I Love Islam

I Love  Islam √••••Assalamu Aleykum Warahmatullahi Wabarakatuhu •••••
❣∙──༅༎﷽༎༅──∙❣

I am proud to be muslim plz join this Islamic page JazakALLAh Jazakallahu Kheyr!

Please Don't Forget to Share,Comment And Like The Post and Suggest This Page To Your Friends!

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Bismillaahi ...
27/09/2025

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin
Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi

Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi
Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
Dhukkuba Keenya hunda nuuf fayyisi
Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi

Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
Tun nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

Jahan Arkaana iimaanaa Ni Beeytaa ?•••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Rabbi Dhugoomsuu2: Malaa’kkoota Rabbii Dhugoo...
26/09/2025

Jahan Arkaana iimaanaa Ni Beeytaa ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Rabbi Dhugoomsuu
2: Malaa’kkoota Rabbii Dhugoomsuu
3: Kitaaboota Rabbiin Buuse Dhugoomsuu
4: Ergamtoota Rabbii Dhugoomsuu
5: Guyyaa Qiyaamaa Dhugoomsuu
6: Qadaa fii Qadara Rabbii Dhugoomsuu

Obboleeyyan Kiyya Arkaana iimaanaa kana bartee wal haa barsiisuu.

Rabbiin Warra isa dhugoomsee, malaa’ikoota isaa dhugoomsee, kitaaboota isaa dhugoomsee, Ergamtoota isaa dhugoomsee, Guyyaa qiyaamaa dhugoomsee, akkasuma Qadaa fii qadaraas dhugoomsu Nu taasisee addunyaa fii aakhirattiis nu haa milkeessuu.

Namni biraatiis akka irraa baratuuf Ergaa tana Share godhaa wal Biraan Naaf Gayaa.

Rabbiin Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda Isiniif Haa Guutu.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

Sallaallahu Aleeyhi Wasallam
24/09/2025

Sallaallahu Aleeyhi Wasallam

Waa Lamarraa Yoo If Qabde Rabbiin Jannata Siif Kenna ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Qaama Sa...
24/09/2025

Waa Lamarraa Yoo If Qabde Rabbiin Jannata Siif Kenna
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Qaama Saalaa Kee Haraamirraa Qabi
2: Arraba Kee Hamtuu Hundarraa Qabi

• Haalli Lama Mu’umina Keesaatti Walitti Hin Qabamu

1: Dooynummaa Ykn Qorqoda
2: Haala Hammaachuu

• Yeroo Lama Tan Akkaan Du’aa’iin Qeebalamtu

1: Azaanaa fii Iqaamaa Jidduu
2: Yeroo Salfii Qabsoo Keessa Jiran

• Nama Soomaneef Gammachuu Lamaatu Jira

1: Yeroo Furu
2: Gaafa Rabbii Isaa Qunnamu

• Waan Kheeyrii Nuuf Qabdu Hunda Rabbi Nuuf Haa Kennu.

Barreeffama Kana Dubbjsaa Share Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhugaWaa Lamarraa Yoo If Qabde Rabbiin Jannata Siif Kenna
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Qaama Saalaa Kee Haraamirraa Qabi
2: Arraba Kee Hamtuu Hundarraa Qabi

• Haalli Lama Mu’umina Keesaatti Walitti Hin Qabamu

1: Dooynummaa Ykn Qorqoda
2: Haala Hammaachuu

• Yeroo Lama Tan Akkaan Du’aa’iin Qeebalamtu

1: Azaanaa fii Iqaamaa Jidduu
2: Yeroo Salfii Qabsoo Keessa Jiran

• Nama Soomaneef Gammachuu Lamaatu Jira

1: Yeroo Furu
2: Gaafa Rabbii Isaa Qunnamu

• Waan Kheeyrii Nuuf Qabdu Hunda Rabbi Nuuf Haa Kennu.

Barreeffama Kana Dubbjsaa Share Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

24/09/2025
Amantiin Islaamaa Sadarkaalee Sadii Irratti Gad Dhaabbatti•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: ...
24/09/2025

Amantiin Islaamaa Sadarkaalee Sadii Irratti Gad Dhaabbatti
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Islaama
2: IImaana
3: Ihsaana

مراتب الدين الثلاثة

1: الإسلام
2: الإيمان
3: الإحسان

Rabbiin Qaamaa fii Qalbii Teenya Hunda Diin Isarratti Nuuf Gad Haa Dhaabu.

Obboleeyyan Kiyya Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

Arkaanni Islaamaa Meeqa Akka Tahe Ni Beeytaa ?••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Shahaadaa Lameen2: Sa...
24/09/2025

Arkaanni Islaamaa Meeqa Akka Tahe Ni Beeytaa ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Shahaadaa Lameen
2: Salaata Salaatuu
3: Zakaa Kennachuu
4: Soomana Baatii Ramadaanaa Soomanuu
5: Hajjii Yoo Dandeeytii Qabaatan Godhuu

أركان الإسلام

1. الشهادتان
2. إقام الصلاة
3. إيتاء الزكاة
4. صوم رمضان
5. حج البيت لمن استطاع إليه سبيلاً

Rabbiin Warra Arkaana Islaamaa Shanan Guuttatee, Dhugaan Isa Gabbaru Irraa Nu Haa Taasisu

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

Akka Namni Si Kabaju Yoo Barbaadde Atiis Nama Kabaji••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Rasuulli Rab...
21/09/2025

Akka Namni Si Kabaju Yoo Barbaadde Atiis Nama Kabaji
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Akkana Ja’an “ Namni Guddaa Keenya hin kabajne, kan Xiqqaa keenyaaf Rahmata hin goone Nurraahii Miti”.

• Oromoon yeroo makmaaktu akkana jatti “ Kabajaan Kuntaalaa, Abbaatu Qumxatti Deebifata”.

• Namni Nama kabaju ofiifuu nama kabajamaadha. Nama kabajuun gaarii si taasistee sadarkaa teetillee siif ol fuuti.

• Nama Kabajuun Haala toluudha, haala toluun ammoo dalagaa gaggaarii gabrichi tokko isii dalaguun Jannata Rabbii seenuudha.

Maaltu Kabajamuu Qaba

1: Rabbii Si uume kabaji
2: Ergamaa Rabbii S.A.W Kabaji
3: Amantii Tee Kabaji
4: Haadhaa fii Abbaa Kee Kabaji
5: Barsiisaa Kee Kabaji
6: Nama Sirra Guddaa hunda Kabaji

Nama Kabajuun of kabajuudha, Nama Kabajuun sadarkaa siif dabalamtu malee tan sirraa irrattu hin jiru, tanaafuu ofiis kabajnee namaas haa kabajnu.

Rabbiin Kabajaa Nutti Haa Godhu

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

JAARTII AKKANAA TANA RABBIIN ISINIIF HAA KENNU•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Tan Sin aarsine Tan...
21/09/2025

JAARTII AKKANAA TANA RABBIIN ISINIIF HAA KENNU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Tan Sin aarsine
Tan Sin daarsine
Tan Sin Naasisne
Tan Si gubbaan kan biraa hin faarsine
Tan sireerraa Lafatti Sin Qaarsine

Laalan dasii
Arkan gammadii
Tan Qoma Furrii
Tan biligaa aannanii
Tan deemtu mullattu
Tan teessu mullattu

Tan kitaaba jalaa qabdee gubbatti waliin geessu
Tan rabbiif adda lafa keessu
Tan nyaata afaan Siif keessu
Tan dhungoo mallaa Si keessu
Tan sireerra mataa Si bira lafa keessu
Tan amatatti ilmoo lafa Siif keessu
Tan Qabeenya Kee Walitti Qabdee Ol Siif Keessu

Rabbiin Tan Akkanaa Tana qooda Keessan Haa Godhu

Du’aa’ii Tana Aamiin Ja’aa Share Waliif Godhaa

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

Takkaa Addunyaan   Akkanaa hin Arganne! Sheekul islaam ibnu teymiyaa Maqaan isaa kan guutuu Ahmad ibnu Abdul haliim ibnu...
16/09/2025

Takkaa Addunyaan Akkanaa hin Arganne!

Sheekul islaam ibnu teymiyaa

Maqaan isaa kan guutuu Ahmad ibnu Abdul haliim ibnu Abdusalam jedhama. Garuu Addunyaan irra walii galtee maqaa شيخ الإسلام jedhamu kanniteef.

Gaaf Tokko mootiin biyya isaadhaa Akkana jadheen, yaa ibnu teymiyaa Ati Aangoo kiyya kana narraa fudhachuu feeta jechuun dhagahe akkami? jedheen. Ibnu teymiyaanis Akkana jedheen wallaahi Aangoon keetii fi kan biyyoota Arabaatii fi kan Adduniyaa guutuu Ana biratti hanga Goflaa (koochoo) bookee hin geessu jedheen. subhaanallaah

Sana booda mootichi waraana isaatin qabaa hidhaa jadheen. Jerris qabanii hidhan, yeroo kana ibnu teymiyaanis dubbii garaa mootichaa oowwiftu tokko dubbate. Akkana jedheen Xalaannni kiyya Akka fedhe yoo na godhes Waa tokkollee Ana godhuu hin danda'u.
Sababni isaas yoo Ana hidhan Hidhaan isaanii Akkan namarraa kophaa bahee Rabbii kiyya gabbaruuf naaf Taati.

Yoo biyyaa na baasanis carraa deemee dachii Rabbii daawwachuu naaf Taati. Yoo Ana Ajjeesanis carraa karaa Rabbii keessatti wareegamuun Argadha kun Ammoo waan hundumaa naaf caala.

Sana booda mana hidhaa keessatti qur'aana qara'uu eegale yeroo (80)ol qur'aana Achi keessatti xumure.
Garuu waan nama gammachiisu keessaa qur'aana suuatul qamar isumaa qara'uutti jiru Aayata Akkana jettuurrattti ruuhiin isaa keessaa baate إن المتقين في جنات ونهر فى مقعد صدق عند مليك مقتدر Warreen Allaahaa isaanii soodaatan guyyaa qiyaamaadhaa jannata keessatti tahan bakka iddoo dhugaadhaa sanitti tahoodha.

Isumaa Aayata kana qara'e Ruuhiin isaa keessaa baate.
Subhaanallaah Rabbi nu cufaafuu khaatimaa keenya nuuf haa tolchu.

Seenaan kun si gammachiifnaan obboleessa keetif share godhi

Follow 👉 I Love Islam

Hir’ina Namaatif Hin Rakkatin, Dura Hir’ina Kee If Gaafadhu ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••...
16/09/2025

Hir’ina Namaatif Hin Rakkatin, Dura Hir’ina Kee If Gaafadhu
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Oromoon Yeroo Makmaaktu Akkana Jetti “ Harraageessi Dhallaa Isaan Arkuu Tan Namaatiif Qaaq Qaaq Ja’a”.

• ilmi namaa hedduun hir’ina ofii hin arku, garuu kan namaatiif dhiphatee Guyyaa kana guutuu taa’etuma bar abaluun sun akkanaa, bar isiin San Akkanaa ja’ee hir’inuma namaa taa’ee haasawaa oola.

• Obboleessa kiyya atiis obboleeytii tiyya na dhagayi Siin Gorsaa, Hir’ina namaa kan ati teessee Guyyaa hunda irraa haasawaa ooltu San Rabbiin irraa si gaafata, Maaliif jennaan teessee nama hamachutti jirta, waan ati haasooytu San abbaan qabaatuus qabaachu baatuus ati isa duuba teessee waan haasooyteef hamachaa jirta.

• Hir’ina Namaa haasawuun Yeroo kee of duraa hin gubin, badii Nama biraa Rabbiin siin hin gaafatu, garuu Badii tee sumaatu irraa Gaafatama, Kanaaf Mee tan namaa dhiisii teetumarratti xiyyeeffadhu.

Rabbiin Warra Hir’ina ofii argee Sirreeffatu Nu Haa Taasisu

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

YAA RABBI KEENYA JANNATA KEE NU BADHAASI ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Jannani Badhaasa Rabbiin Gu...
13/09/2025

YAA RABBI KEENYA JANNATA KEE NU BADHAASI
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Jannani Badhaasa Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa Namoota Addunyaa tanaratti isatti amananii waan gaarii dalaganiif Qopheesse.

• Hadiisa Qudsii Keessatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Yeroo Jannata ibsu akkana Ja’a “ Gabroottan kiyya Gaggaariif Qopheesseetiin jira, Waan takkaa ijji hin arkin, waan takkaa gurri hin dhagahin, akkasuma waan takkaa qalbiin namaa hin yaadin”.

• Jannata keessa duuti hin jirtu, cinqiin hin jirtu, dhukkubni hin jiru, Dalagaan hin jirtu. Jannanni bakka qananiiti.

• Jannata Keessa Laggeen Gurguddaa Afurtu Jira

1: Laga Bishaanii
2: Laga Aannanii
3: Laga Deeymaa
4: Laga Farshoo

Laggeen kanarraa hanga barbaadde dhuuydee itti qananiita.

• Jannata Rabbii Akkanumatti laaftutti hin arkatan, Aakhiratti Jannata badhaafamuuf Addunyaa tanarratti jabaannee carraaquu qabna.

• Jannanni waan qalbiin namaa jibbituun marfamee jira, waan qalbiin tee jibbitu San hanga Feete jabaattuus of dirqitee dalaguu qabda.

Rabbiin Jannata Isaa Nu Haa Badhaasu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaa Dhugaa

Address

Melkarafu 01
Kombolcha

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when I Love Islam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to I Love Islam:

Share