29/04/2026
Waldaa Qaxxaamura Diimaa Waajjirri Naannoo Oromiyaa Warkishooppii Tarsiimoo cufiinsa Pirojektii EC2R guyyota lamaaf Magaalaa Hawaasaatitti gaggeessaa ture Milkaa'inaan Xumureera.
Warkishooppiin Tarsiimoo cufiinsa Waggaa Sadii Pirojektii EC2R milkaa’inaan gaggeessuun, jalqabbii gargaarsa namoomaa jijjiirama fiduu keessatti milkaa’ina guddaa galmeesse.
Warkishoopiin kun bakka Daarektarri Fayyaa, Bishaanii fi Sirna qulqullina WQDI Obbo Gaashaw Daanyee, Hogganaan WQDI Waajjira Naannoo Oromiyaa Obbo Kemal Abdella, fi Manaajara Pirojektii EC2R Aadde Makdas Magistaab, qooda fudhattoonni mootummaa, bakka bu’oonni hawaasaa, fi hojjettoonni pirojektichaa argamanitti gaggeeffameera.
Kaayyoon Warkishooppii kanaa:
• Bu’aawwan waggoota sadan darban keessatti dhugooman itti fufiinsa akka qabaatan ni taasisa
• Bu’uuraalee misoomaa fi tajaajiloota fayyaa fi Bishaanii qooda fudhattoota waliin wal-harkaa fuudhinsa gaggeessuf
• Dhiibbaa itti fufiinsa qabuuf qooda fudhattoota gidduutti abbummaa cimsuu fa'a.
Pirojektiin EC2R Aanoota hedduu keessatti hojiirraa oolaa kan ture yoo ta'u, Godina Shawaa Bahaa (Aanaa Adaamaa, Adaamii Tullu Jiddoo Kombolchaa, Ada’aa, fi Lumee,
Godina Boorana bahaa (Aanoota akka Madda Walaabuu, Walaabuu Lixaa, fi Liiban, Godina Arsii Lixaa (Aanoota akka Dodolaa, Shaashamannee, Siraroo, fi Gadab Hasasaa fi Gudina Gujii: Aanaa Agawayu keessatti Marsaa sadiin hojiirra oolaa Jira. Pirojektiichi bu’aa ajaa’ibaa kan kennaa jiru yoo ta’u, Ijaarsi fi haaromsi dhaabbilee fayyaa kenniinsa tajaajilaa haalaan guddiseera, miseensota hawaasaa kumaatamaan lakkaa’aman fayyadamoo taasiseera. Dhiyeessi Bishaan qulqulluu, qulqullina dhaabbilee fayyaa, fi hojiiwwan jijjirama amala Hawaasaa guddisuun fayyaa hawaasaa fooyyessuu fi dhukkuboota bishaaniin daddarban hir’isuu danda’eera.
Duula hubannoo uumuu, ijaarsa dandeettii, fi hirmaannaa hawaasaatiin, ummanni hubannoo gahaa argateera.
Ijaarsa Dandeettii Qooda Fudhattoota Fayyaa fi Bishaanii ilaalchisee Leenjii fi deeggarsi teeknikaa dhaabbilee fi hawaasni mootummaa bu’aa pirojektii kanaa itti fufsiisuu keessattii gahee isaanii bahachuu akka danda'an mirkanaa'eera.
Warkshoopiin kun milkaa’inaan xumuruun isaa xumura osoo hin taane, gara wantoota hojjetaman abbummaa mirkaneeffatanii fi itti fufiinsaatti isaa dhugoomsan agarsiisa. Walharkaa fuudhinsi gaggeeffame kun bu’uuraaleen misoomaa fi tajaajiloonni Pirojektii EC2R jalatti hojjetaman waggoota dhufaniif hawaasa tajaajiluu akka itti fufan kan taasisudha.
WQDI Waajjirri Naannoo Oromiyaa michoota, qooda fudhattoota, fi hawaasa walta’iinsa isaaniitiin galma ga’iinsa kana akka danda’amu taasise hundaaf galata guddaa qaba.
ERCS Oromia Regional Office Successfully Concludes EC2R Project Exit Strategy Workshop
The Ethiopian Red Cross Society Oromia Regional Office has successfully conducted the EC2R Project Three-Year Exit Strategy Workshop, marking a significant milestone in the completion of a transformative humanitarian initiative.
The workshop was held in the presence of ERCS Health and WASH Director Mr. Gashaw Dagne, Oromia Regional Office Head Mr. Kemal Abdella, and EC2R Project Manager Mrs. Mekdes Megisteab, alongside valued government stakeholders, community representatives, and dedicated project staff.
The purpose Purpose of the Workshop to:
• Ensure the sustainability of achievements realized over the past three years
• Facilitate the official handover of health and WASH infrastructures and services
• Strengthen ownership among local stakeholders for continued impact
The EC2R Project has been successfully implemented across multiple woredas:
• East Shoa Zone: Adama, Adami Tulu Jido Kombolcha, Ada’a, and Lume
• East Borana Zone: Mada Walabu, West Walabu, and Liban
• West Arsi Zone: Dodola, Shashamane, Siraro, and Gadab Hasasa
• Guji: Agawayu
Over its three phases of implementation, the EC2R Project has delivered remarkable outcomeslike Construction and rehabilitation of health facilities have significantly enhanced service delivery, benefiting thousands of community members.
Installation of clean water systems, sanitation facilities, and hygiene promotion activities have improved community health and reduced waterborne diseases.
Through awareness campaigns, capacity-building, and community engagement, local populations are now better equipped to respond to health and environmental challenges.
Regarding Capacity Building of Local Stakeholders Training and technical support have empowered local government institutions and communities to manage and sustain project outcomes effectively.
The successful completion of this workshop signifies not an end, but a transition towards local ownership and sustainability. The official handover ensures that the infrastructures and services established under the EC2R Project will continue to serve communities for years to come.
ERCS Oromia Regional Office extends its sincere appreciation to all partners, stakeholders, and communities whose collaboration made this achievement possible.