28/09/2023
Balaa konkolaataa Tanzaaniyaatti mudateen godaantonni Itoophiyaa du’an
September 28, 2023
Balaa konkolaataa Tanzaaniyaatti muateen godaantonni lammiilee Itoophiyaa ta'an 7 lubbuun darbuufi kaan madaa'uu Dhaabbatni Godaantoota Idil Addunyaa (IOM) ibse.
Balaan kun kan mudate gaafa Fulbaana 14, 2023, daangaa Zaambiyaatti yoo ta'u konkolaatan godaantota lammiilee Itoophiyaati jedhaman 29 fe'ee ture balaa mudateeni lubbuun namootaa kan darbe.
Bakki balaan kun itti uumame Rippaablika Gamtaa Tanzaaniyaatti yoo ta'u, daangaa Zaambiyaa kan taate nannoo Nijoombe jedhamutti.
Balaa kanaan godaantota torba du'aniin alatti namoonni 9 madaa’anii, godaantonni 13 ammoo achi buuteefi haalli isaan keessa jiran akka hin beekamne IOM ibsa baaseen eereera.
Oduu balaa kanaan guddaa gadduu kan ibse IOM namoota balaa kanaan miidhamaniifi maatii isaaniif jajjabina hawwa jedheera.
Qondaaltonni IOM fi Imbaasii Itoophiyaa Tanzaaniyaa jiru, bakka balaan kun itti mudate deemuun, odeeffannoo hunda argachuu fi gargaarsa barbaachisaa ta’e kennuuf hojjechaa jiru.
Balaan kun rakkoolee hedduu godaantota Gaanfa Afrikaa irraa gara Afrikaa Kibbaatti imalan mudatu keessa isa tokko agarsiisa kan jedhu IOM, rakkoo kana furuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamuu qabu ibseera.
Dhaabbatichi naannicha keessatti nageenya fi mirga namoomaa godaantootaa eegsisuf jecha waayiloota, mootummootaa fi waldaalee sivilii wajjiin hojjechuuf murteesseera jechuun ibseera.
Godaantonni Gaanfaa Afrikaa, keessumaa Itoophiyaa hedduun Taanzaniyaa keessa darbuun jireenya foyya'aa argachuuf imala rakkisaa keessa darbuun Afrikaa Kibbaa seenuuf ni yaalu.
Lammileen Afrikaa hedduun lammilee biyyootii biroo biyya isaanii keessa hojjetaniif ilaalcha gaarii hin qabani.
Daandiin godaantonni kun imala isaanii dheeraaf fayyadamaniis rakkoolee fi balaa hedduun kan guuteedha.
Sadaasa bara 2022 keessa reeffa godaantota Itoophiyaa Maalaawiitti jumlaan awwaalamee argameen walqabatee ilmi guddisa pirezidantii duraanii biyyattii Piiter Mutaariikaa to'annoo jala oolfamuu gabaafnee turre.
Via BBC Afaan Oromoo