I Love Islam

Call Website Contact the organization

I Love  Islam √••••Assalamu Aleykum Warahmatullahi Wabarakatuhu •••••
❣∙──༅༎﷽༎༅──∙❣

I am proud to be muslim plz join this Islamic page JazakALLAh Jazakallahu Kheyr!

Please Don't Forget to Share,Comment And Like The Post and Suggest This Page To Your Friends!

Rabbii Kadhanne Wan Barbanne Arkachu Rabbii Nu Haa Waffaqu 🤲❤️
04/10/2026

Rabbii Kadhanne Wan Barbanne Arkachu Rabbii Nu Haa Waffaqu 🤲❤️

★Du'aa'iin Maaliif Hin Qeebalamu??Ibraahiim Ibnu-Ad-ham Rabbiin Rahmata Haa Godhuu Gaaf Tokko Akkas Jedhamee Gaafatame `...
04/10/2026

★Du'aa'iin Maaliif Hin Qeebalamu??

Ibraahiim Ibnu-Ad-ham Rabbiin Rahmata Haa Godhuu Gaaf Tokko Akkas Jedhamee Gaafatame
```````````````````````````````````````````````````
Yaa Sheek Yeroo Hunda Du'aa'ii ni Kadhannaa Maaliif Nuuf hin qeebalamu Jedhanii Gaafatan.

Innis Gaaffi Kana Yeroo Deebisuuf Qabxii Kudhan Kaaseef.

1,Rabbiin ni Beekna Jettuu Garuu Haqa Isaa Hin Eeggattan.

2, Ergamaa Rabbiiﷺ ni jaallanna jettuu Garuu sunnaa isaa hin Hordoftan.

3,Qur'aana ni Qaraatuu Garuu Ajaja Qur'aana Hin Gootanu.

4,Tola Rabbiitiin Nyaattuu Garuu Galata Rabbiif Hin Galchitan.

5,Sheyxaanni Akka Aduwwii Keessan Ta'e Ni Beektu Garuu Ajaja isaa Gochaa Ooltu

6,Jannanni Dhugàadhaa Jettanii Amantuu Garuu Hojii Jannataa Sin Galchu Hin Hojjattan.

7,Jahannamni Dhugàadhaa Jettanii Amantuu Garuu Hojii Jahannam Irraa hin fagaattan

8,Duuti Akka Dhugàa Ta'e ni beektuu Garuu Hin Qophooftaniif

9,Irribarraa Yeroo Dammaqxan Aybii Keessan Dhiiftanii Aybii Namaatiin Shaagalamtan.

10,Nama Du'e Awwaaltanii Kaatanii Garuu Anis Akkuma Isaattin Guyyaa Tokko Nan Du'a Jettanii Hin Yaaddan.

(Gaaraadhaa Jiruu Garri Hin Jiru)

Hiriyoota keessaniifis shere godhaa Jzk

Rabbii Kadhanne Wan Barbanne Arkachu Rabbii Nu Haa Waffaqu 🤲❤️
04/10/2026

Rabbii Kadhanne Wan Barbanne Arkachu Rabbii Nu Haa Waffaqu 🤲❤️

Zikrii Salaata Boodaan Jedhan Gosoota Afur Tahuu Meeqaa Keessantu Beeka?!•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••...
04/10/2026

Zikrii Salaata Boodaan Jedhan Gosoota Afur Tahuu Meeqaa Keessantu Beeka?!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Zikriin salaata boodaan jedhan gosoota afuritti addaan qoodamti. Isaaniis:

Gosa Tokko:
Namni Tokko Subhaan Allaah hoggu kudhan jechuu, Alhamdulillaah hoggu kudhan jechuu, Allaahu Akbar hoggu kudhan jechuu.

Gosa Lammaffa;
Namni Tokko Subhaan Allaah hoggu 33 jechuu, Alhamdulillaah hoggu 33 jechuu, Allaahu Akbarii hoggu 33 jechuu.

Gosa Sadaffaa;
Subhaan Allaah hoggu 33 jechuu, Alhamdulillaah hoggu 33 jechuu, Allaahu Akbar hoggu 33 jechuu. Eegana “Laa ilaaha illallaahu wahdahuu l**shar**ka lahuu lahul m*lku walahul hamdu wahuwa alaa kulli shah*in Qad**r “ jechuudhaan 100 guutuu.

Gosti Afraffaa;
Subhaan Allaah hoggu 25 jechuu, Alhamdulillaah hoggu 25 jechuu, Allaahu Akbarii hoggu 25 jechuu, Laa ilaaha illallaah hoggu 25 jechuu. Walii galli isii dhibba taha.

Hundi isaaniituu Rasuula irraa ﷺ sabataniiti jiran. Namni gosa afran kana irraa tokko ja’e keeyrii irra jira ammoo ka dhibba jattu yoo jatte irra sawaaba qabda.

Obboleewwan Rabbiin Nuuf Haa Laaffisu

•Ibnu Useeymiin ,فتاوي نور علي الدرب ,Vol 4 ,page 533.

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.

DU’AA’IILEE ERGA SALAATA HIDHATAN BOODA QARA’AN••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Yeroo Takbiirta...
04/10/2026

DU’AA’IILEE ERGA SALAATA HIDHATAN BOODA QARA’AN
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Yeroo Takbiirtaa Hidhannaa ja’anii salaata hidhatan, osoo faatihaa Hin qaraane dura Du’aa’ii Qara’amtuutu jira Du’aa’iileen tun akka heddutti dhufte.

Mee san keessaa waa xiqqoon afaan keenyaan isiniif barreessaa, dubbisaatii irraa baradhaa

1: Allaahumma Baa’id beeynii wa beeyna khaxaayaaya, kamaa baa’atta beeynal mashriqi wal Maghribi, Allaahumma Naqqinii minal khaxaayaa, kamaa yunnaqqa Soowbul Abayadu Mina danasi, Allahumma Ighsil Khaxaayaaya Bil maa’i, Wassalji, Wal baradi.

2: Subhaanaka Allaahumma Wabihamdika Watabaaraka ismuka wata’aalaa jadduka wa laailaaha gheeyruka.

3: Wajjahtu wajhiya lillazii faxara samaawaati wal arda haniifaa, wamaa Ana minal mushrikiin. Inna Salaatii, Wa nusukii, Wa mahyaaya wa mamaatii Lillaahi Rabbil Aalamiin. Laa shariika lahuu wabizaalika umirtu wa Ana minal muslimiina.

Duaaiilee baniinsa Salaata irraa muraasni tana fakkaatan.

• Hubachiisa : Du’aa’iileen baniinsa Salaata hanga kana qofaa miti tan biraatiis hedduutu jira, ani fakkeenyumaafiin gabaabsee akka isin qabattanitti isiniif barreesse.

• Gaafa hanga kana dubbistanii barattanii haffazdan booda tanneen hafaniis akkanumatti isiniif barreessee isin barsiisa.

Barreeffama kana dubbisaa share waliif godhaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa: Jazaakumullaahu Kheeyran

ሰላት የጀነት ቁልፍ ናት♡ረሱል((ﷺ))🫶🏿🫶🏿 ♡🥰 🫶🏿🫶🏿
04/10/2026

ሰላት የጀነት ቁልፍ ናት♡ረሱል((ﷺ))🫶🏿🫶🏿
♡🥰 🫶🏿🫶🏿

SALAATA••••••••••Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa🏻 Dirqama RABBII kiyyaa.🏻 Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W.🏻 ...
04/10/2026

SALAATA
••••••••••

Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa

🏻 Dirqama RABBII kiyyaa.
🏻 Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W.
🏻 Mullistuu amantii tiyyaa.
🏻 Mirkaneeysituu eenyummaa kiyyaa.

🏻 Dasii ija tiyyaa.
🏻 Gammachuu lubbuu tiyyaa.
🏻 Dhiiyxuu dilii tiyyaa.
🏻 Ibsituu qabrii tiyyaa.
🏻 Raahaa lahdii tiyyaa.
🏻 Nuura qalbii tiyyaa.

🏻 Bareechituu fuula kiyyaa.
🏻 Fayyaa qaama kiyyaa.
🏻 Toolchituu haalaa fi amala kiyyaa.
🏻 Tasgabbeeysituu sammuu tiyyaa.
🏻 Eeyduu nagaya kiyyaa.
🏻 Faaya jiruuf jireenya kiyyaa.
🏻 Ballistuu rizqii tiyyaa.
🏻 Qulqulleeysituu Qaama kiyyaa.
🏻 Hariiroo anaa fi RABBII kiyyaa.

🏻 Qulfii jannataa.
🏻 Rakkataaf furmaata.
🏻 Gammachiiftuu cinqataa.
🏻 Laaffiftuu waan jabaataa.

HADARAA HADARAA
HIN LAAFFISIN, HIN XIQQEYSIN,
HIN LAKKISIN, HIN DHIISIN,
HIN TUFFATIN, HIN DAGATIN,
HIN HIFATIN, HIN JIBBIN,
BOODATTI HIN AANSIN, YAROON SALAATI, JABEEYSI, JABEEYSI !!!

Yaa RABBI warra saalatni isaani irraa qeebalmtu nu taasiisi.

Yaa RAHMAAN salaataan jiruu teenya nuuf bareechi. Aaaaamiiiiin ... Aaaamiin ..

Habiibii kiyya !! Obboleeyyan keetiif SHARE Gootu malee bira hin dabrin !!

WAA SADEEN TANA RABBI OROMOOF HAA KENNU••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Jaalatamuu2: Kabajamuu3: S...
04/10/2026

WAA SADEEN TANA RABBI OROMOOF HAA KENNU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Jaalatamuu
2: Kabajamuu
3: Sodaatamuu

• Jaalatamuu ; Sabaa fii sablammoonni yoo nu jaalate nutiis Isaan jaalannee nagayaan wajjiin jiraachuu dandeenya, Namni Wal jaalatu wal hin saamu, waan Qabu hunda qooddatee waliin jiraata. Gaafa si jaalatan waan Ati hin qabne siif kennanii waan isaan hin Qabne sirraa fudhatan, kanaafuu jaalatamuun akkaan barbaachisaadha.

• Kabajamuu ; Namni wal kabaju wal qusata, daangaa walitti hin dabru, balleessu irra waliif dabra, walitti balleessullee waan kabajaan jirtuuf Waliif obsee waliin jiraata, Oromoon Saba bal’aa safuu qaba, ummata kabajaati, Nama isaan kabaje ni kabajan kan Isaan hin kabajne ammoo akkuma inni beekutti waliin jiraatan.

• Sodaatamuu ; Sabni lafa badhaatuu qabu, Qabeenya uumamaa kan Biyya San guutuu gahu Qabu, yoo hin jaalatamne, yoo hin kabajamne, sodaatamuun dirqama, humna yoo Qabaatte Namni si sodaata, kan si sodaate si kabaja, kan si kabaje si jaalata. Oromoon Ummata haqa namaa saamuu miti, ummata haqa ofiituu dabarsee Namaaf Kennu malee, Namni nun jaalanne, kan nun kabajne dirqama Nu sodaachuu qaba.

Rabbiin Biyya Teenyaa fii Saba Keenya Nuuf Haa Bilisoomsu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

Qullaa Deemuun Mallatto Qaroominaa Sitti Hin Fakkaatin•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Qullaa ...
04/10/2026

Qullaa Deemuun Mallatto Qaroominaa Sitti Hin Fakkaatin
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Qullaa Deemuun Mallattoo Qaroominaatii Miti, Qullaa Deemuun qaroomina silaa tahe, kan hunda caalaa qaroomu bineensoota ture.

• Wanti nama bareechu uffata Uffachuudha, dubartiin teenya hijaabaan faayamuudha. Hijaaba uffachuun bareedina gubbaan Bareedina biraa dubartiif ida’a. Bareedina qofa osoo hin taane hijaaba uffachuun ajaja Rabbiitiin buluudha.

• Rabbiin Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana isaa keessatti Rasuula Rabbii Haadha Warra isaa fii dubartoota isaa fii Shamarran muslimaa hunda hijaaba uffachuu akka isaaniif himu itti Dhaame.

• Kanaaf hijaaba uffachuun akka malee barbaachisaadha, Yaa dubartii islaamaa hijaaba lafa keesssee qullaa hin deeminii, uffata Rabbiin Qur’aana isaa Keesatti akka uffattu siif dhaame uffadhuu ajaja Rabbii Keetii guuti.

Rabbiin dubartoota keenya warra hijaabaan faayamu isaan haa taasisu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

HAADHA TEE TAJAAJILUUN JANNATA RABBII BARBAADI !!•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Haati ofii...
04/10/2026

HAADHA TEE TAJAAJILUUN JANNATA RABBII BARBAADI !!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Haati ofii Jannata Jiruu Addunyaati, Rabbii gaditti Namni hanga Haadhaa namaaf rifatu, kan Garaa Namaaf laafu, kan Nama jaalatu hin jiru.

• Haati ilmoo isii gammachiisuuf wanti isiin hin taane hin jirtu, ofii gabroomtee bilisummaa tee hawwiti, ofii beelooytee si nyaachifti, ofii dheeboottee si obaafti, ofii qaaxiraa bultee si raffifti.

• Tanaaf haati teenya haqa guddaa nurraa Qabdi, haqa Rabbii fii Rasuulaatti aanee haqni guddaan nurra jiru haqa haadhaa fii abbaati. keessaafuu haqa haadhaa.

• Rabbiin Keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana isaa aayatoota hedduu keessatti Tokkichummaa isaatti aansee haadhaa fii abbatti Tola ooluu dubbata. Kana jechuun haqni haadhaa fii abbaa akka malee jabaa tahuu nama agarsiisa.

• Sahaabticha tokkootu Rasuulatti dhufee Yaa Rasuula Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Namniin akkaan tola itti ooluu Qabu eenyu ja’ee gaafate “ Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Yeroo sadii irra deebi’uun haadha Teeti je’ee, afuraffaa irratti abbaa keeti Je’een.

• Kanaaf Yaa Obboleeyyan Kiyya haqni haati teenya nurraa qabdu akka malee guddaa Tahuu beeynee haadha teenya waan dandeenyu hundaan haa tajaajillu, tola itti haa oollu, haara isii haa baafachiifnu, isii haa gammachiifnu.

Rabbiin Warra haadhaa abbaa isaaniitti tola oolee jannata badhaafamu Nu Haa Taasisu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

Address

Melkarafu 01
Kombolcha

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when I Love Islam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to I Love Islam:

Shortcuts

Share