FBC

26/08/2021

Ibsaa Gababaa DhGHO irraa kanname
==============================
Miseensota Dhaabbatichaa hundaaf.
Ibsi gabaabaan dhaabbata guddina hawaasaa Oromiyaa irraa baheen.
Dhaabbanni keenya dhaabbata gargarsa fi misooma ta'e sadarkaa barbachisaa ta'en hundeefama irratti kan argamu yommu ta’u dhaabbatichi yeroo amma kana miseensota isa kutaalee Oromiyaa garagaraa keessa kan qabu yoo ta'u rakkoo yeroo amma kana naannoo keenya mudachaa jiru qindoominaan hojechuun Dula tajaajila hawaasaa irratti akka bobba'uu hin oole isin beeksisuu barbana. Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti beelli mudachaa jirachuun hawaasaa keenya rakkoof saxilaman jira. Kanuma bu'ura godhachuu qaamolee dhimmi kun ilaalatu waliin tane nuus gara humna nama qabnuun hirmaachuuf qophii gama kanan barbachisu hojeefamaa jira. Kanaaf miseensota keenya iddoo adda adda tti argamtan rakkoo hawaasaa keenya kana irratti hojechuun barbachisaa ta’e yeroo argameetti gara hojii kana boba'aa deemuu wan maluuf garanumaan isin beeksisuu barbana.
Nutti akka dhaabbata keenya tti dhimma hawasummaa saba keenya yeroo kamiyyuu ogummaa qabuun hawaasa keenyaaf kan hojannu yoo ta’u ammaatti qaama dhimmi ilaalatu faana wal dubacha kan jiru yoo ta’u yeroo waamichi nuuf godhameetii hojii tajaajila hawaasa keenyaaf qophii ta’u fi qophaa ta’u qabna. Dhimma akkasi irratti qodni social workers fi Community Development workers olaanaa waanta’eef kun dirqama ogummaa qabnu kan iddoo tokkotti kan hin daangeffamne waan ta'eef bifa kanan ilalamuu qaba. Waluma galatti rakkoo beela godinaalee Oromiyaa gargaraa keessaatti namoota kumatama lakkaa’aman mudachuu jiru kana hojetan hawaasa fi hojjatoonni guddina hawaasa Oromiyaa keessa jiru bifa qindoomina qabuun hojatamu waan qabuuf of akka qopheessuu akka qabdan waamicha isiniif dabarsu barbana. Miseensota hundaa bira akka gahuuf Share gochuun waliif dabarsa.
DhGHO
Hagayya 20/2013
Bishooftuu

07/08/2021

"Dhaabbilee akkasii hunda jirachuun gariidha akka Caffee Oromiyaatti koree dhaabbi dhimma hawasummaa tumsa fi deggersa barbaachisaa nii godha, tumsa barbachiisu godhamuu qaba"
Yaada walitti qabdu koree dhaabbi dhimma hawaasummaa kabajamoo Adde Alamtsay waa'ee dhaabbata guddina hawaasaa Oromiyaa irratti kaname dha. Gaffii dargaggoo sabboonaa Xahaa waltajjii kana irratti gafatee hordofee deebii deebi'ee dha. Galatoomi jana.

"Dhaabbilee akkasii hunda jirachuun gariidha akka Caffee Oromiyaatti koree dhaabbi dhimma hawasummaa tumsa fi deggersa b...
07/08/2021

"Dhaabbilee akkasii hunda jirachuun gariidha akka Caffee Oromiyaatti koree dhaabbi dhimma hawasummaa tumsa fi deggersa barbaachisaa nii godha, tumsa barbachiisu godhamuu qaba"
Yaada walitti qabdu koree dhaabbi dhimma hawaasummaa kabajamoo Adde Alamtsay waa'ee dhaabbata guddina hawaasaa Oromiyaa irratti kaname dha. Gaffii dargaggoo sabboonaa Xahaa waltajjii kana irratti gafatee hordofee deebii deebi'ee dha. Galatoomi jana
.

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopia Community Development Organization posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share